Ephrem Diriba


Kanal geosi va tili: Somali, Somalicha


📖 Barumsa Macaafa Qulqulluu
🎧 Faarfannaa
✒️ Walaloo fi Ergaa Gabaabaa
🎬 Viidiyoo & Fiilmiiwwan Amantii
📢 @EphremDiriba
💬 @EphremDiribaChat
🏠 https://t.me/EphremDiriba/2287
🔏 t.me/EphremDiriba?direct
YouTube.com/@EphremDiriba

Bog‘liq kanallar  |  O‘xshash kanallar

Kanal geosi va tili
Somali, Somalicha
Statistika
Postlar filtri


Gaaffii:
Ofiin Ofirraa Baasuun Cubbuudhaa?

Deebii:
Eeyyee, ofiin ofirraa baasuun (masturbation) cubbuudha. Salqunnamtiin gaa'ela keessatti qofa akka raawwatamuuf eebba Waaqayyo ittiin gammaduu fi wal hormaataaf nuuf kennedha. 🤗 Kun gaa'elaan ala yoo raawwatame "ejja" jedhama. Kakuu moofaa (seera musee) keessatti namni ejjee argame gara laafina tokko malee ajjeefama. 😳 (Ba'uu 20:14) Kun baayyee kan Waaqayyoon gaddisiisu ture. Kakuu haaraa (seera Kiristoos) keessattis ejji hin heyyemamne. Inumaayyuu isa duraa caalaa kan cimu, "namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera." jedhame. 😬 (Maatewos 5:28)

Ofiin ofirraa baasuun akkamitti cubbuu ta'a?
1. Hawwii salqunnamtii gaa'elaan alaa irraa waan madduuf ejjedha. Ofiin ofirraa baasuun yeroo baay'ee yaada hawwii foonii fi fedha gadhee sammuu keessatti uumamuun walqabata. Gocha kana raawwachuuf sammuun kee nama biraa hawwuu ykn suuraa fedha foonii kaasu ilaaluu danda'a. Kunimmoo abboommii Maatewos 5:28 irra jiru cabsuudha.
2. Dhagna Hafuurri Qulqulluu keessa jiru xureessuu waan ta'eef cubbuudha. Dhagni keenya mana qulqullummaa Hafuura Qulqulluuti. Fedha keenya qofa ba'achuuf yommuu fedha isaa (qulqullummaa) ofirraa dhiibnu, yommuu nuyi dhagna keenya xureessinu, hafuuricha gaddisiifna. Kunimmoo abboommii 1 Qorontos 6:18-20 irra jiru cabsuudha. Kana malees dhagna Waaqayyoof bitame kana dhukkuba fi miidhama garagaraa qaqqabsiisuun dhagna keenyaa fi hafuura keenya akka malee miidha.
3. Of To'achuu dadhabuu waan ta'eef cubbuudha. Ija hafuurri qulqulluu amantootaa keessatti baafatu keessaa tokko of qauudha. Nuti immoo hafuuraa geggeeffamuu didnee fooniif gaafa bitamnu cubbuu kana hojjenna jechuudha. Foon keenyaaf garba ta'uu hin qabnu. (1 Tasaloniiqee 4:3-4)
4. Sanyii seera uumamaan ala gatuu waan ta'eef cubbuudha. Waaqayyo sanyii dhiiraa keessa humna sanyii wal-horsiisuu fi jireenya uumuu kaa'eera. Sanyii kana gaa'elaan alatti, kaayyoo Waaqayyo uumeen alatti bifa kanaan gatuun ykn dhangalaasuun kaayyoo uumamaa Waaqayyoo fashaleessuu fi uumama isaa jal'isuudha. (Uumama 38:9-10)

