JIREENYA BORUUF


Kanal geosi va tili: Indoneziya, Indonezcha
Toifa: Bloglar


Addunyaa kana irraa wantii abdii si kutachiisuu danda'u tokko illee hin jiru yoo atii heyyamteef male.!!
Homaaf tole hin jedhiin isa boruu kee of harkaa qabuu yesuusif male
yaadaaf @Dawitpost_bot

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Kanal geosi va tili
Indoneziya, Indonezcha
Toifa
Bloglar
Statistika
Postlar filtri


📩 Akkan si jaalladhu kan na taasise kaayyoo ati qabdudha....➡️ As tuqaa

⚡️ See More
See More


⭐ Ergaalee jaalalaa aegachuu ni barbaadduu?... As tuqaa


🚩➖🎆 BAGA NAGAAN DHUFTAN🎄🚩

👋 Channelee filatamoo kanneen hin qabdan taanan gadi tuquudhaan join, follow taasisaa!

╔┓┏╦━━╦┓╔┓╔━━╗
║┗┛║┗━╣┃║┃║╯╰║
║┏┓║┏━╣┗╣┗╣╰╯║
╚┛┗╩━━╩━╩━╩━━~


🔵 Channelee Barnootaa fi beekumsaa akkasumas odeeffannoo barbaaddan hunda irraa argachuu dandeessan kanneen tuquudhaan join taasisaa!


Join All Channel
➿➿➿➿➿➿
┃_
@Gaggeessummaa 🥇
┃_
@Barruu_Beektotaa 🗣️
┃_
@Reading_PDF 📚
┃_
@Arara_tv_world_wide ❤️
┃_
@Gaaela_Gaarii 🎀
┃_
@Singer_Megertu_Official 🎤
┃_
@Yerusaalem_Haaraa 🎙
┃_
@Kakuu_Studio 📺
┃_
@Lebamsett 💔
┃_
@Spiritual_PDF
┃_
@Coba_Yaadaa 🔵
┃_
Hariiroo Jaalalaa 🌷
┃_
@Computer_Soln 🖥
┃_
Researchers Review ☁️
┃_
@Getu_Official ❤️
┃_
@Facts_and_quotes123
┃_
@MIIRA_JECHOOTA ‼️
┃_
@Seenaa_Tube ⭐️
┃_
@Sona_Official1 🌹
┃_
@kutannoo123
┃_
@Walaloo_Faaruu🎙
┃_
@Spritpoem 🔔
┃_
@DirreeGN ▶️
┃_
@Walaloo_hafuuraa24 😀
┃_
@Kii_Sii ❤️
┃_
@kuusaa_Kitaabota_Haaraa
┃_
@Naar_dos 🧔
┃_
@Daandii_Guddinaa ♨️
┃_
Oro Inspire Center
┃_
@Walaloo_Jaalalaa24 ❤️
┃_
kottaakolfaa 😂
┃_
@Dhimma_Fayyaa 💊
┃_
@Gorsa_Ganamaa ❤️
┃_
@AsoosamaafiWalaloo 📜
┃_
@Afoola_Oromoo24 ✍️
┃_
@Walaloo_jaalalaa24 ❤️
┃_
@Kutannoo123 📌
┃_
@top_books_store 🗂️
┃_
@Gech_pdf 📚
┃_
@MarsilTvWorldWide 💢
┃_
@timevalue24 🕖
┃_
@miira_jaalalaa ❤️
┃_
@hariiroo_jaalalaa ❤️
┃_
@BPEMBASSY 📖
┃_
@prophetamo
┃_
@Online_job724 💰
┃_
@Amharic_proverb
┃_
@Maaranaataa_Yesuus ✉️
┃_
@Dirree_Faarfannaa
┃_
@Now_speak_English
┃_
@revealjesus 📕
┃_
@Spoken_English24 🎓
┃_
Plumbing Work 🚰
┃_
@Academy_365😀
┃_
@gitim_alem
┃_
@haadha_manaa_ogeettii ❤️
┃_
@DayStarBooks 📚
┃_
@Gaggeessummaa 🥇
┃_
Bible Quotes 📖
┃_
Kottaa Kolfaa 😁
┃_
@Diraamaa_Hirkoo99 📷
┃_
@oro_liverpool_fc 🏅
┃_
@Walaloo_Faaruu 📱
┃_
@Dirree_Faarfannaa 🎸
┃_
@Alwayskeepsmile_24 🙂
┃_
Kottaa Kolfaa 😁
┃_
Goal Tv 🔝
┃_
@Jaala_Dhugaa ✉️
┃_
Best Classicals 🎧
┃_
Garee Telegram Banaa
┃ 👇👇
┃_
@Daandii_Guddinaa 🔊
┃_
@caaffata_qulqullaaa 📖
┃_
@research_helping 📝
┃_
@orotv24 📺
┃_
@learningtips123 🚸
┃_
@graphicsmaker123 🧩
┃_
@real_Madridfc123 8️⃣
┃_
@gaaela_gaariifamily 🧾
┃_
@dubbiilee_hayyootaa 💡
┃_
@dirree_bohaartii 😀
┃_
@Dargaggootaaf1 👭
┃_
@haadhamanaaogeettii ❤️
┃_
@Afoola_Oromoo24 🪶

