Booka Beekumsaa dan repost
#Ani_siif, ati anaaf!
Yeroo ta'e, mootii tokkotu dorgommii qopheesse. Abbaan dorgee kana injifate badhaasa argata. Akkanuma bulchisa mootichaa keessaas teessoon nikennamaafii ture. Dorgichimmoo dorgee marqaati. Nama lama lamaanis gaggeeffama. Akka dambii dorgommichaatti, nama marqaa kana nyaachuu danda'etu badhaafamaa ta'a. Fal'aanni ittiin marqicha afaan godhatanis itti kenname. Asirratti egaa gufuu guddaan. Fal'aanichi baay'ee dheeraa ture. Kanarraa kan ka'e, afaan isaaniirra darbee gurra isaaniitti jalaa diddibama, marqichi. Dorgomtoonni hedduun, waan falaa dhabuun dorgeen ala ta'ani. Dhumarratti, dorgomtoonni lama gara fuulduraatti dhufani. Akkana waliin jedhani; "Ani siif, ati anaaf!" Walii walii isaanii afaan kaa'uuf qophaa'uu isaaniiti. Akkuma jedhan kanaan, wal nyaachisaa nyaatanii injifattoota badhaasichaa ta'ani. Guddaas ajaa'ibsifatamani. Akkas malee!👏
👉As haa deebinu! Anaafi atis walumaaf jirra. Waan bira gahuufi qabuun nutti ulfaateef falli guddaan harka wal qabachuu, wal tumsuu ta'a. Kaayyoon wal bira jiraachuu keenyaa inni guddaanis, waliiniifi waliif jiraachuudha. Hamma kana hintaanetti hiika dhabeessa ta'a. Warra wal ta'ee waliif ta'u haataanu. Yoos, ani siif, atis naafi!
Lafa nagaa oolaa!
©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2021
~~~
@Orobook