Gaggeessaan Artist Alii Birraa Finfinnee fi Dirree Dhawaatti raawwatame
(SQ-Sadaasa 8,2022)
Koreen Biyyaalessaa sirna gaggeessaa Alii Birraa qindeessu sagantaan gaggeessaa magaalaa Finfinnee fi Dirree Dhawaatti akka raawwatamu ibsuun isaanii ni yaadatama.
Akka ibsa koree kanaatti jalqaba bakka mana jireenyaasaa magaalaa Bishooftuutti argamu irraa Xiyyaaran gara Finfinnee addababayii Michummaatti geeffame. Achittis miiltoowwaniifi hiriyoonni, Qondaloonni Mootummaa olaanoo hedduun, akkasumas ilmaan Oromoo hedduun argamaniiru.
Sirna kana irratti Seenaansaa karaa Mahaammad Qophee afaan Oromoofi afaan Amaaraan dubbifamee.
Sirni geeggeessa isaa raawwatee booda karaa buufata xiyyaaraa Idil-addunyaa Boolee gara magaalaa dhalootasaa Dirree Dhawaatti gaggeeffama.
Isteediyemii Dirree Dhawaattis erga simannaa ,Saalatniifi geeggeessaan gootaa taasifameefii booda, bakka abbaansaa itti awwaalame Laga Harree-iddoo awwaalcha hordoftoota amantii Islaamaatti akka awwaalaman sadasa 7, 2022 ibsa baherraa hubachuun danda'ameera.
Yeroo gabaasa kana qindeesinetti tartiiba koreen kun ka'een haala ho'aa ta'en sirni geeggeessa isaa magaalaa Finfinneetti geeggeefama jira.
Du'aan boqochuu mootii artii Oromoo Doctoora kabajaa Artist Alii birra ilaalchiisun, imbaasilee akka Ameerikaa, UK, Gamtaa Awurooppaa fi kaan ibsa gaddaa baasun gaddaa isaanii ibsatanii jiru, akkasuma perzedantoota mootummoota naannoolee hunda dabalatee namoonni beebekamoon karaa adda adda gadda isaani ibsata jiru, kana malees hawaasi Oromoo biyyoota addunyaa irra jiran ibsa gaddaa baasun Alii dhabutti heddu gaddu ibsanitti jiru.