┃_
➿➿➿➿➿➿
Join All Channels

@hopepromotion 🎺
@bittaafigurgurtaachannel 🛒

Contact: @Getu_Abera


NI BAATAMTE MALEE YOOM GATAMTEE?
Waaqayyo nama hin gatu. (Far.77:7)
Dubartii tokkotu turte. Amantii isheetti baay'ee cimti. Ni kadhatti ni deddeebitis turte. Guyyaa biraa amantii isheerraa dadhabdee laafte. Baay'ee utuu gaddituu gaaf tokko rafteetu abjuu abju'atte. Abjuu ishee kanaan miila lama cirracha gubbaa deemu tokko argite. Miilli tokkichi furdaa fi cimaa yoo ta'u, tokko immoo huuqqataa fi laamsha'aa ture. Waaqayyo akkas jedheen "Miilli inni qal'aa fi laamsha'aan si'i inni cimaan immoo ana ati deemmii dadhabnaanan si gargaaraa jira." Jedheetu itti dubbate. Baay'ee gammaddee, guyyaa kan biraas abjuu abju'atte. Har'a immoo abjuu isheetiin miilli cimaan sun kophaa isaa utuu cirracha gubbaa deemuu argite. Seexanni gidduu kanaan itti siqee "Ilaa ati dadhabnaan Waaqayyoon kee si gateem!" Jedheen. Isheenis boo'icha isheetti kaate. Waaqayyo immoo ammas gara ishii dhufeetu "Yaa mucaa koo! Ani si hin ganne ati hamma duriiyyuu dadhabnaanan ol fuudhee gateettii kootti si baadhe malee." Jedheen. Waaqayyo nama hin gatu jabaadhaa!! Cimina keenya utuu hin taane Waaqayyotu nu hin gatu!
Waliif daddabarsaa!

Via facebook page copy
https://t.me/jireenyaboruuf


Waaqayyotti qoosanii...

a. #Joon_Lenoon: Sirbituun kun “Ani har’a Yesus irra caalaa beekamaa ta’eera” jedhe; garuu utuu baayyee hin turiin rasaasa 6 irratti gilgilchamee ajjeefame.
b. #Reenkredoo_Navis namni jedhamu biyya Biraaziliif perazidaantummaaf yeroo dorgomutte “Ani paartii koo keessaa sagalee deggarsaa 500000 utuun argadhe nama haa turuu Waaqayyo iyyuu prezidaantummaa irraa na hambsuu hin danda’u” jedhe. Akkuma kanaan sagalicha argatee Prezidaantuumaaf dorgomee mo’ate. Garuu akka boruu gara taaytaatti darbuuf yeroo qophaa’aa jirutti halkan du’ee siree cisaa isaa irratti argame.
c. #Kaazuuzaa: Namni kun sirbituu biyya Biraazil ture; guyyaa tokko timboo xuuxaa jiru aaraa isaa gara samiitti ol gadhiisuun “Waaqayyo kun immoo ga’ee keeti waan ta’eef xuuxi” jedhe; garuu utuu hin turiin umurii isaa waggaa 32tti kaanseerii sombaan haala hamaa ta’een miidhamee du’ee.
d. #Harladii_fi_Woolf: Namoota Taaytaankii ijaaran immoo “Kana booda Waaqayyo iyyuu doonii kana galaana keessa dhidhimsuu hin danda’u” jedhan. Garuu dooniin sun dhidhimtee akkam akka taatee seenaan ishee in beekna.
e. #Dubartiin_Biraazil tokko ijoollee ishee durbaa bashannana deemuuf hiryoota isaanii waliin konkolaataadhaan ba’aa jiraniin harka ishee gara isaaniitti raasuun “Ijoollee ko egaa Waaqayyo isin waliin haa ta’u” isaan jennaan isaan keessa ishiin tokko “Harmee ko konkolaataan guutuu waan ta’ee Waaqayyoof iddoo hin qabnu” jette. Ergasii Km muraasa erga deemanii booda konkolaataan sun bifi isaa wallaalamuutti gaggaragaluun hundii isaanii achi keessatti dhuman.
f. #Maariliin_Moniroo: Dr. Bilii Grahaam Hafuura Qulqulluun geggeefamee gara ishee dhaquun yeroo inni waa’ee Yesus Kristoos dhugaa ba’uuf “Yesus kee an hin barbaadu” ittiin jette. Dubartiin sun garuu torbeedhuma sana keessa siree ishee irratti duutee argamte.
g. #Kristiin_Heewit: Gaazexeesituu beekamtuun lammii Jamaaykaa “Addunyaa kana irratti kan akka Macaafaa Qulqulluu nama jibbisiisu hin jiru” jette. Dubartiin kun guyyaa tokko utuu doqiddoqqeedhaan fintiriiraa jirtuu kufaatii hamaan garagaltee ibiddaa ishee qabateen bifa ishee illee addaa baasuun hanga dadhabamutti gubattee duute.

Eeyyeen, Macaafin Qulqulluun akkas jedha: “Ammas Waaqayyo, ‘Kunoo, saba lafa irraa keessaa ati akka xinnaattu, raawwattees akka tuffatamtu nan godha; ati yaa isa mana kee iddoo ol jedhaa irratti ijaarrattee, yaa isa holqa dhagaa keessa jiraattuu, 'Eenyutu lafatti gad na buusa?’ jettuu, of tuulummaa garaa keetiitu si gowwoomse” (Oba.2-33).

