Barannoo Tech


Kanal geosi va tili: Butun dunyo, Inglizcha
Toifa: Ta’lim


ꨄ︎ beekuun gaariidha, waan beekan nama barsiisuun ammoo gaarummaadha.

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Kanal geosi va tili
Butun dunyo, Inglizcha
Statistika
Postlar filtri


#OpenAI'n Search ChatGPT

#Kamis darbe, OpenAI' waan haaraa tokko qabatee as bahe dhaabbata guddaa addunyaa dorgomaa dhabe Google akka gaaritti morkata jedhame eegama.

OpenAI platform search banuu beeksise. Search AI'n kun, bu'aa search caalatti, gabaasa oduu, gatii qabeenya, haala qilleensaa fi bu'aa tapha ispoortii yeroo dhugaa keessatti agarsiisuu danda'a jedhama.

Kunis, walta'iinsa OpenAI fi The Associated Press, Financial Times, Le Monde, News Corp., Time fi qooda fudhattoota gurguddoo miidiyaa addunyaa waliin ta'uuni


OpenAI'n amma dorgommii cimaa Microsoft - kan bakka bu'aa AI'n Bing keessatti makamu - search engine AI'n gaggeeffamu Perplexity fi, dorgomaa gurguddoo Google waliin seenuuf jira. Miseensonni kaffaltii Plus fi Team irratti argaman search amala kana ChatGPT keessatti yaalu danda'u. Amaloota search kunis, "ji'oota dhufaniin" akka tajaajila bilisaa keessatti argamu waadaa galeera OpenAI.

#OpenAI #news @barataadhaaf


ethio-telecom.pdf
7.0Mb
Dookumantii Odeeffannoo guutuu kan gurgutaa Sheerii Itiyoo-Telekoom


Gabaa Kaappitaalaa / Stock Market

Dhaabbatni Itiyoo Telekoom qooda/share isaa irraa 10% ummataaf dabarsee gurgura jedhe. Kun tarkaanfii seena qabeessa jedhu ogeeyyiin diinagdee.

Kana jechum #Ethiotelecom qooda aksiyoona waliigalaa qabu keessaa, har’a gurgurtaaf aksiyoona miiliyoona 100 dureeyyii biyya keessaa ykn Ummataaf dhiyeessee jira.

Akka dhaabbatichi beeksisetti, gatiin aksiyoona tokkoo birrii 300 yoo ta’u, namni tokko aksiyoona xiqqaa 33 birriidhaan 9,900 kaasee hanga aksiyoona 3,333 birriidhaan 999,900 bitachuu danda’a.

Bittaafi gurgurtaan Aksiyoonaa kun karaa #Appilication TeleBirr raawwatamas jedhameera.

Gurgurtaan kun Onkoloolessa 6 hanga Muddee 25/2017tti tura jedhame.

Itiyoo-Telekoom heeyyama torbee darbe argateen qooda/share isaa karaa TeleBirr akka gurguratu heeyyameef ta'uus dhaabbatichi ibsee jira.

Hamma humna keenyaatiin bitannee dhaabbatichatti abbaa tahuu qabna, carraa gaarii waan ta'eef namoonni dandeessan itti hirmaadhaa, bitadhaa jenna.

via : Abdisa B.


Barannoo 53ƑƑΑΑ.
━━━━━━━━━━
#Official_Copilot_Bot

━━━━━━━━━━
➦Bots Name: Copilot Bot

Link : @CopilotOfficialBot
🎭 : #Ai, #chatGpt, #Microsoft, #Copilot
🧠 : Afaa
n hedduu hubata, barbaaddan Afaan Oromootinis gaafadhaa.

💬 Bot fayyadamuuf dursa hayyamma lakkoofsa bi
lbilaa keessan barbaada, Biyya keessa jirtan mirkaneeffatuuf.

#Bot kun hojiiwwan bal’aaf isin gargaaruu mala, mata duree adda addaa irratti odeeffannoo kennuudhaaf kan qophaa’edha.

