OLKA'IINSA DHIIBBAA DHIIGAA
(HYPERTENSION)
Dhiibbaan dhiigaa maali?
Dhiibbaan dhiigaa dhiigni onnee keenya irraa ka'u humna inni dhaaba ujummoolee dhiiga raabsanii (arteries) irratti taasisuudha.
Kunis yoo barreeffamu lakkoofsa lama sararaan adda bahuun yoo tahu kan safaramus yeroo hedduu milimeetira merkuriini. Fknf: 120/70mmHg
Lakkoofsi inni jalqabaa(irra keessa jiru) dhiibbaa dhiigaa siistoolikii (Systolic blood pressure) kan agarsiisu yoo tahu, kunis dhiibbaa dhiigaa yeroo onneen keenya kottoonfattee rukuttu ujummoolee dhiigaa irratti dhiibbaa uumamuun kan dhufuudha.
Lakkoofsi inni gara jalaa immoo dhiibbaa dhiigaa diyaastoolikii (diastolic blood pressure) kan jedhamu yoo tahu, kunis yeroo onneen dhisamuun (diriirfachuun) dhiiga ofitti guuttu kan uumamuudha.
Dhiibbaan dhiigaa sirriidha kan jedhamu yoo 120/80 mmHg gadi taheedha. Lakkoofsi kanaa ol yoo tahe olka'iinsa dhiibbaa dhiigaa agarsiisa jechuudha.
Namni Olka'iinsa dhiibbaa dhiigaa qabu tokko mallattoo akkamii agarsiisa?
Yeroo baay'ee dhukkubni kun mallattoo homaa hin agarsiisu. Osoo namni of irratti hin beekin onnee, sammuu, somba, kalee fi kutaalee qaamaa kanneen biroo miidhuun rakkoo hamaaf nama saaxiluu danda'a. Kanaaf dhukkubni kun yeroo baay'ee callisaan ajjeesaa (silent killer) jedhamuun beekama.
Tahus garuu dhiibbaan dhiigaa hedduu kan ol ka'u yoo tahe mallattooleen mul'atan ni jiru. Isaan keessaa:
- mataa dhukkubbii hammaataa
- of dadhabsiisuu
- dhukkubbii laphee
- hargansuu dadhabuu (hafuura kutuu)
- rukuttaa onnee akka malee
- rakkoo ijaa (sirriitti arguuf rakkachuu)
- fincaan keessaan dhiigni bahuufaa eeruun ni danda'ama.
Olka'iinsa dhiibbaa dhiigaa maaltu namatti fida?
Irra jireessaan dhukkubni kun maaliin akka namatti dhufu beekamaa miti. Yeroo tokko tokko garuu dhukkubni kalee fi kan xannacha adireenaalii shoora qabaachuu malu.
Tahus dhukkuba kanaan akka namni tokko qabamuuf waantotni saaxilan ni jiru. Isaan keessaa:
- sigaaraa xuuxuu
- furdina garmalee
- sochii qaamaa gochuu dhabuu
- Nyaata soogiddi/ashaboon itti baay'ate soorachuu
- Alkoolii baay'inaan fayyadamuu
- Dhiphina sammuu
- Umurii dullumaa
- Maatii keessa namni olka'iinsa dhiibbaa dhiigaa qabu jiraachuu
- Dhukkuba kalee yeroo dheeraa
- Dhukkuba adireenaalii fi Taayirooyidiifaa caqasuun ni danda'ama.
Kanaaf maal gochuu qabna?
- dhukkubni kun yeroo hedduu mallattoo osoo hin agarsiisin miidhaa hamaa qaqqabsiisuu waan danda'uuf yeroo yerootti mana yaalaa deemuun dhiibbaa dhiigaa ilaalamuun gaariidha.
- Akkasumas:
- furdina hir'isuu
- sochii qaamaa gochuu
- hamma soogidda/ashaboo soorata keessatti fayyadamnuu hir'isuu
- Alkoolii xiqqeessuu fi
- Sigaaraa xuuxuu dhiisuudhaan carraa dhukkuba kanaan qabamuu hir'isuun ni danda'ama.
Namni dhukkuba kanaan qabames dawaa ogeessa fayyaan ajajameef seeraan fudhachaa hordoffii barbaachisu gochuun barbaachisaadha.
Fayyaa hin dhabinaa!
Ani @DrBaacaa dha.
t.me/DrBaacaaofficial