“Waaqayyo kan itti ga’isan miti’o, hin gowwoomina! Namni immoo waanuma facaase in galfata” (Gal.6:7).

Jara keenyaa, ilmaan namootaa wanneen Universii kana keessa jira kan isaan ijaan argan (arguu fi beekuun iyyuu garaagara) %5 qofadha jedhama. Kanaaf waa’ee isa hafee %95 waan argine hin qabnu. Wanni biraan yoo hafe Waaqayyoo isa %95 san keessa jiraachuu danda’a jedhanii yaaduun illee maaliif dadhabamee?

Guyyaa gaarii!

Share!


🔥Waaqayyotti qoosuun Kun waanuma salphaa wayii fakkaachaa dhufeera, yeroo Namoonni tokko tokko qoosan waanuma Waaqayyo hin jirre itti fakkaata! Gaaga'amni qabeenyaa fi lubbuu namaa, bineensaa fi beelladaa yeroo Akkasitti harca'ee darbu dhuguma garuu nama gaddisiisa!😭

🔥Dhiyoo kana dubartiin Nikki glasar jedhamtu tokko los-anjeles keessatti Walitti qabama namootaa award Golden Globes irratti, Guyyaa sambata irra "God creater of the Universe zero mentions" jettee yeroo qoostu Namoonni baayyeen kolfaa turan suuraa screen ilaalaa 👁️‍🗨️!

🔥Achumaan guyyaa lama booda Ibiddi Kun erga ka'ee gaaga'ama guddaa Los Angeles keessatti uumeera jedha, hanga ammaas waan hedduu gaaga'eera! Sababiin Ibiddaan gubachuu kaalifoorniyaa/ los-anjeles, kanas tahu, sanas tahu, Waaqayyotti qoosuun kun balaan isaa hamaadha!

🔥My God will not be mocked. The fear of the Lord is the beginning of wisdom !Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti, gowwoonni garuu ogummaa fi barsiisa in tuffatu* jedha
Fakkeenyaa 1:7

🔥Dheekkamsa isaa dura eenyutu dhaabachuu danda'a? Aarii isaa isa sodaachisaa duras eenyutu ijaajja? Dheekkamsi isaa akka ibiddaa in boba'a, kattaawwanis fuula isaa duraa in caccabu.jedha. Naahom Raajichaa 1:6

🔥Ammoo waanti biyya kanatti argamaa, dhaga'amaa jiru Kun kanneen akka kirkira lafaa, abidda samii, Volkaanoo, jibba namootaa, balaa konkolaataa, dhumaatii namootaa fi k,k, f
hedduu oduu rifaasisaa gdda ulfaataa dhaga'uun baayyateera salphaas taheera, hamma funyaan nama gahutti qoosuun deebiin isaa Ulfaataadha!

🥰 Waaqayyotti qoosuun hin yaadamu, gadi jennee haa kadhannuun dhaamsa kooti!

Merga B Gudina 02/05/17


Baga Geessan

Baga yaaddannoo dhalachuu gooftaa keenyaan nagaan isin gahe. Ayyanni kun kan nagaa fi gammachuu siniif haa ta'u.

Happy anniversary of the merry christ mass. May this holiday be a peaceful and happy one.

“Mucaan nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera; humni mootummaa isaa gatiittii isaa irra jira; maqaan isaa, "Gorsaa, dinqii, Waaqayyo-jabaa, abbaa bara baraa, angafa nagaa" in jedhama.”
— Isa. 9:6

“For unto us a child is born, unto us a son is given: and the government shall be upon his shoulder: and his name shall be called Wonderful, Counsellor, The mighty God, The everlasting Father, The Prince of Peace.”
— Isaiah 9:6 (KJV)


Galatoomaa nagaan naaf tura. Ayyaana gaarii !!!


Kristaannummaan guddina Miidiyaa guddaatu nuuf mala Obboloota keessaniif share godhaa biyya hundaan gahaa itti eebbifamaa

        SHARE AND JOIN
      ✍ t.me/jireenyaboruuf
      ✍ t.me/jireenyaboruuf
      YAADA FI GAAFFIIF
      @Dawitpost_bot


#Of_Arguu_Dhabuu!

Of arguu dhabuun (Hypocrisy) rakkoo guddaa jireenya namaa qilee buusudha. Seenaa kana gadii yoo dubbiftee dhugumaan rakkoo of arguu dhabuun nama dhuunfaa bira darbee biyya irraan illee gahu in hubatta. Saba tokkoofi mootii isaaniitu waliif galuu dide. Sabni kun hedduu mootii isaanii irratti ka'anii isa hammeessuu malee didani. Mootiin kun garuu saba kana gaggeessuu irratti jallina hin qabu ture. Isa booda yeroo fincilli isaanii akka malee heddummaatutti karaa itti of arguu dhabina isaanii itti agarsiisu mala dhahuutti ka'e.

Mootiin kun ogummaan waan gaggeeffamuuf sabni kun of arguu dhabuu hamaa keessa akka inni galeefi mootii komachuu malee ofii abboomamuun akka isaan irraa fagaate isaanitti agarsiisuu barbaade. Isa booda abboommii tokko baasee labsii saba naannoo sana jiru hundumaa sanatti labse. Boolla guddaa tokko qochisiisee namni hunduu galgala mana isaatii aannan burcuqqoo tokko tokko fidee akka inni boolla kanatti naqee bulu abboome. Namni isaan eegus hin jiru, kan isaan gaafatus hin jiru...! Haa tahu malee abboommii mootii kanaa qofa dhagahanii akka isaan aannan kana boolla kanatti guutanii bulan abboome.