Furmaanni isaa maali?
Obboleessa ko, cubbuu kana keessaa ba'uuf humna keetiin hin dandeessu. Ayyaanaa fi araara Waaqayyoo si barbaachisa! Caqasoota kana dubbifachuu qabda 👌
1. Garaa guutuun gaabbi: Cubbuu kee Waaqayyotti himadhu, dhiifamas gaafadhu. Dhiigni Yesuus Kiristoos cubbuu hundumaatti nu qulqulleessa. 1 Yohannis 1:9 🤕
2. Kallattii ija keetii fi sammuu keetii jijjiri: Wanta fedha foon kee kakaasu (suuraa, fiilmii, ykn yaada xuraa'aa) irraa fagaadhu. Baqadhus 2 Ximotewos 2:22, Iyoob 31:1, Faarfannaa 101:3
3. Humna Hafuura Qulqulluutti amanadhu: Sagalee Waaqayyoo qayyabadhu, kadhannaatti jabaadhu.
Waaqayyo gooftaan humna cubbuu kana mo'achuu siif haa kennu! Roomaa 8:13
4. Sammuu kee waanta qulqulluu ta'een guuti: Gara waldaa deemi, obboloota waliin yeroo dabarsi, kitaaba dubbisi, kaayyoo kee irratti xiyyeeffadhu. Filiphisiiyus 4:8, Faarfannaa 119:9
5. Gaa'ela dhaabbachuuf yaali: gorsi Phaawulos obboloota dhibee kanaan rakkataniif qabu kana. Namni miira isaa to'achuu hin dandeenye cubbuu kana keessa turee ofiis miidhamee Waaqayyoonis gaddisiisuu mannaa gaa'ela yoo dhabbate isaaf wayya. 1 Qorontos 7:9

"Video salqunnamtii ilaaluun cubbuudhaa?" Jettee akka nan gaafanne, dubartii dingata karaa adaamtu ija hawwiitiin yoo ilaalteyyu achuma dhaabbadhuu Gooftaa dhiifama gaafadhu! 🫡 Ifadhaa?


Wangeelli Maal Jedha? Dhugaa Wangeelaa Namni Hundumtuu Hubachuu Qabu 8 YouTube Irratti Isiniif Gadhiiseera. Kiristaanonni Hundumtuu Dhaggaffachuu fi Warra Misiraachoo Kana Dhaga'uu Qaban Hundaaf Qooduu Qabna!

https://youtu.be/ehVveJ72uz8?si=zYnbQ7rJY5E6fkak

Ayyaanni Isiniif Haa Baayyatu!


Gaaffii Macaafa Qulqulluu Qabdaa?
@EphremDiribaChat

Dhuunfaatti Gargaarsa Hafuuraa Barbaaddaa?
http://t.me/EphremDiriba?direct

Social Media Biroo:
• YouTube • TikTok • Facebook •


Baga Nagaan Dhuftan!
Ani @EphremDiriba dha.

Kaayyoon Koo:
• Wangeela Dhugaa Lallabuu
• Amantoota Barsiisuu fi Jajjabeessuudha.

Channel kana irraa tajaajila koo bifa garagaraan argattu. Waan barbaaddan mallattoo hashtag #️⃣ jala jiru tuquun salphaatti argachuu dandeessu.

📒Koorsii (Barumsa Walitti Fufaa)
#Course@EphremDiriba

👨‍🏫 Barumsa Macaafa Qulqulluu
#Barumsa@EphremDiriba

💡Deebii Gaaffii Keessanii
#Deebii@EphremDiriba

📻 Raadiyoo Jajjabeessaa
#RJ@EphremDiriba

📜 Seenaa Macaafa Qulqulluu
#BibleStories@EphremDiriba

📖 Qo'annaa Macaafa Qulqulluu
#BibleStudy@EphremDiriba

📙 Walaloo
#Walaloo@EphremDiriba

🎬 Diraamaa/Fiilmii
#Film@EphremDiriba




Gaaffii:
Efreem nagaan siif haata'u. Kutaa macaafaa isa kana naaf ibsi mee akka ayyaanni Waaqayyoo sigargaaretti.👉
— 1Qor. 15:28
“Wanti hundinuu ilma Waaqayyoo jala yommuu galfamu, ilmi immoo ofii isaatii, Waaqayyo isa waan hundumaa miilla isaa jala galche jala in gala; akkasitti Waaqayyo karaa hundumaa waan hundumaa irra in ta'a.”


