BORUUF YAAD TAMAAM


Kanal geosi va tili: ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa: ko‘rsatilmagan


Injifatan yoomuu motummaa osoo
Hin taanee ummata

Связанные каналы

Kanal geosi va tili
ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa
ko‘rsatilmagan
Statistika
Postlar filtri


Namoonni tokko tokko Jawaar maaliif callise jechaa jiru.jawaar callisus dubbatus Oromoof gammachudha diinaaf garuu mata dhuukkubbidha garuu gaaffin kiyya Jawaar maaliif akka callise ennutu gaafate? Nuti ummanni Oromoo qabsaawaan tokko yoo ajjeefame guyyoota muraasaf iyyine galu qofa maaliif ta,e osoo inni lubbuun jiruu maaliif eegumsaa hin goonef halkaniif guyyaa maaliif hin hordofne.dhugaa dubbachuuf taanan nutu hayyoota Oromoo gate malee jarri nun ganne nuf jedhanii waa meeqa ta,an hanga lubbuu ofii wareeganitti osoo nuti tokkummaa qabaanne silaa gammachuu ayyaana jaal abdii Raggaasaa fi ummanni Oromoo kumaan lakka,aman mana hidhaatti hin hafan maal goonare hoomocha galaana gubbaa taane ka faydaa hin qabne ummanni Yuukireen miliyoona meeqa Oromoon hoo miliyoona meeqa bay,ee nama gaddisiisa hangana baay,ata hayyoota callisnee laaluun salphina guddaadha.garu kan akkanatti nu salphise fi akka salphannu nu godhe mootummaa naannoo Oromiyaa ergamtuu bilxiginnaati osoo inni gara ummataa goree gonkumaa ummanni Oromoo eennufu hin jilbiffatu motummaan Yuukireen bar kan akkanatti qolatuuf ummata ofii waan jaalatufi ummannis ni jaalata keennaa kun kanaan faallaadha motummaan Oromiyaa kun ergamtuu fi kan garaaf bulu waan ta,ef ummanni Oromoo hin jaalatu innis ummatuma ofii hidhaa ajjeessa kanaafi kan Oromoon kan tokkomuu dadhabeef ummanni Oromoo kan xiyyeeffatu qabu orma oso hin taanee keennaa kana.fkn bara 2010 yeroo lammaan angorra ture sana ummataaf motummaan waliin qabsaawuun injifannoo kan galmeessan kanaafuu ya Oromoo mootummaa bakka si bu,u dhaabbachuf carraan jiru takkuma innis humna waraanaa ke cimsuun dinagdee fi waan hundaan WBO jabeessuu fi cinaa dhaabbachuu qofa. Dhiifama yoon balleesse!!


Barattoonni Oromoo mana barumsaa kamiyyuu barattan hunduu koottaa ijoollee teennaa warra barana qabxiin Civic jalaa haqameefi warreen universitii wachaamotti miidhaman hundaafuu sagalee haa taanufi .


WBOn maaliif baduu dide?dhugumaa meeshaa waraanaa ga,a qabateti? Miti. Maal waan ta'eef re?Oromoon yeroo mammaktu dhugaan ni qallatti malee hin cittu jedhan WBOn dhugaa qaba dhugaaf dhaabbata akka n***xnyaa dharaan hin deemu kanumaafi badu dide.yeroo kamuu injifannon ta abbaa dhufaatii.wbo dagaagii guddadhu ifii mulladhuu homtuu si dura hin dhaabatin gaara ta,i dhugaa qabda ni moota gatii dadhabbii keeti bilisummaa Oromoof haa ta,u. Kanaan booda waraanni ummanni Oromoo hin qaba jedhuu WBO malee kan biraa hin jiru.injifannoon kan wboti.