Isa booda namichi tokko galgala yaada isaatti waatu dhufe "Amma namoonni hedduun yoona kana aannan hedduu boolla sanatti naqanii jiru; ani aannan geessuun ana hin barbaachisu; kanaafuu bishaan burcuqqoo tokko geesseen itti naqee gala, aannan kana hundaa keessaa bishaan burcuqqoon tokko hin mul'atu" jedhe. Isa boodas akkuma jedhe dukkana keessa deemee bishaan sana boollatti naqee gale.

Mootiin mandara sana bulchu ganamaan ka'ee boolla qochisiise sana yeroo ilaalu boolli sun aannaniin osoo hin tahiin bishaaniin guutee arge. Namni hunduu akka namicha bishaan burcuqqoo tokko geesse sanaatti yaadeeti bishaan fudhatee deemee boollatti naqee gale. Hundi isaanii yaada tokko qabu. "Namni hedduun aannan geessa waan taheef bishaan koo burcuqqoon tokko tasuma iyyuu aannan amma kanaa keessaa hin argamu, kanaaf aannan geessuun ana hin barbaachisu" jechuutti hundi isaanii aannan osoo hin tahiin bishaan boollatti naqaa bulani.

Ganama mootichi hunduma isaanii waamee hojii isaaniifi of arguu dhabuu isaanii isaanitti agarsiise. Isaanis qaaniidhaan lafa ilaalaa mana mana isaaniitti galani. Mootiin kunis hunduma isaaniif adaba caalu kenneefii...! Yaa obboloota ko, hedduun hardha Waaqayyoon komatu malee ofii isaanii abboomamuu hin beekani. "Waaqayyo akkas na godhee...akkas na taasisee...na gargaaruu didee...na eebbisuu didee... Cirrrrr....xizzzzzz..." Jechaa oolu...!

Balleessaa dhabuun warra qajeelotaa isaanuma in geggeessa; micciiramummaan warra hin amanamnee garuu, isaanuma in balleessa. (Fak 11:3)

Tole jettanii yoo abboomamtan wanta gaarii lafichi baasu in nyaattu; diddanii yoo ana irratti kaatan garuu, billaan isin in nyaata' jedhee ani Waaqayyo dubbadheera'' jedhe. (Isa 1:19-20)

Waaqayyoon yoo dhageenye, isaaf yoo abboomamne, isa komachuu yoo ofirraa fageessine akka dhuunfaattis, akka waldaattis, akka biyyaattis dhimmatti hin eebbifamneefii hin qabnu. Namni hedduun guddachuu barbaada, dubbachuus barbaada. Rakkoon isaa garuu abboomamuufi taa'ee dhaggeeffachuu irrattidha. Of arguu dhabuun hadurroota hedduu akka leencaatti akka isaan of ilaalan taasiseera.

Isinan Jaaladha!

@highlight

Bayanane dha


#Maraatummaa_aduu_gadii

• Milkaa'uuf dhamaatii guddaa yoo sigaafateyyuu dhamaatiikee balleessuuf yeroo muraasa qofa sitti fudhata.

• Amalli gadheen yeroo nama jalqabu akka qoosaati. Keessaa ba'uun garuu gatii nama baasisa!

• Hojiin dogoggaraakee har'aa sirrii fakkaatee yoo sitti mul'ate, bor garuu dogoggora ta'uunsaa siif gala.

• Sanyii gaariitu deebi'ee sanyii ta'uuf keessaa fo'ama. Midhaan hundumtuu midhaan ta'eef sanyii ta'ee deebi'ee hinfaca'u. Faca'us hinmargu.

• Yeroo ati qalbii dhabdu hiriyaa itti caalchisee qalbii sidhabsiisu osoo hintaanee, hiriyaa qalbii sitti deebisu michoonfadhu!

• Jireenya keessaa jireenyi maraanmartoo jira. Maraanmartoon jireenyaa lafaan martoo ta'ee bakka jalqabaatti nama deebisa.

• Namni hojii ati hojjettu hundumaatti harka walitti siif rukutu sikuffisuuf jiraa beeki, sababnisaa hanqinakee sidhookseera waan ta'eef.

• Namni si'awwaale isa eergati lubbuun dabartee reeffa keetti biyyee deebise hinse'iin, inni sikafane malee si'awwaale miti. Namni si'awwaale garuu nama hanqinakeefi dogoggorakee sitti himuu dhiisetu jiraatti utuu ati lubbuun jirtuu si'awwaale!

• Addunyaa haaraan atirratti waan haaraa hojjettu hinjiru. Wanti haaraan ati addunyaarratti hojjettu garuu sammuukee keessa jira.

• Utuu lubbuun qabeenyaan nibitama ta'ee duuti kan hiyyeessaa qofa ture.

• Biyyoo namni barbaadu kamuu bifa salphaan argata. Warqee argachuun garuu dhamaatii guddaa nama gaafata.

• Ofiikee ofiikeen yoo sakattaate dogoggora baay'ee argatta. Ofiikee namaan yoo sakattaasiste dogoggorrikee hedduun similiqa.

