Ilmoo abbaan alagaa
Dabeessa dabooraa
ilmoo abbaan alagaa
harkifadhu narraa
fuula kee goggaa
ilkee kee isa goraa
fuula keetiin kolfaa
garaa keetiin coraa
yeroo mi'eeffattuu
fakkaataa arrabaan firaa
milkii seete malee
seentee jirta gidiraa
hin qulqullooftu yoomuu
keessi kee tortoraadhaa
ijji kees waan arguu
miilli kees silaa shafoodhaa
mirgi siifin jirtuu
ati yoomuu dabaadhaa
yaabbiin ati yaabbattees
yaabbii milkiin qabnee
siifan dhaama waantokko
seenaatti akka xiroofnee
badiisa yeroo maraan
akka naan milkoofnee
fuula gaariin qabdu silaa
duraanuu siin laatamne
alagaan silaa alagaadhaa
akkan diinan taanee
akkan coqorsa malee
eeboo sittin baannee
of eeggadhu malee
madaalli akkan dabnee
jaalalli keenya badee
akkan ciqileen taanee
madaa qabdu muldhisuuf,
bulte eega qabde hooquu
erga raasuu jalqabdee
dambii kee isa dalluu
erga baachuu dadhabdee
gamtokkeen kee boquu
ati ganamumaan
guddisumaan alaa
mataan rifeensa luuccaan
si biratti ta'eem miilaa
yeroo hunda bitaacha'aa
jireenyaan taate diilallaa
godaantuu godaannisaa
waraabessaan waa'elaa
wabiidhaan akkan taanee
daangaa dallaa jaalalaa
silaattiis fedhiin ofii
kan ollaatiin ol fakkaataa
ni gulufaa hallayyaatti
farda naafa yaabbataa
Imalaa xurree dubbiirraan
miliksaa kee eeggataa
haammenyummaa dhaaltee
dhaalchisuuf adeemtaa
Qoree fi qoraattiidhaa
Jiruun kankee martuu
Jireenyi dhuunfaa kee
Yoo hita'es garuuu
Sirraa hin eegamuu
Nama miidhuuf gaaduun
Miidhaadhaa miixattaa
Miila shafoo raasuun
ati gaadduu jireenyaa
atuumtuu jiraachaa jirtaa
nama miidhuuf garuu
ati maaliif soqolattaa
dogoggorri ati raawwattuu
yeroo mara muldhataa
mirgan qabdu namaa
cookkoo kee kennitaa
firaa fi ormi hundii
sibiratti ta'eem bitaa
akka waan gaarii taatee
cinaacha kee raaftaa
ati soqoleessa safuu
ilmoo abbaan mokkoroo
haphii arrabaan raafuu
ilmoo haadha dongoroo
ijaarsi qaama keetii
tokkollen qabu goorroo
Akka jibicha birraa
Lafa duwwaatti boorattaa
Waa'ee kee dubbachuun
Sitti beekumsa fakkaataa
Jiruu dukkanooftu taateen
Ifa jettee dhaadattaaa
Beekaa fakkaachuudhaa
Uffattus Suufii yabbuu
Hanga kadhataarraa
Miidhagullee dabbuun
Bareedina xiqqooshee
Sirraa homaan qabuu
Bakka maraanuu hirruudhaa
Kankeen tahu guutuu
milkii sittin fakkaatin
jireenyi keessa jirtu
muraachuun kee galgalaa
gadheen ati facaafattu
oyiruun dhuunfaa keetii
gufuu malee siin diriirtuu
Dabeessa dabooraa
ilmoo abbaan alagaa
harkifadhu narraa
fuula kee goggaa
ilkee kee isa goraa
fuula keetiin kolfaa
garaa keetiin coraa
yeroo mi'eeffattuu
fakkaataa arrabaan firaa
milkii seete malee
seentee jirta gidiraa
hin qulqullooftu yoomuu
keessi kee tortoraadhaa
ijji kees waan arguu
miilli kees silaa shafoodhaa
mirgi siifin jirtuu
ati yoomuu dabaadhaa
yaabbiin ati yaabbattees
yaabbii milkiin qabnee
siifan dhaama waantokko
seenaatti akka xiroofnee
badiisa yeroo maraan
akka naan milkoofnee
fuula gaariin qabdu silaa
duraanuu siin laatamne
alagaan silaa alagaadhaa
akkan diinan taanee
akkan coqorsa malee
eeboo sittin baannee
of eeggadhu malee
madaalli akkan dabnee
jaalalli keenya badee
akkan ciqileen taanee
madaa qabdu muldhisuuf,
bulte eega qabde hooquu
erga raasuu jalqabdee
dambii kee isa dalluu
erga baachuu dadhabdee
gamtokkeen kee boquu
ati ganamumaan
guddisumaan alaa
mataan rifeensa luuccaan
si biratti ta'eem miilaa
yeroo hunda bitaacha'aa
jireenyaan taate diilallaa
godaantuu godaannisaa
waraabessaan waa'elaa
wabiidhaan akkan taanee
daangaa dallaa jaalalaa
silaattiis fedhiin ofii
kan ollaatiin ol fakkaataa
ni gulufaa hallayyaatti
farda naafa yaabbataa
Imalaa xurree dubbiirraan
miliksaa kee eeggataa
haammenyummaa dhaaltee
dhaalchisuuf adeemtaa
Qoree fi qoraattiidhaa
Jiruun kankee martuu
Jireenyi dhuunfaa kee
Yoo hita'es garuuu
Sirraa hin eegamuu
Nama miidhuuf gaaduun
Miidhaadhaa miixattaa
Miila shafoo raasuun
ati gaadduu jireenyaa
atuumtuu jiraachaa jirtaa
nama miidhuuf garuu
ati maaliif soqolattaa
dogoggorri ati raawwattuu
yeroo mara muldhataa
mirgan qabdu namaa
cookkoo kee kennitaa
firaa fi ormi hundii
sibiratti ta'eem bitaa
akka waan gaarii taatee
cinaacha kee raaftaa
ati soqoleessa safuu
ilmoo abbaan mokkoroo
haphii arrabaan raafuu
ilmoo haadha dongoroo
ijaarsi qaama keetii
tokkollen qabu goorroo
Akka jibicha birraa
Lafa duwwaatti boorattaa
Waa'ee kee dubbachuun
Sitti beekumsa fakkaataa
Jiruu dukkanooftu taateen
Ifa jettee dhaadattaaa
Beekaa fakkaachuudhaa
Uffattus Suufii yabbuu
Hanga kadhataarraa
Miidhagullee dabbuun
Bareedina xiqqooshee
Sirraa homaan qabuu
Bakka maraanuu hirruudhaa
Kankeen tahu guutuu
milkii sittin fakkaatin
jireenyi keessa jirtu
muraachuun kee galgalaa
gadheen ati facaafattu
oyiruun dhuunfaa keetii
gufuu malee siin diriirtuu