Shagar post


Kanal geosi va tili: ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa: ko‘rsatilmagan


Odeeffannoo dhugaa yeroo waliin!
Contact: @shagarpost

➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖

Связанные каналы

Kanal geosi va tili
ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa
ko‘rsatilmagan
Statistika
Postlar filtri


price list 💲

#Instagram

1000 real followers = 10 $
1000 fake followers =5 $
1000 like = 2 $
1000 views video = 4 $
200 Comments =2 $

#telegram

1000 channel fake members = 4 $
1000 channel real members = 8 $
1000 channel optional members = 16$
1000 post view = 2 $
1000 group fake members = 6 $
1000 group real members = 10 $

- sample works of services in top ⬆️

Order Advice and Registration:👇
🆔 @shagarpost




VOA Afaan Oromoo dan repost
Gareen “Diaspora Trust Fund” Jedhu Meeshaalee Vaayiresii Koronaatti Duuluu Gargaaru Itiyoophiyaatti Erguu Beeksise
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5408729.html

Biyyoota alaa keessa kanneen jiraatan lammiiwwan Itiyoopohiyaa fi hidda dhalata Itiyoopiyaa baasii baasanii fi hooggana isaaniin kan socho’u gareen “ Dayaspora Trust Fund” jedhau COVID-19 ittisuuf kan oolu meeshaa wal’aansa fayyaa Itiyoophiyaatti erguu isaa beeksisee jira.


Itiyoopiyaa kan dhaqqabe meeshaa qarshii miliyoona 40tti hedamu ga’uu gareen kun kaleessa ibsa baaseen beeksiseera.


VOA Afaan Oromoo dan repost
Garee Hidhate Ka Naannoo Amaaraa Mootummaa Waliin Walii Galtee Irra Ga’e
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5408477.html

Mootummaan naannoo Amaaraa garee hidhatee Gondor kaabaa keessa sosso’aa ture waliin walii galtee araaraa irra ga’ee jira. Akkuma kanaan paartiin biyya bulchu kan naannoo ajaja inni kanneen hidhatan kiikkatanii hawaasatti akka makaman gochuuf tattaaffii inni godhe jedhameera.


Yeroo torban lama hin guunne keessatti walii galteen ka biroon garee hidhattee sosso’uuf koloneel mesaafintiin hoogganamaa ture waliin irra ga’amuun isaa ni yaadatamaa jetti Asteer Misgaanaaw Baahir Daar irraa.


Jawar Mohammed dan repost
Waggaa 18 dura Adaamaatti barataan ture. Lafa amma Boolee jedhaniin tan Adaamaatti amma ganda jabaa taate san, gaafas xaafii qonnaan bulaatu irra jira. Firri kiyya tokko mana achitti jaarachuu eegalee anis san too’adhaaf. Tanuma keessa bakka amma General Hospital jiru kana lafti ijaarsa hopitaalaaf kenname jechaa dhageenye . An yero yeroon bakka tana bira ol dabree mana fira kiyyaa jaaramaa jiru san laalee gadi deebi’a. Ganamaa galgala yeroo ani deddeebi’u kana nama qal’aa tokkotu achumaa waa sisirreessa. Ganamaa galagala, guyyaa mara achuma jira. Yoo kiyyaa waardiyyaa, yoo akkam jabaate hojjachiisaa natti fakkaata ture. Gaafa tokko itti dhiyaadhee gaafadhe. Abbaan qabeenyaa isa ta’uu hubadhe. Na ajaaibe. Namni qaamaan huqqqataa kan hojjataa waliiniifi erga isaan galaniihis hojjatu kun abbaa qabeenyaa hospitaalcha jaaramuu ta’uun na ajaa’ibe. Roorroo lafa sanirratti itti aggaamamaa ture irra aanee fixee waggoota dheeraa booda Ameerikaatti wal agarre. Maalif hospitaala san akkasitti ciniinnatee bira dhaabbatee jaarsiste? Ati dureessaa kubbaaniyyaa ramaddee maaf hin hojjachiifne haga aduu keessa bira dhaabattee awwaara dhugaa turte jedheen gaafadhe. “ Ilma kiyya” jedhe “ ee ani dureessa. Rabbiif galanni haa gayu. Warri akka kiyyatti rabbi qabeenna kenneef gaafa dhibame biyya alaa deemee wal’anama. Fedhu Ameerikaa, fedhu Awuroppaa takkaa Eesiyaa. Kan hanga keenya qabeenya hin qabne hoo horoo dhabaaf osoo fayyuu danda’uu maalif du’a? Kanaafiin jaare. Ammas hanga garaa kiyyaa hin geenye. Ganaa guddifna” naan jedhe.