• Maraatuu fayyaa fakkaatuufi fayyaa maraatuu fakkaatuuf hin'oo'ani.

• Namni hundumtuu fayyaa akka jiraatuuf dhalata, maraatummaa keessa garuu ofii isaa of-galcha.

• Gatiikee sumatu qaalomsata malee namni siif qaalomsuu hindanda'u. Kan ati gatiikee gadi of-jalaa buuste eenyuyyuu qaalii siif hintaasisu.

• Nama ta'anii dhalatanii Titiisa ta'anii jiraachuurra, Kanniisa ta'anii uumamanii hadhawaa gara mi'awwaatti jijjiiruu wayya!




"Of amanamummaan waan qabdu osoo hin taane waan uumtudha. Filannoo guyyaa guyyaan, yeroo hunda gootudha."

Barnoota 7 "Humna Ofitti amanamummaa: Tarkaanfiiwwan 9 Ofitti amanamummaa kee guddisuuf, sodaa kee mo'achuufi of jaallachuu barachuu" kan Daniel J. Martin:

1. Gatii Kee Beekuu
Gatii keessaa kee hubachuu fi beekamtii kennuunis bu’uura ofitti amanamummaati. Maartiin namni hundi ciminaa fi amaloota adda ta’an kan gatii isaaf gumaachan akka qabu cimsee dubbata. Of beekuu kana hammachuun of ilaalcha gaarii ijaaruuf murteessaadha.

2. Galmoota Galma Ga’uu Danda’an Kaa’uu
Ofitti amanamummaa guddisuuf galma qabatamaa fi galma ga’uu danda’u kaa’uun barbaachisaa dha. Maartiin dubbistoonni kaayyoowwan gurguddoo ta’an tarkaanfiiwwan xixiqqoo fi bulfamuu danda’anitti akka caccabsan jajjabeessa. Galmoota xixiqqoo kana galmaan ga’uun miira galma ga’iinsaa kan guddisu yoo ta’u, dandeettii ofiitti amanuu kan cimsudha.

3. Sodaa Keessan Fuulduraa
Sodaa mataa mataatti fudhachuun sodaa kana mo’uuf tarkaanfii murteessaadha. Maartiin suuta suutaan waan sodaattuuf of saaxiluu leellisa, kunis yeroon darbaa deemuun humna isaa hir’isuu danda’a. Adeemsi kun dandamachuu ijaaruu qofa osoo hin taane qormaata keessa darbuu yeroo barattu ofitti amanamummaa guddisa.

4. Of Dubbachuu Gaarii Shaakaluu
Akkaataan ofitti dubbannu ofitti amanamummaa keenya irratti dhiibbaa guddaa qaba. Maartiin barbaachisummaa of-haasa’uu hamaa mirkaneessa gaariitiin bakka buusuu ibsa. Marii keessoo deggeru horachuun gatii ofii cimsuu fi yaada ofitti amanamummaa jajjabeessuuf gargaaruu danda’a.

5. Namoota Deeggaruun Of Marsi
Dhiibbaan geengoo hawaasummaa keenyaa xiqqeessuun hin danda’amu. Maartiin namoota dhuunfaa gaarii, si deeggaran kanneen si ol kaasanii fi si jajjabeessaniin of marsuun barbaachisaa ta’uu isaa cimsee dubbata. Hariiroon fayya qabeessa ta’e naannoo ofitti amanamummaan itti dagaagu guddisa.

6. Kufaatii akka Carraa Barnootaatti hammachuu
Kufaatiin yeroo baayyee akka hamaatti ilaalama, garuu Maartiin dubbistoonni akka muuxannoo barumsaa gatii guddaa qabuutti akka ilaalan jajjabeessa. Kufaatii hammachuun guddinaa fi misoomaaf kan hayyamu yoo ta’u, yaada duubatti deebi’uun qaama uumamaa imala gara milkaa’inaatti geessu ta’uu isaa cimsa.

7. Of Fooyyessuun Itti Fufiinsa Qabuuf Waadaa Galuu
Ofitti amanamummaan amala dhaabbataa osoo hin taane amala daayinamikii yeroon guddachuu danda’uudha. Maartiin barbaachisummaa barumsa umurii guutuu fi of fooyyessuuf waadaa galuu cimsee dubbata. Hojii guddina dhuunfaa irratti bobba’uun dandeettii fi beekumsa kan guddisu yoo ta’u, kunis dabaree isaatiin ofitti amanamummaa guddisa.

Barumsi "Humna Ofitti amanamummaa" irraa argame kun namoota dhuunfaa ofitti amanamummaa isaanii guddisuu fi jireenyaaf mala ofitti amanamummaa qabu horachuuf barbaadaniif karoora daandii ta'a. Gatii isaanii hubachuudhaan, galma kaa’uudhaan, guddina hammachuudhaan dubbistoonni dandeettii isaanii banuun guutummaatti of jaallachuu barachuu danda’u.

Kitaaba As irraa argattu: https://amzn.to/3AAl6Az


Moo'attoonni mul'ata qabu, moo'amtoonni hawwii qabu.
Bara itti milkooftu siif haa godhu waaqayyo!! 🙏


Waaqayyo gara kee ni ta'a.!!