Deebii:
Ergaan kutaa kanaa duraa duuba dhuma baraa fi guutummaa mo'icha Kiristoos kan argisiisudha. Kuticha lakkoofsa 23 irraa eegallee haa dubbifannu:
1 Qorontos 15:23-28
²³ Kun hundinuu akka tarree isaaf qophaa'eetti in ta'a; Kristos jalqabatti ka'ee jiraataa akkuma ta'e, warri kan Kristos ta'anis yeroo inni deebi'ee dhufutti in jiraachifamu. ²⁴ Kristos immoo gooftummaa hundumaa, aboo hundumaa, humna hundumaas golgoleessee, mootummicha deebisee Waaqayyo abbaatti erga kennee booddee dhumni in ta'a. ²⁵ Waaqayyo diinota hundumaa miillan isaa jala hamma kaa'ufitti, Kristos mo'uutu ta'a. ²⁶ Hundumaa booddee diina keenya du'atu golgoleeffama. ²⁷ Caaffanni qulqullaa'aan, “Waaqayyo wanta hundumaa miillan isaa jala galcheera” jedha; “Wanta hundumaa miillan isaa jala galcheera” yommuu jedhu, Waaqayyo inni waan hundumaa miilla Kristos jala galche immoo ofii isaatii miilla jala akka hin galin mul'ataa dha. ²⁸ Wanti hundinuu ilma Waaqayyoo jala yommuu galfamu, ilmi immoo ofii isaatii, Waaqayyo isa waan hundumaa miilla isaa jala galche jala in gala; akkasitti Waaqayyo karaa hundumaa waan hundumaa irra in ta'a.

Kufaatii booda, biyyi lafaa hafuurota hamoota, hammina, jal'inaa fi du'aan guutte. Sababni isaas Addunyaa kana irratti Seexanni aboo bulchiinsaa akka qabaatu ta'e. Waaqayyotu sababa cubbuu isaaniitiif kanatti dabarsee isaan kenne. Kan isa irratti gooftummaa qabu Waaqayyo qofa. Ilmaan namaa cubbuu ofii isaaniitiin kana ofitti fidanis, cimina isaaniitiin jalaa ba'uu hin dandeenye. Dhufaatiin Ilma Waaqayyoo Yesuus Kiristoos kanaaf barbaachise. Galanni isaaf haa ta'u! Ameen jedhi... "Ameen!" 😊

Innis gaafa guyyaan isaa ga'u dhufee gatii kaffaluun isa barbaachisu hundumaa Abbaaf kaffaluuf hamma du'aatti adabame. Du'aa ka'uu isaatiin aangoo seexanaa fi du'aa irratti gooftummaa isaa argisiise. Du'a mo'uun akka danda'u fi warri isatti amanan du'aa ka'uuf akka jiran mirkaneesse.

Kanaafuu duraa duubni dhuma baraa akkas ta'a. Inni deebi'ee dhufaatii Yesuus Kiristoosiin jalqaba. Caqasicha lakkoofsaan haa hiiknu:
23. Guyyaa dhufaatii isaatti warri kiristoositti amanan akkuma isaa du'a mo'anii ka'u.
24-25. Kiristoos immoo Seexana fi ergamoota isaa hundumaa dhabamsiisee, Mootummaa (biyya lafaa isa seexanni seerrataa ture) deebisee abbaatti kenna. Diinonni Kiristoosiin morman, seexana fi namoonni hin amanne hundi ni dhabamsiifamu
26. Dhuma irratti duuti (du'uun) ofii isaatii ni balleeffama. Isa booda du'a kan jedhamu hin jiru.
27. Akkasitti mootiin tokkicha qofa, innis Ilma Waaqayyoo Yesuus Kiristoos ta'a jechuudha.
28. Wanti hundinuu ilma Waaqayyoo jala yommuu galfamu, ilmi immoo ofii isaatii, Waaqayyo isa waan hundumaa miilla isaa jala galche jala in gala. Kana jechuunis Ilmi abbaa gadi ta'a jechuu utuu hin ta'iin, fedha isaatiin ergama addunyaa fayyisuu fi diinota mo'uu qabatee dhufe sana xummuree, firii/bu'aa mo'icha hundumaa Waaqayyo Abbaatti deebisee dabarsuu isaa kan argisiisudha.

