Itoophiyaatti namoonni haaraan 14 koronaavaayirasiin qabaman
=================================
Akka Ministirri Fayyaa Itoophiyaa Dr Liyaa Taaddasaa ibsanitti sa'atii 24n darban keessatti namoonni 3,271 koronaavaayirasiif qoratamanii namoota 14 irratti vaayirasichi argameera.
Kunis lakoofsa namoota hanga ammaatti biyyattii keessatti qabamanii 365 irraan ga'eera.
Kanneen vaayirasichi irratti argame 14 keessaa 11 dhiira, 3 ammoo dubartootadha.
Hunduu lammiilee Itoophiyaa umriin isaanii ganna 9 hanga 68 gidduu jiruudha.
Namoonni haaraa qabaman kunneen 9 magaalaa Finfinnee, tokko naannoo Oromiyaa, sadii naannoo Somaalee fi tokko naannoo Tigraay irraati.
Walumaa galatti namoota kaleessa vaayirasicharraa dandamatan 4 dabalatee hanga ammaatti namoonni 120 ta'an bayyanataniiru.
Join,👌👌👌👌👌
https://telegram.me/borifmedianetwork