Barsiisa Sobaa 'Dag Heward Mills' kanan dubbise keessaa muraasa. Namni kun nama barumsa biyya lafaatiin ogeessa fayyaa ta'e yoo ta'u, barumsa og-waaqummaa /Theology/ hin baranne. Garuu kitaabota pastor keneth Hagin dubbisaa nama guddatedha. Keessattuu barumsa Hermeneutics jedhamu kan waa'ee tooftaa hiikkaa kitaaba qulqulluu barsiisu takkaa hin baranne. Gabaabumatti namoonni barsiisa kenet hagin hordofan hundi isaanii faallaa dubbii waaqayyooti. barsiisota sobaatisi. Sababni isaa barsiisni kanneen armaan gadii kana waan of keessatti qabatuuf:
1. Yaadama 'word of faith' jedhamutti amanu. yaadamni kun muraasni sirrii haa fakkaatuyyu malee dogoggora guddaa of keessaa qaba. Kunis amantiidhaan waan hin jirre jiraachisuu ni dandeenya kan jedhu of keessatti haammata. Namni amma lafarra jiraatu umuriisaa ofiif murteeffachuu danda'a jedhanii amanu. Garuu Hagin mataansaa waggaa 120n jiraadha jedhee ture. Haata'u malee waggaa 86tti boqote. Barsiisni kun deemee deemee nuti waaqa xixiqqoodha kan jedhutti waan geessuuf jireenya kirisataanummaa keessatti dogoggora guddaadha.
2. Yaadama 'Prosperity Gospel' ( wangeela badhaadhinaa) warra adeemsisan keessaas akka Afriikaatti adda dureedha. Kunis sirrii fakkaata garuu dogoggora guddaadha. Namni jaalala horiin akka qabamu taasisa. Jireenyi namaa material irratti qofa akka xiyyeeffatu godha. Faallaa sagalee waaqayyooti. Hiyyummaan abaarsa jedhu. Hanga biyya lafaarra jirtanitti rakkinni isinirra jira isa jedhamee barreeffame hin fudhatani.
3. Hagin Yesus nama yeroo jalqabaatiif lammata dhalate akka taʼe barsiiseera: sababni inni lafa kaa'us "inni akkuma keenya waaqarraa adda baheera waan ta'eef" jedhee barsiiseera. Lammata dhalachuun dhala namaatiifi kan barbaachisu malee Iyyesuus waaqa guutuu ture. kanaaf barsiisni kunis barsiisa sobaati.
4. Nuti waaqa wajjin walqixa. kana qofa osoo hin taane nuti Kiristoosi jedhanii barsiisaniiru. ( maddi isaa Kenneth Hagin, Zoe: The God-Kind of Life, 1989. Fuula 35-36, 41. Irraa fudhatame)
5. Fayyinni hin fudhatamu al tokko erga fayyine akka barbaannetti yoo jiraanne rakkoo hin qabu jedhanii amanu.
6. Walumaa galatti Hagiin barsiisa dogoggoraa kan akka nuti waaqa xixiqqoodha, Yesuus Cubbamaa ta'eera, Yesuus seexanatti jijjiramee ture, waan hin jirre garaa jiraataatti fiduu ni dandeenya fi kkf nama barsiisee ta'ee osoo jiruu Dag Hiward Mills barruu isaa " healing Jesus campaign" magazine jedhamu irratti akkas jedhee waa'ee Hagin dhugaa bahee jira. "Keneth Hagin raajii guddaa, tajaajilaan fayyina kennaa nama turedha. Akkamitti akkan tajaajila shaakalu na barsiiseera. Barumsa isaa irraa funaanuudhaan waa'ee tajaajila baruu danda'eera. Inni Abbaa hafuuraa kooti" Jedhee barreesseera. (maddi isaa Healing Jesus Magazine 32nd Edition irraa fudhatame)
Dag Hiward Matansaa akkas jedhee barsiiseera
1. Haadha manaa hiikuun rakkoo hin qabu.
Waaqayyoyyuu saba Israa'eeliyyuu hiiikeera. Iziraanis saba Israa'eeliitiin haadha manaa ormootaa kan fuutan hiikaa waan jedheef.
2. Haadha manaa Baayyee fuudhuun ni danda'ama. Fkn.
i. uumama irraa barachuun ni danda'ama. Bineensonni akka saree haadha manaa tokkoo ol qabu.
ii. kitaaba qulqulluu irratti namoonni nuti duukaa buunu haadha manaa tokkoo ol qabu kan akka Abrahaam, Yaaqoob, Daawwit, Salamoonfaa....
3. Kitaabasaa "Gospel Salvation" jedhu irratti namni Hafuura jedhee barreesseera.
Walumaa galatti Keneth Hagin Abbaa barsiisa sobaa Addunyaa yoo ta'u, ilmi isaa Dag Heward Mills immoo abbaa barsiisa sobaa Afrika jedhamuun beekamu.
Kanaaf namoonni yeroo ibsan Bushriin ni dhaabe, Dag Heward bishaan obaase seexannimmoo ni guddise jedhu mitiiree!
Waaqayyo hubannaa nuuf haa kennu!


Kristaannummaan guddina Miidiyaa guddaatu nuuf mala Obboloota keessaniif share godhaa biyya hundaan gahaa itti eebbifamaa

        SHARE AND JOIN
      ✍ t.me/jireenyaboruuf
      ✍ t.me/jireenyaboruuf
      YAADA FI GAAFFIIF
      @Dawitpost_bot


-Gaarummaan gochaan malee jechaan salphaadha.

