Gaaddisa Tokkummaa Islaamaa-GTI


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified


Waa'ee Keenna!

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter


#Seenaa

"Karaa Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam darban irratti beekaa eegdee balfa ykn waan nama waraanaa kan kararratti darbitu Jaartii ykn Namittii takkatu ture. Yeroo hundaa yoo achiin darban balfa isheen darbitu ni argu ture. Guyyaa tokko karaa saniin yoo darban balfi hin jiru. Baay'ee dinqisiifatuun maaliif hardha balfa akka isaanirratti hin darbine gaafachuu mana yoo dhaqan ishee dhukkubu argan. Akka fayyituufis duaaii taasisaniif. Namittiin Muslima hin taane sun haala Rasuulaa Sallallaahu aleeyhi wasallam dinqisiifattee Islaamummaa qeebalte."
.
Walumaa galatti Muslimni Muslima warra hin taane waliin walitti dhufeenya walqixxummaa fi Gara-laafinsa irratti hundaa'e gochuu qabna.

@SanoHaji7
@Gaaddisatokkummaaislaamaa


Osoo Nafxanyaan “Jawar haa ajjeefamu, haa fannifamu” jedhanii Jawar dhabuun Oromoo tuffachuu fi Jawar balleessinaan qabsoon Oromoo ni dhaabbatti jedhanii yaaduudha.

Keewwatni yakkaa obbo Dajanee Xaafaa itti himatame 238 (2) kan umrii guutuu ykn du’a namatti murteessuudha. Kan Dajanee irratti himannaa kana banan Jawar irratti maal akka tahuuf deemnu walumaan ilaalla. Dubbiin PP waan hamaatti deemaa jirti natti fakkaata.

@Gaaddisatokkummaaislaamaa


#Hamzaa_Boorana

Hamzaa Booranaa har'a mana Murtii Bilxiginnaatti:

"Nuyiin hidhuun biyya kana ni miidha malee hin fayyadu. Nuyi Qabsaa'ota hidhamuun akka jiru osoo hin hidhamin dura beekna. Mootummaa waliin rakkoon qabnu kan siyaasaa malee Seerri cabe hin jiru. Diraamaan asitti deemaa jirus kan siyaasaati.

Mootummaan Sabaa fi sabilammii walitti buusuuf socho'uu, Amantaa fi Amantaa hawaasa wal irratti kaasuu jedhee Olola miidiyaalee garaagaraan nurratti oofsisaa jira kana Manni murtii beekuu qaba.

Jawaar biyya kana keessaa naannoo inni hin deemne hin jiru, sabaa fi sablammii hedduu Amantaa garaagaraa qabu waliin hojjechaa ture Obbo Baqqalaan umurii isaa guutuu Saba kessaa dhalateefi wal qixxummaa saboota biroof gatii guddaa baase. An namni harki isaa cancalaan hidhamee as jiru kun harka kiyya kanaan barreeffama fuula kumaa olii barreesseera waggaa torba gaazexessaa fi aktivistii ta'ee hojjedhe keessatti saboota hedduuf iyyee Amantaa hundaaf sagalee ta'eera.

Har'a isiniin dabalatèe sammuu biyya kanaaf fayyaduu danda'u hedduun gaafa asitti lafatti badu arguun na gaddisiisa. Ammas hidhaa fi ajjeechaan rakkoo biyya kanaa hin furu. Waggaa meeqa nurratti Murtaa'es nuyiif homaa miti biyya garuu ni diiga malee hin ijaaru."
-Boontuu Baqqalaa irraa.

@Gaaddisatokkummaaislaamaa


Baankiin Addunyaa gargaarsa Itoophiyaa doolara biliyoona lama haqe:

Gargaar
si kun dhiibbaa COVID-19 diinagdee irratti uumuu dandamachuu fi riifoormii diinagdee biyyaa(home grown economic reform) hojiirraa oolchuuf oola. Doolarri biliyoonni lamaan kun bifa liqii fi kennaatiin kan Itoophiyaadhaaf kennamu ture.

Madda: Wazema radio
@Gaaddisatokkummaaislaamaa


Abiy nama amanu tokkollee hin qabu. Warri waliin itti dhiheenyaan beektan kana ragaa baatu. Namatti fayyadamee gata. Gaafa gatu ammoo akka maleetti gata. Namni Lammaa gate nama biraa hin dhiisu. Lammaa ari’e jedhee akka gootummaatti dhaadataa jira. Warri hafes karaa sanirra jiran. Tokko tokkoon akkas tahuurra itti qabsaa’aa ofirraa darbaa. Namni kun nama akkaan hamaa ta’e. Biyya bulchuu miti akka nama tokkotti hawaasa keessa jiraachuunuu hawaasa miidha. Sheeyxaana bifa namaa qabu!

