DHUKKUBA SAREE MARAATUU (RABIES)
Dr Baacaa tiin
SEENSA
Dhukkubni Saree maraatuu dhukkuba hamaadha. Dhukkuba daddarbaa. Gororaan darba.
Mallattoon dhukkuba kanaa nama irratti argamnaan carraan lubbuun jiraachuu dhiphaadha; dhukkuba ajjeessaa!
MAALIIN DHUFA?
Dhukkubni kun vaayirasii 'Rabies Virus' jedhamuun dhufa; vaayiresii sirna narvii (sammuu fi Ispaayinaal Koordii) namaa irra jireessaan miidhu.
AKKAMITTI NAMA QABA?
Dhukkubni kun ciniinnaa/moccoorraa saree qofaan kan nama qabu miti. Simbirri halkanii fi Jeedalli illee baattuu dhukkuba kanaa tahuu danda'u.
Vaayirasichi xannachoota gorora/hancufa maddisiisan keessatti wal hora. Gorora/hancufa keessa jira jechuudha.
Kanaaf dhukkubichi bineensota kanaan namni yoo ciniinamu karaa gorora/hancufa isaaniitiin namatti darba.
MALLATTOON ISAA MAALI?
- gubaa qaamaa, dadhabbii, mataa bowwuu, hoqqisiisuu, bakki ciniiname hooksisuu fi dhukkubbiin itti dhagahamuun mallattoolee jalqaba irratti mul'ataniidha.
- kanneen akka bishaanii fi qilleensa jibbisiisuu (hydrophobia fi aerophobia), hedduu gororsiisuu, waa liqimsuuf rakkachuu, jijjiirraa amalaa, qaama laamshessuu fi of wallaalchisuu immoo sadarkaa itti aanutti mul'atu.
Dhukkubni kun mallattoo agarsiisuuf vaayirasichi bakka ciniiname/madaa'e irraa ka'ee gara sammuu deemuu qaba. Kunis giddu galeessaan torban sadii hamma ji'a lamaa tahuu danda'a.
MAAL GOCHUU QABNA?
Namni tokko saree maraatuun ykn saree dhukkuba kanaan shakkamteen yoo ciniiname/moccorame hatattamaan bakka madaa sana dhiquu qaba. Kunis of eeggannoodhaan tahuu qaba.
Sana booda yeroo osoo itti hin kennin gara mana yaalaa deemuun qoricha ykn talaallii barbaachisu ulaagaa kaa'amee jiruun fudhachuudha.
Sareen nama ciniinte tokko sa'a sanatti mallattoo yoo qabaatte battaluma san deemanii talaallii fudhachuu, saree san ajjeesuu; yoo isheen sa'a sanatti fayya qabeessa taate guyyaa kudhaniif saree san hordofuun barbaachisaadha.
Gaaffii fi yaada qabdan @DrBaacaa irratti nuuf barreessuu dandeessu.
Fayyaa hin dhabinaa!
t.me/DrBaacaaofficial