#Ammuma yaalaa : @CopilotOfficialBot

Barann
oo Tech : @barataadhaaf


▎⛮ Tibba kana, akka platform Infinity Power maallaqa guddaa hawaasa keenya irraa saame jedhu dhageessanii jirtu, Obboloonni keenya hubannoo platform kanaa qaban, kan akka Abdi B. fi kanneen biroo, wanti kun soba ta'uu fi maallaqni keenya hattootaan akka hin saamamne dhoorkaa turan. Garuu namni hedduun gorsa kana waan fudhate hin fakkaatu.


▎⛮ Faallaa kanaatiinis, Adminonni Channel gargaraa tokko tokko, hattoota akka kanaa gadifageenyaan osoo hin hubatin, miseensota isaanii odeeffannoo dogongoraatiif saaxilanis mul'ataa ture, garuu itti gaafatamummaa qabdu kanaaf dursa xiinxaluun gaariidha, direct translate gochuun maxxansuun duratti, Wanti darbe darbeera, garuu fuulduraaf:
▎Hawaasni Keenya:

Maqaa platform online jedhu hunda dhugaa jettanii hin amaninaa. Akkuma lafa irra maallaqni tolaan hin jirre, online irraayis tolaan hin eeginaa.
" Legitimate opportunities exist online, but they require effort and skill". Yeroo keessan skill online irratti madda galii argamsiisan irratti xiyyeeffadhaa malee wantoonni coin isin lakkoofsisan hundi ni kaffalan jechuu miti.

▎Obboloota fi Obboleewwan Admin Channel Gargaraa Qabdan:

M
aa
loo, maamila isin hordofu waan madda isaa sirriitti qulqulleeffattanii beektan malee sababa referral argachuuf jecha nama dogongorsiisuun gaarii miti. Kanaaf, madda odeeffannoo adda baafachuun, dhugummaa isaa hubachuun hawaasa keessan ni fayyada yoo jettan qofa affeeraa.
▎Jecha Hayyuu:

"Guyyaa hedduu dubbachuu kiyyaatti sheenaye, hanga callisuu kootti sheenawe dar
an."

▎Fuulduraaf: Isa Darbe Irraa Baradhaa:

K
an
aaf, isa darbe irraa barumsa fudhachuun barbaachisaadha. Invest gochuu keessaniin duratti namoota muxannoo qaban odeeffadhaa. Amma boodas gowwoomsaa hedduutu dhufuu mala waan taheef, yeroo keennas skill garagaraa dagaagfachuufi wal barsiisuu irratti haa xiyyeeffannu. Horaa bul
aa.
Barannoo Tech : @barataadhaaf


Ergaa yeroo darbe keessa waa'ee sagantaa Diversity Visa (DV) maxxansinee ture:

Odeeffannoo Sagantaa Viizaa (DV) Diversity:

🧪 Sagantaan DV maali?

🧪 Ulaagaaleen Sagantaa DV maal fa'a?

🧪 Sanadoota barbaachisoo DV application:




🌍 Maalummaa DV:
DV’n Maali?

Diversity Visa (DV) progra
m, carraa namoota biyyoota garaagaraa irraa Ameerikatti imaluuf carraa kennuuf qophaa’eedha.

📝 DV Guutuuf Ulaagaalee:

DV guutuuf, ulaagaalee armaan gadii guutamuu qabu:

1. Biyyaa:
   - Biyyoota DV’ dorgomuun hayyamamu irraa ta'uu.

2. Barnoota:
   - Barnoota sadarkaa 12ffaa ykn isaa ol qabaachuu ykn leenjii koollejjii.

🔑 DV Guutuuf Wantoota Barbaachisan:

1. Foormii Iddoo Galmee:
   - Foomii galmee sirriitti guutuu.

2. Suuraa:
   - Suuraa qulqulluu fi sirrii ta’e dhiyeessuu.

Diversity Visa 2026 irratti hirmaachuuf qophiin keessan akka gaariitti ta’uuf, odeeffannoo kana hubachuun barbaachisaa dha.