-Qajeelummaan amala nama qarooti.

- Akkuma mataa keetif yaaddutti isa kaaniifis yaadi.

- Waan hin danda'u jettee of amansiiste eeyyeen yoommiyyuu hin dandeessu.


- Gatiinii fi bakki ofiif kennitu eenyummaa kee ni murteessa, Yaadni/ ilaalchi ofiif qabdu hamma geessu fi bakka geessu murteessa.

- Namni ilaalchaan kufuu fi moo'achuu danda'a.

- Mul'ata kee bira ga'uuf rakkoo har'aaf harka hin kennin.

- Karaan mula'ata kee ittin milkeessitu cimtee hojjechuu qofa.

- Wanti osoo aarsaa yookiin gatii malu him kanfalin namaaf milkaa'u eeggattummaa qofa.

-Haalli mijataan galma barbaadan ittin ga'an hin jiru, haala hin mijanne mijeeffatta malee.

- Gaafa mul'ata kee milkeessuf hojjechuu eegaltu namni si onnachiisu akkuma jiru kan abdii si keessatti coollogsee goggogsu baay'eedha.

- Namoota ilaalcha jal'aa mul'ata kee irraa eeguu qofa osoo hin taane irraa fagaadhu.

- Hordoftoota baayyee qabaachurraa mul'ata sirrii qabaachuun filatamaadha.

- Jireenya kee jijjiiruuf yeroo yeroodhan of haaressaa deemuun barbaachisaadha.

- Daandii bal'aan ofii keetif irra deemtee beekumsa addunyaa harka keetti galfattu inni guddaa fi bal'aan dubbisuudha.

- Warshaan guddaan addunyaan nuti irra jiraannu qabdu sammuudha.

- Golgaan jireenya keetii akka siif saaqamuuf kaayyoo keetin dandii qajeelaa qabachuu qabda.

- Kaayyoo keetif gugguufuun garbummaa miti. Jireenyi kaayyoo hin qabne akka doonii koompaasii hin qabneeti.

- Agarsiistuun kaklattii jireenya keetii kaayyoo keeti.

- Xiyyeeffannoon kee gara mul'ata keetii ta'u qaba.


- Namni doloolloo si hin ceesisne galaana guddaafis hin abdachiisu❗


Kristaannummaan guddina Miidiyaa guddaatu nuuf mala Obboloota keessaniif share godhaa biyya hundaan gahaa itti eebbifamaa

        SHARE AND JOIN
      ✍ t.me/jireenyaboruuf
      ✍ t.me/jireenyaboruuf
      YAADA FI GAAFFIIF
      @Dawitpost_bot


Kaayyoo koo dan repost
#GATII_JIREENYAA
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
Dargaggeessa tokkotu Abbaa isaatiin “Gatiin Jireenyaa hagamii?” Jedhee gaafate. Abbaan isaas deebii kennuu dhiisee waan tokko isa Abboome. “Hoodhu dhagaa kana gara gabaa tti geessi. Yoo namni gatii isaa sigaafate qubakee lamaan ol qabi. Achii booda waan isaan jedhan dhaggeeffadhuu gara manaatti deebi’i.” Jedheen. Mucaanis akkuma abbaan jedhe dhagaa fudhatee dhaqee #gabaa walakkaa dhaabbate.
- Namni tokkos dhufee “gatiin dhagaa kanaa meeqa? Fudhee galeen mooraakoo keessa kaa’a “ jedhee gaafate. Mucaanis utuu homaa hin dubbatiin quba isaa lamaan ol qabe. Achii namtichi “qarshii lama jechuu keeti fakkaata siifan kennakaa” jedheen. Mucaanoo kanumaan firinxiixee gara manaatti galee mudannoo isaa abbaa isaatti hime.
- Abbaan isaa, “Ammammoo dhagaa kana fudhii gara #Muuziyeemii deemi” jedheen. Mucaanis akkuma itti himame dhagaa isaa fudhatee dhaqee Muuziyeemii balbala dhaabbate. Tokko itti dhufee “gatiin dhagaa kanaa meeqa? Muuziyeemii kana keessan kaa’a” ittiin jedhe. Gurbaan ammas akkuma amala isaa quba isaa lamaan olqabe. Namtichoo “qarshii kuma lama jechuu keetii? Maarree siifan kenna “ jedheen. Mucaan ammas utuu homaa hin dubbatiin fiigee gara manaatti gale. Mudannoo isaa gara Muuziyeemiis Abbaa isaatti hime.
- “Amma immoo dhagaa kana fuudhii lafa #dhagoonni_gatii_jabeeyyiin itti gurguraman dhaabbadhu” jedheen Abbaan isaa. Ammas mucaan dhagaa isaa qabatee lafa dhagaa gatii jabeessi itti gurguraman deeme. Abbaan warshaas itti dhufee “ Namana waan kana eessaa argattee? Kun bar baay’ee qaalii dha darbee darbee malees hin argamu. Ofii meeqa jetta gatii isaa? Jedheen. Mucaan akkuma amala isaa suuta jedhe quba lama ol itti qabe. Namichis gammadee “Milliona lama jechuu keetii? Yoo ta’e nan bita” jedheen. Mucaan naasuu guddaadhaan akka Harree faacha ciniinteetti arreedee manatti gale. Achii harganaa waan isa mudate Abbaa isaatti hime.
Abbanis “ yaa ilmakoo amma gatiin jireenyaa waan siif gale natti fakkaata “

jedheen. Itti dabalees “
Argitee ilmakoo gatiinkee kan inni shallagamu eessaa akka dhufteef eessaan akka dhufteen miti. Eessa akka of keessee jirtuuf lafa ati of dhaabdeen shallagama.