#Deebii@EphremDiriba


Gaaffii:
Hi akkam nagaa keeti
Gaafii tokkon qaba na deebisimee wangeela Yohaanis boqonnaa lama (2) guutummaa Isaa naaf ibsi mee . Warri Orthodooksii asitti maariyaam Ararrsiitudha jedhuum

Deebii:
¹ Guyyaa sadaffaatti immoo kutaa biyya Galiilaa mandara Qaanaatti cidhi tokko ture; haati Yesus achi turte.
² Yesusii fi bartoonni isaas cidhichatti waamamanii turan.
³ Daadhiin waynii duraa dhumnaan, haati isaa, “Daadhii waynii hin qaban” jettee Yesusitti himte.
⁴ Yesus immoo “Haadhoo, maaliif hojii koo keessa lixxa ree? Waa gochuuf yeroon koo amma illee hin geenye” jedhee deebise.
⁵ Haati isaa yommus warra achii ergamaniin, “Waanuma inni isinitti himu godhaa!” jetteen.
Kutaan kun amantaa Ortodoksii biratti akka malee hiikameera. Utuu akka isaan jedhan ammayyuu Maariyaam haati Gooftaa keenyaa nuuf kadhatti ta'e, deebiin Yesuus "Hojii koo keessa hin lixiin" kan jedhudha erga ta'ee maal bu'aa nuuf qaba‽ Ergaan kutaa kana seenaa bakka sanatti ta'e qofa malee kan barabaraa miti.

Akkuma beekamu mana cidhaa deemanii utuu jiranii, daadhiin wayinii warra cidhaa jalaa dhume. Kana irratti akka dubartiitti kutaa sana keessa kan beektu haati isaa waan isaan mudate sana dhuftee itti himte. Deebiin Gooftaa guutummaatti barumsa warra Ortodoksii kan faallessudha.

"Haadhoo, maaliif hojii koo keessa lixxa ree? Waa gochuuf yeroon koo amma illee hin geenye" jechuun dhimma hojii isaa isa raajii fi humna Waaqayyootiin godhamu keessa namni kamiyyuu (Maariyaam dabalatee) dhiibbaa gochuu akka hin dandeenye ifa godha. Hojiin isaa qajeelfama Abbaa isaa isa Waaqarraa qofaani.

Yesuus kutaa kam keessatti iyyuu waan abbaan jedhe malee waan haati koo natti himte nan dubbadha ykn nan raawwadha hin jenne.

Maariyaamis Gooftummaa isaa waan beektuuf isaan wal hin falmine. Gad of deebisuudhaan “Waanuma inni isinitti himu godhaa!” jettee. Kunis aboon guutuu kan isaa ta'uu, yoo inni hojjechuu hin barbaanne ta'e ofiin homaa gochuu akka hin dandeenye fi ishee dabalatee warri kaan iyyuu waan isa irratti xiyyeeffachuu akka qaban gochuu ishee argisiisa. Maariyaam akka warri Ortodoksii jedhan miti, isheen gooftaa ishee kan kabajjuu fi isaaf kan sagaddudha.

Macaafni Qulqulluun Waaqayyoo fi nama gidduu kan jiru 1 qofa akka ta'e fi innis Yesuus Kiristoos akka ta'e ifaan ifatti dubbata!
1 Ximotewos 2:5
Waaqayyo tokkicha, inni gidduu dhaabatee Waaqayyoo fi nama walitti fidus tokkicha; inni immoo Kristos Yesus isa nama ta'ee mul'atee dha.