@SanoHaji7
@Gaaddisatokkummaaislaamaa


-Barnoota eegaluuf galmeen haa jalqabu jedhan. Garuu, Mana barnootaa keessa nama hidhametu jira. Ijoollee barsiisuuf galmaahaa jedhan kanniin akka isaan nama hidhame laalaa barataniif moo hidhatu gosa barnootaa ta'ee curriculum ammaa keessatti hammatame?..

@Gaaddisatokkummaaislaamaa


Ee Magan! Suuraan Ni Dubbata.

@Gaaddisatokkummaaislaamaa


Amma kallattiin Abiyyi kaaye caasaan waan harkaa diigameef hoggantoota waliin dalagaa jiran sodaachisuudha. Kana booda waan kaadireen isaa dubbattu dhageeffadhaa! “Warri bakka lama jirtan dafaa of sirreessaa” kan jedhu. Sirritti hordofaa. Duula kana banaa jedhee ergee jira. Kuni ammoo sodaa caasaan harkaa diigamuu irraa kan ka’e. Yoo xiqqaate Oromiyaa keessaa hoggansi 120 ol dhiheenya kana fedhii isaaniitiin aangoo gadi dhiisanii jiru. Mootummaan tun kuftee jirti.

@Gaaddisatokkummaaislaamaa


#Abiyoot duraanii ykn #Abiyyiin ammaa kufee jira. Nagaatti..


-Biyyi nama hin baratiniin bulaa jirti. Ee Magan!

-Nama dubbisa qofa irratti hundaa'een; sanuu dubbisa hin fayyadne nama dubbiseen.

-Namni tirkii minkii dubbisu mataan isaallee tirkii minkii ta'a.

@Gaaddisatokkummaaislaamaa


-Ummanni baldhaan ni dogongora jedhanii yaaduun ofiifuu dogongora. Karaa keenna qofatu isin baasa jedhanii dirqiin fudhattan malee jechuun duula Afaanii fi waraanaa ummatatti banuun ammoo waan ta'u miti ture. Nuti wanta ta'uu qabu dura dubbataa turre waan ta'eef, amma qabsorra jirra. Qabsoo hanga bilisummaatti itti fufu irra.

@Gaaddisatokkummaaislaamaa


#Muharram/المحرم/

"عن أبي هريرة رضى الله عنه، قال، قال رسول الله صلى الله عليه وسلم: أفضل الصيام بعد صيام شهر رمضان شهر الله المحرم."

Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam akkana jedhan:"Irra Caalaan Soomanaa eega soomana ji'a Ramadaanaatii ji'a Allaahaa Muharrami." {At-Tirmizii: 740}
.
"وعن أبي قتادة رضى الله عنه، أن رسول الله صلى الله عليه وسلم سئل من صيام يوم عاشوراء، فقال: يكفر السنة الماضية."

Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam soomana guyyaa 'Aashuuraa irraa gaafatamanii ni jedhan:"Dilii ykn cubbuu waggaa dabartee ni haqa." {Riyaadus-Saalih: 1252}
.
"و عن ابن عباس رضى الله عنهما قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم، لئن بقيت إلى قابل لأصو من التاسع."

Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam akkana jedhan:"Yoo lubbuun hanga waggaa dhufuutti ture, ji'a Muharram irraa guyyaa saglaffaa (9ffaa) nin sooma." {Riyaadus-Saalih: 1253}
.
▶Ji'a Muharram irraa guyyaa 9ffaa fi 10ffaa ykn guyyaa 10ffaa fi 11ffaa soomuun barbaachisaadha.

-Dilii waggaa dabartee akka Rabbi irra nuu darbuuf haa soomnu.

-Sababa Rabbiin Muusaa fi banii Israail Fir'owna jalaa nagaya baaseef Yahuudaa fi Nasaaraan guyyaa kana ni soomu ture. Rasuullis Sallallaahu aleeyhi wasallam isa kana dhageennaan nin soomana jedhan. Garuu, Yahuudaa fi Nasaaraa kallafuuf jecha guyyaa tokko itti ida'anii soomuun barbaachisaadha.