Yaadannoon lammataa, bara Qabsoo Qeerroo san yeroo diinni ummata keenya fixu san, yeroo kilinakaafi hospitaalli dhuunfaa hedduun madoo teenya fudhachuu sodaatan san, Kabiir Huseen nu cinaa ture. Joollee hiriira irratti rukutamteefi kanneen lola daangaa Mooyyalee hanga Bordoddee madayaa turte, ofitti fuudhee nuuf wal’aanaa ture. Kaffaltii malee. Waanin yaadachu keessaa yeroo bulchiinsi hospitaalichaatuu baasiin humnaa ol nutti ta’e jedhanii mataa maran, Kabiir warra madoo fide san alatti nyaaraan waamee maallaqa ofiii itti kennee hopitaaluma sanitti kan galmee kafalanii akka galchan godha ture. Hospitaala isaattti qofa hin turre. Hospitaalota Phaawulos fi Xuqur Anbassaa joollee cibsineef dhoksaan kaffaltii raaw’ata. Qoricha bitaaf ture. Maallaqa qofaanii miti. Madoo sanniin irra deemee gaafatee jajjabeessa ture. Gaafa tokko nama rasaasaan qaama hormaataa cinaa rukutamee fincaan ofirraa baasuu hin dandeenyetu geeffame. Namni sun nama baadiyyaati. Naasuufi leeyya’uu irraa kan ka’e narsoota gargaarsifatuu rakkata ture. Kabiir kana argee gadi taa’ee ofumaaf gurbaa san gargaaraa ture jajjabeesse. Kabiir namooma akkanaa qaba ture.

Baruma qabsoo san Ameerikaa dhufee wal agarree turre. Osoman achi taa’uu gabaasni wahii natti dhufeen maxxanse. Qabeenya wahiitu gubatee ture. Namni maxxansa kiyya arge qabeenyi miidhame sun keessa kan Kabiir Huseen akka jiru naaf hime. Rifadheetin dhaqee dhiifama gaafachuuf itti hime. Kabiir Huseen waan jedhe beektuu “ Qabsoo Oromootif bu’aa buufnaan qabeenyaa mitii Qeerroon anaayyuu haa gubdu” jedhe garaa na raase. Kabiir Oromoo akkasii ture. Oromoo lafeen dhuka Oromummaatin guutame. Dureessa hojiin argatee, waan qabu sabarraa hin qusatin.

Kabiir Huseen Waaqoo akkanaanin beeka. Gootummaa, arjooma, namummaafi Oromummaa isaa anuu waan beeku hunda hin himne. Maalayyaa warri umrii isaa guutuu wal beekuufi waliin hojjate. Nama jaabaa dhabne. Gaaddisa guddaa tokkotu nurraa kufe. Galata ummata kanaaf ooltee jannataan qanani’i jennaan. Maatiifi hiryootaaf jajjabina hawwina. Ilmaan isaatiin waan inni huurkaa isaa xuruuree dhaabe kana, daran guddisaa, maqaa isaa bara baraan jiraachisaan dhaamsa kiyya. Sabnis isin cina jira.


