Amar Temam dan repost
Kaampii du'aa guddicha adduunyaa kanaa 😰
Namoonni 30,000 ol bakka kanatti ajj*eefamani
~~~
Kun aduunyaa keenya kana irraa bakka haalaan badaafi hammaataa ta'eedha. Maqaadhaaf mana hidhaati jedhama. Garuu mana hidhaa osoo hin taane mana du'aati. Namoonni kumni 30 ol yeroo gabaabaa keessatti bakka kanatti mootummaa abbaa hirree Alasaadiin aj*jeefamaniiru.
Manni hidhaa Sidnaya jedhamu kun magaalaa guddittii #Syria Damasqoo irraa kalattii Kaabaatti km 30 faga'atee kan argamu yoo ta'u lafa irraa ol gamoo abbaa darbii sadi'ii akkasumas lafa keessas gara gadiitti bifuma walfakkaatuun darbii sadii walumaagalatti gamoo abbaa darbii 6 ta'e kan qabuudha.
Lammileen Sooriyaa 30,000 ol bakka kanatti akka ajj*eefaman ibsame. Gidiraafi miidhaan as keessatti hidhamtoota irra ga'u waan dubbatuu miti.
Erga kaleessa namoonnii bakka kanaa baafamuu eegalanii hanga ammaatti itti fufeera. Wanti nama gaddisiisu, namoota du'an qofa osoo hin taane kanneen lubbuun jiran hedduun isaanii qaamaafi xiinsammuudhaan miidhamaniiru. Hedduun isaanii eenyummaadhuma ofii isaanii, maquma isaaniillee dagataniiru, of hin beekan.
Namoonni as jiran hedduun isaanii waggoottan 40 ol kan bakka kanatti hidhamaniidha. Maatiinillee eenyummaa isaanii addaan baasuuf baay'ee rakkate.
Wanti hubatamuu qabu, manneen akka kanaa kana qofa miti kan biyyattii keessatti ijaaramee lammilee biyyattii xuuxee fixaa ture.
Manni hidhaa Sidnaya wanti haalaan bakka hammeenyaafi adda ta'e isa godhu namoonni jumlaadhaan erga ajj*ee-famanii booda bakka ree*nfi isaanii itti gub*amu qaba. Qaamni alaa homaa waan achi keessatti ta'aa quba qabaachuu hin danda'u.
Qorannoolewn baay'een waa'ee mana hidhaa kana irratti hojjataman waan irratti waliif galan tokko qabu, innis manni hidhaa kun ''bakka baay'ee hamaa adduunyaa kana irra jiran keessaa isa jalqabaati' jedhani.
Wanti hin dabarre hin jiru, Mootummaa Allaah tiin alatti Mootummaafi sirni hin kufne kamiyyuu hin jiru. Mootiin mootummaa abbaa hirree kana gochaa ture Alaasaad har'a ofiifuu baqatee biyya gadi dhiisee bahee hin jiru. Ijoolleen gootonni biyyaafi ummata isiitiif qabsiiftee wareegama dachaa kaffalte mootummaa kana of irraa fonqolchite har'a lammiilee bakka kanaafi fakkaataa akka kanaatii baasaa jirti. Alhamdulillaah. Rabbiin warra hammaate bakka hundattuu haa kuffisu, nagaa haa magarsu.
© #AmarTemam
https://t.me/amartemam1133