BUBBEE WORLD NEWS


Kanal geosi va tili: ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa: ko‘rsatilmagan


Kan nu bira hin jirre hin jiruu qofaadha.

Bog‘liq kanallar

Kanal geosi va tili
ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa
ko‘rsatilmagan
Statistika
Postlar filtri


Itiyoopiyaan baay'ina harrootaa qabduun biyyoota addunyaa kana irra jiran dursaa jirti!!


✍Akka Gabaasa bara 2025'n baheetti,  addunyaa kana irra harroota gara miiliyoona 50 tu jira. Kanneen keessaas biyya keenya itiyoopiyaa keessa harree gara miliyoona 10 ta'an akka jiran ibsameera.

1. Itiyoopiyaa..........miliyoona 10.6
2. Suudan ...............miliyoona 7.6
3. Pakistan..............milyoona 5.8
4. Chaad............miliyoona 4.6

10 million donkeys....🫢

Share @BUBBEENEWS
Share
@BUBBEENEWS


Business communication Exam.pdf
139.9Kb
Business communication Exam

Share
@BUBBEENEWS
Share
@BUBBEENEWS


Business communication exam

Share
@BUBBEENEWS
Share
@BUBBEENEWS


Obbo Geetaachoo Raddaan Gorsaa Dhimmoota Baha Afrikaa Mummicha Ministeeraa ta’uun muudaman

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad obbo Geetaachoo Raddaatin Ministeera Gorsaa Dhimmoota Baha Afrikaa taasisuun muudaniiru.

Waggoota lamaan darbaniif Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay ta'uun kan tajaajilan obbo Geetaachoon, guyyoota muraasa dura gaggeeffamuu isaanii ni yaadatama.

Share @BUBBEENEWS
Share
@BUBBEENEWS


#Qormaata Sagantaa_Reemeediyaalii
#Remedial_Exam

Qormaanni barattoota Sagantaa Reemeediyaalii bara 2017 yoom kennama?


Bara barnootaa 2017 tti barattoota sagantaa reemeediyaaliitiif qormaanni kennamu Ministeera Barnootaa irraa Caamsaa 26-30 bara 2017 tti akka kennamu Ministeerri Barnootaa beeksiseera.

Dr. Eebbaa Miijanaatiin Bitootessa 15 bara 2017 irratti mallatteeffamee Yuunivarsiitiiwwan Mootummaa fi dhuunfaa hundaaf sarkulaarii barreeffameen barattoonni sagantaa reemeediyaalii bara 2017 qormaanni fi madaalliin isaanii 100% Ministeera Barnootaa irraa akka ta'e yaadachiisaniiru.

Kanaanis bara 2017 barattoonni sagantaa reemeediyaalii dhaabbilee itti baratanitti qabxiin isaanii fi qormaanni walii galaa Ministeera Barnootaatiif kan ergamu ta'a. Sana boodas qormaata Ministeera Barnootaa irraa kennamuun itti fufuu fi itti fufuu dhiisuun barattoota sanaa kan murtaa'u ta'a.

Guutuu isaa suuraaa olii irraa dubbisuu dandeessu.

Share @BUBBEENEWS
Share
@BUBBEENEWS


#Lammiileen #Itoophiyaa 163,000 biyyoota ollaatti baqatanii akka jiraatan #UN ibse; #Eertiraa keessa baqattoonni Itoophiyaa 15 ni argamu.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishinarri Olaanaa Baqattootaa (UNHCR) gabaasa kaleessa Ebla 08, 2025 baaseen lammiileen Itoophiyaa kuma 163 ta’an biyyoota ollaatti baqatanii akka jiraatan beeksise.

Biyyoota lammiileen Itoophiyaa itti kooluu galan.....

https://www.facebook.com/100074170995645/posts/pfbid036bnWkRqCXn84wDgXnNDVxR2vJ5Cq5wjLGxSG77eeUm4JFzPDSe6bx3gF3DxhE5LVl/?app=fbl

Share @BUBBEENEWS
Share
@BUBBEENEWS


✍Qormaanni Biyyaalessaa kutaa 12ffaa yuunivarsiitiiwwan keessatti kennamaa jiru manneen barnootaa sadarkaa 2ffaatti akka kennamu gaafatame.

