Gaarii yaadi


Kanal geosi va tili: Somali, Somalicha


Channel kun kan isiinif dhihessuu
*jechamoota gagaarii
*gorsa psychology(xiinsammuun)
*motivational( kaka'umsaa) jireenya
*suraalee garagaraa

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Kanal geosi va tili
Somali, Somalicha
Statistika
Postlar filtri








💓 Yomuuyyuu naaf jiraadhu HARMEE TOO 💓

Harmeen takka mana Suphaa Mobile deemte

HARMEE:- Mobile koo na duraa balleefame hodhu naaf tolchi jette Namticha tolchutti kannite

Namtichi:- oliif gad qabee sakkata'ee erga ilaale booda Harmee bilbilli kee homaa hin taane ni hojjata jedheen Namtichi.

HARMEE:- Imimmaan Ija isheerraan dhab dhab godhaa Yoo Bilbilli koo rakkoo qabachuu baate Ijolleen koo maaliif naaf bilbiluu dhiisan? jette sagalee lafaadhaan.

Yoo Harmee kee lubbuun jiraatte Ati carraa qabeessa kanaaf kunuunsi, Nama meeqatu Harmee isa kunuunsuuf carraa dhabe, Yoo fagoo jiratte illee akka isheen itti si guddistee asiin si geessee yaadadhuti bira dhaqi, ija kee arguun isheef gammachuudha wan ta'eef.

Mee warrii Harmee jaalatu 👍


Dhaga'i siifan dhaamaa
================+++
"kan kootu caala" jettee
Hin faca'in yaa tiruu
Namni qaamasaa hiree
Milkaa'ee beekun jiruu

Ilaallachaa adeemi
Akkan kufne boollatti
Dafiitoo of deebisi
Duudha oromoo jalatti

Warra sabbata jettutu
Bofa ta'eetoo si hidda
Gadi taa'ii mari'adhu
Kan si caalu maaf didda

Gogaa harreen ijaartee
Dallaa jettee eeggattaa
Yuusa warabeessaatin
Jiguusaa maaf dagattaa

Walitti dhoqqee dibaa
Gaarii ormaan faarsinaa
Sareen ofii guddiste
Deebi'ee si ciniinaa
Maalif gatii dhabsiistu
Seenaa qabsoo ganamaa
Waliin malee hin bareednu
Dhaga'i siifan dhaamaa!!


Sabboonummaan maali, akkami ibsama?


Sabboonummaan of beekuun
booda waan dhuftu. Osoo eenyummaa ofii hin
beekin sabaan boonun hin danda’amu. Seenaa,
seera, duudhaa fi aadaa ofii erga beekaniin
booda kabajuudha. Hiika eenyummaa erga
beekaniin booda miira nama keessatti
uumamudha. Sabboonummaan jechoota
qindaawanii tarreeffamaniin kan ibsamu miti.
Sabboonmmaan gar dirree hawaasummaa
kanneen akka facebook irratti jechoota
babbareedanii barreeffamaniin illee kan ibsamu
miti. Walumaa galatti sabboonummaan dubbachuu osoo hin tahin miira quuqama sabaatin hoojjachuudha!!!














I HAVE A DREAM

Hunduu ni dabara, jenneetoo labsinee
Rakkoo dhufaa darbaa, irratti obsinee
Seenaa dabaa meeqa, firra dabarsinee
Ofirra dabarree, namallee gorsinee

Waaqni haa galatoomu, ka nun saalfachiisin
Kan rakkoolee San hunda, nurra hin tursiisin
Rakkoo nurraa oofuus, kan lafannun dhiisin
Iddoo rakkoo sanaa, balloo osoo hin tahin

Rakkoo biraa fidee, kan bakka nuuf buuse
Tanaas laalaa, je'ee kan nu agarsiie
Gammachuuf qananii, kan nurraa fageyse
Gadadoolee baay'e, keysa nu dabarse

Humaa ni dabartii, jajjabaadhaa jennee
Ifuma tanteenyaaf, duratti wal hiinee
Arraan tana kunoo, akkana mudannee
Buufata rakkoodhaa, kan addunyaa taane

Dhugaadha ni dabraa, rakkoon arra jiru
Umrii teenya guutuu, ka nu waliin waaru
Rakkoo tokkoo tahee, inuma hin jiru
Garuu balloo arguun, yoomiyyuu hin jiru

Bal'oodhatti bahuuf, manaa bahuu qabna
Dedeemnee barbaannee, hojjachuudha qabna

Yokan walidhiisnee, marannee haa rafnuu
Waan feenu hunda, ciisnee haa manaamnuu
Ergas lafaa kaanee, akkas haa jennuu
" I have a dream", jennee haa dubbannuu


📝By:- @Sadiman
🙏🙏🙏🙏
@Humnagaariiyaduu


### ECC JIRUU

Eccc na jechisiistee,
An jiruun baranaa.
Qorumsi baay'atee,
maali ho jaranaa.

Wal nurratti fakkaattee,
Wanni godhuu qabnuu.
Akkan fifiigganne,
Waa harkaa hin qabnuu.
Lafa gad teenyachiis,
Afaa lafaan qabnuu.

tanaa tana jidduu,
yeroon hin dhaabbattuu.
Bituu barbaaddullee,
magaalaan arkattuu.

Tanaafu yaa nama,
furmaanni tokkichaan.
Kan nu harkaa qabnu,
Ol- tahu barbaannan.

Hojiidhaan dabarsuudha,
Yero ammaa tanaa.
Filuudhaan maletti,
Sun sanii tun tanaa.

