Kutaa_90
#Ya_qurxummi_kottumee_jilbeeffannee_waaqayyon_kadhanna!
Adaraa! Adaraa! adaraa! Haala biyya keenya keessatti ta’aa jiru ilaalchisee namni dubbisuu danda’u kam illee “maxxansa kana dubbisuu qaba” jedheen waanan yaadef kitaaba irraa dubbiseen isin fayyadaa jedhee maxxanse.
Yeroo tokko raachaa fi qurxummiin osoo bishaan keessa jiranii bakkee irraa ibbiddi cimaan naannoo isaanii qabatee Fixee jedhama.Ibbiddi sun humnaan naannoo sana waana gubeef raachi isheen bishaan keessaa yaaddofte akkas jette. “ya qurxummii kottumee jilbeefannee waaqayyon kadhanna. balaan ibbiddaa kun dhiibbaa guddaa fidaa waaan jirruuf lubbuu keeyaaf baay’ee sodaachisaadha.kanaaf maal ta’a yoo waaqayyoon kadhanne?” jette.
Qurxummiin dubbii raachi jette kanatti kofaltee akkas jette,”yaa raachaa sammuun kee akkam yaada? Maal nutoo bishaan keessa jirraa akkamiin balaan ibbiddaa kun nu miidhuu danda’aa?yoo dhufes bishaan moo ibbiddatu mo’uu danda’aa?kanaaf sodaa dhiisi #fataa,#zanaa jedhii taa’i.waan tokko dhiphachuu hinbarbaachisuu waan taheef”ittiin jette.
Raachi ammas deebistee akkas ittiin jette-qurxuummiin,”ani waan tokko sodaadha.innis ibiddi kun baay’ee humna waan qabuuf,uumanni ibbidda kana qabaneessuuf jecha bishaan kana budduqsuun isaa hin hafu.yeroo bishaan kun garmalee waraabamuu immoo bakka deemnu dhabna.kanaaf yeroo kanatti du’uun keenya salphaa tahee argama jechuudha.kanaafan sodaadhe “jettee.dubbii raacha kana kan tuffatte qurxummin ammayyu yaada kanatti waliif galu hin dandenye.
Utuu isaan akkanan wal mormanii,Boodarra namtichi tokko dhufee utuu bishaan budduqsuu,qodaa ittin bishaan waraabaa jiraaniin naachaa fi qurxummii walitti qabee ibbiddaa keessatti darbatee jedhama.
Seenaan kun iccitii cimaa of keessaa qaba.Baayeen keenya gaafa ofii keenyaaf rakkannu malee,gaafa hiriyyaan keenya,ollaan keenya,maatiin keenya,biyyi keenya Fi waldaan keenya raakkatu “maltu na galche anoo bakka argadheera” jenna.kanaaf rakkoon kan nama biraa rakkoo keenya nutti hin fakkatu.ofiif keenyaaf bakka gaha argannee jennan, waa’een nama biraa immoon nu harkaa badaa jechuudha.kun immoo amala dhaloota fayyee miti.kanaaf yeroon deemtan,yeroo teessanis kaatanis,yeroo dhaabattanis raftanis yaada keessan keessatti waaqayyon kadhachaa adeemaa adaraa jedheen waadaa isinitti kenna.keessatti illee waa’ee biyya keenya kana cimsaa waaqayyoon kadhadhaa adaraa! Bara itti dhaloota baay’ee of biraa dhabaa jirruudha.namni manaa ba’aa malee manatti deebi’ee galaa hinjiru.yeroo hunduma hiriyyota koo faana gaafan deemu yaadan liqinfamee harkaa bada.garuu waanan argeef yaade sanaaf waaqayyoon galateefadheen kadhachaa karaa kanarra deema.kun amala akka maratu qalbii buuse ana godhuudha.amala kana waaqayyo akka naaf guddisuus kadhanna kooti! isinis akkanuma taha maatiikoo!
Baayeen isin jaalladhaa #Eebbifamaa
Adaraa forward waliif godhaa lubbuu du'a irraa oolchitanii waaqayyo isinitti gammadaati!
SHARE AND JOIN
✍ https://t.me/solabedasaa
✍ https://t.me/solabedasaa
YAADA FI GAAFFIIF
👇👇
@solabedasa
Fuula Facebook
👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=100081134633981