DHUKKUBA TAAYIFOOYIDIIDhukkubni Taayifooyidii gosa baakteeriyaa
Saalmoneellaa Taayifii jedhamuun namatti dhufa.
Dhukkubni kun akkamiin nama irraa namatti daddarba? - bobbaa gara afaanii (feco-oral route)
- karaa nyaata ykn bishaan qulqullina hin qabnee (contaminated food and water)
- Tuttuqqiidhaa (direct contact)tiin namarraa namatti daddarbuu danda'a.
👉 Baakteeriyaan
Saalmoneellaa Taayifii kun akka dhukkuboota kanneen akka Taayifasii bineeldotaan baatamee kan namatti daddarbu miti. Nama irraa qofaadha kan inni namatti darbuu danda'u.
Namni tokko akkamiin dhukkuba kanaan qabamuu danda'a? Baakteeriyaan kun nyaata/bishaan qulqullina hin qabne waliin ykn bobbaa baanee osoo harka keenya sirriitti hin dhiqatin yoo afaan keenya tuqne, karaa afaanii gara garaacha keenyaa seena. Kana booda asiidii garaacha keenya keessa jiran yoo dandamate gara mar'immaan keenyaatti darbuun gara seelota
Peeyers Paatchi jedhamaniitti babal'ata. Sana boodas dhiiga keenya keessa tamsa'uun gara tiruu, rajiijii fi Ispiliinii keenyaatti tamsa'uu danda'a.
Dhibeen kun irra caalaatti sirna bullaa'insa nyaataa keenya kan hubu tahus, kutaalee qaamaa hunda miidhuu danda'a.
Namni dhukkuba kanaan qabame mallattoolee akkamii agarsiisa? Namni tokko baakteeriyaan
Saalmoneellaa Taayifii erga qaama isaa/ishee seenee booda guyyoota 5-30 gidduutti mallattoo agarsiisuu jalqaba. Mallattooleen kunniinis irra jireessaan dhagna gubaa fi garaa dhukkubbii yoo tahanis
sadarkaa sadiitti qoodnee ilaaluu dandeenya.
Inni
jalqabaa torbee jalqabaa namni tokko mallattoo agarsiisuu eegaletti kan mul'atu yoo tahu:
- dhagna gubaa ykn tempireechara qaamaa dabalaa adeemu (
stepwise fever)
- garaa kaasaa
- gogiinsa garaa, fedhiin nyaataa xiqqachuu fi
- bowwuu mataa of keessatti qabata.
Inni
lammaffaa torbee lammataa irratti kan mul'atu yoo tahu mallattoolee torbee jalqabaa irratti mul'atan irratti dabalataan:
- dhukkubbii garaa fi
- dhukkubbii gogaa(madaa xixiqqoo) naannoo garaa irratti mul'atan kanneen yoo harkaan itti bu'an buruqan '
rose spots' jedhaman yeroo itti argamaniidha.
Torbee
sadaffaa irratti dhiiguu fi dhohuu mar'immaanii, dhiita'uu tiruu fi Ispiliinii, akkasumas of wallaaluu, qalbii dabarsuufi mallattooleen biroon kutaalee qaamaa kanneen akka sammuu, onnee fi kalee waliin wal qabatan mul'achuu malu.
Dhukkuba Taayifooyidiif qorannoo akkamiitu godhama? Dhukkuba Taayifooyidii qabaachuu keenyaaf qorannoon godhaman hedduutu jira. Kanneen keessaa garuu kan biyya keenya keessatti bal'inaan itti fayyadamu qorannoo dhiigaa '
Widal Test' jedhamuudha. Qorannoon kun haala salphaan kan hojjetamuu tahus garuu namni tokko kanaan dura dhukkuba taayifooyidiin qabamee yoo irraa kan fayye tahe irra deebiin akka posatiivii tahetti agarsiisa. Kanaaf
widal test posatiivii tahe jechuun yeroo hunda namni tokko dhukkuba taayifooyidii qaba jechuu miti. Kanaafis qorannoon kun yeroo ammaatti badaa hin deggaramu.
Qorannooleen biroon kanneen akka '
blood culture' fi '
stool culture' kan
Widal test irra fooyya'oo tahanis biyya keenya keessatti garuu bal'inaan hin argamani.
Dhumarratti, yeroo hedduu namootni taayifooyidiitu tayifesiitti jijjiiramee sammuu na lixe yeroo jedhan ni dhaga'ama. Kun hubannoo dogoggoraati. Taayifooyidiin sammuu hubuu ni danda'a. Tahus garuu Taayifooyidii fi Taayifasiin dhukkuboota garaagaraa waan tahaniif walitti hidhata hin qabani. Namni tokko garuu carraan isaa baay'ee xiqqaa tahus lamaan isaaniin wal faana qabamuu ni danda'a.
Fayyaa hin dhabinaa!
@DrBaacaaOfficial