Qurxummii balleessuuf bishaan balleessuu qabna jechuun dhadataa turan garu kan nuti argaa jirru bosona gubanis dhiisanis WBOn baduu akka hin dandeenye waan hubatan fakkaata.kan si ajaa,ibu akka galaanatitti dabalaa dhufaa jira malee wan bade hin qabu


WBOn shororkeessa taanaan ummanni Oromoos shororkeessadha.hanga fedhee turullee injifannoob kan ummatati


Dhugaa dubbachuuf taanaan wbon yomiyyuu wan motummaan bilsiginnaa jedhuun kanarraa bilisaa ta,un isaa nama hin shakkisisuu.an akka nama dhuunfaa tokkotti ummanni oromoo yomiyyuu caalaa wbo cinaa dhaabachuu yeroon inni qabu Amma ololaa sobaa motummaan bilsiginnaa oofa jiru kun ummata oromoo yomiyyuu Kan ofduuba hin deebifne ta,u beektani ummata shororkessu akka dhiftan dhaamsa gara jabummaa isiniif dhaamna.wbon as dhihoo kana injifannoo guddaa galmeesse jira galmeesses jira.


Akkam jirtuu kabajamtoota hordoftoota channel keenya warroonni channel kana hin qabne dafaati join godhaati achii booda waan haarawaa qabadhee dhufa.@boruufyaad tamaam


WBOn si jedheeti malee jireenya dhuunfaa jiraatuu dadhabeeti miti


Biyyaa kamuu ta,e saba kamiyyuu yoo ta,e biyyii karaa nagaahaatin walabummaa ofi labsatte hin jirtu fkn waraana yeroo ammaa Yuukireeni fi Raashiyaa gidduutti uummame yoo laalle Yuukireen gootummaa fi tokkummaan qolachaa jirti dubbiin dubbii nukilaara jabaa qabaachuu osoo hin taane tokkummaa qabaachuu kanaafuu ya Oromoo karaa nagaahaatin walabummaa Oromiyaa mirkaneessuu gonkumaa hin dandettu malli si baasu WBO jabeessuu fi itti makamuun waan dandenyun bira dhaabbatu qofa.


Atoman Turikii dan repost
Raashiyaa fi Muslimoota Yuukireen Seenaa yeroo mil'annu..!!
Seenaa Yuukireenotaa bifa suuraa fi Fiilmiin daawwachuu yoo feete taatee yeroo ammaa biyyi Chaayinaa Muslimoota Iyguur irratti geggeessaa jirtu mil'achuun gahaa dha! Amantaa isaanii Islaamummaa fi duudhaa isaanii balleessuuf tarkaanfii yeroo yeroo 'tti mootummaan Chaayinaa Muslimoota Iyguur irratti fudhatu tarkaanfii Raashiyaan jaarraa darbe kana keessa Muslimoota Yuukireen balleessuuf fudhatte waliin haalaan walfakkaata.
Biyyi Yuukireen bulchiinsa Islaamaa jalatti amantaa Islaamaan faayamtee waggoota dheeraaf bulaa kan turte yoo ta'u Masjiida dabalatee dhaabbileen Islaamaa haalaan biyyoota keessatti babal'atanii turan keessa isheen tokko dha! Biyya Islaamaa kan turte Yuukireen keessa Islaamummaa dhabamsiisuuf akka lakkoofsa Faranjootaa 'tti Bara 1833 keessa Raashiyaan loltoota waraanaa ishee bobbaasuun Yuukireeniin weerartee Qur'aana kabajamaa dabalatee manneen Kitaabaa fi Kitaaba Islaamaa garaagaraa gubuun barbadeessitee turte.
Islaamummaan babal'achuun isheef mata-dhukkubbii kan ta'e Raashiyaa 'n Bara sana keessa biyya Yuukireen keessa Masjiidota 900 ol barbadeessuun dhaadattee turte! Waan nama ajaa'ibu Masjiidota 900 ol kan Raashiyaan biyya Yuukireen keessaa barbadeessite galmee seenaa biyyattii irratti tokko tokkoon galmaa'anii jiraachuu isaanii dha.

