Nizemu Abduselam


Kanal geosi va tili: ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa: ko‘rsatilmagan


Walaloo mimmiidhagoo dubbisuun bohaartanii fi Ergaa haaraa barsiisaa ta'e walii qooduu

Связанные каналы

Kanal geosi va tili
ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa
ko‘rsatilmagan
Statistika
Postlar filtri


Dinqisiisoo dan repost
Onneen keenya sa’aatiitti giddugaleessaan al 72 dhikkifatti; guyyaatti si’aatii kuma 100, waggaatti si’a miliyoona 3.6, bara jiraannu keessatti immoo si’a biliyoona 2.6 dhikkifatti.

Ulfaatina giddugaleessaan giraamii 300; guddinaan immoo abootifannaa nama sanaa tokko kan ta’eefi guyyaatti dhiiga liitira kuma torbaafi 600 hidda dhiigaa kiiloomeetira kuma 96 dheeratu keessa raabsaa oola.

Baay’inni dhiigaa onnee keessaa daqiiqaa tokko keessatti raabsamu liitira 5-30 ta’uu ni danda’a. Kunis umriifi korniyaa akkasumas sochii qaamaa irratti hundaa’a.

Guyya guyyaatti onneen keenya humna konkolaataa kiiloomeetira 32 deemsisuu danda’u ni maddisiisa. Bara jireenyaa keessatti immoo humni kun kan ittiin ji’arra ga’anii deebi’an ni ta’a.

Madda humna sochii kan mataasaatii waan qabuuf Onneen qaama irraa addaan ba’ee rukuttaa isaa itti fufa; hanga oksiijiinii ga’aa argatetti jechuudha.

Onneen qaama hundumaatti naannawa seelii tiriiliyoona 75 ta’anitti dhiiga kan raabsu yeroo ta’u, koorniyaa qofatu dhiiga hinargatu.


Dinqisiisoo dan repost
#BARRY_DAWSON 👆

👉Jarsii Waggaa 85 kun waldhabde(Jeequmsa) Hadhaa Manaa isa irraa irra ga'uu dhaga'uu waan hin barbannef Waggaa Jatami lamaaf (62) akkaa namaa arguus ta'ee dhaga'uu hin dandenyetti gowwomsa waliin jiraacha tureera.
😳😳😳😳😳😳😳😳😳





@Dinqisiisoo
@Dinqisiisoo
@Dinqisiisoo

#Join_us. #share


Taphaa fi qoosaa™ dan repost
Muuxxannoo khiyya kan bara dheeraa isiniif qooduu ?
Yeroo barnoonni baname isin warri hin dubbifne akkas godhaa; yeroo qormaataa barataa cimaa qofa eeguun dirqamaa miti. Barataa baay'ee dadhabaa bira taa'i. San booda yeroo inni DHUGAA godhu ati immoo SOBA goota yeroo inni SOBA godhu immoo ati DHUGAA gootakhaa abbaa khiyya. Yeroo inni akkuma amala isaa 1/10 fidu ati immoo meeqa fidda jechuudha¿ 9/10 fiddakhaa bro!🤣🤣🤣


Odaa Electronics Finfinne dan repost
**NAN DHIISE** hachalu hundesa new oromo music 2020 sirba haaraa hacaaluu hundeessaa sanyii taaddasaatiin ilaalchaaf gadhiifame. Daawwadhaa
👇👇👇👇👇👇👇
http://www.youtube.com/watch?v=_BdMGyPhwvA
http://www.youtube.com/watch?v=_BdMGyPhwvA


Media Ko dan repost
Godaantonni 27,700 Itoophiyaatti deebi’an
Bitootessaa hanga hagayyaatti Godaantonni 27,700 biyyatti deebi’aniiru.
Jibuuti irraa 6,944,
Soomaaliya irraa 6696
Suudan irraa 5,329
Keeniyaa irraa 1,178
Quweet irraa 1,024
Libaanoos irraa 650
Kana malees godaantoonni 912 torbee darbe galaniiru
@mediaoneko
Odeeffannoo dabalataaf👇🏿
https://ethiopia.iom.int/sites/default/files/Response-Overview-Covid-19%20August%2028%202020.pdf?fbclid=IwAR2sXC5TIf6slYCFp2L8OHmx8WJfZER7yQMLRGGSTw3eeOKOpS5VEFY6TBE