#Deebii@EphremDiriba


Gaaffii:
Mul'ata yohanis kan barreeesse yohanis isaa kamidha

Deebii:
Bara sana namoonni maqaa kanaan waamaman baayyeedha. Macaafa Qulqulluu keessaa Yohannis cuuphaa fi Yohannis inni bartuu Gooftaa baayyee beekamoodha. Yohannis cuuphaa garuu kitaaba barreesse hin qabu. Wangeela Yohannis, Ergaa 3 fi Mul'ata kan nuuf barreesse Ergamaa Yohannisidha.

Mul'ata Yohannis kan barreesse, ykn mul'aticha kan fudhate Yohannis ta'uu isaa yoo xinnaate ragaawwan armaan gadii lamaan jiru:

1. Ragaa Macaafichaa
Yohannis kitaaba kana keessatti maqaa isaa ifatti dubbateera.

2. Ragaa Seenaa
Abboonni amantii dhuma jaarraa jalqabaa keessa turan barreessaan kitaaba kanaa Ergamaa Yohannis ta'uu dhugaa ba'aniru.


Gabaabaamatti; kitaaba Mul'ata Yohannis kan barreesse Ergamaa Yohannis dha. Yohannis ergamichi ergaa fi raajii guddaa kana naannoo dhuma jaarraa jalqabaatti (Dh.K.B. bara 95 tti) sababa amantii isaatiif booji'amee odola (biyya bishaan keessaa) ishee “Phaaximoo” jedhamtu utuu jiruu barreesse.

#Deebii@EphremDiriba




Gaaffii:
Nagaan waaqaayyoo isiiniif haa ta'uu🙏🙏. Seexana fi ergamtoota isaan irratti Amantoon Angoo maal qabu?

Deebii:
Nuyi ofii keenyaan seexana fi ergamoota isaa irratti humna tokkoyyuu hin qabnu. Kan nuti humna arganne fannoo Kiristoosiin qofadha. Isatu isaan humna fannoo isaatiin isaan salphisee.
Qolosaayis 2:15
Fannoo sana irrattis Kristos warra qilleensa irraa gooftummaa qabanii fi humna qaban harka duwwaa hambisee bakkeetti isaan mul'isuudhaan salphisee isaan argisiise.
Icciitii gurguddaa Du'uu fi du'aa ka'uun (Fannoon) Yesuus kiristoos of keessaa qabu keessaa tokko isa kanadha. Seexanni duraan ilmaan namaa garboonfachaa ture fi ammas warra hin amaniinitti taphachaa jiru kun, amantoota bira yeroo ga'u akka leenca beela'ee aadaa naanna'uu irra kan hafe hoomaa gochuu hin dandeenye.
1 Phexros 5:8
Of qabaa, dammaqaas! Seexanni hamajaajiin keessan akka leenci yeroo beela'utti aadaa naanna'utti, nama liqimsuu barbaadee in naanna'a.

Ta'us seexanummaa isaa fi hammina nu irratti yaaduu isaa hin dhiisu. Isa kanaaf immoo humni (aangoon) ittiin morminu nuuf kennameera.
Yaaqoob 4:7
Yoos harka Waaqayyoo jala of galchaa; Seexanaan immoo mormaa! Innis isin dhiisee in baqata.

Maqaan Yesuus maqaa tokkicha seexanni sodaatu fi amantoonni akka ittiin lolaniif isaaniif kennamedha.
Luqaas 10:17
Jarreen torbaatamii lamaanis guddaa gammadaa deebi'anii dhufanii, “Yaa gooftaa, maqaa keetiin yommuu isaan abboomne, hafuuronni hamoonni iyyuu nuuf abboomaman” jedhaniin.
Humni Seexanaa dadhabaa fi homaa gochuu kan hin dandeenye miti. Inni dinqii gurguddaa hojjechuuf iyyuu kan humna qabudha. Ta'us Hafuurri Qulqulluu inni nu keessa jiru, isaa fi warra isaan guutaman irra baayyisee caala.
1 Yohannis 4:4
Ijoollee ko! Isin kan Waaqayyoo ti, raajota sobduu sanas mootaniittu; hafuura isa biyya lafaa keessa jiru sana irra, isa isin keessa jirutu caala'o.
Garuu kan nuti irratti xiyyeeffachuu qabnu, seexana loluu fi adamsuu caalaa mi'a lolaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti hidhachuudha. Sababni isaa nama mi'a lolaa kana uffate seexannuu ofiin beekee baqata.
Efesoon 6:11
Haxxummaa Seexanaatiin mormuu akka dandeessanitti, mi'a lolaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti hidhadhaa!


