Anaa fi Zayitii Abbaa Leetira 5 😭
Dhugaadha, fuudhuukootti har'an gaabbe. Nyaata bara kanaa mitii, jaalalli bara kanaayyuu zayitii malee waan mi'aawu natti hin fakkaatu. Haadha manaakoo Turungoo Mazgabuu ammoo duriyyuu zayitiin xiqqaan ishee hin ga'u. "Zayitii isa kam?" jettee nan gaafatiin. Baqqaa waanumti zayitii jedhamu ishee hin ga'u. Sababa kanaan zayitii qaamakoo keessaa fi zayitii highland keessaa si'a lama itti hin fayyadamtu😋
Dhiyoo kana hafuura akkas zayitii ishee jaallachiisu kana irratti kadhachiisuufan waldaa deeme. Gaafan achi ga'u gatiin zayitii dibataa isaanii gatii zayitii nyaataa caala. Garaagarummaa maalii qabaree jedheen dhiisee gale🚶 Turungoon kaleessa zayitii abbaa leetira 5 akkan bituuf qarshii 1000 natti kennitee "Lafti dhihe jennaan saggoo dhahanii sirraa fuudhu guyyaadhaan gali" naan jette. Dhugaa isheeti, hattoonni ganda keenyaa bilbila dhiisanii zayitii saamuu erga jalqabanii bubbulaniiru. Hattuunis mootummaanis zayitii saama bara kana.
Anis utuman sossodaadhuu suuqii seenee utuun gatii isaa falmuu sa'aatiin na jalaa deeme. Dhuma irratti 950'n bitee suuqii sana keessaa ba'uukoo qofan yaadadha. Sana booda eenyu akka na tuqee fi maaliin akkan tuqame utuun beekiin ganda keenya 02 keessaa fuudhameen ganda 01'tti of arge😢
Warri adeemtanii bakkuma argitanitti zayitii keessan firfirsitan utuu qusattan gaariidha. Keessumaa dhiironni. Zayitiin sin akkas dalga dhangalaastan cubbuu qaba 🙈