Arraata Biyyoolssaa Oromiyaa dan repost
Qonnaan bultootni dirqiin qamadii fi ruuzii akka qotan taasifamaa jiraachuun barame.
ONM-ABO Hagayya 2,2023 Murni bilxiginnaa erga qamadii alatti ergina jechuun miidiyaan dubbate ooyiruu qonnaan bultoota gara misooma qamadii fi ruuziitti deebisuun qonna duraan fayyadamaa turan humnaan dhaabsifamuun rakkoof saaxilamaa akka jiran dubbatu.
Qonnaan bultoota Oromiyaa cufa keessa jiraniin ooyiruu keessan qamadii fi ruuzii qotuu qabdu jedhamuun caasaaleen murna bilxiginnaa bakka bulchaa jiranitti dirqamsiisaa kan jiran yoo ta'u, sababa kanaanis midhaan ittiin maatii isaanii jiraachisan hin qotatin ba'aa jiraachuu dubbatu.
Qonnaan bultootni kunneen waan murni bilxiginnaa siyaasa isaa miidhakfachuuf hojjechaa jiruun, rakkoon beelaa akka itti dhufuu danda'u tilmaamuun, qonni qamadii fi ruuzii haala qilleensaa osoo adda hin baasne humnaan geggeeffamaa jiru kasaaraa malee bu'aa nuuf hin qabu jedhan.
Qonna qamadiin oomisha allatti ergine jedhan kanas, bara oomishaa kana qonnaan bultoota Oromoo Arsii fi Baalee irraa dirqamaan gatii gadi buusanii bitaa turan.
Oomisha qamadiin alattis uummatni dirqiin booyyee akka horsiisu karaa waajjira qonnaa dirqamsiisaa jiru.
Murni bilxiginnaa oomisha qonnaan midhaan nyaataa irraa hafaa oomishne jedhanis baatii Adoolessa darbee dhimma qamadii kadhachuu irratti pirezidaantii Yuukureen waliin Abiy Ahimed dubbachuu fi impaayerattii keessatti namootni miliyoona 20 ol ta'an gargaarsa kanneen barbaadan ta'uun ni beekama.
Godina Arsii bahaa aanaa Zuwaay Dugdaa keessatti dararaan uummata Oromoo irratti raawwatu jabaate.
ONM-ABO Hagayya 2,2023 Godina Arsii bahaa aanaa Zuwaay Dugdaa keessatti waraana murni faashistii PP bobbaaseen uummatni nagaan qe'ee isaa irratti dararamaa jira.
Kaleessa Hagayya 1,2023 halkan sa'a 4:00 irratti waraanni maafi'aa PP magaalaa Ogolchoo irraa gara magaalaa Caffee Jilaa dhaquun uummata gadi baasanii reebuun namoota lama badii tokko malee qabanii deeman.
Namootni qabaman kun Amaanaa Roobaa fi hojjetaa fayyaa Muusaa Ayyaanoo jedhamu yoo ta'u, namootni kun qabamuun erga reebamanii galgaluma edaa magaalaa Ogolchootti geeffamuun barameera.
Kana malees magaalaa Caffee Jiilaa keessatti nama tokko irratti qofa rasaasa 25 dhukaasuun namichi harkaa ba'e.
Aanaa Zuwaay Dugdaa kana keessatti waraanni Abiy Ahimed barcuma siyaasa isaa tikfachuuf bobbaaseen qonnaan bultootni, hawaasni daldalaa fi barataan kan goolamaa jiran yoo ta'u, tajaajilli aanichaa kamuu waraanaaf ooluun hawaasni Ambulaansii illee dubartoota ulfaaf dhabuun lubbuun darbaa akka jiru gabaasuun keenya ni yaadatama.