Dhimma Og-barruu!
Galaa egereef keenyee
Biyya lafaarraa tarru
Hin dhiisu,nan dubbadha
Anis waa'ee og-barruu!
Aartii jechuun ergama
Miti daldalaaf bu'aa
Akkuma afaaniif aadaa
Ni dhalata, ni du'a!....
Og-barruu jechuunumtuu
Ogummaa barreessuudha
Ulaagaasaa eeganii
Dhalootaaf tarreessuudha
Boru akka hin taaneef
Nama dhaloota hube
Beekumsaan barreessuudha
Sirnaan eeganii qubee
Meeqatu nuun gahuudhaaf
Laboobni ibiddaa gube?
Gaafa aartiitti seennu
Miira hawaasaa dubbifna
Gaddu waliin gaddinee
Yoo gammade shubbifna
Dhugaa argaaf dhageettii
Laallee gamaaf gamana
Dhaloota dhufaaf dabraaf
Ol kaa'uudha namana!.....
Malee....
Walaloon dhama malee
Kan hin rukunne mana
Asoosamni hin barsiifne
Kitaaba miti anaa!....
Dubbii gandarraa guurree
Hayyoota akkeessinee
Faayidaa ofiif jecha
Kitaaba fakkeessinee
Dhalootaaf keenya taanaan
Kun hin ta'u cubbuudha
Aartiin dhimma sabaati
Og-barruun bar lubbuudha!..
Ajandaa torban tokkoo,
Kan namarraa woraabne
Kitaabadha yoo jenne
Nutu egeree woraane
Og-barruu gudeeduudhaan
Dhalootaan gaafatamna
Garaaf jiraataa taanee
Seenaadhaan yaadatamna
Gufuu nuti har'a dhaabnuun
Dhalli keenya maaf caba?
Kanaafuu akka taanu
Na dhageessuu yaa sabaa
Madaa keenya qoorsina
Hin boonyu kulkulchinee
Bargocha bilcheessina
Oolchinee bubbulchinee!....
Walumaan gidirfamaa
Kufaa cabaas okkolaa
Sadii afur gulaalchisaa
Gaafatama ofkolaa.....
Utubaaf dagaleedha
Ijaaree gad sidhaabaa
Yoo bilcheeffatte malee
Gad hin baasin kitaaba!
✍️.. Riyaad
Join
@Aliyyee360
@Aliyyee360
@Aliyyee360
@Aliyyee360
@Aliyyee360
@Aliyyee360
@Aliyyee360
@Aliyyee360
@Aliyyee360
@Aliyyee360
Galaa egereef keenyee
Biyya lafaarraa tarru
Hin dhiisu,nan dubbadha
Anis waa'ee og-barruu!
Aartii jechuun ergama
Miti daldalaaf bu'aa
Akkuma afaaniif aadaa
Ni dhalata, ni du'a!....
Og-barruu jechuunumtuu
Ogummaa barreessuudha
Ulaagaasaa eeganii
Dhalootaaf tarreessuudha
Boru akka hin taaneef
Nama dhaloota hube
Beekumsaan barreessuudha
Sirnaan eeganii qubee
Meeqatu nuun gahuudhaaf
Laboobni ibiddaa gube?
Gaafa aartiitti seennu
Miira hawaasaa dubbifna
Gaddu waliin gaddinee
Yoo gammade shubbifna
Dhugaa argaaf dhageettii
Laallee gamaaf gamana
Dhaloota dhufaaf dabraaf
Ol kaa'uudha namana!.....
Malee....
Walaloon dhama malee
Kan hin rukunne mana
Asoosamni hin barsiifne
Kitaaba miti anaa!....
Dubbii gandarraa guurree
Hayyoota akkeessinee
Faayidaa ofiif jecha
Kitaaba fakkeessinee
Dhalootaaf keenya taanaan
Kun hin ta'u cubbuudha
Aartiin dhimma sabaati
Og-barruun bar lubbuudha!..
Ajandaa torban tokkoo,
Kan namarraa woraabne
Kitaabadha yoo jenne
Nutu egeree woraane
Og-barruu gudeeduudhaan
Dhalootaan gaafatamna
Garaaf jiraataa taanee
Seenaadhaan yaadatamna
Gufuu nuti har'a dhaabnuun
Dhalli keenya maaf caba?
Kanaafuu akka taanu
Na dhageessuu yaa sabaa
Madaa keenya qoorsina
Hin boonyu kulkulchinee
Bargocha bilcheessina
Oolchinee bubbulchinee!....
Walumaan gidirfamaa
Kufaa cabaas okkolaa
Sadii afur gulaalchisaa
Gaafatama ofkolaa.....
Utubaaf dagaleedha
Ijaaree gad sidhaabaa
Yoo bilcheeffatte malee
Gad hin baasin kitaaba!
✍️.. Riyaad
Join
@Aliyyee360
@Aliyyee360
@Aliyyee360
@Aliyyee360
@Aliyyee360
@Aliyyee360
@Aliyyee360
@Aliyyee360
@Aliyyee360
@Aliyyee360