Imala Beekumsaa


Kanal geosi va tili: ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa: ko‘rsatilmagan


Beekuuf yaa qophoofnu!
ለማወቅ እንዘጋጅ
Lets prepare to know
©Yaada keessan karaa @mooyati naan ga'aa

Связанные каналы

Kanal geosi va tili
ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa
ko‘rsatilmagan
Statistika
Postlar filtri


Noma’lum dan repost
astiroonoomii.pdf
4.7Mb
Kitaaba ajaa'ibsiisaafi hawwataa waa'ee astiroonoomii ykn qorannoo hawaa Afaan oromootiin isiniif dhiyaate kana dubbisaa!!!waliif daddabarsaa!!! Dirqama afaan keenya guddisuus haa baanu!!
Kitaaba kana keessatti
Waa'ee pilaaneetii
Holqa gurraacha ( Black hole)
Urjiileee
Biig baang
Diwaarf pilaaneetii
Aduu fa'a of keessatti Kan qabatedha!!!

Dubbisa gaarii!!


Leta Kenei Aga dan repost
lfaan nama geessa
Dukkana sassaaqaa
Yaa dhugaa - dhugitti
Yaa ishee ilmoo Waaqaa!
Akka bakkalchaatti
Fagootti muľatta
Yoo afaan si qaban
Funyaaniin dubbatta
Yandoon si hin jiisu
Hongeen si hin gogsu
Gaarri si hin golgu
Boolli si hin dhoksu...

Ol jettee argamta
Tuullaa sobaa keessaa
Warqee yoomuu hin rakasne
Qabeenya hiyyeessaa
Gumbiin kee saamamee
Yoo bultes agabuu
Hiddi kee hin citu
Lafeen kee hin cabu
Ni darba - ni mo'a
Uummanni si qabu!

#Share
@Waloo_Leta


Booka Beekumsaa dan repost
#Ani_siif, ati anaaf!

Yeroo ta'e, mootii tokkotu dorgommii qopheesse. Abbaan dorgee kana injifate badhaasa argata. Akkanuma bulchisa mootichaa keessaas teessoon nikennamaafii ture. Dorgichimmoo dorgee marqaati. Nama lama lamaanis gaggeeffama. Akka dambii dorgommichaatti, nama marqaa kana nyaachuu danda'etu badhaafamaa ta'a. Fal'aanni ittiin marqicha afaan godhatanis itti kenname. Asirratti egaa gufuu guddaan. Fal'aanichi baay'ee dheeraa ture. Kanarraa kan ka'e, afaan isaaniirra darbee gurra isaaniitti jalaa diddibama, marqichi. Dorgomtoonni hedduun, waan falaa dhabuun dorgeen ala ta'ani. Dhumarratti, dorgomtoonni lama gara fuulduraatti dhufani. Akkana waliin jedhani; "Ani siif, ati anaaf!" Walii walii isaanii afaan kaa'uuf qophaa'uu isaaniiti. Akkuma jedhan kanaan, wal nyaachisaa nyaatanii injifattoota badhaasichaa ta'ani. Guddaas ajaa'ibsifatamani. Akkas malee!👏

👉As haa deebinu! Anaafi atis walumaaf jirra. Waan bira gahuufi qabuun nutti ulfaateef falli guddaan harka wal qabachuu, wal tumsuu ta'a. Kaayyoon wal bira jiraachuu keenyaa inni guddaanis, waliiniifi waliif jiraachuudha. Hamma kana hintaanetti hiika dhabeessa ta'a. Warra wal ta'ee waliif ta'u haataanu. Yoos, ani siif, atis naafi!


Lafa nagaa oolaa!