Inistiitiyuutiin Qorannoo Imaammataa bu'aa qorannoo waggaa tokkoo mata duree "Jijjiirama Dhiheenyaa Bu'aa Qormaata Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Madaaluu" jedhuun gadhiise.

Yaadota imaammataa inistiitiyuutichi dhiheesse keessaa qormaanni Biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2014 irraa eegalee yunivarsiitiiwwan keessatti kennamaa ture manneen barnootaa sadarkaa lammaffaatti akka kennamu ta’uu ibsameera.

Hogganaan Giddugala Misooma Hawaasummaa fi Hammataa Inistiitiyuutichaa fi Qorataan Olaanaa kan ta’an Desalegn Ankeso (PhD) ga’umsi barattootaa gadi bu’uuf sababoota ijoo keessaa tokko jijjiirama sirna qormaataa keessattuu barattoota naannoo fagoo irraa gara yunivarsiitii dhufaniif rakkoo xiinsammuu uume ta’uu eeraniiru.

Barattoonni rakkoo xiinsammuu irraa kan ka’e bu’aa gaarii galmeessuu qaban bu’aa akka hin arganne xiyyeeffannoon kennamuu qaba jedhaniiru.

"Ministeerri Barnootaa barattoonni mana isaaniitii osoo hin ba'iin qormaata fudhachuu akka danda'an, barattoonni odeeffannoo baayoomeetirii akka guutan gochuudhaan, akkasumas manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa keessatti kaameeraa nageenyaa hordoffiif kaa'uudhaan karoora yeroo dheeraa qabachuun akka hojjetu yaadni kennameera," jedhan.

Hogganaan mana barumsichaa bu’uuraaleen manneen barnootaa fooyya’uu fi qulqullinni gadi irraa gara oliitti fooyya’uu akka qabu ibsaniiru. Gaggeessitoonni manneen barnootaa beekumsa irratti hundaa’uun ramadamuu akka qaban yaadni dhiyaateera jedhaniiru.

Akkasumas yaadni addaa qorannicha keessatti kenname tokko ilaalcha hawaasa keessatti "barnoonni maal hojjeta" jedhu jijjiiruu cimsuudhaan hojiin jijjiiramaa hojjetamuu akka qabu eereera.

Qorannoon kun yaaddoo nageenyaa irraa kan ka’e naannoo Amaaraa fi Oromiyaa akka hin hammanne ibsameera.

Share @BUBBEENEWS
Share
@BUBBEENEWS


#AMMEE: Lt. Jeneraal Taaddasaa Warrada Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo #Tigraay ta’uu muudaman

Hogganaa humnoota Tigraay beekamaa fi pireezidaantii itti aanaa bulchiinsa yeroo naannichaa kan turan Letenaant Jeneraal Taaddasaa Warrada bakka Geetaachoo Raddaa bu’uun pireezidaantii bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay haaraa ta’uu isaanii Ministirri Muummee Abiy Ahimad beeksisan.

Waggoota lamaan darbaniif naannicha bulchaa kan turan Geetaachoo Raddaan barri aangoo isaanii xumuramuu hordofee kaleessa Ebla 07, 2025 Ministira Muummee Abiy Ahimadiin gaggeeffamuu isaanii hordofeeti.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti akka barreessaniin, "har'a sagantaa ce'umsaa fi aangoo dabarsuu aadaa haaraatiin raawwachuuf qophaa'e ifatti fi karaa nagaan hojiirra oolchineerra" jedhan.

