#Anaa_fi_Valentine_Day
Amanamummaan gaarii waan ta'eef jaalallee 5 qofan qaba. Shanan isaanii naanna'anii karra Finfinnee shanan keessa jiraatu💃💃💃💃💃 Carraan isaan wal arguuf qaban gaafa Irreechaa fi eebba kitaabaa irratti qofa. Gaafa eebba kitaabaa namni hundi wal hammatee suuraa waan ka'uuf jaalalleewwankoo 5 ta’anii na hammatanii suuraa ka'u. Hunduu 'kankoo kankoo' jedhanii yaadu. Akksittin shanan ishee hammadhee suuraa ka'ee nagaan gala😍 Gaafa Irreecha ammoo 'Amantiin koo naaf hin eeyyamu' jedhee isaan sobeen dhokadhee irreeffadhee deebi'a.
Kanan gudii ta'e har'a. Hundi isaanii 'Valentine Day' wajjin kabajnu malee jedhan. Guyyaa salphinaatu ga'e egaa😳 'Lakkisaa jarana nutti haa hafu, guyyaa kabajuu keenya irra wal kabajuu nuuf wayya' jennaan ni didan. Akkuma aarii ganamaan ka'een koffiyyaa diimaa, kootii diimaa, kofoo diimaa fi kophee diimaa uffadhee manaa ba'e. Nama Valentine Day kabaju utuun taane, hojjetaa waajira ibsaa fakkaadheen jira. Sodaan natti dhaga'ame. Hundi isaanii waan wal baran natti fakkaate. Abaaboo tokko tokko utuun taane dullaa tokko tokko baatanii waan na eegan natti fakkaate.
Guyyaa har'aa nan qoqqoodeef. Ishee tokko gamama sa'aatii 4'tti, ishee tokko 6'tti, ishee tokkommoo guyyaa sa'aatii 8'tti, ishee tokko 10'tti, ishee tokko ammoo galgala 12'ttin beellame, achumaan wajjin buluuf. Yoo warra guyyaa irraa lubbuunkoo hafeef jechuudha. Sagantaama qabameen ishee ganamaa arguuf kaaffeetti waamnaan manakoo koottu malee naan jette. Maaloo jedhee kadhadheen dadhabe. Dhuma irratti nan deeme. Akkuman manatti ol seenee taa'een balbala cuftee gola seente. Sana booda shanan isaanii natti ba'an. Lafan taa'uttin hadoode. Akkan du'us nan bare. Namootan kanaan dura itti balleesse illee dhiifama gaafachuuf yeroo akkan hin qabne naaf gale. Cubbuu Turungoodha akkan jennemmoo Tungeen mataan isheeyyuu cubbuudha.
Egaan isheen tokko dullaa baatti. Isheen tokko harka mirgaan shukkaa, harka bitaan cilfaa baatti. Isheen tokko ilmoo mooyyee isa guddaa qabattee jirti. Isheen kan biraan dhagaa koobilii of jala tuultee jirti. Isheen dhumaa gajaraa baatti. Hundi isaanii al takkaatti dhufanii waan baatan gaafa narra buusan ani utaaleen hirriba keessaa ka'e.
Wayyoo abjuu ganamaa, wayyoo lapheekoo😭