#Beeksisa_hojii_banaa_irratti_ibsa_dabalataa!
Dhaabbanni #DQI (Daandiin Qilleensa Itoophiyaa), gita hojii banaa garaa garaa irratti leenjitoota akkaan hedduu dorgomsiisee fudhachuuf beeksisa baasee akka jiru beekamaadha.
Galmeen isaas kan raawwatu Dafinoo/Wixata fuula keenya dura jiru irraa eegalee hanga Jimaataatti ta’a. (21-25-Aug-2023 )
#Oromiyaa guutummaa keessaas bakkeewwan galmeen itti geggeeffamu Finfinnee fi Dirre-Dhawaa dabalatee isaan armaan gadiiti:
• Adama Science and Technology university, Adama
• Finfinnee, online (https://
corporate.ethiopianairlines.com/AboutEthiopian/careers/vacancies)
• Ambo university, Ambo
• Dire Dawa university, Dire Dawa
• Selale university, Fitche
• Haramaya university; Harar campus, Harar
• Jimma university, Jimma
• Wollega university, Nekemte
• Robe teachers’ college, Robe
• Shashemene poly technic college, Shashemene
Gama biraatiin ammoo galmeen kun bara barnoonni itti xumurame hin ilaallatu. Namni waggaa arfan ykn shanan har'aa eebbifame ulaagaa biroo yoo guute galmaa'uu danda'a. Kanaaf iddoo galmeetu yuunibarsiitii ykn Kolleejii ta'e malee namni kamiyyuu iddoo kamiiyyuu dhaqee galmaa'uu fi dorgomuu danda'a.
Kanaaf obboloonni beeksisicha qacarrii kana akka waan barattoonni Yuunibarsiitii sanaa qofti akka dorgomaniif qofa waan daanga’ee jirutti hubattanii jirtan, yuunibarsiitii ykn kolleejiin bakka galmee qofaadha malee beeksisichi hundumaa ilaallata.
Carraan bifa akkasiin ergaan takkaa nama baay’ee fudhachuu yeroo baay’ee keessatti altokko carraa uumamu waan ta’eef, maaloo carraa kanatti fayyadamaan isiniin jedha. Odeeffannoo waliif qoodaa, wal toosisaa, wal jajjabeessaatii itti hirmaadhaa!
Oromoota maraaf Qooda!
#join👇👇👇👇
https://t.me/bmsheger