©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2021
~~~
@Orobook


Araada kanaan qabamuu yaalaa❤❤


Waan dubbatan hin dhabani
Deebisuuf waan gaafatamani
Hiriyyummaa walii cimsanii
Yoo wal ta'an kitaabani

Araada miidhaa hin fidne
Goonka kan hin rakkifne
Gamnummaadha dubbisuun
Beekumsaan wal hirkisuun


©Fiqaaduu Taammiru 2013


@fedhakoo




Jobs sites dan repost
Barruu Walaabuu karaa teelegiraamii @walabupublish jedhu argattu.
@siifjedhee


Odaa Electronics Finfinne dan repost
• 🌟HUDHAA🌟 •
Akkuman waadaa isiniif gale kitaaba HUDHAA! Jedhu qabadhee isiniif dhufeera. Buufadhaa dubbisaa share gochuun woliin gahaa.

Gosa:
Asoosama
Hanga: 1MB
Barreessaa: Abdii Zarihuun

👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇


#Namummaa

Addunyaa kana irratti bineensi gatii guddaa fi iddoo guddaa qabu namadha. Eeyyen... bineensa gati qabeessa ati. Garaagarummaan nama gidduutti bifa garaa garaatin yeroo baayyee uumama. Kun immoo gatii namaa fi namummaa gadi buusa. Garaagarummaan ilaalchaa, yaadaa, amantii, sanyummaa, sadarkaa barnootaa fi kkf nama fi nama walirraa fageessun irra hin jiraatu ture. Garuu yeroo baayyee sababni namni itti wal qoqqoodu fi wal jibbu kana ta'ee argama. Sababa qoqqoodamiinsaa olitti ka'e kana hunda dura garuu namummaan akka dursu beekamaadha. Namni tokko amantii wayii qabaachun dura nama ta'uun isaa beekamuu qaba. Kanneen sababa namni itti wal jibbuu fi wal miidhu gochuun baayyee gatii namummaa wallaaluu ta'a. Nama tokko gaariis hamaas kan godhu hojii isaati malee waan sanyii ebelu ta'eef yookin immoo sababa amanti wayi hordofeef miti. Akkasumas nama amantii kee hordofu qulqulluu fi sirrii gootee isa faallaa kee ta'e akka waan abaaramaatti yaadun dogoggora guddaadha. Waan yaada kee deeggareef jabaa fi isa yaada kee morme gowwaa yookan gadhee akka ta'etti tilmaamun bilchina dhabuu irraa yaada dhufe yoo ta'e malee tasumaa waan fudhatama hin qabne akka ta'e eenyumtuu hubachuu danda'a. Hunduma dura nama namummaa isaatin simachuun waan gaarii fi qajeladha. Sana booda garuu eenyummaaf maalummaa isaa yaada isaarra bartee madaaluu dandeessa.


©Fiqaaduu Taammiruu 2021

@fedhakoo


Galaa Sammuu dan repost
Galaa Sammuu maxxansa 3ffaa

Kitaaba haaraa isin biraan gahuuf yaadeen mijachuu dide. Waan hunda xummureen jira. Hanga inni isin dhaqqabutti Galaa Sammuu dubbisa. Kitaabichi guutuu Oromiyaatti har'a irraa kaasee ni raabsama. Warri baay'inaan raabsuu barbaaddan Mana kitaaba Dachaasaa Guddataa ( +251 91 267 7529/ +251927198329 , Buraayyuudhaa ni argattu!

Dubbisa gaarii!

@Galaakoo
@Orobook

Yaada yoo qabaattan karaa
👉 @Galataa1 na quunnamaa🙏


Galaanas qaxxaamurru
Gaara guddaallee yaabnee
Dhugaa barbaacha deeme
Nam tokkollee hin leeyyaane

Mogolee si buusa malee
Laaffisee lafee dugdaa
Gati qabeessummaa isaatu
Si kanfalchiisa gati guddaa

Itti hin cobsin waan dabaa
Dhugaan qulqulluun tolaa
Hin faalin laaqii dharaa
Dhugaaf dhugaatu falaa

Dadhabbii kee hin busheessin
Haqa sabaa hin xureessin
Qajeeltummaan qajeeli
Xurree sirrii kajeeli


Join👇👇👇👇👇👇


@fedhakoo


Sitti siqnu fira fakkaattaa
Alaala irraa yoo si ilaalan
Eeboo shiraa nutti darbatta
Faaruun kee nama hawwata
Garuu kaayyonkee inni dhoksaa
Fedhii nyaata nama dhoowwata


Jobs sites dan repost
HARKA KEETTI DU'EE

Angafa durbootaa
Mootii bareedinaa
Waardiyyaa onnee koo
Ati naaf ulfina
💚💚💚💚💚💚💚
Bareedina taanaan
Maaltu siin wal gita
Sinboon kee alaalaa
Eenyummaa koo bita
💚💚💚💚💚💚💚
Walgeettin nyaara kee
Konkonni funyaanii
Qallinni mudhii kee
Addeenyi ilkaanii
💚💚💚💚💚💚💚
Ijji kee gurguddaa
Mudhiin kee kan sonsaa
Ijjannaan koomee kee
Miira kan koo onsaa
💚💚💚💚💚💚💚
Faaya kennaa addaan
Uumaan tolchee uume
Otoon akka shaamaa
Sumaaf baqee dhume
💚💚💚💚💚💚💚
Otoo siif eegduu tahee
Si na eegsisanii
Otoo cinaa kan kee
Ana teessisani
💚💚💚💚💚💚
