I HAVE A DREAM
Hunduu ni dabara, jenneetoo labsinee
Rakkoo dhufaa darbaa, irratti obsinee
Seenaa dabaa meeqa, firra dabarsinee
Ofirra dabarree, namallee gorsinee
Waaqni haa galatoomu, ka nun saalfachiisin
Kan rakkoolee San hunda, nurra hin tursiisin
Rakkoo nurraa oofuus, kan lafannun dhiisin
Iddoo rakkoo sanaa, balloo osoo hin tahin
Rakkoo biraa fidee, kan bakka nuuf buuse
Tanaas laalaa, je'ee kan nu agarsiie
Gammachuuf qananii, kan nurraa fageyse
Gadadoolee baay'e, keysa nu dabarse
Humaa ni dabartii, jajjabaadhaa jennee
Ifuma tanteenyaaf, duratti wal hiinee
Arraan tana kunoo, akkana mudannee
Buufata rakkoodhaa, kan addunyaa taane
Dhugaadha ni dabraa, rakkoon arra jiru
Umrii teenya guutuu, ka nu waliin waaru
Rakkoo tokkoo tahee, inuma hin jiru
Garuu balloo arguun, yoomiyyuu hin jiru
Bal'oodhatti bahuuf, manaa bahuu qabna
Dedeemnee barbaannee, hojjachuudha qabna
Yokan walidhiisnee, marannee haa rafnuu
Waan feenu hunda, ciisnee haa manaamnuu
Ergas lafaa kaanee, akkas haa jennuu
" I have a dream", jennee haa dubbannuu
📝By:- @Sadiman
🙏🙏🙏🙏
@Humnagaariiyaduu
Hunduu ni dabara, jenneetoo labsinee
Rakkoo dhufaa darbaa, irratti obsinee
Seenaa dabaa meeqa, firra dabarsinee
Ofirra dabarree, namallee gorsinee
Waaqni haa galatoomu, ka nun saalfachiisin
Kan rakkoolee San hunda, nurra hin tursiisin
Rakkoo nurraa oofuus, kan lafannun dhiisin
Iddoo rakkoo sanaa, balloo osoo hin tahin
Rakkoo biraa fidee, kan bakka nuuf buuse
Tanaas laalaa, je'ee kan nu agarsiie
Gammachuuf qananii, kan nurraa fageyse
Gadadoolee baay'e, keysa nu dabarse
Humaa ni dabartii, jajjabaadhaa jennee
Ifuma tanteenyaaf, duratti wal hiinee
Arraan tana kunoo, akkana mudannee
Buufata rakkoodhaa, kan addunyaa taane
Dhugaadha ni dabraa, rakkoon arra jiru
Umrii teenya guutuu, ka nu waliin waaru
Rakkoo tokkoo tahee, inuma hin jiru
Garuu balloo arguun, yoomiyyuu hin jiru
Bal'oodhatti bahuuf, manaa bahuu qabna
Dedeemnee barbaannee, hojjachuudha qabna
Yokan walidhiisnee, marannee haa rafnuu
Waan feenu hunda, ciisnee haa manaamnuu
Ergas lafaa kaanee, akkas haa jennuu
" I have a dream", jennee haa dubbannuu
📝By:- @Sadiman
🙏🙏🙏🙏
@Humnagaariiyaduu