Odeeffannowaan tarii isin gargaaru malu! Yoo bal'ina dabalataa barbaaddan ykn waa'ee sagantaa
DV gaaffii yoo qabaattan bilisaan gaafadhaa.
Link: http://dvprogram.state.gov/
Barannoo Tech : @barataadhaaf


#DV2026

Iyyanni US Diversity Visa (DV) bara 2026 boru irraa eegalee banaa ta'a.

Barannoo Tech : @barataadhaaf


Kana booda Odeeffannoo karaa Telegiraamii nuti daddabarsisnu qaamni fedhe sakatta'uu yoo barbaade dhaabbatni #Telegiraamii dabarsee kennuuf qophii tahuutu himame.
Torbaanota muraasa dura Faransaayi #Durov, Hoogganaa Olaanaa Telegiraamii hidhuun ni yaadatama. Qaallichi kana walii galee hidhaa bahe jechuudha.
#icciitiin karaa Telegiraamii ergamee dhokata jennu hin jiraatu jechuudha.😅🐹 #ilmaHamisterkombat!


Via : Abdisa B.

Barannoo Tech : @barataadhaaf


Garee Gowwoomsitoota(Scammers) dijitaalaa Afrikirraa, Ameerikaa doolaara biiliyoona 50 dhabsiisan.

Dhiibbaan gowwoomsaa dijitaalaa Afrikaa Dhihaa irraa madde Afrikaa irraa hanga Awurooppaa fi Ameerikaa akkasumas kutaalee addunyaa birootti dabalaa akka jiru himama.

Gowwoomsitoonni kunneen ofii isaaniitiin alatti dargaggoota biroos bal’inaan hanna dijitaalaa irratti akka bobba’an leenjisaa jiru.

Gowwoomsitoonni kun
"wanti nuti hojjechaa jirru qabeenya Awurooppaanonni bara koloneeffataa saamaman deebifachuuf" jedhu.


Maddi: ALAIN https://bit.ly/4e/Tk8Q

Barannoo Tech : @barataadhaaf


ChatGPT ilaalchisee hubannoo akkamii qabdu?
So‘rovnoma
  •   A. Hubannaa Gahaa Akkasuma Hojii Garagaraafis Yeroo Baayyee Dhimma Ittiin Baha.
  •   B. Hubannaa Xiqqoo, Odeeffannoo Muraasa Dhagaha, Garuu Waan Muraasaaf Ni Fayyadama Akka Yaaliitti.
  •   C. Hubannaa Hin qabu, Yeroo Tokko Tokko Oduu Isaa Nin Dhagaha Garuu Dhimma Ittiin Bahee Hin Beeku.
  •   D. Tasuma Hubbaannoos Tahe Odeeffannoo Isaa Hin Qabu, Garuu Maqaan Isaa Naaf Haaraa Miti.
  •   E. Kana Hundaa Bira Darbee Fuuldurrii Isaa Na Yaaddeessa, Ilmaa Namaaf Yaaddoo Ta'a Jedheen Shakka.
85 ta ovoz


#Inishiyeetiivii Kooderota Miliyoona.

Kun carraa ajaa'ibaa dandeettii kee guddisuuf gargaarudha akka sin dabarre. Koorsiin sadeen kun osoo maallaqaan baratamanii naannoo doolaara $3,000 baasu jedhama. Hirmaachuudhaan beekumsa gatii guddaa qabu tolaan argachuu qofa osoo hin taane waraqaa ragaa abdii hojii kee guddisuu danda’u argatta.

Garee kana irratti hirmaadhaatii waa'ee jalqabbii kanaa gaaffii qabdan kamiiyyuu bilisaan gaafadhaa:
@Oromian_coders


BT : Moodeelota haaraa "OpenAI o1" .