FBC Afanoromo dan repost
Baatii lama keessatti ijaarsa hidha haaromsaaf birrii miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 72 walitti qabame

Finfinnee, Fulbaana 7, 2013 (FBC) – Bara baajataa 2013 baatii lama keessatti ijaarsa Hidha Haaromsaaf birrii miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 72 fi kumni dhibbi 3  ol walitti qabamuu ibsame. Bara baajataa 2013 baatii lama keessatti ijaarsa Hidha Haaromsaaf birrii miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 72 fi kumni dhibbi 3  ol walitti qabamuu Waajjira Mana…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/baatii-lama-keessatti-ijaarsa-hidha-haaromsaaf-birrii-miiliyoonni-dhibbi-2-fi-miiliyoonni-72-walitti-qabame/


Bocuun dura waanta boctu beeki!

Akkam jirtu hiriyoottan kiyyaa fi fayyadamtoota maatii sabqunnamtii maraaf hedduun keenya afaan Oromoo qaalii taate kanaa bakka laannee beeknaa?

Yeroo lafaa kaanee yaada keenya ibsannu yookiin fuula sabqunnamtii garagaraa gubbatti maxxansinu hangam seera qubee eeguun katabna ykn barreessina?
Moo fedhii keenya qofa eegganna?

#Dhiifama
kabajamtoota barsiisoota keenya hundi keessan dilbii beekumsaa taatanii barataa qartan akkuma jirtan tokko tokko ammoo sirnaan qubeessuu irratti rakkoo guddaa taatanii jirtu. Isin dhaloota dura dhaabbattu. Barataan Afaan keessan dubbata.
Yoon jedhu fakkeenyaa barsiisaan tokko barataa 40 ol barsiisa. Barataan afurtamni immoo haala inni itti qubeessuu fi afaan inni dubbatu fudhatee ol guddata.

Akkasumas barataan akka kiyyaas fedhii fi miirri xiiqii qubeessuu nubiratti bakka hinqabu.
Kunimmoo afaan keenya akka jallatuu fi quucaruu taasisa.

Walumaagalatti hawaasni Oromoo marti dhaloota qubee haalaan katabuu ykn barreesu horachuurratti haaxiyyeeffannu.

#Galatoomaa


Trump moo koronaa

laata kan addunyaa
kana miidhaa jirtuu
jiruun harka kootii
jettee kan dhaaddattuu
hundaa seentee borcitaa
biyyoota taate badhaatuu
hiyyeessaa fi dureeessa
Sin hafne hundumtuu

fuula dachee kanarraa
badduu amalaan gadhee
gochaa fi raawwiin kee
maraan gogduu fafee

hargansuun somba kee
koronaan qixa deemtaa
dhukkubaa fi hongee dhufee
caalmaadhaan nidursitaa
yeroo hunda cuucummoon
hammeenyummaf hargantaa
diigdee balleessuudha
diinagdee,guddina biyyootaa

kaayyoon ati qabatte
biyya keefisin toluu
rabbittii silaan qabduu
uzrahel siin haaloluu
yaarabbi humna qabduun
lubbuun isaa haagogduu


kunoo mara miidhee
waa'elli kee koronaan
cubbuu fi hafuurri kee
addunyaatti tamsoofnaan
dallaa fi baqannaan
naman baasu jaranaa
jabaan dhukkubaa dhufee
inni jedhamu koronaa
kanirraa qaariyee
biyyuma chaayinaa
hafuuruma traampi
isa majaa sanaa
ani jedheera kunoo
traamp kun sheyixaanaa
gororri afaan keetii
aasidii addunyaa kanaa

dhaadannaan keen dhaabbatee
inni kan filisxeenotaa
jaarsummaan keen daangoftee
isheen kan misirootaa
sin hambisin yaa traampi
dhiigni sooriyaanotaa

gaaddidduun qaama keetii
du'a sitti haa howwisuu
harki yamaniin diige
diigee si haabarbdeessu
yaa abukaatoo namaa
sagalee koon dhageessuu
madda burqaa keetii
waaqni haa goggogsuu




