Paartileen Labsii irratti walii galuu dhabuun Filannoof gufuu ta’a - Boordii Filannoo
**********************************
Filannoo dhufu gaggeessuuf qophiin taasiifamaa jiraatus Paartiileen siyyaasaa Labsii irratti walii galuu dhabuun filannichatti gufuu ta’uu akka danda’u Boordiin Filannoo beeksise. Haala labsii galmee irratti paartiilee morkatootaa waliin mari’achuuf waltajjiin Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa waame walii galtee malee xumuramuu isaa Walitti qabduun Boordichaa Burtukaan Miidhagsaa ibsa laataniiru. Labsichi Paartiileen yaada itti kennuun paarlaamaan kan ragga’e ta’us raawwii isaa ilaalchisee yaadni yeroo yeroon ka’u fuulduratti adeemuuf rakkisaa ta’aa jiraachuu ibsaniiru. Labsicha irratti hundaa’uun qajeelfama 39 ba’an ilaalchisee paartiilee waliin mariin kan gaggeeffame ta’us ammas daangeeffama yeroo malee gaaffiin walfakkatu ka’aa jiraachuu dubbataniiru. Paartiileen Siyyaasaa Paarlaamaa waliin dubbachuu akka barbaadaan Burtukaan eeraniiru. Filannoo biyyaaleesaa bara 2012 gaggeeffamuuf Boordiin Filannoo qophii gaarii taasisuu irratti akka argamus ibsaniiru.
@kushmedia
👇