Iccitii Milkaa'inaa /The secret to success/.
Dargaggeessa hojidhabeessa tokkotu ture. Dargaggeessi kun dinagdeedhaan milkaa’ee nama guddaa ta’uuf waan hawwii qabuuf hayyuun kalaqaa #Sooqiraaxos iccitii milkaa’inaa akka itti himu gaafata.
Irra deddeebiin milkaa’uun barbaadaa maaloo iccitii milkaa’inaa natti himi jedhee isa rakkise.
Sooqiraaxosis tole jedhee guyyaa ittaanu qarqara lagaatti akka dhufu; achittis akka isa gorsu itti hime. Dargaggeessichis tole jedhee ganameeffatee gara lagichaa deemee Sooqiraaxos eeguu eegale.
Sooqiraaxosis sa’aatii isa beellametti bakkichaatti qaqqabee uffatakee baasi jedheen. Ofiifis baafate. Dargaggeessichis Sooqiraaxosis baafatan. Harkasaa qabatees gara lagichaatti seenan.
Dargaggeessichis eessa nageessita? jedhee Sooqiraaxos gaafate. Bakka milkaa’inni jirun sigeessa jedhee ammas garuma gidduu lagaatti seensise.
Utuma bishaan jalqaba mogolee, jilba, mudhii, kokkee jedhuu dhumarratti gaafa isa liqimsuuf jedhu maaloo nabaasi, natti haahafu jedhee itti marame. Sooqiraaxosis didee gara handhuura lagaatti galchee keessatti gadi dhiibee (xillikse) ofirraa darbate.
Dargaggeessichis harkasaa facaasaa wixxifachaa bishaan isa liqimse keessaa ba’uuf harkasaa olii gadi raasaa lubbuu ofii baraaruu warraaquufi tattaafachuu eegale.
Gaafa lubbuun itti mi’ooftu Sooqiraaxos ittisiqee harkasaa qabee maal taate jedheen? Maaliif lagatti na darbatte jennaaniin inni deebisee ati maal barbaacha harkakee facaasta? jedhee gaafate.
Dargaggeesichis deebisee maaloo afuurri nacinnaan qilleensa fudhachuufan wixxifadha jedhee deebiseef. Sooqiraaxosis bishaan keessa qilleensi jiraa? jedhee gaafateen.
Maarree yoon wixxifadhe bakkeetti bahee qilleensa argadha. Kunoo wixxifannaan ukkaamsaa keessaa bahee afuura baafadhe jedhee deebiseef.
Sooqiraaxosis, egaa ilmakoo milkaa’inni akkasuma olii gadi fiiganii kufanii ka’anii dhama’anii mul’ata nama keessa jiruun hojjetanii malee taa’anii yoo eegan hindhufu kanuma gorsikoo jedheen. Dargaggeessichis guyyaa sanaa kaasee kufee ka’ee hojjechuun dureessa ta’e. Sooqiraaxosis galateeffate jedhama.
Dubbistootaa, dhaloota ammaa keessaa tokko tokko osoo mul’ata isa keessa jiruun dhama’ee, ifaajee milkaa’uu danda’uu kan baratee itti leenji’een qofa milkaa’uuf carraaqus eeggattummaaf saaxilamaa rakkoo hamaa keessatti dhidhimee dhaabachaa jira
Positive mind find opportunity in everything.
https://t.me/tolaaf