@SanoHaji7
@Gaaddisatokkummaaislaamaa


-Sobaaf ykn kabajaa isaanii kan dhuunfaatiif dallanuun ummata isaaniitiif isaannan balbala mana hidhaatii fi gadadoo baldhinnaan banan, kanneen tuman/dhiitan, fannisan, mana tokkoon tokkoon isaa gaddaa fi rakkina kanneen galchan, miiraan kabajaa ykn bilisummaa muraasni dhiiga isaa keessa kan deeme hundaa hoggantoonni qormaatanii fi azaa godhan jaarraa 20ffaa keessatti baay'innaan arginee jirra.

-Namni tokko gara samiiwwanii mankuraakuraan deemee dhiiga dachii irratti jige manatsira (eye glass) ijaatiin arguu kan danda'u osoo ta'ee baay'inni dhiiga namoota guyyaa irraa gara guyyaatitti gorra'amanii akka dhiiga bineensotaa fi allaattiiwwan guyyaa guyyaan gorra'amanii gad kan hin taane itti mul'ata. Ay Ilma Namaa!

@SanoHaji7
@GaaddisaTokkummaaIslaamaa


Kaayyoon ala hin jiraatin!

@Gaaddisatokkummaaislaamaa


Biyyi teenya hidha haaromsaa waliin walqabatee amma yaalii fi tattaaffii irra jiraachuun yeroo irraa eeggamu hin turre. Yoo xiqqaatee xiqqaate kan biraa yoo hafe hidhaan haaroomsaa yeroo itti eegale bara 2003 irraa jalqabee kuni akka dhufu beekee Arabiffaa fi kallattii hundaa oogeeyyoota ga’oomanii fi gahaa ta’an oomishuudhaan dipiloomaatummaadhaan gara biyyoota Arabaa bobbaasuu, Arabiffaadhaan miidiyaalee addunyaa irratti bahuudhaan bu’aa Itiyoophiyaatiif warra mormu danda’u, xiinxaltoota siyaasaa afaan Arabaa beekan, gaazexeessitoota, injiinaroota bishaanii, dipiloomatootaafi polatikanyoota oomishuun dirqama ture. sadarkaa humni hayyameen biyyoota Arabaa fi olla keenya hubannoo keessa kan galfate miidiyaa cimaa, dijitaalaa fi oogeeyyoota miidiyaa birootiis hundeessuun ni eeggama ture.

Kana gochuun ni barbaachisa ja’ee nama yaadu yookaan kan gorsu dhabamuun lolaaf qophaa’aa sinqii fi hidhannoo irraa dagamuudhaan walqixa. Kufaatii ifa tahe kana kan dhale Arabiffa Islaamaa waliin walitti kan hidhu dhukkuba hamaa shakkii jedhamu malee kan biraa miti. Kana kaniin jedhu waggoota darbaniif barbaachisummaa dhimma kanaa hubatanii akka lammiitti mootummaadhaaf namoonni gorsa kennaa yaalii isaan godhaniis waaniin beekuufi. Haqatti ga’oomaa tahuun hafee jiraachuun isaatuu hawaasa bal’aa biratti kan hin beekkamne kutaan afaan Arabaa univarsiitii Addis Ababaatti waggaa 15 dura jalqabuu isaa nan beeka. Tahuus kutaan barnootichaaf xiyyeeffannoon sirrii silaa kennamee ministeera haajaa alaaf miti akka mootummaatti afaanicha akka afaanitti lakkaa’uudhaan bu’aa biyyaaf argamsiisuu danda’u waliin warra hinmadaale jibbansa jaamaadhaan warroonni guutame biriyookraasii keessa haala guutaniin biyyaaf akka biyyaatti gatii kafaluu fi dipiloomaasiidhaan kufaatii haguuggachiisuun ala bu’aan biraa hin eeggamu ture. Ta’uus mootummaa osoo hin eegin bu’aa biyya isaaniitiif warri dhaabbatan muraasni ijooleen Itiyoophiyaa kaka’umsa dhunfaa isaaniitiin qabsoon dipiloomaasii gochaa jiran yeroo ilaallu, poolisiifi hojmaata Ministeera haajaa alaa fi ministeera barnootaatiin gaddinullee ijoolleen Itiyoophiyaa akka abdii hin kutanne nu godhu.

@Gaaddisatokkummaaislaamaa


Kan gaafii namatti ta'u garuu addunyaa guutuu irratti imbaasiileen Itiyoophiyaa fi Ministeerri haajaa alaa mataa isaatiif biiroo isaanii keessa dipiloomaatoota kumootaan lakka’aman fi hojjattoota ramadee fi muudee yeroo hojjachiisu dhugumatti kan yaadamaa jiru biyyaaf yoo tahe akkamitti warri Arabiffa dubbatu hojjataa kana hunda keessaa argamuu hin dandeenye? Haaluma kamiinuu hojjattoota Itiyoophiyaan bobbaastu keessatti wantoonni maalummaa isii ibsu mul’achuu fi biyya itti bobba’anitti bu’aalee Itiyoophiyaa eegsisuudhaaf namoota dandeessisaniif dursa kennuu feesisa.

