👉minilik diina oromooti
👉oromoon itiyoophiyaadha
👉kanaafuu minilik diina itiyoophiyaati. yoo soba jette oromoon itiyoophiyaa miti jechuudha ykn minilik diina oromoo miti,
minilik harmaa oromoo hin murre,
gocha gara jabeenyaa oromoo irratti hin raawwanne,
minilik oromoo lafa ykn qe'ee isaarraa hin buqqifne jechuudha. oromoo dabalatee warreen minilik yakkamaa gochuu hin feene dhugaa kanaan soba ykn shekkoodha jedhu. irra caalaan oromoo immoo jecha minilik goota itiyoophiyaati jedhu falleessuuf nuti itiyoophiyaa miti ofiin jedhu. minilik yakkamaa gochuu moo ummata oromootiin ni sobda, minilik kana hin raawwanne jechuutu bu'a qaba ?
isa kamtu biyya kanaaf nageenyaafi tokkummaa fiduu danda'a ?
✓oromoon biyya kana gara barbaadetti ofuu kan danda'u minilik yakkamaa ta'uu saba kaaniif ifa yoo godhe qofa. warri amaara maaliif minilik goota jedhanii faarsu ?. sabni warri kaan hoo ? .
✓ warrii amaara minilik goota jedhanii kan faarsaaniif seena sobaa baroota darban keessa warreen minilik leellisaniin barreeffamee madda seena godhataniitu. warreen seenicha baarressaan immoo seena dhugaa dabsuun wantoota gaggaarii minilik rawwaate qofa lafa kaa'anii darban. gocha hammeenya inni rawwaate ammoo ukkaamsuu filatan. kanaaf ijoolleen warra amaaraa gaafa lafa baatu gootummaafi garummaa minilik dubbisaa guddatti. bifa filmii fi afaaniin seena kana dabarsuurratti waan ummata kaan dursaaniif haluma salphaan dhugaa jiru ukkaamsuu danda'aniiru. ijoolleen jaraa maatiirraallee kanuma dhagayaa guddatti jechuudha.
maaliif yoo jette namni waanuma nyaate haga
✓warri kaan immoo osuma dhugaa jiru beekanii oromoo faallessuuf jecha dhugaa kana har'allee ukkaamsuuf dhagaa isaan hin buqqifne,gaara isaan hin dhiibne hin jiru. kana hambisuuf hojiin gama oromootiin hojjetame hin jiru jechuun ni danda'ama,yoo jiraatees ga'aa miti.
✓saboonni biroon immoo maddeen warra minilik leellisanii ragaa godhachuun nama minilik faallessuu diina godhatu. warreen kaan immoo oromoon nama ajjeessa,nama qala,kan jedhamu sana waan sodaataniif mataa ol qabachuu oromoo hin fedhan. ilaalcha dogongoraa(misconceptions) kanas kan facaase minilikiif warra isa fakkaatanidha. ilaalcha dogongoraa akkasii kana balleessuun eenyummaa oromoo isa dhugaa barsiisun dirqama oromoo hundaati. kanarrattis hojiin hojjetame ga'aa miti. inumaayyu yeroo tokko tokko olola isaan oofan kana yeroo itti mirkanneessiftu mul'ata. kanarratti of eegannoo guddaa nu barbaachisa. ilaalchota akkasii balleessuun garuu waan yeroo gabaabaatti ta'u miti. obsaafi beekumsa gaafata.
✓ ilaaluufi arguun gargari. warra argu qofaaf
✓ ani gama kootiin ijoollee amaaraa waaniin komadhu hin qabu. garuu kanan jara komadhu dhugaa jirtu beekanii faayidaasaniif jecha yoo dhugaa liqimsuu didanidha. maaliif jara hin komattu yoo jette, nuti oromoonniifi isaan madda garagaraa dubbisna waan ta'eef. fakkeenya tokko siniif kennuu laata ? mee da'imnii lama kutaa tokkoffaa garuu daree garagaraa baratu haa jennu. barsiisaadhumti tokko daree tokko keessatti 1+1=2 jedhe barsiise. daree kan biraattimmoo 1+1=3 jedhe barsiise. gaaffiin kun qormaatarra dhufe. barattoonni kun deebii gaaffii kanaarratti waliigalu jettee yaaddaa? hanga barsiisan sun nan dogongore jedhuutti ykn barsiisaan biraan dogongora ta'uu mucaa isa dhabe hubachiisutti waliif hin galan. erga hubateyyuu qabxii dhabuu ykn caalamuu waan hin barbaadneef dhugicha haaluu danda'a. inni 1+1=3 ta'uutti barate sadii jedhe yoo deebise dogongora maal qaba? osoo akkamitti akkas ta'a jettee si loluu danda'a. dhugaa qabas ,inni dogongora maal qabaree,kan dogongore madda odeeffannoo isaati. nuti oromoon madda dhugaa wabii godhannee minilik balaalleffanna. jarri immoo madda sobaa kan maatiin isaaniif warri dura darban haqaaqanii barreessan wabii godhatu. seenichi soba ta'uu akkamitti jara barsiisfna ?
✓hanga warri amaaraa minilik yakkamaa ta'uu hubatannitti ida'amuun hin jiru. nan ida'a yoo jettes shukkaaraaf zayitii waliin makuu ta'a. warri ida'uu yaalanis bu'aa isaa dhamdhamaa jiru.
✍️ Leencoo Dhibbaa
@Natti_Hin_Aarin@Natti_Hin_Aarin@Natti_Hin_Aarin