Share @BUBBEENEWS
Share
@BUBBEENEWS


#Oduu ammee:
Manni Murtiin du’a Qananii Addunyaa irratti poolisiif guyyaa qorannoo dabalataa eeyyame

Mana Murtii Federaalaa Dhaddacha Ramaddii Araadaa dhaddacha har’a ooleen du’a Qananii Addunyaa irratti poolisiin qorannoo dabalataa akka gaggeessu guyyaa 10 eeyyameefi jira.....


https://www.facebook.com/100074170995645/posts/pfbid0BQvmGRTGdRx1HpuL1FLS2f8DshQZLCkGwKmEffMCbPxi9wyvoMomti6FwnVzW2nel/


## Oduu Ammee

Abukaatoon Andu’aalam “Qananiin yeroo hedduu of ajjeesuuf yaaluu ishee yaadannoo barreessite irraa hubadheera” jechuun falme


Du’a jaalallee isaa shamarree Qananii Addunyaan shakkamee to’annoo seeraa jala kan jiru Artist Andu’aalam Gosaa har’a Ebla 07, 2025 yeroo sadaffaaf mana murtii dhiyaate.

Shakkamaan Andu’aalam Gosaa har’a ganama abukaatoo isaa waliin Mana Murtii Federaalaa Dhaddacha Ramaddii Araadaatti yeroo dhiyaatu poolisiin guyyaa qorannoo 12 dhaddacha kanaan dura kennameef keessatti ragaalee sassaabe mana murtiitti dhiyeesseera.

Artist Andu’aalam Gosaa du’a Qananii Addunyaan shakkamee erga to’atamee booda kanaan dura yeroo lama, Bitootessa 13 fi Bitootessa 26 bara 2025, mana murtii dhiyaachuu ni yaadatama.

Oolmaa dhaddacha har’a ooleen poolisiin guyyoota qorannoo dabalataa kennameef keessatti dhimma kanarratti ragaa namoota dabalataa 15, waliigalaan ragaa namoota 28 walitti qabuu beeksiseera.

Akkasumas mana jireenya Qananii Addunyaatti qorannoo jibbaa lafarra afamu irratti taasifame dabalatee saamuda adda addaa fudhachuun qorannoo foorensiikiitiif poolisii federaalaatti ergamuufi bu’aan qorannoo kanaa garuu hanga ammaatti akka hin qaqqabne ibseera.

Dabalataan bilbila harkaa miidhamtuu fi shakkamaa irratti qorannoon akka gaggeeffamu Waajjira Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaatti ergamee bu’aan qorannoo kanaa eegamaa akka jiru mana murtiitti ibseera.

Ragaaleen osoo hin sassaabamiin hafan kunneen, bu’aa qorannoo reeffa shamarree Qananii beellama kanaan dura ture irratti dhiyeesse waliin galtee dabalataa naaf ta’u kan jedhe poolisiin, ragaalee sassaabamuu qaban dabalataa argachuuf guyyaa qorannoo dabalataa gaafateera.

Qorannoo reeffa shamarree Qananii Addunyaa irratti taasifameenis miidhamtuun ol ka’insa irraa kuftee lubbuun darbuu akeekamuu poolisiin beellama darbe irratti eeree ture. Ta’uus bu’aa qorannoo reeffaa kanarratti ogeessota fayyaa irraa ibsa dabalataa gaafatee deebii eegaa akka jiruus ibsuu ni yaadatama.

Haata’u malee, poolisiin dhaddacha har’aa irratti ogeessota fayyaa ragaalee kanneen harkaa qaban muraasni biyya keessa akka hin jirreefi isaan qunnamuudhaaf toftaalee garagaraa fayyadamaa jiraachuu ibsuun, hanga isaan irraa galtee argatutti guyyaa qorannoo dabalataa 14 gaafateera.

Gama biraatiin abuukaatoon Andu’aalam Gosaa, poolisiin ammas sababoota wal fakkaataa dhiyeessuun guyyaa qorannoo dabalataa gaafacuun isaa fudhatama hin qabu, shakkamaan mirga wabii eegamuufi qaba jechuun falmeera.