Biyyoonni bu’aa isaanii kabachiisuuf afaan biyya itti bobba’anii sirritti kan danda’an dipiloomaatoota ga’umsa qaban filee ramaduu irra dabree mootummaa biyyoota sanii fi lammii irratti toora dhiibbaa bal’isuudhaaf jedhanii biyyoota murteessoo jedhanii yaadan keessatti haala adda ta’een miidiyaa banaa argamu. Fakeenyaaf, biyyoota Arabaa yoo ilaallu mootummaa Ameerikaa afaan Arabaa kan sagalee Ameerikaatiin dabalatatti afaan Arabaatiin sa’aatii 24 kan tamsaa’u TV satalaaytii kan “Alhurraa TV” jedhamu bananii jiru. Biritaaniyaan ammoo BBC raadiyoo fi televiziyoona Arabiffaan, Rusiyaaniis Ruusiyaa tuday TV Arabiffaa, Faransaay ammoo Faransaay 24 TV Arabiffaa hanga banutti gahanii jiru.

Baroota dheeraadhaaf Itiyoophiyaan midiyaan qabaachaa turte “Al-Aalam” kan jedhame biyyoota muraasa keessatti tamsaasa kan qabu gaazeexaa Arabiffaati. Baroota muraasa dura kan qophii isaa jalqabe TV Itiyoophiyaa qophii kutaa Arabiffaa yoo ta’u xiyyeeffannoo xiqqaa fi humna namaa xiqqaa ramadameef waliin yoo ilaallu dhiibbaa barbaadu gochuun hafee inninuu hanga ammaa shaakala irra dhaabbata jiru fakkaata. Yeroo baayyees dubbatoota Arabiffaa dipiloomaatoota Itiyoophiyaa jiraniif sirba Arabiffaa yeroo afeeru nan arga ture.

Itiyoophiyaan giddu galeessa bahaa irraa fageenyi qabdu amna balalii qilleensaa sa’aatii lama qofa. Kuni ammoo hanga balalii biyya keessaa dhihoodha. Biyyoonni Arabaa giddu galeessa bahaa afaan lammiileef galu Itiyoophiyaafi qabeenya uumaa, seenaa fi iddoo hawwata turizimii isii sirritti silaa barsiisnee humna guddaa ikoonoomii qabaniin dabalatatti haala qilleensa isaanii irraa kan ka’e biyya keenyaaf turizimii guddaa, gabaa ekispoortii fi filannoolee carraa hojii haala fooyya’aa taheen uumuu ni dandeenya turre.

Rakkoo dipiloomaasii hidhaa haaroomsaatiin gamatti poolisiin haajaa alaa keenya giddu galeessa bahaafi ollaa keenya irratti akka bu’aa fiduuf dipiloomaatoota gahumsa qaban afaan Arabaa dubbachuu danda’an, gaazeexeessitoota, lammiilee fi oogeeyyoota qo’annoo fi qorannoo oomishuu feesisa. Kuniis afaan Arabaatiif xiyyeeffannoo addaa kennuu gaafata. Kallattii kanaan ministeerri haajaa alaa fi ministeerri barnootaa dhimmicha irratti mari’achuudhaan sirna barnootaa keenya keessatti barumsi Arabiffaa haammatamuu qaba. Hojii barbaachaaf lammiileen gara biyya Arabaa imalan afaan beekuu dhabuun dararaa irra gahu hanbisee isaaniif qofa osoo hin ta’in biyya deeman hundatti akka lammiitti bu’aa biyya isaaniitiif abukaatoo ta’anii dhaabbachuu isaan dandeessisa. Akka biyyaattiis tahe sadarkaa idil addunyaatti nageenya kabachiisuu irratti gahee bal’aa bahachaa kan jiru humni tika biyyattiis Arabiffaa fi afaanoota biraatiis haala itti baratan yoo mijjaawe milkii fooyya’aa galmeessuun ni danda’ama ture. Mee yaadaa, Suudaanii fi Suudaan kibbaa giddutti Abiyetti akkasumaas Soomaaliyaatti kan bobba’e waraanni nagaa kabachiisaan Itiyoophiyaa biyyoota sanitti irra caalaan namaa kan dubbatu afaan Arabaa beekuu dhabuun isaaniitiin ta’abbiin jara qunnamu afaanicha silaa beekanii garuu hojii isaaniitiif milkaa’ina qabaachuu malu yaadaa.