Gaa'ila gaa'ila milkii
Bara baraan jiraadhaa
Walumaan turaati
Mana keessan ho'isadhaa

Jiruu fi jireenyaan
Jaalalaan wajjin turaa
Ilmaan biyya bulchu
Hedduu waliin horaa
Moortuu fi goomattuu
keessan gadi coraa

Idaa'aman milkahaa
Gammadaa gaa'ilaanii
Guutuu hundee ta'aa
Jiruu fi jireenyaanii



Gaa'ilaan warra milkii
Maraan gahaa galma
Qusannaa dhagahinaa
Dhalchaa bayyisaa ilma


Waaqni sina milkeessuu
Ulaa qormaata darbaa
Mariidhaan hiikkadhaa
Walitti yaadinaa dabaa


...
...
Jedheen sigaafadhaa
#Sababnisaa maalii
Mee nattimi addabaasii
Bitaa mirga laalii
Hundumaa bekumsaan
Qaroomaanis caalii



Simalee namni hinjiruu
Kaleessa immoo yaadattaa
Hundeen Ollaa buqqisuu
Ulaa irraan dhaabbattaa
Anatu diigaa jechuun
Yeroo maraa dhaadattaa
Hardha kunoo teessee
Golaa eegee raaftaa

Takka samiin dhaadattaa
takka dachii dhaadattaa
Eessayyummoon geenyee
Lafumarra jiraatta
Jallina daangaa hinqabneen
Irra lafaa abuurtaa

Dhaadannoon kee innootii
Daangaa tokkolleen qabuu
Siyaasaas taanaan atii
Afaan kee cufaan buluu

Nuun jettaa afaaniinii
Yeroo siturte hogganaan
Osoo akka hardhaa
Hin dhufnee koronaan
ummanni qaroomee
Jedheen sigaafadhaa
#Sababnisaa maalii
Mee nattimi addabaasii
Bitaa mirga laalii
Hundumaa bekumsaan
Qaroomaanis caalii



Simalee namni hinjiruu
Kaleessa immoo yaadattaa
Hundeen Ollaa buqqisuu
Ulaa irraan dhaabbattaa
Anatu diigaa jechuun
Yeroo maraa dhaadattaa
Hardha kunoo teessee
Golaa eegee raaftaa

Takka samiin dhaadattaa
takka dachii dhaadattaa
Eessayyummoon geenyee
Lafumarra jiraatta
Jallina daangaa hinqabneen
Irra lafaa abuurtaa

Dhaadannoon kee innootii
Daangaa tokkolleen qabuu
Siyaasaas taanaan atii
Afaan kee cufaan buluu

Nuun jettaa afaaniinii
Yeroo siturte hogganaan
Osoo akka hardhaa
Hin dhufnee koronaan
ummanni qaroomee
Qabeenyaan madaalamnaa
jetee lafa dhiiittaa
Yookiis humnaa waraanaa

Nuti dhugaa seenaa
Yeroo fakkeessituu
Mar'immaan jilbaan hiitee
Yemmuu odeessituu

Obboleessa koos waliin
Haadha koo fudheen dhaqaa
Bishaanis huuroon jiraa
Achumarraan waraabaa
Achumaa buddugfadheen
Achumatti habbuuqaa
Warqiinis cinaa jiraa
Mana ta'een gadsoqaa
Yoon barbaades qilleensarra
Gadi isinitti foqoqaa


Dursee gaara qabadhee
Pilaaneetiirra qubadhee
Warra lafaan bulchaa
Galma kiyya godhadhee

Osoo farda abdii
Nurratti gulufsiiftuu
Eessatti badee siduraa
Gaaddidduun kee iftuu
Bakka kee dhabamee
Essaa bakkati jirtuu?
Meerre leenci kaleessa?
Hardhas hin bookkiftuu
Moo jibichummaan hafee
Tafkii taatee dhokattuu?