OpenAI  moodeelota (o1) jedhaman haaraa, kan
hojiiwwan walxaxaa sababeeffannaa namee fakkaatan akkasuma dandeettii rakkoo furuu fooyyee qaban jalqabeera.

OpenAI's text-generating AI chatbot, erga Adoolessa 2022 eegalee addunyaa kana saffisa guddaadhaan adeemaa jira.

OpenAI o1 — Moodeela sababeeffannaa humna guddaa qabu kan rakkoolee ciccimoo furuuf gargaaruudha, Hojii herregaa, fiiziksii, keemistrii fi baayoloojii rakkoolee furuu keessatti sadarkaa barattoota PhD wajjin wal madaalu irratti ga’umsa akka qabus eerame.

OpenAI o1-mini — Vershinii saffisaa fi baasii xiqqaa qabu, keessumaa hojii sagantaa (programming ) hojjechuuf kan haalaan mijateedha.

Barannoo Tech :
@barataadhaaf


Koodiiing Udacity irratti eegaltaniittuu? Mee yaada keessan irratti akka hundoofnuuf.
So‘rovnoma
  •   Eeyyee eegaleen jira, Koorsii certifying ta'es qaba.
  •   Eeyyee eegaleen jira, garuu Koorsii xumuure hin qabu.
  •   Eeyyee eegaleen jira, garuu koorsiileen ni jajjabaatu.
  •   Eegaluuf yaalii gochaan ture, garuu sababa garagaraan galmaayuu hin dandeenye.
  •   Eegaluufis hin yaalle, hubbannaa gahaa waan hin argatiniif.
  •   Lakkii halli ani keessa jiru ammaaf mijataa miti.
219 ta ovoz


#Oromian Coders, Hordoftoota chaanaalii Telegram Baranno-tech hundaafi namoota biroos garee haaraa, "Oromian Coders" akka itti makamtaniif isin affeerra, Gareen kun namoota dhuunfaa quuqama teeknoolooji qaban gidduutti tumsaa fi deeggarsa guddisuuf kan of kaayyeffateedha.

Xiyyeeffannaan keenya inni guddaan carraa mootummaan Itiyoophiyaa dargaggoonni (5 million) ogummaa koodii akka horatan humneessuuf kaayyeffateefi akka naannoo Oromiyyaatti ammoo (1.5 million) Waliin taanee barachuu, guddachuu, fi dandeettii keenya addunyaa teeknooloojii keessatti hiikuu dandeenyufi akka carraa kanatti obbolloonni keenya fayyadaman wal qarqaaruudha.

Garee keessaa kutaalee adda addaa mata duree adda addaatiif mijatan ni argattu. Gaaffii keessan kutaa dhimmi ilaallatu irratti maxxansuu keessan mirkaneessaa; kunis marii qindaa’ee fi bu’a qabeessa akka ta’uuf, Tokkummaan wal gargaarree akka milkoofnu!

Waliin ta’uun imala kana haa jalqabnu!


Chat : @oromian_coders
Support : @OromianCodersBot
Channel : @Oromian_Coder


Step_By_Step_Guide_to_Register_on_Udacity_5_million_Ethiopian_coders.pdf
1.3Mb
Leenjifamtoonni kompiitara ykn bilbila isaanii fayyadamuun tola leenjifamu.

Leenjiin kun torban 6-7 kan turu yoo ta’u, xumura irratti ragaan ogummaa ni kennama.

Qabiyyee leenjiiwwanii akkasumas odeeffannoo dabalataa marsariitii (
https://ethiocoders.et/) irratti ilaaluu dandeessu.

Akkasuma File olii irraa hubbachuun akka carraa kanatti fayyadamtan dhaamna.


💻 Barannoo Tech 💻


Leenjiin kun kan kennamu waltajji karaa onlaayinii Udacity jedhamu irrati.