Dhiheenya hidhaa haroomsaatiin walqabatee duula dipiloomaasii yeroo arginetti piropaagaandaa Misraa ittisuufi deebisuudhaaf yaadanii ministeerri haajaa alaa hojjattoota isaa keessaa Arabiffaa nama beeku tokko illee dhabuu isaatiin fiigicha akka “Aruustichi dhufee…” jedhamu san jalqabee namoota Arabiffaa beekan barbaadaa “gahee keessan bahadhaa” jechaa yaaliin jalqabe yaaliidhuma tahe.


Yeroo ammaatti Afaan Arabaa namoota miliyoona 422 oliin kan dubbatamuu fi biyyoota 22 keessatti afaan hojii tokkoffaa, akkasumaas afaanoota hojii mootumoota gamtoomanii fi gamtaa Afrikaa keessaa isa tokko. Kuniis tahee haala baayyee nama naasisuun Itiyoophiyaan afaan Arabaa irraa of fageessuudhaan teessoo waajjira guddicha gamtaa Afrikaa fi biyyoota Arabaa baayyee waliin ollummaa kan qabdu tahuun, akkasumaas lammileen ishii miliyoonaan lakaa’aman hojii barbaachaaf akka dursaatti kan imalan gara biyyoota Arabaa tahuun afaan Arabaatiif xiyyeeffannoo guddaan kan irraa eeggamu ture.

Itiyoophiyaan gara biyyoota Ingiliffaa fi Faransaayiffaa dubbatanitti ambaasaaddarootaafi dipiloomaatoonni ergaman hanga danda’ameen afaanicha warra dubbachuu danda’an filuudhaan kan ergitu tahullee gara biyyoota Arabiffa dubbatanitti garuu hojmaatni walfakkaatu hojii irra hin oolfamu. Garuu kan biroo hafee sababa Hidhaa guddicha haaroomsaa Itiyoophiyaa fi Misra giddutti lolli dipiloomaasii yeroo hoo’e kanattillee dipiloomaatoonni Misraa fi lammiileen afaan Arabaatiin miidiyaa biyya isaanii fi biyyoota Arabaa irratti akkasumaas miidiyaa hawaasaatiin duula piroopaagaandaa sobaa oofaa jiran hubatee qaamni deebii kennu hafee “Waa’ee keenyaa maal jechaa jiru?” jedhee caqasuuf illee Ministeera haajaa alaa Itiyoophiyaa keessa afaan Arabaa namni dhagahuu danda’u tokkolleen jiraachuu dhabuu yeroo hubannu akka biyyaatti qabsoo dipiloomaasiitiin qarreen irra dhaabbanne nama naasisa.

Olloonni keenya Suudaan, Jabuutii, Ertiraa fi Somaaliyaa horteen isaanii baayyeen Araba yookaan Qooqni ittiin afaan hiikkaan Arabiffa tahuu baatuus miseensa Liigii Arabaa tahuudhaan yoo xiqqaate waa’ee isaanii waltajjii irratti waan dubbatamu qaamaan argamanii mormu, yaada isaanii ibsatu, ejjannoo isaanii jara biraa fudhachiisu, deeggarsa sassaabbatu akkasumaas bu’aalee kanneeniifi kan biroollee ni argatu. Liigii Arabaa Itiyoophiyaan keessa hin jirre kan Misra miseensummaa qabdu keessatti waa’ee hidhaa haaroomsaa hubachiisuudhaan mootummootni hidhaa haaroomsaa irrati ejjannoo Itiyoophiyaatiin faallaa akka qabatamanii fi ishii waliin akka hiriiran gochuu dandeessee jirti. Gara kanaan Itiyoophiyaan filannoon qabdu ejjannoon liigii Arabaa akka ishii gaddisiise ibsa kennuu qofa ture. dabalataaniis gara miidiyaa saatalaaytii fi hawaasaatiin duula piroopaagaandaa jabaa hojjachuudhaan lammileen biyyoota Arabaas Itiyoophiyaa irra Misra akka deeggaran gochuu dandeessee jirti.

