𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩


