INNAA LILLAAHI WA INNAA ILEYHI RAAJI’UUN
Guyyaa har’aa Aalimni guddaan Sheikh Abdurrahiim Abuu Bakar, umrii waggaa 100 ol ta’an addunyaa irraa gama aakiraa godaanan.
Sheikh Abdurrahiim waggaa 60 dura baale irraa imaluun,geejjiba tokko malee gammoojjii fi galaana qaxxaamuranii Biyya Sa’uud Arabiyaa dhaquun Yuunivarsiitii Madiinaa Nabi Muhammaditti (Sallallaalu Aleyhi Wasallam) barnoota isaanii xummuranii gara biyyaa galan.
Akkuma gara baalee deebi’aniin Madrasaa akka Itiyoophiyaatti lammaffaa taate Madrasaa Awwaliyyaatti aantu,waggoota 46 dura bu’uursaa jalqabaa tahuun seenaa walakkaa jaarraa dhaloota kanaaf ashaaraa bu’a-qabeessa galmeessaniiru.
Sheikhni ilmiin isaanii galaana,Fiqhiin Mazhaba Imaamu Shaafi’ii oorruu isaaniiti.
Ulamootaa fi darasoota jajjaboo oomishaniiru.
Qubsumni isaanii Baale Magaalaa Roobeeti,imaamaa fi gorsaa (Khaxiiba) garaa nama raasu tahuun walakkaa jaarraatti waan dhiyaatu gumaachaniiru.
Gara dhiyeenyaa kana dhibeen firaasha du’aa irra isaan ciibsite qabde,kunoo halkan edaa imala asheeta Hadiisa Nabi Muhammad (sallallaahu Aleyhi Wasallam) wajjiin waggaa 100 ol fixanii gama fuula Rahmaan deeman.
ALLAAH isaaniif haa araaramu,caffee fi caffaa Jannataa keessa isaan haa ciibsu,garee ulamootaa tan Mu’aaz Bin Jabaliin qiyaamaa kaatu wajjiin isaan haa kaasu.
https://t.me/Alrisala1