Biyyoota Arabaa adda addaatti kaka’umsaafi baasii ofiitiin afaan Arabaa baratanii, miidiyaalee adunyaa arabaa irratti duula godhaama jiruun biyyi isaanii yeroo caalamtu sheenaa dhunfaatiin gara dirree qabsoo seenanii warra qabsaawaa jiran warra akka Mohammad Al-Arusi, Ustaaz Jamaal Bashiir, Ustaaz Abdushakuur Abdusamad fi kkf ijjoollee guyyaa murteessaa Itiyoophiyaaf of kennite silaa jiraachuu baatanii waan tahuu malu dhaabbatanii yaaduu barbaachisaadha.

Itiyoophiyaan miseensa liigii Arabaa tahuu yoo baattellee dipiloomaatoota gara biyyoota Arabaa bobbaastuun bu'aa ishii akka malutti ni kabachiifti jannee akka hin amanne biyyoota afaan hojii isaanii Arabiffa tahan 22 keessaa Itiyoophiyaan ambaasaaddara biyyoota itti ramadde mara keessaa tokkolleen hojiin dipiloomaasii sadarkaa fedhutti bifa sirriitiin afaan Arabaa nama dubbatu fi ga'umsa qabu hin ergine. Hojii ijoon dipiloomaatiin tokkoo raawwachuu qabu keessaa biyya itti ramadametti fedhiilee gurguddoo biyya isaa eeguufi lammiilee achitti argamaniif mirgafi bu'aa kabachiisuun jalqaba irratti kan eeramaniidha.

Garuu afaan biyyoota itti ramadamanii kan hin beekne, biyya afaan hojii isaanii Arabiffaa tahetti ambaasaadaroonni ramadaman maal akka godhan mee yaadaa. Itiyoophiyaa ilaallatee biyya itti bobba'anitti miidiyaalee, aanga'oota mootummaa fi qaamoonni biroo waan dubbatan waan hin hubanneef hiikkaadhaan hubachuudhaaf yaaliin godhamu hiikkaadhaan ergaa guutuu dabarsuun danda’amuu dhabuu yoo hubannu adeemsi Arabiffaadhaaf duugda kennuu kuni biyya teenya hangam tokko bu’aa akka isii dhabsiisuu malu yaaduun hin danda’amne.


Ilaalchoota boodatti hafoo Bu'aa biyyooleessaa rakkoof saaxilan foyyeessuun haa dursu! Kutaa Tokko
★★★★★★★★★★★★★★★★★★★★★
• Yeroo ammaatti Afaan Arabaa adunyaa irratti namoonni Miliyoona 422 ol tahan kan haasawaniifi afaan Hojii jalqabaa biyyoota 22, afaan itti fayyadama mootummaa gamtoomanii fi gamtaa Afrikaa keessaa isa tokko.
• Ministeera haajaa alaa Itiyoophiyaa keessa miidiyaa irratti Arabiffaan maal jedhamaa akka jiru dhagahee namni hubachuu danda'u hin jiru.
• «Muslimoonni Itiyoophiyaa warra Misraatiif ni dhaalchisne malee amantii irraa dhaalle hin qabnu»
• Beekkumsa Afaan Arabaatiin malee seenaa Itiyoophiyaa sirritti hubachuus tahe Afrikaa bahaa irratti bu'aa biyyatti kabachiisuun hin danda'amu.
• Midiyaa guddaan biyyattii jedhan ja'ee gabaasni dalage ifatti hanga ammaa dhiifama hin gaafanne. Kuni osoo kanaan jiru Dhaabbanni pireesii Itiyoophiyaas waan walfakkatu irra deebiin hojjate.
★★★★★★

Beekkumsa Afaan Arabaatiin malee seenaa Itiyoophiyaa sirritti hubachuus tahe Afrikaa bahaa irratti bu'aa biyyatti kabachiisuun hin danda'amu
★★*************************************★★★
Afaan Arabaa Islaamaa waliin qofa walqabsiisuudhaan ilaaluu kuni ilaalchaa jallataa Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaanoota gatii kafalchiisaa argamuudha. Kitaaboonni Kabajamaan muslimaa koopiin duraa Afaan Arabaatiin tahuun isaa haqa. Garuu Itiyoophiyaa fi Arabiffi karaa amantiitiin dabalatatti yoo xiqqaate ollummaadhaan, galmeelee seenaatiin, carraa hojii uumuu fi dipiloomaasiidhaan dirqama wal qunnamu.