Abukaatoon shakkamaa yaadannoo (diary) shamarree Qananii Addunyaa harkaa qabaachuu eeruun, achi irrattis [Qananiin] yeroo hedduu of ajjeesuuf qoricha humnaa ol fudhachaa akka turte hubachuu mana murtiitti ibseera. Kanaanis sababni du’a ishees kanumaan kan walqabatu akka ta’e falmeera.

Itti dabaluudhaanis, Andu’alam Gosaan du’a Qananii irratti harka qabaachuu isaa kan agarsiisu ragaaleen nama fi sanadoota ragaa qorannoo akka hin jirre eeruun, kunis “qulqullummaa isaa kan mirkaneessu waan ta’eef” shakkamaan mirgi wabii isaa eegameefi gadda jaalallee isaa mana isaatti galee akka baafatu gaafateera.

Kana malees miidiyaleen garagaraa, keessummaa miidiyaa yuutuubii irratti hundeeffate ‘Itiyoo Fooram’, dhaddacha darbe irratti akka waan shakkamaa Andu’aalam Gosaa ayyaana faasikaa dhufuuf koonsartii waan qabuuf mirga wabii gaafateetti godhanii gabaasa dhiyeessan “duula maq-baleessii maatii Qananii fi hawaasni isaa jaallatu garaa akka itti jabaatuuf yaadame” ta’uu eeruun, manni murtiin dhimma kana akka ilaaluuf dhiyeesseera.

Manni murtii gama isaatiin falmii gama lamaanii erga dhaggeeffateen booda bu’aa qorannoo poolisiin dhiyeesse fi gaaffilee gama lachuu dhiyaatan qoratee murtoo laachuuf boru Ebla 08, 2025 ganama sa’aatii 3:00’tti beellameera.


Share @BUBBEEMEDIA
Share
@BUBBEEMEDIA


#Exit_Exam
#Ministeera_Barnootaa
#Exit_Exam_Certificate

Barattoota Exit Exam hin darbineef Sartafikeetti akkamiitu kennama? Temporary Degree yoom fudhatu?


Ministeerri Barnootaa qormaata bahumsaa ykn Exit Exam barattoota hin darbineef guca waraqaa ragaa qopheessee dhaabbilee barnoota olaanoo hundaaf ergeera.

Bu'uura qajeelfama qormaata bahumsaatiin bu'aan qormaata bahumsaa Sartafikeetti barattootaa ykn Temporary Degree irratti yookin ammoo Tiraaniskiriiptii irratti darbeera (Pass) ykn ammoo kufeera (Fail) jedhamuun akka ka'amu Ministeerichi ajajeera.

Kanaanis barattoonni qormaata bahumsaa hin darbine koorsiiwwan kennaman xumuruu isaanii kan mirkaneessu Sartafikeettiin kan isaaniif kennamu yoo ta'u, Temporary degree ammoo kan kennamuuf barataan ykn barattuun sun qormaata bahumsaa sana irra deebiin fudhatee/ttee qabxii darbiinsaa yeroo fidanidha, yeroo kanas Sartafikeetti irratti ni ibsama.

Ibsa guutuu fi guca isaa suuraa armaan olii irraa ilaalaa;


Share @BUBBEENEWS
Share
@BUBBEENEWS


Fiigicha meetira kuma 3'n Atileet Ijjigaayyoo Taayyee injifate.

Dorgommii Atileetiksii 'Giraandi Slaam' Jaamaayikaatti geggeefameen Atileettonni Itoophiyaa milka'aan.

Dorgommii halkan kaleessaa Jaamaayikaa, Kiingistanitti gaggeeffameen Atileetoonni dubartootaa Itoophiyaa milkaa'an.

Fiigicha meetira kuma 3 dubartoota gidduutti dorgomameen Atileet Ijjigaayyoo Taayyee daqiiqaa 8:28. 75 xumuruun 1ffaa baate.

Atileet Tsiggee Gabrasalaamaan ammoo 3ffaa bahuun xumurte.