Biyyi seenaa diinummaa jabaa Islaamummaa waliin qabdu Raashiyaan kanaan hin dhaabbanne... Akka lakkoofsa Faranjootaa 'tti Bara 1876 keessa Mootoliin Raashiyaa Muslimooota Yuukireen irra dhorkaa Hajjii kaa'an! Kana booda Raashiyaan Muslimoota Yuukireen irratti duula "Kufrii" fi sanyii isaanii jijjiiruu bante!! Madirasaa Islaamaa kanneen barnoota Amantaa kennan baayyinni isaanii 275 hanga 1550 qaqqabu gara barnoota idilee 'tti deebisuun Muslimoonni mufatanii biyya isaanii gadi-lakkisanii akka baqatan 'f sababa taate! Waan nama ajaa'ibu akka seenaan ragaa ba'utti Raashiyaan dhagaa qabrii Muslimootaa irraa funaanuun ijaarsa Gamoof fayyadamaa turte kanaanis Qabriin Muslimootaa achi keessaa akka badu taasistee jirti.
October 1917 yeroo warraaqsi Sooshaalistii jalqabu Yuukireenonni Islaamummaa waliin boqonnaa haaraatti ce'anii turan! Jaarraa 20 keessa daangaa Gamtaa Sooviyeet irratti Muslimoonni Yuukireen fi Amantaan Islaamaa balaaf saaxilamee ture, Raashiyaan taatee yeroo ammaa Mootummaan Chaayinaa Muslimoota Iyguur irratti geggeessaa jirtu isheenis Muslimoota Yuukireen irratti geggeessite! gocha gara-jabummaan dhuunfatameen Daa'ilee Islaamaa Yuukireen Jumlaan hiite garii ajjeesuun dhabamsiiste, Masjiida dabalatee Manneen Kitaabaa Islaamaa danuu cufte! Hidhamtoota Islaamaa akkasumas beektota Islaamaa mana hidhaa keessatti dararuu hojii idilee ishee taasifatte.
Sirni bulchiinsa Kooministii Raashiyaa Masjiida guddicha Magaalaa Samfarobel 'tti argamu bara 1921 keessa gara warshaa Zayitii 'tti kan jijjiire yoo ta'u, Masjiida magaalaa Tenistaav ammoo Magaazina Qonnaa 'tti jijjiiruun seenaa diinummaa Islaamummaaf qabu galmee seenaa irra olkaa'atee jira! Sirni Koomistii Raashiyaa kun kanaan hin dhaabbanne.. Masjiida Guddicha Magaalaa Bakshisarey 'tti argamu gara Goda-Hambaa 'tti jijjiiruun hanga yoonaatti madda galii biyyattii ta'uun Tuuristootaan daawwatamuuf dirqamee jira.
Duudhaalee Islaamummaa fi Aadaa Islaamaa dhokatanii biyyattii keessatti hafan balleessuun Raashiyaan mudhii hidhattee hojjechuu jalqabde! Qubee Arabiffaa barreeffama keessatti fayyadamuu dhorkuu dabalatee ganda keessa deemuun Kitaaba Islaamaa barbaadanii gubuun dhaloota Islaamummaa irraa fageessuun hojii idilee Mootummaa Raashiyaa yeroo sanaa ture.

Haa ta'u malee 80 'moota keessa Muslimoonni Yuukireen wal-funaanii gara Amantaa isaanii Islaamummaa 'tti deebi'uuf sochii jalqaban.
Kufaatii Gamtaa Sooviyeeti fi Xumura jabana Kooministii Raashiyaa booda biyyi Yuukireen bilisummaa ishee labsatte! kana booda Muslimoonni Yuukireen Amantaa isaanii Islaamummaa bilisummaan akka geggeeffataniif haalli mijateef kanuma hordofuun Muslimoonni Yuukireen kanneen sababa Islaamummaa isaanii baqatanii turan gara dachii isaanii 'tti deebi'uun jiruu baqaa irraa@Top_student


Nani dan repost
🔞 Hordoftoonni Amantii Kanaa Maaliif Of Ajjeesu ??

Amantiiwwan Sodaachisoo fi Dinqisiisoo Addunyaa !!

Amantiin Akkasiis Jiraa ? ? Amanuuf Namatti Ulfaata 😱

Liinkii Gadii Tuquun Daawwadhaa
👇👇
https://youtu.be/a4C5IlA-tWM
https://youtu.be/a4C5IlA-tWM


Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo dan repost
Faannoon Amaaraa Riphee lola Federaala Yifiruu jedhamun hogganaman Firoota Hayyuu Duree ABO Jaal Daawud Ibsaa 4 ajjeesun 4 ammoo ukkaamsun guyyaa 9 booda gadi lakkisan.