Karaa amantiitiin yoo ilaallu Islaamaan duratti Kiristaanummaan arabaa fi giddu galeessa bahaa waliin hariiroo dursu qaba.
Kiristaanummaa gara Aksum kan galchaniifi beta-kiristaana ortoodooksii Itiyoophiyaa kan jalqabaa kan hundeessan Paappasiin Firiminxoos (Abbaa Salaamaa, Kasaatee Birhaan) baqataa Siiriyaa turan. Itti aanee jaarraa 5ffaa keessa kaaba Itiyoophiyaatti kiristaanummaa ummataaf kan barsiisa godheefi “Qulqulluu Saglan” jedhamuun kan beekkaman abbootiin amantii hundi isaanii baqattoota giddu galeessa bahaati. Baqattoonni kunneen baqatanii gara kaaba Itiyoophiyaatti kan dhufan A.L.A bara 451tti “Yaa’ii Chalkedoon” (Yaa’ii Qaalkidoon bara 443 A.L.H) booda ture.

Baqattoonni abbootii amantii Abbaa Aftsee, Abbaa Aleef, Abbaa Gariimaa, Abbaa Gubaa, Abbaa Liqaanoos, Abbaa Peenxelewoon, Abbaa Tsahamaa, Abbaa Yamaataa fi Abbaa Zamikaa’el Aragaawii fa’a turan. (The Dictionary of Ethiopian Biography, Vol.1, From Early times to the End of the Zagwe Dynasty C.1270 AD, Institute of Ethiopian studies Addis Ababa University, 1975, Pp. 209-210).

Abbootiin amantii kiristaanaa kunneen arraas taanaan ayyaanni waggaa godhameefii leellifamu/ yaadatamu. Yeroo sirna mootummaa Haylasilaaseetti beta-kiristaanni Ortodooksii beta-kiriistaana Ortodooksii Misraa irraa adda baatee hanga yeroo ofiin ofdandeessetti phaaphaasoonni beta-kiristaana Ortodooksii Itiyoophiyaa Araboota Misraa turan. Seenaa beta-kiristaana Ortodooksii keessatti phaaphaasiin Itiyoophiyaa muudamuun isaa patriyaarkiin ammaa Abunamaatiyaas patriyaarkii isa jahaffaadha. Kitaabootaaniis taanaan raajii Maariyaamiifi Kibranagast dabalatee kitaaboonni beta-kiristaana Ortodooksii baayyeen Arabiffaa irraa gara Gi’iiz kan hiikamaniidha.

Walitti hidhata Islaamummaa fi Arabiffaa yoo ilaallu kitaaboonni kabajamoon Islaamaa kan barraa’an Afaan Arabaatiini. Itiyoophiyaa keessatti baqqattoonni Muslimaa kan jalqabaa Araboota yoo ta’anillee gara Itiyoophiyaa baqatanii kan dhufan A.L.A bara 615 beta-kiristaanni Ortodooksii phaaphaasoota Arabaatiin hogganamuu erga eegalte jaarraa sadii guutee waan tureef seenaa dabare yoo dabaluu baanne illee yoo xiqqaate Islaamummaan gara Itiyoophiyaa galuun duratti Arabiffaan Itiyoophiyaa keessatti jaarraa sadii oliif dubbatamaa ture jechuudha. Haa ta’uu malee har’aas taanaan Arabiffa Islaamaa waliin walqabsiisuudhaan afaan Arabiffaa akka afaan Islaamaatti amalli ilaaluu kuni baroota tarkaanfatee har’a illee dhukkuba hamaa hin fayyine tahee Itiyoophiyaa gatii kafalchiisaa argama.


Duaaii, salaata, istigfaaraa fi sadaqaa jabeessaa.


#Barbaachisummaa_Baruumsa_Seena:
☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆
Ummanni seenaa isaa yeroo darbee hin beekne maal keessa akka jiru hin beeku; Fuuldurattis maal akka ta'u karoorsuu hin danda'u. Akka jecha warra seenaatti seenaan kaleessa qofa osoo hin taane seenaan hardhaa fi boris of keessatti qabata. Har'a maal keessan jira, bor immoo akkam ta'uun qaba jedhee xiinxala.

Sadarkaa seenaan qabu hubachuudhaaf Qur'aana ilaaluun nuuf ga'aadha. Qur'aanni tokko sadaffaa isaatii ol seenaa Nabiyyootaafi namoota gaggaariitiin, akkasumas kan warra jajallatee badeetiin kan guutameedha.

