Gumii Dhimmoota Islaamummaa: ''Deebii quubsaa hin argannu taanaan filannoo biraatti deemna''
Gumiin Dhimmoota Islaamummaa xalayaa Mootummaa Naannoo Amaaraaf barreesse keessatti dhimma haleelamuu masjiidota Moxaa irratti waan pirezidaantiin naannichaa dubbatan komate.
Akka hoogganaan Boordii Gumii Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Kamaal Haarun jedhanitti, haleellaa masjiidota Moxaa irratti raawwateen booda magaalota naannoo Amaaraa garaagaraa keessatti hawaasi muslimaa hiriira ba'uun gaaffii qabu dhiyeessaa turullee namni dhaggeeffate hin turre.
Mootummaan naannochaa gaaffii gaafatame tuffatee bira darbe. Nuti garuu hojii tasgabbeessuu hojjechaa turre,'' kan jedhan Kamaal Haarun, ''Yoo mootummaan tarkaanfii sirreeffamaa hin fudhatu ta'e filannoo biraatti deemna,'' jedhan.
''Pirezidaantiin naannoo Amaaraa Obbo Tamasgeen Xuruunah guyyaa jala bultii ayyaanaa ergaa dabarsan keessatti, waa'ee gubachuu masjiidota Moxaa wayita dubbatan hawaasa muslimaatiin raawwatame jechuunsaaniii rakkoo biraa kan kakaasuudha.jechuun haalan.
''Namni mataa biyyaa ta'ee fi aangoo olaanaa biyya keessatti qabu kun haala kanaan dubbii mataa dabsee ibsa kennuun waan qaanessaadha.
Kanaaf mootummaan hatattamaan gaafilee jiru nuun deebisu taanaan qabsoo kan eegallu ta'a.
maddi BBC dha
Inshaa Allah AL Nasru Lil Islaam💪 share👇👇👇
@Kennaapost
t.me/Kennaapost