Irra deebitee yaaluu hin sodaatin.
Jireenyi ilma namaa gufuun kan guutameedha, eega ati karaa seente wantoonni duubatti si harkisan gariin ammoo bakka ati duraan turtee gaditti si kuffisan hedduudha.
Fknf business fudhadhu maallaqa tiqqaa harkaa qabduun akkuma hojitti seenteen hojicha keessa isaa sirritti hubannoo gahaa waan hin qabneef yeroo gababaa booda ni kasaarta, maallaquma tiqqaa duraan harkaa qabdu sanuu if harkaa dhabda.
Eegasi hoo?
Achi booda ati akkamittin kasaara? Maalumaafin maallaqa kiyya ballesse? Silaan eegaluu baadheehoo... Hin je'in.
Nama oso homaa hin hojjetin taa'urra sii kanaatu irra caala walumattuu hin dhuftaniihuu,
Humna siif hafte walitti sassaabadhuuti ammas ittuma deebi'i, irra deebitee yaaluu hin sodaatin yeroo kanatti muuxannoo yeroo dabre irraa waan qabduuf.. waan si gufachiise fi bakka itti mucucaatte waan adda baafatteef akka duraa san hin taatu.
Nama harka maratee taa'u bakka tanaan caalta..muuxannoo(EXPERIENCE) dhan.
Gaazexaan forbes qorannoo namoota milkaa'an(successfull) hedduu irratti taasiseen, namoonni milkaa'an kunneen giddu galaan yeroo 7 kufani ka'uun 8ffaa irratti bakka amma jiran tana gahan ja'ee barreessee ture.
Egaa bakka yaadde gahuuf irra deebite deddeebitee yaaluu qabda gufuu fi kufaatii sodaachuu hin qabdu.
Sammuu banamaadhan maalin irraa baradha jattee laallan milkaa'ina caalaa kufaatii irraa waan guddaa baratta galaa jireenyaa argatta.
Yaada yoo qabaattan
@Fekede14