#Deebii@EphremDiriba


Gaaffii:
Ephrem Gaafin qaba manguddooni 24 waaqara sun enyuudha? Ergamoota moo enyuudha kan naf hin galee

Deebii:
Macaafni Qulqulluun, keessumaa Mul'ata Yohannis keessatti waa'ee maanguddoota 24 kana bal'inaan dubbata. (Fakkeenyaaf Mul'ata 4:4, 4:10, 5:8, 11:16) Hiika Macaafa Qulqulluu sirrii ta'een, maanguddoonni 24 kun ergamoota miti; isaan Waldaa Kristiyaanaa ishee furamte fi ulfina argatte argisiisu.

Isaan gosa Israa'el 12n (amantoota bara kakuu moofaa) fi Bartoota ykn Ergamoota Gooftaa 12n (amantoota bara kakuu haaraa) bakka bu'uun guutummaa waldaa kiristaanaa argisiisu.

Kana Maaltu Ibsa?
Mul'ata 4:4
Teessichatti naanna'anii teessoowwan digdamii afur, isaan irras maanguddoonni digdamii afur taa'anii turan; maanguddoonni kun immoo uffata adaadii uffatanii, mataattis gonfoowwan warqee kaa'atanii turan.

Kutaa kana keessa qabxii 3 amantoota ta'uu isaanii ibsutu jiru.
1. Teessoo irra taa'uu
- ergammoonni in balali'u ykn fuula Waaqayyoo dura dhaabbatu malee akka taa'an hin barreeffamne. Nu garuu iddoon akka nuuf qopheeffame fi mirga abbaa kiristoos waliin akka teenye barreeffamee jira.
2. Uffata adaadii uffachuu
- dhiiga hoolichaatiin miiccatanii uffata adii kan uffatan ilmaan namaati malee ergamoota miti.

3. Gonfoo qabaachuu
- jireenya fi tajaajila keenyaaf gonfoo fudhachuuf kan jirru nu amantoota malee ergamoota miti.

Macaafichi waa'ee maanguddoota 24 yeroo haasa'u kutaawwan biroo keessatti amantootaaf kan barreeffaman ibsa.

#Deebii@EphremDiriba


#Course: Guddina Hafuuraa

Nuti Kiristaanonni ilma Waaqayyoo Yesuus Kiristoositti amanuu keenyaa duwwaan ijoollee Waaqayyoo taaneerra!
Yohannis 1:12
“Hamma isa simataniif immoo ijoollee Waaqayyoo akka ta'aniif aboo isaaniif kenne; isaanis warra maqaa isaatti amananii dha”

Kun oolmaa dinqisiisaa Waaqayyo nuuf oole ta'ee utuu jiruu, jireenyi kiristaanummaa garuu as irratti hin dhaabbatu. Kiristaanni Kiristaanummaa fudhate kanatti guddachuu qaba. Warri kana hin taane Ergamootaan dheekkamamaa turan... Guddinni Hafuuraa maali? Guddachuuf maal gochuu qabna kan jedhu Course barnoota 7 of jalaa qabu fudhachuun itti gargaaramuu dandeessu:
https://youtube.com/playlist?list=PLanTUvNGsB1g&si=aMkYnqun246VodWn

#Course@EphremDiriba


Nagaa Bultanii?
Faarfannaa 3:5
Ani nan ciisa, nan rafa, Waaqayyo waan ol na qabuuf deebi'ee nan dammaqa.
Galanni Waaqayyoof Haa Ta'u!
Fedha isaa taanaan dammaqneerra. Mee gaaffii Macaafa Qulqulluu fi Jireenyaa nuuf barreessaa, irratti waliin mari'anna... Nagaa wal gaafachuu, yaada kamiyyuu barreessuu fi share gochuun; garee fi channel keenya kun akka guddatuuf ga'ee keessan ba'adha!