Jawar Mohammed dan repost
KABIIR HUSEEN WAAQOO

Har’a Adaamatti nama tokko gara fuula rabbii geggeessine. Nama Oromo tokko. Nama sirna qabu tokko. Nama gootaa tokko. Nama arjaa. Hayyuu. Nama keenya tokko oonyee geggeessine. Namni sun Kabiir Huseen Waaqoo jedhama. Namni hedduun abbaa qabeenyaa Adama General Hospital jaaree saba boonse ta’uu isaatiin irra caalaa beeka. Garuu seenaan nama kanaa, hojiin isaafi gumaatni ummata keenyaaf godhe hedduu dheetuudha. Ilma qonnaan bulaa kalooytaa sheekkotaa harkaan hodhee qarshii 80 walitti qabatee daladala eegalee as gahe. Sabboonaa bara Maccaa Tuulamaatii hanga gaafa gara fuula waaqaa deemutti qabsoo tana biraa gochaan hin hafin, Kabir Huseen Waaqoo! Seenaan isaa dheetuu. Warri waliin jiraate, hedduu nuuf himuu danda’an. Ani haguma beeku keessaa waa sadeen takka isiniif haa himuu.


Robale Tube dan repost
♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️
━━━━━━━━━━━━━━━━━
Afaan Oromoo yoo hin jalaannee akkamitti Afaan biroo jalaachuu dandeenya?

Chaanaloota Afaan Oromoo jalaatamoo isiiniif dhiyeessinee kanneen itti dabalamuun (Join gochuun) Afaan keenyas guddisaa irraas baraadha.

━━━━━━━━━━━━━━━━━
If you need to register your channel inbox @robi17

POWERED BY @HawiPromotion




Oro promotion dan repost
#BREAKING_NEWS


Odeeffanno Haala


Yeroo argachuu yoo barbade....






#DrLiaTadesse
Minisirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan giddugala yaala vaayrasii koroonaa Eekkaa Kootabee daawwatan.

Wayita daawwannaa isaanii, tajaajjilli yaalaa yaallamtootaa dhibee vaayrasii koroonaaf kennamaa jiru fooyya’a dhufuu himaniiru.

Dooktar Liyaan namoota dhibicharraa guutumaan guutuutti dandamatan dubbisaniiru.

Namoonni giddugala kanatti yaallamaa turan tajaajilli argataa turan daraan gaarii ta’uu ibsaniiru.

Giddugalichi yeroo ammaa dhukkubsattoota COVID -19f tajaajila wallaansaa yaalaa kennurratti argama.

@shagarpost


Just zena Farre..........love dan repost
#Juwaar
Jarri ammallee koronaa sababa godhattee nu garboomsitee itti fufuu feeti
JOIN JUWAR OFFICIAL CHANNEL

@shagarpost








VOA Afaan Oromoo dan repost
Awwaanisii waan nyaatu barbaada yaa'u kaan Boorana aanaa Waacilletti midhaan balleessee bisaan hadheessee nama kuma hedduu onaa  baase 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/awwaanisii-waan-nyaatu-barbaada-yaa-u-kaan-boorana-aanaa-waacilletti-midhaan-balleessee-bisaan-hadheessee-nama-kuma-hedduu-onaa-baase-/5407435.html

 




Gaafa ji’a afuriin duratti Yemen,Somaalee fi biyya ollaatii Itoophiyaa gama kibaatiin  Mooyyalee fi Miyoon irraa gadi dhufe kaan yoo fagoo laalan waan daalattii,yoo tokko tokko ammoo duumansa gurraacha fakkaata. 


Awwaanisii waan nyaatu barbaada Itoophiyaa irra maruutti jiru kun ammallee Itoophiyaa gama kibbaa irra maruutti jira.


Akka daarkterii tohannoo biqiltuu mininistera qonnaa ,Zebdiyoos Salaatoo jedhetti awwaanisii gannatti marroo sadii afur dhufuu dandaha. 


Hoomoo,Konsoo,gara Taltallee,Gujii fi amma Boorana gahee horuutti jira jedha. 


Akka itti guddaan biiroo qonnaa fi qabeenna godina Booranaa,Mohaammad Abbaa-Qoodaa jedhetti awwaanisii gaafas dhufe ilmaan dhalee yaahe. Bokkeen roobee laftii itti toltee jennaan amma babbaqafatee lafa keessaa yaahuutti jirti. 