(SQ-Gurraandhala 25,2022)

Humni Faannoo fi Milishaa Amaaraa jedhaman kan Mootummaa naannoo Amaaraa, Mootummaa Federaalaafi Bilxginnaa Oromiyaan deeggeraman itti yaadanii Firoota Hayyuu Duree ABO jaal Daawud Ibsaa kan ta'aan namoota 4 ajjeesuun namoota 4 ammoo ukkaamsun guyyaa sagal booda kaleessa gad dhiisan.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Harroo Bulluq Ganda Guddinaa Abuunaa kan jiraatan Firoonni jaal Daawud Ibsaa achuma Aanaa Horroo Bulluq Ganda Guddina Abuunaa keessatti gochii gara jabeenyaa kun irratti rawwaate.

Namoonni ajjeefaman kunneen Manguddootaafi Daa'imman yoo ta'an isaaniis

1, Addee Lalisee Shifarra Kumsaa umriin 60

2, Dargaggoo Roobaa Firdiissa Jabeessaa Umriin 23 Barataa Kutaa 12ffaa

3, Qixxaataa Duulaa Abboomaa Umriin 16, Barataa kutaa 8ffaa,

4, Addee Adaanech Abboomaa Duuressaa Umriin 30 kanneen ajjeefaman yoo ta'an

1,Shamarre Warqee Lammaa Qalbeessaa umriin 23 barattuu kutaa 12ffaa

2- Shamarre Ilfee Shifarraa Kumsaa umriin 19, barattuu kutaa 11,

3- shamarre Lalisee Taammaraa Asaffa umriin 17 barattuu kutaa 8,

4-Shamarre Misgaanee Nagaasaa Shifarraa Umriin 26, barattuu kutaa 7

Kan ta'an ammoo humna Faannoo Amaaraa kanaan ukkaamfamun guyyaa 9 booda kaleessa Gurraandhala 24,2022 gadi dhiifaman jedhu maddeen keenya.

Ajjeechaa Firoota jaal Daawud Ibsaa kanarratti Faannoo Amaaraa tumsuun waliin kan rawwaatan dhalattoonni Amaaraa Aanaa Jaardagaa jiraatan Temechee Qaasim fi Adam Qaasim irratti hirmaachun ajjeecha Sukkanneessaa sana warra rawwaate keessaa tokko ta'uus odeessi argannee ifa taasisa.

Mootummaan Bilxginnaa itti yaadee Maatii qabsa'oota fi Firoottan qabsaa'oota adaamse ajjeesaa kan jiru yoo ta'u . Firoota Hayyuu Duree ABO Jaal Daawud Ibsaa haala hamaan akka ajjeesaniif Mootummaa Federaalan kan qindaa'ee ta'u odeessi arganne ni mullisa.

Riphee lola Federaalaa kan ta'e nama Yifiruu jedhamun hogganamuun itti yaadamee Firoota jaal Daawud Ibsaa irratti ajjeecha kun rawwaachuunis beekameera.

Hayyuu Dureen ABO jaal Daawud Ibsaa erga Mootummaa Bilxginnaan mana keessatti hidhamanii Waggaa guutuuf kan deemu yoo ta'u dhihoo kanas Milishaan Bilxginnaa Mana Jireenya Haadha jaal Daawud ibiddaan barbadeessun niyaadatama!


Yaadota Xixinnoo! dan repost
Gaarummaadhafi!

Qotee bulaa hiyyeessa tokkotu ture. Guyyaa tokko fardi inni qabu tokkittiin jalaa baddi. Guyyaa sana olloonni isaa marti isa jajjabeessuf gara mana isaa dhufan. "Fardi kee baduu isaa dhageenye. Kun wanta hedduu laphee namaa cabsudha" jedhaniin. Innis deebisee "Hundumtuu gaarummaafi" jedheen. Borumtii isaa fardi bade fardeen bosonaa 7 of duuba yaasee dhufe. Kana kan dhaga'an olloonni isaa ammas gara mana isaa dhufuun "Baga gammadde! Amma abbaa farda 8ti taate jechuudha. Ati akkam nama carroomadha" jedhaniin. Inni akkuma barame hundumtuu gaarummaafi jedhaan.