Leenjii kana yeroo xumurtan ragaa sadarkaa idil-addunyaatti fudhatama qabu ni argattu Koorsiichi toora interneetii irratti kan barsiifamu yoo ta’u, wanti isin barbaachisu bilbila harkaa ykn laptop fi interneetii qofa.

Barnoota kennaman:-

1. Android Kotlin Development Fundamentals

2. Data Science Fundamentals

3. Programming Fundamentals

Barnoonni kun umurii fi saala hin daangessu. Namoonni baadiyyaa hanga magaalaa, daa’imman irraa kaasee hanga maanguddootaatti carraa kana irratti hirmaachuu qabu.

Sadarkaa barnootaa kamiyyuu hin barbaadu. Damee kamiinuu barachuu dandeessu. Keessattuu barattootaaf carraa guddaa biyyi keenya argatte kanaaf ijoolleen keessan galmeessaa.

Pirojektii biyyoolessaa guddaa kana irratti dammaqinaan hirmaachuun dhimmoota siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa biyya keenyaa gara fuula duraa irratti dhiibbaa guddaa qabaata.


Leenjiin koodaroota miliyoona 5 Itoophiyaa keessatti eegalamee fi muuxannoo UAE

Itiyoophiyaan piroojektii koodaroota miliyoona 5 leenjisuuf kaayyeffate tibbana eegaluun ishee ni yaadatama. Kaka’umsi waggoota sadiif akka turu himamu kun, walta’iinsa Yunaayitid Arab Emireet waliin ta’uun hojiirra akka oolus dubbatame.

Warraaqsi gosa kanaa addunyaalee biroo keessattis ni jira, keessattuu karoorri koodaroota Arabaa miliyoona 1 leenjisuuf bara 2017 biyyoota Arabaa keessatti hojiirra oole ture kaka’umsa UAEtiin.
Kooderota Arabaa miiliyoona 1 leenjisuu.

Pirojektiin kun Itti aanaa Pirezidaantii UAE; Ministira Muummee fi Bulchaa Dubaay Sheek Mohammad bin Rashiid Al Maktuumiin kan jalqabame yoo ta’u, bara 2017 irraa eegalee waggoota afuriif dhaabbata Dubaay Future Foundation jalatti hojiirra ooledha.

Kaayyoon inni guddaan dargaggoonni biyyoota Arabaa dubbatan keessa jiran addunyaa dijitaalaa gara fuula duraatti akka makaman, carraa hojii uumuu fi dinagdee addunyaa keessatti akka hirmaatan dandeessisuudha.




⭐️ Telegram stars

Akkuma beektan TikTok'n namootni hedduun Kennaa coin TikTok jedhamu kanaan jireenyi isaanii akka jijjiiramu gargaareera.

TikTok hordofuun Telegram ammoo Gift Coin haaraa, Telegram Stars jedhamu, kan maamiltootni Telegram kennaa isaanii gara maallaqaatti jijjiiruuf dandeessisu dhiyaateera.

Kana beeksisuuf Telegram waan Airdrop fakkaatu Major jedhamu kan namoota affeeruun salphaatti Telegram Star Coins argachuuf isin dandeessisu baasee jira.

Yeroo nama 1 affeertan urjii 15⭐️⭐️ argattu

Kana akka airdrop hin ilaalinaa, qarshii dhugaa waan ta'eef jarana, ammuma jalqabaa.

#Abdiisa

Link :
https://t.me/major/start?startapp=377096201


#Blum Crypto isaan kaanniin irraa wanti adda taasise, invite link isa sirrii yoo argattan malee tapha eegaluu hin dandeessan, namni tokko nama 5-10 qofa invite gochuu dandanaya kunis kan taheef raabsaan namoota hundaaf akka wal qixa tayuufi,

Erga link sirrii argattan booda Farm gochuun, turtii sa'aa 8 booda deebi'uun claims gootu.

Linki Blum Namoota dursa click godhan 26 kan oolu asirraa argattu.

https://t.me/+6p1KG52elwBjYWI0

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.