DHUKKUBA GIFIRAA (MEASLES)
Dr. Baacaa F. tiin
SEENSA
Dhukkubni Gifiraa dhukkuba saffisaan nama irraa namatti darbuudha. Yeroo dhihoo asittis biyya keenya keessaa bakkeewwan hedduutti akka weeraraatti ka'ee mul'achaa jira.
AKKAMIIN DHUFA?
- Dhukkubni kun vaayirasii 'Morbillivirus' jedhamuun kan dhufu yoo tahu daa'imman irratti baay'inaan mul'ata.
MALLATTOON ISAA MAAL FA'I?
- Namni tokko vaayirasiin dhukkuba gifiraa fidu qaama isaa erga seeneen booda giddu galeessaan hamma guyyaa kudha afuriitti mallattoo agarsiisuu dhiisuu mala.
- sana booda mallattooleen akka gubaa qaamaa, miirri dadhabbii namatti dhagahamuu, fedhii nyaataa dhabuu, hoqqisiisuu, bowwuu mataa, qufaa, furreessuu, dhukkubbii/diimachuu/boo'uu ijaa akkasumas madaa'uun afaanii (waan akka ashaboo afaan keessatti xixiqqaatee bahuu) ni mul'atu.
- dhagna gubaan erga eegalee guyyaa 2-4 booda shiffeen/shifiin(rash) fuula irratti bahuu eegala. Fuula irraa ka'uunis gara qaama guutuutti babal'ata. Shifeen kun yeroo hedduu barruu harkaa fi miillaa irratti hin argamu.
AKKAMIIN DADDARBA? YEROO AKKAMIIS DADDARBUU DANDA'A?
- Dhukkubni kun nama dhukkuba kanaan qabame irraa tuttuqqii fi qilleensaan baatamee nama birootti darbuu danda'a.
- Namni tokko shiffeen utuu hin mul'atin dursee guyyaa shan irraa eegalee akkasumas shiffeen mul'atee erga badee booda hamma guyyaa afuriitti dhukkubicha nama biraatti dabarsuu danda'a.
Daa'imni dhukkuba kanaan qabamte dhukkubichi xaxaa kan biraa yoo hin qabaanne, shiffeen erga mul'ateen booda hamma guyyaa 3tti fooyya'iinsa agarsiisuu dandeessi.
Shiffeen fuula irraa eegaluun guyyaa sadii ykn afur gidduutti baduu jalqaba. Qufaan hamma torban tokkoo ykn lamaa turuu danda'a.
DHUKKUBICHI XAXAA AKKAMII QABA?
Namoota dhukkuba kanaan qabaman keessaa 30% kan tahan xaxaa (complication) ni qabaatu. Xaxaa kana keessaa warri dursa qabatan Garaa Kaasaa (diarrhea) fi infekshinii sombaa (pneumonia) dha. Kan biroon kanneen akka infekshinii ijaa(conjuctivitis), infekshinii gurraa(otitis media) fi infekshinii sammuu(encephalitis) illee jiraachuu malu.
NAMOOTA AKKAMIITU XAXAA DHUKKUBA KANAAF CAALAATTI SAAXILAMA?
Warreen xaxaan dhukkubichaa irratti hammaatu keessaa muraasni:
- namoota HIV/AIDS ykn kaansarii qaban
- Haadholii ulfaa
- ijoollee hanqina nyaataa qaban
- Daa'imman baay'ee kichuu tahan
- Namoota umurii dullumaa keessa jiran
DHUKKUBA KANA OFIRRAA ITTISUUN NI DANDA'AMAA?
Eyyeen. Kunis daa'imman talaallii akka fudhatan gochuuni. Talaalliin dhukkuba kanaa akka biyya keenyaatti yeroo lama, jechuunis daa'imni tokko dhalattee umurii ji'a 9 fi ji'a 15tti kennama. Kanaaf daa'ima ofii talaalchisuun dhukkubicha ittisuun ni danda'ama.
MAAL GOCHUU QABNA?
Dhukkubni kun salphaatti hammaatee kan daa'ima ajjeesuu danda'uudha. Kanaaf mallattoolee armaan olii nama/daa'ima inni irratti mul'ate:-
- ariitiin mana yaalaa geessuu
- namoota kaan itti akka dhukkubicha hin dabarsineef qofaatti baasuu
- nyaata madaalamaa kennuufii
Ittisa isaaf immoo daa'imman keenya yeroon (umurii ji'a 9 fi 15tti) talaalchisuun barbaachisaadha.
Yaadaa fi gaaffii qabdaniif karri keenya banaadha.
Ani @DrBaacaa dha.
Fayyaa hin dhabinaa!
t.me/DrBaacaaofficial