Yuunivarsiitii Wallaggaatti Barattoonni Qormaata Fudhachuuf Deeman Nyaata Summeeffame Nyaachuun Miidhamuun Dhagaa'ame.
[SQ Onkoloolessa 8/2022
Guyyaa har'aa jechuunis Onkoloolessa 8/2022 barattootni Oromoo qormaata biyyoolessaa kan kutaa 12ffaa tibbana kennamuuf deemu fudhachuuf gara mooraa Yuunivarsiitii Wallaggaatti ramadaman, nyaata summii qabu nyaachuun gariin du'uu fi kanneen heedduu ta'an ammoo haala yaaddessaa keessatti argamuu maddeen SQ'f yaada ergan ifoomsanii jiru.
Akka odeessii arganne himutti, nyaata kana nyaachuun booda barattoonni heedduun gaggabanii kukkufaa turuu fi kanneen du'anillee jiraachuutu himama. Itti dabaluun namoonni yaada isaanii nuun gahan akka himanitti, "duraan waan dhiphina sammuu (tension) qormaataan hubamanii waan gaggaban seene, boodarra garuu barattoonni danuu ta'an wayita kukkufan arginee summii ta'uu mirkaneefanne" jedhu barattoonni.
Kanneen summii nyaachuun miidhamanis Ambuulaansiin gara Hospitaala Riferaalaa Yuunivarsiitichaatti guuramaa turuullee odeessi arganne ni mul'isa. Namoonni deemanii dhimmicha akka adda hin baafneef, Poolisoonni Federaalaa dhorkuu fi barattoonnillee moorichaa akka gad hin baaneef, keessatti dhorkuun dhagaa'ameera.
Hanga ammaatti balaa mudate kanaan barattoonni hangam akka miidhaman adda baafachuuf yaaliin taasifne hin milkoofne.
Yeroo ammaa guutummaatti waanti barattoota Oromoo qormaata fudhachuuf Yuunivarsiitiilee adda addaatti imalaa jiranii haalasn yaaddessaa ta'uurra darbee, kallattiin kaampii humna waraanaatti galfamaanii adda lolaatti ergamaa akka jedhanillee beekameera.