Ta kutte gundoodhaa,
Ta hafteetu guddoo.
Akka nuun ju'utti,
Afoolli manguddoo.

Seenaaf sheenaa,
Dhiisi boruufin rakkatin.
Waan hojiidhaf qabdu,
Itti hin qaanfatin.

Waan kalee si dabreef,
arra sheenawun kee.
Furmaata siin fidu,
Boruuf rakkachuun kee.

Barnoota fudhadhu,
dubbii kaleetirraa.
Ta boruutiif ammoo,
rabbiitu siif jiraa.
@Sadiman


ANI EESSAN JIRA? ANI EENYU HOO?

Arraas of dhabeetiin,
barbaacharra jiraa.
Warra jiru keessa,
moo du'eetan jiraa?.
Gaafiin natti hammaattuus,
guyyumaan guyyarraa.
Deebisaa argachuun,
na goote dararaa.

Lubbuun jiraachuu koo,
Itti amanullee.
Kanneen du'an keessatti,
Of arguu baadhullee.
Niin jira ofiin jechuf,
Ragaa nan wallaalee.

Ilmi namaa tokkoo,
ni jira jechuudhaaf.
Faayida buusuu qaba,
uumama biroodhaaf.

Ani amma duuba,
Humaa hin hojjannee.
Nama inuu dhiisii,
ofiiyyuun fayyadnee.
An nan jira jedhee,
akkaan hin dubbanne.
Hin jiruus hin ju'u tuniis,
waan hin taanee.

Callll je'ee haa jiraadhu,
Hanqaan Adda baruu.
Barbaadee if arkuu,
bakkaan lubbuun jiruu.
Du'aadhaas jiraadhaas,
tahee haa memmeeruu.

Maaloo hadaraa,
yaa obboleeyyan kiyyaa.
Yooniifi na gartan,
maaloo yaa hiriyaa.
Na biran kutinaa,
isinumaatu kiyyaa.
Qabaatii na fidaa,
kunoo suuraan kiyyaa.
Ngyn naaf turaa,
Hundi ilmaan biyyaa.

Garuu saniin duratti,
Gaafii takkaan qabaa.
Mee enyu deebisuuf,
Harka Naf ol qaba?.
........
Eeee kuno achi bira,
mucaa ilkee kaarruu.
Magaala qallaa San,
ka fuula gugguuru.

Isaatu dura baase,
heddduuu jarjarfatee.
Gaafii too deebisuuf,
bay'ee wixxifatee.
.....
Meegaa carraa fudhu,
deebisi deebistu.
Gaafiiniis akkana,
akki isiin jettuu.
Aniin tun eenyu sa,
ta asiii haasoytuu?.
........
Woow mee harka dhawaaf,
Likkitti deebisee.
Barakaa tahuu koo,
ol jedhee naaf ibsee.
......
Sadam Dhugaa baana,
Anaatu dhabamee.
Ana barakatu,
Isin keessaa deemee.

Deeminsa kiyyaafiis,
Isini sababni.
Kan guutumaa guututti,
na qaceelchitanii.
Mana baataniituma,
ngyatti jettanii.
Xiqqaa guddan keessan,
firraa na ooftanii.

Namu haga humnasaa,
ma'asiya hojjatee.
Deeminsa kiyyarratti,
Xiqqatus hirmaatee.
By @Sadiman


💜Y
💜O
💜U

💚A
💚R
💚E

💙A
💙M
💙O
💙N
💙G

💜T
💜H
💜E

💖P
💖E
💖O
💖P
💖L
💖E


💚V
💚E
💚R
💚Y

❣I
❣M
❣P
❣O
❣R
❣T
❣A
❣N
❣T


💛T
💛O



🧡M
🧡E


💝A
💝N
💝D



❣I


💗W
💗A
💗N
💗T

💘T
💘O

💞S
💞E
💞E

💙 Y
💙O
💙U
💘 I
💘N


☪JANNATUL FIRDOUWS ☪

💟 💞💞💞💞 EID MUBARAK
to u and ur family 💞💞💞💞💞💞💟


😭ODUU Aagaa😭
Amma Daqiiqa muraasa Dura MM Dr Abiy Otuu Marii mariisisaa jiranii Namtichi tokko fulle isaa Duraa lafaa itti ka'ee....see more


Albuma Harawa Galanaa Garoomsa warreen Barbaaddan.


🌵🎄🌲🌳🌴🌱🌿☘🍀🎍🎋🍃🍂🍁
🌳Biqiltuu Dhaabi Yoo dhaabu didde, hafuura(Co2) kee qabadhu nutti hin Baasin.

🌴Namni tokko Biqiltuu tokko

🌳Miirri bilasaa sitti dhageefamuuf Biqiltuu dhaabi.

🌴Biqiltuu dhabuun jireenya kee keessatti Hiriyaa ida'adhu.

🌳Jireenya boruu bareedaaf, arra Biqiltuu dhaabi.

🌴Biqiltuu hin jiru, Jireenyi fulduraa hin jiru.

🌳Oksijiin ni barbaaddaa? Biqiltuu Gaafadhu.

🌴Qilleensa barbaadda tanaan, Biqiltuu galatoomfadhu.

🎋🍃🎍🍀🎄🌳🌵🌲🌳🌲☘🌿🌱🌴🍂🍃🍀🍄🌾🥀🍀🌵🎄🌳🌳
@OromoDJ


Oduu Aagaa
Daqiiqa Muraasa dura Artistii Haacaaluu Hundeessaa Nannoo Maskqal Adababayiittii...see more

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.

3 783

obunachilar
Kanal statistikasi