Yeroo biraa ilmi qotee bulaa kanaa farda tokko leenjisuuf jedhee otuu gulufuu kufee lukni isaa caba. "Ooo maali carraan akkanaa? Ilma kee waan hamaatu isa muudate" jedhanii olloonni isaa. Qotee bulichi deebii gaarummaafi jedhuun ala hin laanneef. Guyyaa itti aanu mootummaan biyyattii dargaggoota waraanaf guuruu eegale. Mucaa qotee bulaa kanaas lukni isaa cabaa waan tureef isa dhiisanii dargaggoota mandarichaa hunda sassaabanii deema. Olloonni namicha kanaa har'as mana isaa dhufan. "Mucaan kee akkam carroomadha. Waan lukni isaa cabeef waraana deemuu jala darbe" Jedhaniin. Deebiin qotee bulaa kanaa beekkamaa ture. Innis "Gaarummaafi"

Egaa yaa nama koo seenaa kana irraa waan xinnoo tokko hubachuun kee hin oolu. Wanta ta'e irratti dhiphachuun ceepha'uu dhiistee isa gochuu dandeessu qofa irratti xiyyeeffadhu. Isa ta'e homaa gochuu hin dandeessu. Inni ta'uuf jiru garuu harka kee keessa jira.

Maddi:- Intarneeta
Yoo waa irraa baratte #Share godhi
@Yaadota




Boontuu Baqqalaa Garbaa dan repost
Waa'ee joollee mana hidhaa Sawudii
====
Waa'een ilmaan biyyaa Sawudii keessatti hidhamanii akka dafee furmaata hin arganne kan godhe sirna Abiy AhmadI. Keessattuu joolleen Oromoo nama abbaa kanaa jedhuun hin qabdu. Ummanni mootummaa falmuuf hin qabne akkanuma taha. Salphinni Oromoo isa biyya jirurratti dhaqqabe warra biyyoota ollaa fi biyyoota Arabaa jiraatanis hanqataa hin jiru. Lencho Bati kan qabsoo Oromoo ganee sirna kanaaf ergamu ambaasadarummaa ho'ifatee yoo rafu ilmaan biyyaa kan inni nageenya isaaniif falmuuf dirqama itti qabu garuu waan uffatan dhabanii laastikii kosiin itti gatamu ofitti maranii ciisu.

Falli jiru:
1. Warri carraa qabnu hundi mootummaa Sawudii irratti karaa danda'ame hunda dhiibbaa gochuun akka lammiiwwan keenya hidhan gara biyyaatti deebisan gaafachuu,
2. Mootummaa Abiy Ahmad fi embaasii isaa kijibduu sana saaxiluu irratti tumsaan hojjechuu dha.
3. Kanneen Saudi jirtan hanga dandeessaniin waan nyaataa fi uffataan lammiiwwan keessan hidhaa jiraniif birmachuu dha. Warri fagoo jirtanis waan dandeessaniin gargaaraa.
4. Lammiiwwan keenya biyyoota Arabaa, keessattuu Sawudii jirtan ammas dabalataan akka hakra mootummaa hin buune eeggannoo jabeessuu dha.
Cunqursaa nurra jirutu kana fide waan taheef furmaanni isaa falmatanii keessaa bahuu qofa.

Warra mirga ofiif cichee falmatutu dhaghama, kabajama! Gemeda J Mohammed irra


😂Kottaa kolfaa dan repost
Ishee: An kanan jedhu, lakkoofsa gabatee(Taargaa) konkolaataa irratti, 'AA' kan jedhu maaliidha?

Isa: Nama dhibda, waan xiqqoo kanallee hin beektuu, 'Adaanech Abeebee jechuudhakaa

JOIN @qirqiddaaentertainment NOW@tiktok


😂Kottaa kolfaa dan repost
Maal haadha manaan akkas Abbaa manaa shakkitu!