Raammoon tun waan irraa gortuu hin qabdu,haga km 20 lafa qarxii kuma hedduu fudhattee yaahuutti jirti jedhee torbaan dabre nutti hime. 


Akka kanaan awwaanisii kun abbaa warraaa 12 caalaa nama kuma hedduu baqachiise jedha. 




Bineensii kun midhaanii fi waan baalii dottaatuu irraayyuu hin goru. Haadhoon tokko akka aabba Mohaammad jedhetti okokkkaan 85-150 dhaluu dandeetti jedha. 


Awwaanisii kun amma Areerootti yaahuuti jira. Warrii Taltallee bineensa midhaan nyaaty kana hadhuma hadhee ufi irraa dhowwe. 


Waacilleelleeti akka I/G/B/Qonnaa godinaa jedhetti nama 200 caalaa itti bahee hadhe ammoo humna isaaniiti oli.


Mootummaan Federaalaalleen qorsa awwaanisa kanan balleessaan fuuttaa barmeela hedduu gargaarsaan dhufeenii hadhuuniitti jiran. 


Amma rakkoon jabduun warra baqatee bokkeennii alatti dhanuutti jiru kana akka itti gaafatamaan biiroo qonnaa godinaa jedhetti. 


Itoophiyaatti awwaanisii akkanaa akka obboo Zebdiyoos jedhetti aanaa 13 keesatti argan taatulle gama Booranaa kanaan ammallee dhufumatti jira. 


Yoo kun darellee ammallee hinuma dhufaa taatullee harkaa nama hin baane jedhe.


Mootummaalleen akka jecha isaatti xuyyuura Sagatanaan Nyaata Addunyaa,FAO kireeffatee sadii itti argatee awwaanisa kana biyya irraa dhowwuutti jira. 


....typing life....? dan repost
❗️❗️❗️❗️❗️❗️❗❗️️❗️
❗️ 💯
❗️BEKKISIAA CHANNEL
❗️
❗️GALMEEF M5 WOL QOFA
❗️
❗️PROMOTION KENYAA ❗️QULQULINA QABAA
❗️WOERN CHANNEL M5 ❗️️WOLII QABDAN GARAA ❗️KANAN GALEEFACHUU ❗️DANDEESSUU
❗️
❗️GALEEF ❗️@ABC_PROMOTION
❗️
❗️ERGAA BARATOOTTAAF
❗️
❗️WALALOO WAN HUDDA
❗️
❗️WAN AJIBAA TAHEE ❗️HARDOFUF OK ❗️GADHII ❗️⚫️🔴🔵⚫️🔴🔵⚫️🔴

JOIN




​​Eebila 27, 2012 #Ityoophiyaatti namoota dabalataa #5 irratti vaayrasiin koroonaa argame.
Sa’aa 24 keessatti qorannaa laabraatoorii samuudaa 1047 gaggeeffameen namoota 5 irratti vaayrasichi argamuun mirkanaa’era.
Namoota kanneen keessa 2 seenaa imala kan qaban yoo ta’u, namoonni 3 seenaa imalaa kan hin qabnedha.
Dhiironni 2 umriin isaanii 25f 22 ta’an Jibuutirraa deebi’anii tursa dirqii Affaar keessa kan jiranidha.
Dubartoonni lama jiraataa magaalaa Finfinnee yoo ta’a, nama vaayrasichaaf saaxilameen tuttuqii qabaachuu fi dhiisuun isaanii qoratama jira.
Tokkommoo ammoo jiraattuu magaalaa Baatuu kan taate yoo ta’u suunaa imalaa fi nama vaayrasichaaf saaxilameen tuttuqii kan hin qabnedha.
Qorannaa laabraatoorii amma ammaatti Ityoophiyaatti taasifame 25,135 namoota 145 irratti vaayrasiin koroonaa argamuu ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.
Kana keessaa kan dandamatan 91, kan du’an 4, gara biyya isaaniitti kan deebi’an 2, yaala addaa keessa kan jiran ammoo 48.

Maddi: FBC

@shagarpost
#shagarpost

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.

614

obunachilar
Kanal statistikasi