Dhukubni saree maraattu maalirraa dhufa❓
Of-eggannoo akkamii fudhachu qabna❓
Dubbisaa, waliif qoodaa!
Dhukkubni saree maraattuu Vaayirasii Rabiis jedhamun kan dhufu yoo ta'u, beeyladootaa fi bineensota dhukkubichaan qabaman kan akka Saree, Adurree, Sardiida fi kkfniin yeroo ciniinaman, akkasumas yeroo maccoorraman gara namaatti darbuu danda'a.
Sareen ykn adurreen dhukuba kanaan qabamte amaloota akka rifachuu, dallanuu, olif gadi fiiguu, nama miidhu, nyaata diduu, gorora yaasuu, bishaan dhuguu diduufi bishaan sodaachuu faadha.
Namni tokko erga sareen ykn adurree maraatten ciniiname booda, mallattoon jalqaba ini agarsiisu, iddoo ciniiname san miira hooqsisuu fi gubuu itti dhagahamu danda'a. Mallattoon dhukkubichaa garuu mul'achuu kan jalqabu yeroo hedduu erga ciniinamee ji'a 1 hanga ji'a 3 keessatti. Sababbiin turtii kanaa vayirasichi sammuu namaa keessa seenudhaaf yeroo itti fudhatuudha.
Mallattooleen namoonni dhukkubichaan qaban agarsiisan keessaa: sochii dallansuudhaan guutame, ifa waan jibbisiisuf iddoo dukkana ta'e filatuu, sammuun jeeqamuu, rifachuu, bishaan dhuguu dadhabuu fi sodaachuu, dhumarrattis of wollaaluun gorora yaasuun du'aaf saaxilama.
Of-eeggannoowwan fudhatamuu qaban‼️
Jalqba dhukkubni kun yeroo hedduu kan daddarbu saree fi adurreedhaan waan ta'eef sarroottan fi adurreewwan mana keenya keessa jiran talaalchisuudha. Itti aansuun kanneen abbaa hin qabne kan ganda keessa jiraatan irratti to'annoo taasisuudha.
Namni tokko erga ciniinamee booda battalummatti bakka madaa san saamunaa ykn ayoodiiniidhaan jabeessanii dhiquu. Sana booda gara mana yaalaa deemuun qoricha battalumatti jalqabuutu irra jiraata!
Hubadhaa ‼️
Namni dhibee kanaan qabame erga mallattoo samuu agarsiisuu jalqabe booda fayyuu hin danda'u. Kanaaf namni sareen ciniiname hunduu yaalamuun ni gorfama.
Dr Fiqaaduu Yaadasaatin.
Horaa bulaa Fayyaa ta'aa!