Fiigicha meetira 800 dorgomameen ammoo Atileet Dirribee Waltajjii 2ffaa bahuun xumuruu ragaan fuula Giraandi Slaam Tiraakirraa argame ni mul'isa.

Share @BUBBEENEWS
Share
@BUBBEENEWS


DINQISIISOO

Simbirroon, 'The Egyptian plover bird' jedhamtu, Soorata ilkaan Naachaa gidduutti maxxananii hafan, Afaan Naachaa keessa dhaabbattee, keessa funaantee nyaachun beekamti. Naachis, ilkaan isaa haalaan waan qulqullaa'uuf, simbira kana hin miidhu. 😏

Share @BUBBEENEWS
Share
@BUBBEENEWS


DINQISIISOO

Arbi akkuma yeroo lubbuun jiru dhaabbachuu malee ciisuu hin dandeenye ,erga du'ee booda illee dhaabbatee hafa. Yoo qaamni biraa dhiibee kuffise malee hin kufu jechuudha 🐘

Share @BUBBEENEWS
Share
@BUBBEENEWS


✍ Suuraan kun obboloota dhiiraa lakkuu ta'anii obboloota shamarranii lakkuu waliin gaa'ila dhaabbatanii mucaa isaan argatan agarsiisa.

Uumama dinqisiifachuu dhumaafi!!!


Share
@BUBBEENEWS
Share
@BUBBEENEWS


KANA BEEKTUU?

Biyya Chaayinaa keessatti namni shamarran yeroo hunda daandii irratti eegee fedhii ishee malee haasofsiisuf yaalu adabbiin isaa karaa walakkaatti sa'aa 24f akkanatti hidhamee tura 😄😂

Share @BUBBEENEWS
Share
@BUBBEENEWS


KANA BEEKTUU ?

Qaawwi golgaa qalamaa irra jiru akka tasaa yoo liqimsine, booda akka nu hin ukkaamsineef ykn hamma tahe qilleensi akka nuuf galuuf itti hojjetame.

Share @BUBBEENEWS
Share
@BUBBEENEWS


KANA BEEKTUU ?

👉 Dubartiin yeroo jalqabaaf akka Afrikaatti xiyyaara balaliiste lammii biyya keenyaa(Itiyoopiyaa) kan taate Aadde "Mulu Imebete Imiruu" ykn maqaan ishee biroo ittin bekkamtu "mulu ebrham Assefa" turte.

Share @BUBBEENEWS
Share
@BUBBEENEWS


Kana beektuu ❓

Namoonni suuraa irratti argitan kuni biyyaa meeksikooti. Maqaan isaanii Oktaaviyoo Guilleen fi Adriyaana Maartineez jedhamu. Waaggaa 69 jaalalan wajjin turaanii booda umrii isaanii 82tti kan wal fuudhan yoo tahu, Addunyaa kanarraa jalallewwaan osoo wal hin fuudhin umrii dheeraa waliin turaaniidha.


Share @BUBBEENEWS
Share
@BUBBEENEWS


Dinqisiisoo

Biyya Ugaandaa gosa(tribe) "banyankole" jedhamu biratti dhiirri tokko jalqaba yeroo fuudhuf jedhu duursa , namoota ollaa fi firoota isaa waamee siree alatti gadi baasee Adaadaa(aunt) haadha manaa isaa yookiin obbolettii ishee wajjin walqunnamtii saalaa rawwata. Sababni inni adaadaa ishee waliin wal qunnamtii saalaa raawwatuufis dandeetti isaa madaalufiidha.

Source 👉https://www.google.com/url?sa=t&source=web&rct=j&opi=89978449&url=https://www.facebook.com/groups/1886299978348240/posts/3791439414500944/&ved=2ahUKEwi4s8DGgY6MAxWNwAIHHVU8FQAQzLMHegQICxAC&usg=AOvVaw0ToFON8F05SdMCV8tPI51D


Share @BUBBEENEWS
Share @BUBBEENEWS

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.

317

obunachilar
Kanal statistikasi