Gaaffii:
Nagaan waaqaayyoo isiiniif haa ta'uu🙏🙏. Seexana fi ergamtoota isaan irratti Amantoon Angoo maal qabu?
Deebii:
Nuyi ofii keenyaan seexana fi ergamoota isaa irratti humna tokkoyyuu hin qabnu. Kan nuti humna arganne fannoo Kiristoosiin qofadha. Isatu isaan humna fannoo isaatiin isaan salphisee.
Ta'us seexanummaa isaa fi hammina nu irratti yaaduu isaa hin dhiisu. Isa kanaaf immoo humni (aangoon) ittiin morminu nuuf kennameera.
Maqaan Yesuus maqaa tokkicha seexanni sodaatu fi amantoonni akka ittiin lolaniif isaaniif kennamedha.
#Deebii@EphremDiriba

Qolosaayis 2:15Icciitii gurguddaa Du'uu fi du'aa ka'uun (Fannoon) Yesuus kiristoos of keessaa qabu keessaa tokko isa kanadha. Seexanni duraan ilmaan namaa garboonfachaa ture fi ammas warra hin amaniinitti taphachaa jiru kun, amantoota bira yeroo ga'u akka leenca beela'ee aadaa naanna'uu irra kan hafe hoomaa gochuu hin dandeenye.
Fannoo sana irrattis Kristos warra qilleensa irraa gooftummaa qabanii fi humna qaban harka duwwaa hambisee bakkeetti isaan mul'isuudhaan salphisee isaan argisiise.
1 Phexros 5:8
Of qabaa, dammaqaas! Seexanni hamajaajiin keessan akka leenci yeroo beela'utti aadaa naanna'utti, nama liqimsuu barbaadee in naanna'a.
Ta'us seexanummaa isaa fi hammina nu irratti yaaduu isaa hin dhiisu. Isa kanaaf immoo humni (aangoon) ittiin morminu nuuf kennameera.
Yaaqoob 4:7
Yoos harka Waaqayyoo jala of galchaa; Seexanaan immoo mormaa! Innis isin dhiisee in baqata.
Maqaan Yesuus maqaa tokkicha seexanni sodaatu fi amantoonni akka ittiin lolaniif isaaniif kennamedha.
Luqaas 10:17Humni Seexanaa dadhabaa fi homaa gochuu kan hin dandeenye miti. Inni dinqii gurguddaa hojjechuuf iyyuu kan humna qabudha. Ta'us Hafuurri Qulqulluu inni nu keessa jiru, isaa fi warra isaan guutaman irra baayyisee caala.
Jarreen torbaatamii lamaanis guddaa gammadaa deebi'anii dhufanii, “Yaa gooftaa, maqaa keetiin yommuu isaan abboomne, hafuuronni hamoonni iyyuu nuuf abboomaman” jedhaniin.
1 Yohannis 4:4Garuu kan nuti irratti xiyyeeffachuu qabnu, seexana loluu fi adamsuu caalaa mi'a lolaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti hidhachuudha. Sababni isaa nama mi'a lolaa kana uffate seexannuu ofiin beekee baqata.
Ijoollee ko! Isin kan Waaqayyoo ti, raajota sobduu sanas mootaniittu; hafuura isa biyya lafaa keessa jiru sana irra, isa isin keessa jirutu caala'o.
Efesoon 6:11
Haxxummaa Seexanaatiin mormuu akka dandeessanitti, mi'a lolaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti hidhadhaa!
#Deebii@EphremDiriba