Gaaffiiwwan kana dura deebiin itti kenname argachuuf hashtag #️⃣ kana cuqaasaa:
#Deebii@EphremDiriba

Gaaffiif: @EphremDiribaChat
Gorsaaf: http://t.me/EphremDiriba?direct

Barnoota Bal'aaf YouTube Koo Hordofaa:
YouTube.com/@EphremDiriba

Oolmaa gaarii qabaadhaa:
#Shalom@EphremDiriba


Nagaan Bulaa!
Faarfannaa 4:8
Yaa Waaqayyo, akka ani qoofniitti sodaa malee jiraadhu situ godha; kanaafis ani akkuman ciiseen nagaatti nan rafa.

Yoo Waaqayyo jedhe boru itti fufna... Nagaan Naaf Bulaa!

#Shalom@EphremDiriba 👋


Gaaffii:
Akkam jirta Nagan waaqayyoo sif haa ta'uu Gaffii? yoseef ergaa Abba mana mariyaam ta'ee akkasumaas ijoollee (obbolaan yesuus) jiruu ergaa ta'ee maatii ishee dhistee maaf yohaannis bira deemtee?

Deebii:
Warri Orthodox Maariyaam barabaraan durba ykn ammayyuu durbummaan jirti jedhanii amanu, kan Yesuus fannoo irratti haadha isaa Yohannisitti adaraa kennes waan isheen ijoollee biraa hin qabneefi jedhanii barsiisu.
Yohannis 19:26-27
²⁶ Yesus yeroo sanatti haadha isaa, bartuu isa inni jaallates ishee bukkee utuu dhaabatuu argee, haadha isaatiin, “Haadha ko, ilaa ilma kee!” jedhe.
²⁷ Ergasii bartuu sanaan immoo, “Ilaa haadha kee!” jedhe; bartichi yeroo sanaa jalqabee gara mana ofii isaatti ishee fudhate.
Macaafni Qulqulluun ifatti akka nutti himutti garuu, yeroo Yesuus tajaajila lafa irraa tajaajilaa turee fi fannifametti, obbolaan isaa (ijoolleen Yoseef fi Mariyaam) isatti hin amanan ture.
Yohannis. 7:5
“Obboloonni isaa iyyuu isatti hin amanne.”

Obboloonni isaa kun garuu boodarra (du'aa ka'uu isaa booda) isatti amananii tajaajiltoota isaa fi waldaa kiristaanaa ta'aniiru.

Yesuus Mariyaamiin Yohannisitti kan kenneef, obbolaan isaa waan hin jirreef utuu hin ta'in, yeroo sana obbolaan isaa isatti amanoo waan hin turreef fi Yohannis ammoo bartuu isaa isa isaatti dhiyaatu fi amanamaa waan tureefi. Kunis, walitti dhufeenyi hafuuraa (Waldaan Kristiyaanaa) walitti dhufeenya dhiigaa olitti akka kabajamu kan argisiisu dha.

#Deebii@EphremDiriba


Waaqeffannaan Akkam Ture?
Maal barattani? Sagantaa Har'aa Irraa Maal Buufattani? Dhugaa Jiruu Natti Himaa 🙏


Nagaan Waaqayyoo Isiniif Haa Ta'u!
Waldaa Kiristaanaa Deemuuf Qophooftanii?
Obboloota waliin tokkummaa qabaachuun fedha Gooftaa keenyaati. Walitti qabamuu keenya fi nu gidduutti argamuu jaallata! Warri isa jaallattan fedha isaa guutuuf duubatti hin jedhiinaa!

Shabbat Shalom
#Shalom@EphremDiriba


Gorsa ykn Gargaarsa Hafuuraa Barbaadduu?

