Iwunatuu Haayiluu (PhD) Muuxannoo #jireenya hojjataa humnaa guyyaa fi #Waardiyyaa Irraa barsiisaa, qorataa fi nama dhalootatti karaa agarsiisu hanga #Pirofeesarummaa Iwunatuu Haayiluu (PhD) Ewnetu Hailu
“Namni kaleessa waardiyyaa waajjira gandaa ture sun amma barsiisaa, qorataa fi nama dhalootatti karaa agarsiisu ta’eera.
''Finfinneetti dhaabbata dhuunfaa #leenjii fi gorsaa hundeesseen dargaggoota karaa agarsiisuu irratti hojjechaa jira,” jedhan.
Dr. Iwunetuun bu’aa bahii imala jireenya isaanii irratti kan xiyyeeffate kitaaba ‘Ubuntu’ jedhamu barreessuunis maxxansiisaniiru.
Dhaamsa #Dargagggootaaf…
Muxannoo jireenya isaaanii irraa ka’uun dargaggoonni waan umurii jiraatan keessatti milkeessuun qaba jedhan adda baafatanii beekuu qabu jedhu Dr. Iwunetuun.
“Kaaroora isaanii 1,2,3 jedhanii adda baafatanii kaa’achuu qabu. Kan biraa waan jalqaban kaayyoo sana galmaan gahuu barbaachisa.
''Waan qabne yoo gadhiisne kan biraatti ceene booda inni dhiisne sammuu keenyaaf boqonnaa hin kennu,” jedhan.
“Barataa yoo ta’an xiiqiidhaan barachuu barbaachisa. Inni biraa obsatu barbaachisa.
''Ani maatirikii waanin kufeef yunvarsiitii galuun waggaa saddeet natti fudhate. Otoon obsaan hin dabarsinee bakka har’aa kana hin gahun ture,” jedhan.
Mammaaksa ‘Miila lama qabaataniif muka lama hin koran’ jedhu bira darbuun ani muka sadi afur koruuf yaaleen karaa milkaa’inaa ofitti dheeresse jedhu.
Dargaggoonni waan qaban galmaan gahanii isa itti aanutti akeekkachuu qabu jechuun dhaaman.
🧭➪
@SAFFISA_JIREENYAA🧭