RAKKINNI HAA RAKKATU!
(Kitaaba Haaraa)
Haala keessa jirtuun haala hundumaa walitti qabuu irraa of qabi. Har’i kan keeti itti jiraadhu; garuu ittiin hin dhaadatiin. Cimaa ta’i; ciminni yoomuu hin balfamu. Garuu ciminni kee qaawwa warreen dadhaboota bal’isee akka hin argamnetti of eeggadhu. Aangoon ati har’a ittiin lafa dhiistee nama irra deemuu caalchifattu, boru gaafa si harkaa bahe nama biraatu ittiin sirra deema.
Re’een umurii ishee lafarra jiraattu guutuu qullubbii adamsuun dabarsiti. Dhumarra garuu, qullubbiimaan itteeffamtee nyaatamti. Qurxummiinis akkasuma yeroo jireenya ishee bishaan keessaatti, bishaan asiif achi rurrukutaa jiraatti. Kana hundumaa, boodarra bishaan danfu keessa akka buufamtu quba hin qabdu. Lafti har’a nu baata; waan nyaataas nuuf laata. Garuu bor nu nyaata; nutus isa baata. Eeyyeen dacheen har’a nu baatti; boru immoo nu nyaatti!
Aangoon kan nama dhuunfaa osoo hin taane, kan yerooti. Kanaafuu yeroof harka laachaa naannoo kee mil'adhu; safuu illee horadhu. Ciminni kee warreen laafoof jabina, aangoo kee warreen sagalee hin qabneef sagalee haa ta'u. Qabeenyi kee mana haadha hiyyeessaa haa lixu. Harki har'a sirraa nyaate boru sin nyaatu. Akkanaan boruun bareeda; dirqamni namummaas galma gaha. Kana hin dagatiin. Dagachuun dirqama yoo ta'e, dagachuu dagadhu!.....
Kitaabicha keessaa fudhatame!
#Guutummaan isaa, guyyoota muraasaan booda sin dhaqqaba. Bifa PDF-tiin telegiraama irraan, 'Chaanaalota' @Galaakoo fi @Orobook irratti ni gadhiifama. Kanaaf, 'search' gochuun dubbisuuf qophaa'aa.
~~~~
@Galaakoo
@Orobook