Otoon carroometoo
Duukaa kan kee buhe
Harka keetti qorree
Harka keetti du'e


@Siifjedhee
@galaakoo


Mootii jaalalaa

Garaan koo na raafama
Laphee kootu tarsa'a
Akkum sulula qiinxamaa
Ija kootu lafa hin arguu
Gurra kootu na duudee
Si malee orma hin dhaga'uu

Golli yaada koo sii
Mil'uun ija kootii
Qamni koo sumaaf malee
Kan biraaf hin taane mootii

Onnee koo baqaqsitee
Erga seentee bubbultee
Iddoo boqonnaa keetii
Balbala isaa cuccuftee

Qaama koo sit weeraraa
Yaada koos situ hogganaa
Kufeen harka keeti of laadhe
Moo'ameen si jaaladhe

Jagnummaan koos in hafee
Irree kootu na laafe
Jilbiinfadheen harka laadhee
Dhama jaalalaan nyaadhe

Mootin jaalala dhuftee
Kan jaalalaan leenjitee
Ribuu koo lallaafistee
Jaalalumaan na bittee

@fedhakoo
@siifjedhee


#Haacaaluu

Ati jabaa keenyaa
Jechi koollee sin ibsu
Anis obsuu hin dandeenye
Yaadni kees nan dhiisu

Waanti hin yaadne dhufee
Nu duraa si fuudhe
Gadheen foon kee nyaatus
Maqaaf seenan kee hin duune

Si dagachuu hin danda'u
Amman dagadhu ofii koo
Kaayyoo kee fullaasuuf
Nan laadha hunda koo

Tokkummaan ati faarsite
Xiiqiin ati geerarte
Ta'eera hundee jaabaa
Dhaloota irratti ijaarte

Waan ati jettee turte
Yaaddo garaa kee sana
Hin oolle kunoo ta'ee
Siqiqiin teenyee kaana

Arguurra wal ajjeechaa
Haadhoo garaa tokkoo
Du'uu naaf wayya jettee
Himattee turteem atoo

Inni ati jette dhugaadha
Nutis isa filannaa
Har'a boru fooyyaa'aaf
Guggubachaa tirannaa

Ati boqottetta hacee
Nutu gubaan dararama
Wal ceesisuu hin dandeenye
Kiyyoon obbolaa lamaa


@fedhakoo




Ol adeemna
Gaara guddaa
Du'aa bulla
Roorro diddaa
Hanga nu dhiisan
Nus hin dhiisnu
Ija tokkoon
Tasa hin ciisnu


Jobs sites dan repost
Maafan si dhiisaree?

Narraa qabda dhugaa
Dhugaa waaqaaf lafaa
Ijaarsi keenya tokko
Nafti kee naaf nafa

Quufa kootti quuftee
Beela koo miireffatta
Gola onnee keetitti
Suuraa koo rarraafatta

Oduu gandaan hin raafamtu
Dhimbiibdee beekta dubbii
Koo ta'uu keetti Leelloo
Maalan qaba gaabbii ?

Mana gandaas dhaabbadhee
Hin barbaadu kan biraa
Mootittii onnee kootii
Oolmaa qabda na biraa

Angafa durba maraa
Intala hayyuun qare
Jalqaba too, giifti duree
Maafan si dhiisaree


@siifjedhee

#Tolasaa Badhaadhaa


#GALAA_SAMMUU maxx. 2ffaa

Imala lafa fagoo
Daandii galma geessu
Mogolee lallaafe
Galaadhan jabeessu

Kitaabni #Galaa_sammuu maxxansi 1ffaan kitaaba jaalatamaa dhamdhama beekumsaa sammuu namaatti cobsu akka ta'e dubbisee argeera. Maxxansi 2ffaan immoo akka san caalu shakkii tokkollee hin qabu. Innis lafa sin jirtan ni dhufaa, isinis lafa inni jiruu deemaa dhuunfadhaa. Barreessaa akkasii jajjabeessaa hogbarruu oromoo ol qabuuf gahee keenya yaa ba'annu.


Na barbachistaam,
akkuma qaama kootti.
Sin barbaachisaam,
anis qooda keeti.
~
Waliin jiraanna,
jaarra tokko keessa.
Namoota jedhamna,
kayanne harka wal keessa.
~
Ani bu'uu keeti,
atis bu'aa koo.
Yoo jiraatten jira,
ati anaf michuu koo.
~
Hir'uun koo siin guutama,
kan kees natu guuta.
~
Wal biratti uumamuun,
akka taanuuf utubaa walii.
Siifan of eeggadhaa,
atis of cinaatti na ilaali.
👇👇👇👇👇

@fedhakoo


Galaa Sammuu dan repost
Gurraattiikoo!

Dureettii maaddiin sugaa
Soortuu addunyaa maraa
Simboo keetu naaf faaya
Dhugaa keet' na mararaa

Wixineef burqaa hundaa
Mirgituu dirreen nagaa
Dammaaf dhadhaan na soori
Maal gochuun ganda dhaqaa

Midhagduu giiftii maraa
Handhuura qartuu qaraa
Akkamiin qullaatti haftaa
Osoo nyaachistuu maraa

Beekumsaaf qabeenyakee
Isa kalee qoradhee
Sin faarsa sin weeddisaa
Galmee dhugaa qabadhee

Hin jooru hin jawwaru
Hin deemu mana ormaa
Kan keenyaan keenya jedheen
Kan keenyan taane morma

Sagaleen kee araaraa
Madda nagaa gurrakoo
Mirgikee haa qajeeluu
Kamettiif Ogeettiikoo!

©Abbaa Milkii
Oromticha, Gurraacha Afrikaa!

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.

279

obunachilar
Kanal statistikasi