Maal eessatti baddanii
Warri taatan dureeyyii
Jarri ganamaa galgala
Hooqxan qoonqoo hiyyeeyyii
Merre doolarri fi pawondiin
Samii koree yeeniin
Lafa seenee? Meerree?
Taankiinii fi miisaayiliin

Rukutuuma hin didee?
Meeshaan kee waraanaa
Isa Akka laboobaa
abiddaa yaa'u kanaa
Gaaddiidduu du'aa baatee
Isa jireenyaan diinaa
Barrisaa koochoo addaa
Dhukkuba dhufe baranaa
Jeetti fi bireeniin kee
Maaliifi hin ajjeesuu koronaa

Hin muldhatuum ijaanii
Waraanni inni dhufee
Message raahmaanii
Daawwachuutti fufee

Ajaayibaam!........
jilbeenfatte hunduu
Kunoo dhukkuba koronaa
Addunyaan miila tokkoon
Osoo dhaabbatuu arginaa
Achii kuffiseeraa
Achii ajjeeseeraa
Dhageenyee raafamnaa
Sodaadhaan nu fixee
Qaamaa fi qalbiin roqomnaa

Osoo gungummii eegnuu
Roobni roobe bakakkaa
Galaana keessaan ba'amne
Mana godhatee daakaa


Akka rooba arfaasaa
Yandoo dhangala'anii
Jarri ebaluu akka baalaa
Dameerraa irraa foxxoqanii
yeroo mara dhageenyaa
Gadda gadhee miidiyaanii


Argamee hinjiruu
Qorichi tokkollee
Ammaaf gorsa ogeeyyii
Hojiitti hiikuu malee

Irra deddebi'uun sekondii digdama
Harka keessan dhiqadhaa
Falli jirus kanumaa
Fageenya keessan eeggadhaa
Addaan tarkaanfii lamaa
Bakka walgahii gabaa
Hin dhaqinaa tasumaa

Ahhii osoo walin argin
yerooo dheeraa turree
Haalli jireenyaa facaasee
gargar nu baasullee

Yaa abba garoo koo!
Ofii nagaa keessanii?
hiriyaa koo jechuun
waamuun dhungachuunii
Harka walfuudhanii
walitti marachuunii
Yeroof dhaabbateeraa
koronaan dhufnaanii

Halaaluma dhaabbannee
Nagaa wal -gaafannaa
Ilaamee hindhufa debi'ee
Akka aadaa kankeenyaa
Walitti marannee
Qaamaan waldhungannaa
Yoo Fayyaa keenya taane
Hafnee borillee arginaa
Ofèeggannoon yo sochoonee
Hardha gammachuun darbinaa
Abdii abjuuu milkiin
Borillee ni jiraaannaa

Galatoomaa jiraadhaa


Covid"""19

Maaliifi dukkanaa'u fedhaa
Guyyaa saafaa aduudhaan
Arfaasaanis dabee jallatee
Bona ta'e hongee dhaa
Ilmi namaa ofdhiibee
Garaa guutee midhaan
Quufee halaakamee
Ana guddaan jedhaa

Hunduu jijjiiramee
Gariin ofis balfee
Amantiitti amanamuun
Kabajuunillee hafee
Gadheen lafa guutee
Safuu jechuun hafee
Duri hunduu walkabajaa
Ilmi abbaadhaa gugguufee
Jaarsa, jaartii, ijoolleen jedhuu
Hawaasa maraa duufee
Gad-jedhee buusa bunaa
Xomboora ifaa qabee
Caalmaan hogganaan baraa
Hangafti qufaa dhufee

A#yiiiiiii bara keeenyaa
Anatu caala malee
Ati anaa gadii
Tattaaffattee na caaluuf
Hin jiraatinii badii

