Al-Rayyaan Multimedia


Kanal geosi va tili: ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa: ko‘rsatilmagan


Al Rayyaan Multimedia
Da'عwaa, Odeeffannoo waaytawaa Nashiidaa, Barumsa Islaamaa, Seenaa ...... Gara garaa argachuuf gama channel keenya dhufuun join godhaa

Yaadaaf @waziirofficial

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Kanal geosi va tili
ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa
ko‘rsatilmagan
Statistika
Postlar filtri








Manni maree islaamaa Godina baalee yaa'ii 2ffaa isaa taa'ee jira.

Yeroo ammaa kana Godina Baalee Magaalaa Roobee Galma Abbaa gadaatti Manni maree Godina Baalee yaa'ii 2ffaa isaa Aanaa hunda irraa magaalaa Roobees hammatee bakka keessummoonni gurguddoon Kan akka Sheeka keenna Hajjii Ibraahimii fi Dr. Kamaal Galatuu taa'a jira Guyyaa 2ffaa dhaaf

Yaa'ii Milkii kan jaalala ulamaa'ota keennaf hawwina

@alrayyanmultimedia

@alrayyanmultimedia


AL-RISALA HUMANITY CENTER dan repost
Innaa lillaahi wa innaa ileyhi raaji'uun!!!

Daa'iin beekamaa biyya Filippinsi qaama hin beekamnee ajjeefamuun isaa dhagahame...

Daa'ii beekamaa fi jaallatamaa biyya Filippinsi kan ta'e Daa'ii Nuuh Kaabiriyano osoo salaata irra jiruu humna hin beekamneen ajjeefamuun isaa beekamee jira.

Daa'iin Nuuh nama amantaa biroo irraa gara Islaamummaa dhufee ergaa amantaa Islaamaa saba isaa biraan gahaa jiru yoo tahu imala da'awaa isaatiin namoota dhibbaan lakkaa'aman dukkana kufrii irraa gara ifa Islaamummaatti fiduu danda'ee jira.

Rabbi qubsuma isaa jannatul firdawsiin haa taasisu😢😢😢

@Alrisala1
@Alrisala1


🌹🌹Kuni Ergamaa Rabbiiti S.A.W🌹

Rasuulli S.A.W akkana jedhan: "Ani Haalaa fi Amala gaggaarii guutuuf ergame."

Aa'ishaan Rabbi irraa haa jaalatuu haala Nabiyyii S.A.W irraa gaafatamtee : " Haalaa fi Amalli isaa Qur'aana" jetteen.

Anas bin Maalik Rabbi irraa haa jaalatuu Akkana jedhe: "Rasuulli Rabbii S.A.W nama waan fokkataa dubbatuu fi dalaguu miti, Abaaraa miti (kan nama Abaaru miti) Arrabsaa miti (kan nama Arrabsuu miti)."

Aa'ishaa Rabbi irraa haa jaalatuu Haala Ergamaa Rabbii S.A.W irraa gaafatamtee: "Inni nama waan fokkataa dubbatuu fi dalaguu miti, waan fokkotaa dalagutti uf hin dirqu, Magaalaa keessa lalllabaa hin taane, Hamtuu hamtuun ka deebisu hin taane, garuu irra namaaf dabra, namaaf dhiisa".

Rasuulli Rabbii S.A.W akkana.
Kuni Ergamaa Rabbiiti S.A.W isa jala deemaa jirraa?
Uf haa ilaallu.

#على_سنتك_نعيش_يا_رسول_الله

T.me/alrayyanmultimedia


* Sareen faransaa jibbaa Islaamaa fi muslimaaf qabu itti cimseen
* Masjiidota 76 cufsiisuu beeksise
* Duris Sareen najisuma Eenu xahaara taasise

@alrayyanmultimedia


Ergamaa Rabbi S.A.W Akkana jechuun dubbataniiru:- "Guyyaa Qiyaamaa Ani dursaa ilmaan Aadam tahee kaafama".

Namni Jalqaba qabriin banamtuuf Ana, Namni Jalqaba jaarsummaa (Ummata kootiif) deemus, Namni jalqaba Jaarsummaan isaa qeebalamtus Ana.
{Sahiih muslim, 2278}

Guyyaa Qiyaamaa guyyaa namuu ".... Nafsii..... Nafsii..... Lubbuu too na baasi..... Lubbuu too na baasi....." Jedhaa Lubbuu ofiitiif qofa booyu sana Ergamaan Rabbii Nabi Muhammad S.A.W garuu .... Ummatii..... Ummatii..... Ummata koo....

Ummata koo...." Jechuun ummata isaaniitiif booyu, Ummata isaaniitiif Jaarsummaa shafa'aa Rabbiin S.W fuuldura dhaabbatu.

Rabbiin warra guyyaa qiyaamaa Shafa'aa Rasuula Rabbii argatu nu haa taasisu!

#آمين يا الله

@alrayyanmultimedia

@alrayyanmultimedia


#ሥጦታዬ (SETOTAYE) አዲስ የህብረት ነሺዳ




#Bismillah "Yaa Rabbi......"