Tarii haga ammaatti jireenyakee kanaaf tilmaama qarshii lamaa laattee jirta ta’a ykn kuma lama. Waan gatii jabeessa sikeessa jiru namoota arguu hin dandeenye bira yeroo ooltu gatii isaan sitti baasaan xiqqaa waan ta’uuf sanuma amantee fudhachuudhaan of cabsitee jiraatta. Eenyu giddu akka ooltu, eessa akka of keessee jirtu tu gatiikee shallaga. Jireenya keessatti adda addummaa kan fidu kana. ilmakoo ilaalladhuu taa’i, ilaalladhuu deemi, ilaalladhuu shirkoomi” ittiin jedhe. Akka irraa barattan abdii guddaan qaba.
☆☆☆☆☆
#Share👇👇👇
➦ Gαℓαтσσмαα!!!
         Υєʀσσ Gααʀιι
Yaada: @Kaayyoobot
👇👇👇👇👇👇👇
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
   @Kaayyookoo
   @Kaayyookoo
            🔺ᴊᴏɪɴ🔺


Har'a immoo chaanneelii haaraa tokko siniif fidee dhufera. Maal eegdu ree amma #Join gochuun fayyadamaa ta'a.
         Join quotes
         Join motivational
         Join life action
Yaada dhoksaa keessa namaa jiru beekuuf amma garee keenya ta'a


🗺️ Free promoter:- @Jireenyaboruufbot Yookiin @Jireenyaboruuf quunnamaa!




Gab Narraa Goote - Hirpha Bahiru New 2024 ❤️‍🔥🔥💥

Join: @jireenyaboruuf


WANTOOTA ABJUU DHALOOTAA AJJEESAN!
▬▬▬▬▬▬▬▬
1) Abdii kutannaa: Namni abdii kutate har'a qofatu itti mul'ata; fuuldurri isaa dukkana. Kanaafuu egereen kee borii akka hin du kkanoofneef abdii kutachuun barbaachisaa miti. Dhaloota abdiidhan jiraatu haa taanu.

2) Gabaabsanii yaaduu: Egeree ofii gabaabsanii yaaduun doofummatti nama gata. Daandii nu milkeessuu fi nu kuffisuu danda'u sirriitti kan nuti adda baafannu; fageessinee yeroo yaadnudha. Kanaafuu dhaloota fageessee yaadu haa taanu.

3) Sirna Addunyaa fi imala karaa addunyaa adda baafachuu dhabu: Sirnootni addunyaa kana keessa jiran kan nama fayyadan akkuma jiran faallaa isaa immoo kan baay'ee nama miidhanis sirriitti jiru. Kanneen kana adda hin baafannu yoo ta'e abjuun keenya kufuuf lakkoofsa tokko irra jira. Abjuu keenyaa fi kaayyoo keenya milkeessuuf sirnootni addunyaa kana keessa jiru adda baafachuun barbaachisaadha.

4) Jijjiiramaaf qaama biroo eeguu: Jijjiiramaaf qaama biroo eegna yoo ta'e hirkattummaa jalatti kufna; abjuu keenyatu maseena. Kanaafuu abjuun keenya akka hin maseenneef jijjiiramaaf hojjechuun barbaachisaadha. Dhaloonni qubee dhaloota jijjiirama fidu malee dhaloota jijjiiramaaf qaama biroo irraa eegu miti.

5) Yeroo ofii seeraan fayyadamuu dhabuu: Abjuu keenya milkeessuu keessatti yeroon nuti qabnu baay'ee murteessadha. Yeroon warqeedha. Itti fayyadamnaan boollaa nama baasa; itti hin fayyadamnu yoo ta'e garuu bool'a nama buusa. Yeroo duukaa fiiguun galma keenya qaqqabuuf hojjechuun abjuu keenya milkeessuu keessatti ga'ee ol aanaa qaba.

6) Of tuffachuu: Dhalli namaa beekaas haa ta'u wallaalaan karoora mataa isaa ni qabaata. Akkasuma haa guddatu, haa xiqqaatu abjuu mataa isaa ni qabaata. Yeroo kallattii garagaraatiin teenyee yaadnu wantoonni haamilee nu buusanii abjuu keenya doomsan jiraachuu malu. Nuti garuu abjuu qabanne galmaan gahuuf hojii tokko keessatti of tuffachuun hin barbaachisu.

7) Hiyyummaa kunuunsuu: Abjuu ofii kunuunsuu keessatti hiyyummaa kunuunsuun hin barbaachisu.


Har'a immoo chaanneelii haaraa tokko siniif fidee dhufera. Maal eegdu ree amma #Join gochuun fayyadamaa ta'a.
         Join quotes
         Join motivational
         Join life action
Yaada dhoksaa keessa namaa jiru beekuuf amma garee keenya ta'a


🗺️ Free promoter:- @Jireenyaboruufbot Yookiin @Jireenyaboruuf quunnamaa!

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.