Ayi! Bara keenya kanaa
Hin jirree lafa guuttee
yaadanillee gaariin taanee
Afaan illee murxuxxee

Kanaafuu dhufeem
innii jedhamu koronaa
Appaartamaan gurguddaan
Jalqabaaf ta'ee foonaa
Cufsiise fixeem maraa
Masjiidaa fi waaqeffannaa

Warri jajjabeeffattanii
sinii taate humnaa
Warri utubattanii
Meeshaalee waraanaa

Meerre eessa jirtuu?
Walitti adeemnaa
Dirree jireenyaa irraa
Harkaan afaan seennaa
Gaaddidduu du'aatiin
Maamila waliin taanaa
Qorre fakkeessuudhaan
Mee walitti muddinaa


Ilmoo abbaan alagaa

Dabeessa dabooraa
ilmoo abbaan alagaa
harkifadhu narraa
fuula kee goggaa
ilkee kee isa goraa
fuula keetiin kolfaa
garaa keetiin coraa
yeroo mi'eeffattuu
fakkaataa arrabaan firaa
milkii seete malee
seentee jirta gidiraa

hin qulqullooftu yoomuu
keessi kee tortoraadhaa
ijji kees waan arguu
miilli kees silaa shafoodhaa
mirgi siifin jirtuu
ati yoomuu dabaadhaa

yaabbiin ati yaabbattees
yaabbii milkiin qabnee
siifan dhaama waantokko
seenaatti akka xiroofnee
badiisa yeroo maraan
akka naan milkoofnee
fuula gaariin qabdu silaa
duraanuu siin laatamne
alagaan silaa alagaadhaa
akkan diinan taanee
akkan coqorsa malee
eeboo sittin baannee
of eeggadhu malee
madaalli akkan dabnee
jaalalli keenya badee
akkan ciqileen taanee

madaa qabdu muldhisuuf,
bulte eega qabde hooquu
erga raasuu jalqabdee
dambii kee isa dalluu
erga baachuu dadhabdee
gamtokkeen kee boquu

ati ganamumaan
guddisumaan alaa
mataan rifeensa luuccaan
si biratti ta'eem miilaa
yeroo hunda bitaacha'aa
jireenyaan taate diilallaa
godaantuu godaannisaa
waraabessaan waa'elaa
wabiidhaan akkan taanee
daangaa dallaa jaalalaa

silaattiis fedhiin ofii
kan ollaatiin ol fakkaataa
ni gulufaa hallayyaatti
farda naafa yaabbataa
Imalaa xurree dubbiirraan
miliksaa kee eeggataa
haammenyummaa dhaaltee
dhaalchisuuf adeemtaa

Qoree fi qoraattiidhaa
Jiruun kankee martuu
Jireenyi dhuunfaa kee
Yoo hita'es garuuu
Sirraa hin eegamuu
Nama miidhuuf gaaduun
Miidhaadhaa miixattaa
Miila shafoo raasuun

ati gaadduu jireenyaa
atuumtuu jiraachaa jirtaa
nama miidhuuf garuu
ati maaliif soqolattaa
dogoggorri ati raawwattuu
yeroo mara muldhataa
mirgan qabdu namaa
cookkoo kee kennitaa
firaa fi ormi hundii
sibiratti ta'eem bitaa
akka waan gaarii taatee
cinaacha kee raaftaa

ati soqoleessa safuu
ilmoo abbaan mokkoroo
haphii arrabaan raafuu
ilmoo haadha dongoroo
ijaarsi qaama keetii
tokkollen qabu goorroo

Akka jibicha birraa
Lafa duwwaatti boorattaa
Waa'ee kee dubbachuun
Sitti beekumsa fakkaataa
Jiruu dukkanooftu taateen
Ifa jettee dhaadattaaa


Beekaa fakkaachuudhaa
Uffattus Suufii yabbuu
Hanga kadhataarraa
Miidhagullee dabbuun
Bareedina xiqqooshee
Sirraa homaan qabuu

Bakka maraanuu hirruudhaa
Kankeen tahu guutuu
milkii sittin fakkaatin
jireenyi keessa jirtu
muraachuun kee galgalaa
gadheen ati facaafattu
oyiruun dhuunfaa keetii
gufuu malee siin diriirtuu


Hardha diina.

