HIRRIBA
Hirribni qaamaa fi sammuu keenyaaf waantota barbaachisoo ta'an keessaa tokkodha. Yeroon hirribaa yeroo qaamni keenya seelota isaa suphee anniisaa itti haaromfatuudha.
Hirriba sa'a hammamiif rafuu qabna kan jedhu umurii namaan garaagara tahus, giddu galeessaan dargaggeessi tokko halkan tokkotti yoo xiqqaate sa'atii 7 rafuu akka qabu qorannoon lafa kaa'a. Daa'immanii fi maanguddootaaf sa'a kanaa ol barbaachisuu mala.
Hirriba gahaa yoo hin arganne qaamni keenya hojii isaa seeraan hojjechuuf ni rakkata. Akkasumas hanqinni hirribaa dhukkuboota kanneen akka dhiibbaa dhiigaa, onnee, dhukkuba sukkaaraa fi dhiphina sammuu fa'iif nama saaxiluu danda'a.
Kanaaf akkamitti hirriba gahaa argachuu dandeenya?
- yeroo rafuuf jennutti kutaa ciisichaa dukkanaa'aa fi wacni keessa hin jirre mijeeffachuu
- meeshaalee elektrooniksii kanneen akka television, kompiyuutaraa fi bilbilaa of irraa fageessuu. Bilbila keenya rafuuf yoo jennu sa'a tokko dura of irraa yoo fageessine ni filatama.
- Yeroo rafuuf jennutti kitaaba dubbisuu amaleeffachuu (bilbila yookaan kompiyuutara irraa miti)
- Yeroo rafuuf jennutti buna, alkoolii fi sigaaraa xuuxuu irraa of qusachuu. Yoo kan fayyadamnu tahe alkoolii sa'atii hirribaan dura sa'a 4 dursanii fayyadamuun ni filatama.
Fayyaa hin dhabinaa!
Nagaa oolaa!
@DrBaacaaOfficial