Barri nuti keessa jirru yeroo ummanni seenaa ishee darbee fi abbootii isheetiin dhaaddataa jirtuudha. Kana malees bara namni isa keessa waan hordofu wallaalee dhamoo keessa jiruudha. Yeroo warri kubbaa miilaa dhiitu urjiitti (star)tti moggaafamee waamamu keessa jirra. Urjiin eenyuma ta'a laata? Akka beektonni jedhanitti akkasumas hadiisa sanadni isaa dadhabaa ta'een akka dhufetti: urjiin ummata kanaa Sahaabota Ergamaa Rabbiiti (SAW). Seenaa Nabiyyootaatti aanee wanti hanga seenaa sahaabotaa iimaana namaaf dabalu, sodaa Rabbii namaaf ida'uufi hidhannoo ummata hundaaf ta'u lafuma irratti argamee hin beeku. Dhaloonni akka sahaabota Nabi Muhammad (SAW) lafa kana irratti yeroo kam keessallee nabiyyii kam wajjinuu argamee hin beeku. Dhugaatti isaan urjiidha. Warri beekumsa isaanii dhaales star hidhannoo ta'uu qabaniidha.

Akka Qur'aanaa fi Hadiisa keessa jirutti urjiin bu'aa gurguddaa sadii qaba. Isaanis: mallattoo ittiin karaa qajeelan, bareeduma samiitii fi shayxaana ittiin ari'uuf tajaajila. Bu'aan sahaabotaa fi ulamootaas kanuma fakkaata. Namni jallataan beekumsa isaanii qabatee karaa isaanii hordofuun qajeela; Namni shayxaanni isarratti moo'e seenaa isaanii xiinxalee shayxaana of irraa ari'a. Yeroo isaan lubbuun jiran keessa immoo isaanuu shayxaana ni ari'u. Kan sadaffaa immoo dachii Rabbii bareechuu dha. Wallaahii! Osoo beektoleen beekumsa dhaalanii fi seenaa Islaamaa hubatan lafa kana irra hin jirree dachii gubbaa taa'uurra du'anii jala isaa ciisuu wayya. Dachiin isaaniin bareedde. Qur'aanni isaaniin dubbata, isaanis qur'aanaan dubbatu. Lafa kana irratti isaan bakka bu'aa Ergamtootaati.

Yeroo ammaa wanti namni ittiin faarfamu wantoota hedduutu jira. Garuu hedduun isaanii amala beelladaati. Fakkeenyaaf namni tokko fiigichaan tokkoffaa ba'e haa jennu. Osoo illeettii ykn saree wajjin fiigee isaan dursuu mitii walakkaa isaanii hin fiigu ta'a. Kan humna guddaa qaba jedhamus walakkaa gaangeefi bineensa biraa hin qabaatu. Warri waan ulfaataa (weight) ol kaasu jedhamanis hanga harree baachuu hin danda'an. Warreen sagalee isaaniitu gaariidha; artistoota jedhamanis hanga simbiraa hin bareedu ta'a. Silaa wanti ilmi namaa ittiin kophaa ba'u inni guddaan sammuun yaadee waa barachuudhaani. Caalaan barnootaa immoo aqiidaatti aanee kitaaba Rabbii (Qur'aana) barachuudha. Inni lammaffaa immoo hadiisa Ergamaa Isaa (SAW) barachuudha. Ergasii wantoota isaan hubachuuf fayyadan kanneen akka Fiqhii, Usuulal Fiqhii, Nahwii fi kkf barachuudha. Barumsi biraa inni guddaan iimaana namaaf dabalu immoo seenaa ummata gaggaarii kanneen dhugaaf qabsaa'anii Rabbiin isaan milkeesse ykn kanneen miidhaa hojjatanii Rabbiin isaan dhabamsiise qoratanii barumsa irraa fudhachuudha. Fkn seenaa sahaabota Ergamaa Rabbii (SAW) qorachuufi kaafiroota warra faallaa isaanii dhaabbatanis xiinxaluun bu'aa guddaa of keessaa qaba. Warra milkaa'etti ni hidhatta; karaa warraa hoonga'ee irraa ni fagaatta. Bu'aalee kanaafi kanneen biroos argachuudhaaf seenaan baay'ee murteessaadha.

Gara biyya keenyaatti yoo deebinus namoota bara Sahaabaa irraa kaasanii amantii Isaaniitiif qabsoo baay'ee qabsa'aa turan, kan seenaa isaanii irraa dhaloonni ammaa bu'aa guddaa argatu baay'eetu jira. Mootoleen Islaamaa Najaashii irraa eegalee hanga dhuma mootii Islaamaa biyya keenya keessa turan Abbaa Jifaaritti kanneen jiran seenaan isaanii osoo sirriitti qoratamee dhaloota bira ga'ee hidhannoo gaarii nuuf ta'a.

Kottaa waliin seenaa keenya haa qorannu. Dhugaafi dhara adda haa baafannu.

@Gaaddisatokkummaaislaamaa

20 last posts shown.

297

subscribers
Channel statistics