HARRII MATAA
Rifeensi mataa namaa giddu galeessaan guyyaatti hanga milimeetira 0.3 guddata. Kunis ji'atti hamma 1cm tahuu danda'a.
Harrii mataa maaltu fida?
Rifeensi namaa uumamaan halluu garaagaraa qaba. Kaan gurraacha, kaan akka keelloo, kaan immoo daalacha...hedduudha. Halluu rifeensa mataa namaa kanaaf sababa kan tahu piigimentii Melaanin jedhamuudha. Piigmentiin kun seelota Melaanoosaayitis jedhamaniin maddisiifama. Seelotni kunneenis gogaa keenya jalaan bakka ka'umsa hundee rifeensaa (hair follicles) jedhaman keessatti argamu.
Melaaniniin yoo heddummaatu rifeensi mataa keenya ni gurraacha'a. Melaaniniin halluu rifeensa keenyaa qofa osoo hin taane bifa gogaa keenyaaf illee gumaacha qaba.
Akkuma umuriin namaa dabalaa deemuun hammi melaaninii qaama namaa keessaa xiqqaachaa deema. Melaaniniin yoo xiqqaatu rifeensi mataa gurraachina isaa dhabaa deema. Harriitu dhufa jechuudha. Kun taatee uumamaati.
Hatahu malee namoota tokko tokko irratti osoo umuriin hin gahin harriin yeroon itti mul'atu ni jira. Umurii malee harrii baasuu (Premature greying of hair) jechuudha. Kanaaf sababoota hedduutu jiru. Isaan keessaa muraasni:
1. Hanqina Vaayitaaminii fi Albuudota nyaata keessaa
Fknf: Vaayitaamin B6, B12, D fi E akkasumas albuudota kanneen akka zinkii, kaalshiyeemii, kopperii
Soorata vaayitaaminii fi albuudota kanneeniin badhaadhan soorachuun rifeensa mataa keenya akka deebi'ee gurraacha'u gochuun ni danda'ama.
2. Dhaalaan darbuu (Genetics)
Yeroo baay'ee maatii fi firoota keessaa namni umurii malee harrii qabu yoo jiraate carraan isaa bal'aadha. Akka qorannoo saayinsiitti Jiiniin IRF4 jedhamu kan kiromoosomii 6 irratti argamu harrii umurii malee waliin akka wal qabatu lafa kaa'ameera.
3. Dhiphina (Stress)
Yeroo dhiphatnu hoormooniin Noradireenaaliin jedhamu qaama keenya keessaa baay'inaan madda. Hoormooniin kun immoo seelotni bu'uuraa (melanocytes) halluu rifeensa keenyaaf murteessoo tahan akka xiqqaatan taasisuun umurii malee harriif nu saaxiluu danda'a. Hawaasuma keenya keessattuu nama yaada baay'isutti harriin dafee ba'a jedhama mitiiree!
4. Sigaaraa Xuuxuu
Akka qorannoon biyya Hindiitti godhame tokko agarsiisutti namootni araada sigaaraa qaban carraan umurii malee harrii baasuu isaanii kan warra sigaaraa hin xuuxnee waliin yoo ilaalamu harka 2-3n caala jedha.
5. Dibata mataa fi halluu rifeensaa garaagaraa
6. Ho'aa fi ifa aduu humnaa olii
7. Dhukkuba Taayirooyidii
Dhukkubni kun keessattuu kan 'haayipootaayirooyidizim' jedhamu dubartoota keessatti harrii umurii malee fiduun gahee taphata.
Fayyaan tahaa!
@DrBaacaaOfficial