Warri biyya teessani
Lammii gargarqooddanuu
Guddinaa fi misoomaa
Warri gufuu taatanuu
Dhiiga ilmaan keenya
Akka silmii xuuxxanuu
Maalii mataa keessan
Hin hojjechiiftanuu?


yaadachuu qabda kaleessa
maaliifi akka eesa turtee
biyya kee jiraachuudhaa
biyyoo sibaachuu diddee


hardha abbaan diinaa
kaleessa eessa jirtaa
dhangaa ormaa quuftee
biyya ormaa burraaqxaa
hardha maatiitti galtee
biyya keenyaa maa jeeqxaa ?



Taatee jirti ammaa
yeroon kan qisaasaa
Baadiyyaa, magaalaan
Hunduu kan siyaasaa
Gamanaa fi gamasii
Hin taanee garmaamsaa
hunduu waliin jedhaa
quba wlitti qabee
inni shorerkeessaa

hin dagattanii nuun jedha
taatee darbe kaleessaa
jedhee gandaa deemee
lammii koo boochisaa
nu miidhuuf, nutti deemaa
aadaa keenyas balleessaa
jedhee wal haala hunduu
eenyu waljabeessaa ?
lafa dhiita filannoof,
lafa dhiita filatamuuf,


himmmm......

bakka bunaas taa'ee
inni mana nyaataa
saalfii tokko malee
martinuu ni afarsaa
hunduu kaalkulet godhaa
waa'ee dhuma siyaasaa
addumaanuu wallaallee
uummataa fi bulchiinsaa


Ajab! Yaa baraa....

Hunduu jijjiiramee
Namatti fakkaataa
yaa bona bona malee
arfaasaa yoom taataa?
farrisaa baraa malee
yoom taati mirgi bitaa
duudhan keessan arrabaa?
arraba nu barsiiftaa ?
moo abbaa keerraa dhaaltee
arraba nu dhaalchisuuf deemta?

Afaaniin hundinuu
Dammuma coccobsaa
Kamiinaan filadhee
Kamiin achi aansaa?
hunduu goolii galchaa
adda baasuun rakkisaa.
eenyutu gargaaraa
eenyu konkolachisaa?

namaan galu martuu
foormulaan addadhaa
bitaa fi mirgaa jiruu
kallattiin badhaadhaa
jara ilmaan mallasaa
atinni jettus hardhaa
gowwaa yaabde malee
dirreen kee dhiphoodhaa.
darbannaan ulee geenyaan
beekaa hunduu kufuudhaa
mootummaan hangafaa
kabajaan namaadhaa
kabajamuun dursa
kabajuun dursaadhaa


Atinni jettus jaraan
ABO dhiistee shanee
Dubbiin akka kanaa
Erga dhuftee badnee
Essaanuu nun gahuu
Fiixee qubaa raafnee

Dhiisaa jarana adaraa
Akkitti jirru nunbaasuu
Damee roqomsa malee
Kun yoomuu jirman raasuu
Kan mishan taane malee
Qilleensi gaariin bubbisuu

kanarraa maal fiduudhaaa
lafa coomaa qotuunii
osoo walcunqursitanuu
akkan nyaatamne diinaanii

kabajaan walmulqanii
harki harkasaa cabsee
kunuunsa wal dhorgee
mirgi bitaa buqqisee
abbaa galataa dhowwee
hunduu waliin afarsee
dhaabi jennaan gadhoomee
dallaa jaalalaa jigsee

yoo akkamillee taate
kan walitti hafu numaa
walkabajuu fi ulfeessuun
keenya nurraa eegamaa

14 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.

86

obunachilar
Kanal statistikasi