Ji'a sadiif iddoo biraa deemee dhufee wal argan. 'Koondoomii malee hin goonu' jette. Wal falmii daqiiqaa muraasaa booda 'TOLE' jedhe. Hin godhan. Fixeera fixachiisuu baatus.

'Ol fuudhi Koondoomicha' jette. Ol fuudhe. 'Mataasaa walitti qabi' jette. Qabee itti agarsiise.

Kan ji'a sadii kanuma qofa baay'ataa jettee balaa buuste.🤣

JOIN @qirqiddaaentertainment @Falmimulgeta


BBC News Afaan Oromoo dan repost
Jilli Itoophiyaa rakkoo lammilee Sa'ud Arabiyaa jiran irratti mariyachuuf garas imalee jira -

Jilli Ministira Maallaqaa, Obbo Ahimad Shideetiin durfamu haala rakkisaa lammileen Itoophiyaa Sa'ud Arabiyaa keessa jiran irratti mariyachuudhaaf garas imaluu Imbaasiin Itoophiyaa Riyaad jiru beeksiseera.

@bbcAfaanOromoo ..
========Read more===⤵️l


Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo dan repost
Dhumata kan Hinqabne Darara Lammiilee Keenyarra Gahaa Jiru Dhaga’uun Mataansaayyuu Nama Surura .


Lammiilee keenya Saawudii Arabiyaatti Dararamaa Jiran Ilaalchisee Ibsa Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) irraa kennme

Imaammatootni guddinaaf jedhamanii biyya keenya keessatti bahan, hirmaachisaafi sirrii ta’uu dhabuudhaan, gariin hojiirra hinoolan, hanga ta’e yoo hojiirra oolanis fedhii namootaafi garee muraasaaf giddu-galeessa waan taasifamaniif, fedhii ummattoota keenyaa otoo hinguutiin karaatti hafu. Guddinni dhibeenta hanganaa galmaa’eera jedhamus, qabeenya namoota muraasaa fooyyessuurraan kan hafe, lammiilee agabuusaanii oolanii-bulaniif hinyaadamu; xiyyeeffannoon kennamus gadi-aanaadha. Lafa bal’aafi qabeenya uumamaa hedduu otoo qabnuu, haalaan misoomsuu dhabuudhaan kan ka’e lammiileen keenya jireenya dhuunfaafi maatiisaanii fooyyessuuf jecha haala baay’ee sodaachisaafi yaaddessaa ta’e keechaan gara godaansaatti qajeelu. Karaa biraatiin bulchiinsi siyaasaa biyya keenyaa walxaxaa ta’uurraa kan ka’e, lammiileen kana baqachuuf biyyarraa godaanan lakkoofsi isaanii laayyoo miti.

Waggoota soddomman darban keessa qofaa, lammiileen keenya fedhiin siyaasaafi dingdee guutuufi dhabuudhaan, gara biyyoota hambaatti keessumaa gara Biyyoota Arabaatti yeroo godaananitti, huurrii gammoojjiifi irbaata kashalabbeewwaniifi bineensota galaanaa ta’anii hafaniiru. Keessumaa biyya Libiyaa galaana cinaatti dardarraan qalamaniifi yeroo dheeraadhaaf biyya Saawud Arabiyaatti mana nama dhuunfaafi tiibanammoo jumlaadhaan mana hidhaatti ukkaamfamanii dararaan isaan keecha jiran nama surura. “Yeroodhaaf wantootni baay’een nutti hafanii, mootummaan lubbuu lammiilee kanaa otoo baraaree gaariidha” qaamoleen jedhaa jiran hedduudha. KFOnis yaada kana nideeggara.

Kanaafuu, hanga ammaatti lubbuu hedduu dhabnus, mootummaan lubbuu lammiilee hafanii baraaruuf, tarkaanfii hatattamaa akka fudhatuu nigaafanna.

Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO)
Finfinne: Guraandhala 03, 2014


Seenaa jaalalaa dan repost
Kan kabajaa qabu
Suuta wajji deemta
Kan kabajaa dhabes
Akka beekutti oftaa

Kabajamuun abbaafii
Yoo dantaan jiraatee
Funyaan lafa riguudha
kan nama tuffat
ee
by ✍️@kaxarii

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.

23

obunachilar
Kanal statistikasi