= Nutti Araarami

=Ka Jallate Nuu Qajeelchi

= Ka Qajeele umrii Nuu Dhereessi

= Ka Dhukkubsate Nuu Fayyisi

= Ka Rakkate rakkoo Nuu baasi

= Ka Beelaye beela Nuu baasi

= Ka Hidhame hidhaa Nuu baasi

= Ka Wallaale Nuu beeksisi

= Nullee Nu Qajeelchi

= Karaa keerra Nu jiraachisi

= Karaa Keerra Nu Ajjeesi

= Ol Fuutee gad Nu hin buusin

= Nu Shuumtee Nu hin shaarin

= Nu Qajeelchitee Nu hin jallisin

= Hawwinee Nu hin dhabsiisin

= Dalagannee Qullaa keessa Nu hin kaasin

= Khaatimaa Teenna Nu tolchi

= Qabrii Teenna nuu bal'isi

= Jannatul Firdowsiin Nu Gammachiisi

= Ollaa Ergamaa Keenna S.A.W Nu taasisi

Yaa Rabbi nama Aamin jedhee fi Ka hin jedhinis naa dhagahiif

@alrayyanmultimedia

@alrayyanmultimedia


🐪🐪🐪🐪🐪🐪🐪🐪🐪🐪🐪🐪🐪🐪

Gaalli Rasuula keenyatti S.A.W booyee Rakkoo itti himate. Madiinatti Rasuulli S.A.W Oorruu dallawa qabdu takka seenan, Achi keessaa gaalli tokko yeroo Rasuula Arge itti asdeemee imimmaan buusee booye, sagalee booyichaa dhageessise. Rasuulli keenya S.A.W dalluu isaa qaqqabanii cal'ise. Eegasii Rasuulli Abbaa gaala kanaa waamanii gaalli kuni si himatee jiraa ati isa beeleysitaa humna isaatii ol hojjachiifta, itti hin deebi'in haqa isaa eegi jedhaniin.

Nabiyyii Rahmataa Salawaatu Rabbii Wasalaamuhuu Alehi

T.me/alrayyanmultimedia


🌹اللهم أفتح لنا أبواب رحمتك 🌹
🍀جمعة طيبه 🍀

فضيلة الشيخ د. عبد الله الجهني
إمام الحرم المكي

@waziirofficial


🌹 Guyyaa Jum'aa🌹
•°•°•°•°•°•°•°•°•°•

Guyyaan Jum'aa Sadarkaalee Adda Addaa qaba, isaan keessaa muraasni:

Yeroon gara masjidaa deemuu

Waan guyyaan kun ittiin adda bahu keessaa tokko Salaata Jum'aatiif ganamaan gara masjidaa deemuun jaalatamaa ta'uu isaa yoo ta'u kunis ilaalcha ulamootaa keessaa ilaalcha isa irra sirrii ta'een eega aduun baatee booda deemuudha. Al-Sahiiheynii keessatti hadiisa Abuu-Hureyraa irraa gabaafameen Nabiyyiin S.A.W

Guyyaa Jum'aa namni akkuma dhiqannaa janaabaatti dhiqatee sa'aatii jalqabaatti (gara masjidaa) deeme akka nama gaala sadaqaa kenneetti ilaalama;

Namni sa'aa lammaffaa irratti deemes Sangaa/Sa'a kenneetti.
Namni sa'aa sadaffaa irratti deemes
hoolaa gaafa qabu kenneetti.
Namni sa'aa Afraffaa irratti deemes
Lukkuu kenneetti.
Namni sa'aa Shanaffaa irratti deemes
Killee kenneetti.

Hanga Imaamni Khuxbaaf ol bahuutti Salaata Sunnaatiin, Zikrii, Qur'aana Suuratul Khafiin qara'uudhaan qabamuun waan inni ittiin adda bahuudha.

Rabbiin warra itti fayyadamee ittiin milkaa'u Anaa fi Isinis haa taasisu

@alrayyanmultimedia

@alrayyanmultimedia




Hojii kee keessa kamtu Rabbiin caalatti akka gammachiisu hin beektu, kanaafu hojii gaarii hojjachuu hin dhiisin maa hanga fedhe xiqqoo hin taane.

Yeroon hin dhufti yommuu hojii gaariin garmalee itti barbaadamtu.

Akkasumas, hojii kee keessaa kamtu Rabbiin akka dallansiisu hin beeytu. Osoo ati hin beekin baditti kufuu dandeessa. Kanaafuu hojii badaa kamiyyuu irraa dheessi, Rabbiin Araarama kadhachuu hin dhiisin.

Yeroon hin dhufti yommuu namni hojii hamtuu isaatiif garmalee gaabbu. Yeroon erga darbee booda gaabbiin maal si fayyaddi ree?? Yeroon suni guyyaa Qiyamaati😭😭

"Yaa Rabbii dhuma (booddee) keenya nu tolchi"

@alrayyanmultimedia

@alrayyanmultimedia


Intala Niqaaba uffattu Dhaamsa bareeda Argatte.

Ummu Abdullah biyya Ingiliz/England keessatti nama Niqaaba Uffattu.

Guyyaa tokko osoo baaburaan deemu jirtuu Intalli takka na laalti jettee barruu Page Facebook isarratti maxxansitee ILMFEED gabaaseen.

Namittiin yeroo ani laaluuf gara isiitti gara galu isiin gara biraa laalti jette.

Garuu yeroo bakka buutu geette xalayaa xiqqoo na harka keette jette

Xalayaanis "You look beautiful in your veil just like the full moon in the night sky Alic xxx"

"Hin bareedda Akka ji'a guuttu, dukkana keessa jiruu" jetti xalayaan isheen kenniteef

#ماشاء_الله

T.me/alrayyanmultimedia


Yaada kee jaalala namaa Argachuurratti hin deebisin.. qalbiin namaa garagaggalti.. Hardha si jaalatanii bo si jibbuutu mala..
//

Yaadni kee Jaalal Rabbii Argachuu haa ta'u.. Yoo inni si jaalate, qalbii namaatis akka si jaalattu godha...

اللهم إني أسألك حبك.. وحب نبيك.. وحب من يحبك.. وحب عمل يقربني إلى حبك..
حقق الله أمنياتكم.. وجمعكم مع من تحبون..

@alrayyanmultimedia

@alrayyanmultimedia


#join us this channel



20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.

511

obunachilar
Kanal statistikasi