#Imimmaan_Ija_Tokkoo_Asoosam_Gabaabaa_Kutaa 2ffaa
(Kutaa Kana Dubbisuun Dura Kutaa Tokkoffa
Dubbisuu Kee Yaadadhu Yoo Hin Dubbisne
@jaalala_dhuga Jalaatti Argatta.)
=============================
Hin Xumurtu Taanan Hin Jalqabin Yeroo
Asoosama Kana Dubbistan Akka Waan Yeroo
Keessan Gubdaniitti Hin Ilaalinaa.
==============================
Dubbisa Gaarii Siif Haa Ta'u!!
....Ta'us Inni Garuu Saalfii Isa Keessa Jiruun
Akka Siidaa Dhabatee Hafee jira. Yaadaan
Garuu Onnee Isaan Hafuura Baafachaa jira.
Daqiiqaa Muraasaa Erga Yaada Buusee
Baasee Yaadee Booda Miira Wayiin
Guutamee Gara Daree Barnootaatti Qajeelee.
Girmaan Qaamaan Hiyyeessa Yoo
Fakkaateyyu Yaadaan Garuu Bill Geetii
Caalaa Dureessa. Girmaatti Waa'een
Oromummaa Kunis Baayyee Itti Dhaga'ama.
Oolee Bulee Kan itti Yaadatamuu
Hiyyuummaa Isaa Caala Kan Isa Gubu
Moggaasa Maqaa Isaati.
Akkas Jedhee Qofaa Gungumaa Guyyaa
Tokko . Hiriyyaas Ofii Isa Godhatee Ofiin Of
Gaafata Deebis Ofiin Ofii Laata Akkas
Jedhee Yaada Deema Jira
"Maqaa Alagaa Amma Yoomittan Mataa
Kootti Huddeelladhee Baadhee Adeema? Kan
Kana Nu Gudhee Amantaa Biyya Keenyaati
Uff... Jedhee Afuura Dheeraa Baafate Itti
Dabaluun Akkas Jedhee Amantaan Aadaa
Keenya Akkamitti Beelleessu Danda'a ? Inni
Muslimaas Inni Kiristaanas Amantaa Sana
Keessuma Jiraacha Maalif Moggaasa Maqaa
Keenya Hin Fayyadaman? Oromoo Taanee
Afaan Warra Biyya Alaan Moggaafachuun
Kun Maal Jedhama ? Waanti Kun Aadaa
Keenya Balleessuuf Shora Karaa Amantaa
Taphatamaa Jiruudha. Rabbii Ykn
Waaqayyoo Hojii Keenyaan Jannata Isa
Jedhamu Nu Galcha Malee Maqaa Keenyaan
Miti. Kanaaf Girmmaan Waan Girmaa Ta'eef
Yeroo Ciisuuf Ka'u Dhiphata Jiraata Jira.
************************Qalbiseenis Jaalala Isaan Maraachu Eegalte.
Guyyaa Tokko Na Qo'achifta Ittin Jette Innis
Rakkoo Hin Qabu Qalbise Jedheen. Tole Ittin
Jedhee Yeroo Boqonnaatti Gaaddisa Mukaa
Taa'anii Dubbisuu Eegalan.
Gidduutti Utuu Dubbisaa Jiranii Mana
Baruumsaa keessaa Gumiin Minii Miidiyaa
Siribba Abbituu Kabbadaa " YAANNII KOO
GAMA KEETI.... " Kan Jedhu Gadii
Lakkifamee Isheniis Giddutti Naatee Fajajjee
Hafte .
Girmaanis "Maal Qalbii Koo
Nagaadha Mitii ? Ittin Jedhe
Qalbiseen Bir Jettee Galaana Yaada Isa
Daaka Jirtu Keessaa Naatee Kaatee "Homaayyu Hin Taane " jette.
Girmmaanis Akkas Jedheen "Dubbadhuka
Hin Callisteem " jedheen.
Qalbiseen Akkas Jette " Girmaa Koo Waa
Sitti Himuu ?" Jetteen
Girmaanis "Eyyee " Jedheen
Girmaa Koo Sirba Kana Si Affereera Jettee
Innis Sodaa Waan Qabuuf Mataa Rasee
Miira Sodaan Tole Qalbisee Koo Baayyeen
Itti Gammadeera Galatoomi jedheen.
Isa Barattoonni Hunduu Biratti Argan Kana
Sodaachaa waan jiruuf Daddafee Dubbisiise.
Akka Nama Kilaashii Itti Qaba Jiraniitti
Humnaan Waan Bira Taa'u Fakkaata. Kana
Hundaa Keessaa Qalbiseen Akka Simbirrii
Yaatutti Hin Ilaaltu Ijoollee Isaan Ilaalan
Kana Intala Safuu Wallaalte Osoo Hin Taane
Kufaatii Jaalala Isaan Waan Booj'amaa
Jirtuuf Malee Aadaa Sirriitti Beekti.
Qalbiseen Kaayyoon Ishee Guddaan Mana
Adabaa Onne Ishee Keessa Isa Galchuu Ture
Girmaa Waliin Wal Arguu Malee Barnoota
Dharraate Miti Kan Na Dubbisifta Jetteen.
Teessee Fuula Isaa Keessa Ilaalaa
Hargansuu Akka Waan Bokkaan Roobuf
Jedhuu Fakkaatuutti Qilleensi Mukeen Raasu
Kanatti Teessee Harganti. Utuuma Walin
Dubbistuus Dabtara Isaa Harka Ergifattee
Galti. Borumtaa Gaafa Dhuftu Dabtara Isaa
Itti Kennitee Akkas Jetteen " Girmaa Koo
Waanta Dabtara Keessa Jiru Hin Buustaa
Suuta Jedhii Fuudhii".
Innis Argee Fuudhee Kan Dabtara Keessa
Jiru Garu
Warraqata Dachaafamee Jiruudha.
********************Miira Naasuun Utuu Taa'uu Yeroon
Galumsaa Ga'e Bakkeedhaa Sagaleen
Kil...Kil...Kil...Kil
Jedhu Dhagaa'ame Gara Mana Keessaniitti
Galaa Kan Jedhu Ture Ka'ee Gara Maati
Isaatti Dabtara Isaa Fuudhee Qajeele
Qalbiseenis Isa Faana Adeemti Hanga Wal
Irraa Maqanitti Kolfaa Taphachaa Adeemu
Isaan Akka Wal Jaallatan Walitti Hin Himne
Garuu Barattoonni fi Hawaasii Naannoo
Walitti Isaan Beeka Ture.
Girmaan Akka Mana Ga'een Warraqata Sana
Irratti Kan Katabamee Jiru Dubbisuuf
Sardamee Jira. Garuu Harmeen Isaa Bishaan Nuuf Dhaqi
Ittin Jette Laga Burqaatti Ergite Jaarkaanii Ol
Fudhatee .....