Maaloo, Sticker (👋) ykn "Hi" qofa erguu mannaa, kallattiin dhimma/gaaffii keessan naaf barreessaa, Waan isin keessa jiru text jalqabaan sirnaan naaf ibsaa. Yoo akkana ta'e anis fedha keessan hubadhee, waanin danda'uun isin gargaaruuf nan yaala! 🙏

Barnoota Bal'aaf YouTube Koo Hordofaa:
YouTube.com/@EphremDiriba


Gaaffii:
Inni immoo deebisee, “Waawuu, ani amma angafa loltuu Waaqayyoo ta'een dhufe” jedhe; Iyaasuun immoo lafa ga'ee qoomma'ee sagadeefii, “Yaa gooftaa ko ana garbicha keetti maal himta?” jedhee isa gaafate.
Macaafa Iyaasuu 5:14

nagaa Waaqayyoo isiinif haa ta'uu naaf ibsaa mee nama Waaqayyoo kutaa kan

Deebii:
Kutaan kun lakkoofsa 13 irraa eegala. Innis akkas jedha:
Iyaasuu 5:13-15
¹³ Iyaasuun mandara Yerikootti yommuu dhi'aate, ol ilaalee nama billaa luqqifamaa harkatti qabatee isa dura ijaajju tokko argee, gara isaa dhaqee, "Ati gara keenya moo gara diinota keenyaa ti?" jedhee isa gaafate.
¹⁴ Inni immoo deebisee, "Waawuu, ani amma angafa loltuu Waaqayyoo ta'een dhufe" jedhe; Iyaasuun immoo lafa ga'ee qoomma'ee sagadeefii, "Yaa gooftaa ko ana garbicha keetti maal himta?" jedhee isa gaafate.
¹⁵ Angafni loltuu Waaqayyoo sun deebisee Iyaasuudhaan, "Iddoon ati dhaabattu kun qulqullaa'aa waan ta'eef, kophee kee miilla keettii baafadhu" jedhe; Iyaasuunis akkasuma in godhe.

Gaaffiin kee eenyummaa qaama sagadameefii kanaati jedheen fudhadha.
Deebiin gabaabaa kan sagadameef kun ergamaa miti. Maaliif? Ergamoonni sirriin sagada hin fudhatani.
Mul'ata 22:8-9
⁸ Ani Yohannis kana hundumaa dhaga'eera, argeeras; kana dhaga'ee, argee erga ani raawwadhee, ergamaa isa kana hundumaa anatti argisiiseef sagaduudhaaf miilla isaatti nan kufe.
⁹ Inni garuu, "Kana gochuun siif hin ta'u! Ani sii fi obboloota kee warra raajotaaf, warra dubbii macaafa kanaa eeganiifis hidhata hojii ti, Waaqayyoof sagadi!" naan jedhe.

Eenyudha ree? Inni Waaqayyodha. Ragaan Waaqayyo ta'uu isaatii 3 kanneen armaan gadiiti:
• Sagada fudhachuu isaa
• Maqaa Waaqayyoon "Gooftaa" (YAHWEH) jedhamee waamamuu isaa
• Akkuma yeroo Museetti mul'ateetti qulqullummaa isaaf of eeggachiisuu isaa

Kanaafuu Iyaasuun ergamaaf utuu hin ta'iin amala namummaa Sadan tokkummaa keessaa isa tokkoof, jechuun Kristos utuu nama hin ta'in dura bifa kanaan mul'ateef (Theophany ykn Christophany) sagade jechuudha.

Maal jechuudha? Kiristoos (Ilmi Waaqayyoo) foon ta'uu isaa dura kakuu moofaa keessatti bifa kanaan namootatti mul'achaa tureera. Ergamoota 2 waliin mana Abrahaam dhaqeera, akkasumas abboota firdii keessaa namoota muraasatti mul'ateera.

#Deebii@EphremDiriba


Saba Israa’el Keessaa Warri Biyya Kana'aan Dhaalan Maaliini?
So‘rovnoma
  •   Qajeelummaa Isaaniitiin
  •   Waaqayyootti Amanuutiin
  •   Humna fi Jabina Isaaniitiin
  •   Seera Musee Eeguutiin
8 ta ovoz

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.