#Jiruun_mana_barnootaati
#nutiis_barattoota_jiruuti,
✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️
Jiruun mana barnootaa erga taate
nutiis guyyuu barnoota haarawa jiruu irraa baranna,
Jiruun kitaaba banamee taa'u kani keessatti barreessuu dandeenyu akkasuma irraahiis dubbisuu dandeenyuudha.
kitaaba jiruu irraahiis nibarreeffanna,
nutiis irrattiis nibarreeffamna.
Mana barnootaatti baratanii erga baratanii booda qormaata fudhatan,
barnoota jireenyaa ammoo erga qormaata fudhatanii booda barnoota irraa fudhatan.
Jiruun barnoota bilaashitti namaaf hin kannitu, namni tokko jiruu irraahiin waan kana baradhe yeroo jadhu akka gatii guddaa itti kafale wal nama hin gaafachiisu.
erga kana naaf hubattanii booda
wanti sirritti hubatuu qabdan:
jiruu irraa baratuu irraa gara jiruuf baratuutti cehuutu nuuf irra caala.
haa tahuu malee barachuu fi beekumsa barbaaduu gonkumaa dhiisuu hin qabnu.
Barnoota idileetiin, dubbisuudhaanis ta’e muuxannoo dhuunfaatiinis ta’e, jireenya keenya irraa baratuus ta'e barnoota itti fufuun barbaachisaa dha.
Rabbiin jiruuf baratuu isin haa badhaasu.
@Alrisala1