🌹 Guyyaa Jum'aa🌹
•°•°•°•°•°•°•°•°•°•
Guyyaan Jum'aa Sadarkaalee Adda Addaa qaba, isaan keessaa muraasni:
Yeroon gara masjidaa deemuu
Waan guyyaan kun ittiin adda bahu keessaa tokko Salaata Jum'aatiif ganamaan gara masjidaa deemuun jaalatamaa ta'uu isaa yoo ta'u kunis ilaalcha ulamootaa keessaa ilaalcha isa irra sirrii ta'een eega aduun baatee booda deemuudha. Al-Sahiiheynii keessatti hadiisa Abuu-Hureyraa irraa gabaafameen Nabiyyiin S.A.W
Guyyaa Jum'aa namni akkuma dhiqannaa janaabaatti dhiqatee sa'aatii jalqabaatti (gara masjidaa) deeme akka nama gaala sadaqaa kenneetti ilaalama;
Namni sa'aa lammaffaa irratti deemes Sangaa/Sa'a kenneetti.
Namni sa'aa sadaffaa irratti deemes
hoolaa gaafa qabu kenneetti.
Namni sa'aa Afraffaa irratti deemes
Lukkuu kenneetti.
Namni sa'aa Shanaffaa irratti deemes
Killee kenneetti.
Hanga Imaamni Khuxbaaf ol bahuutti Salaata Sunnaatiin, Zikrii, Qur'aana Suuratul Khafiin qara'uudhaan qabamuun waan inni ittiin adda bahuudha.
Rabbiin warra itti fayyadamee ittiin milkaa'u Anaa fi Isinis haa taasisu
@alrayyanmultimedia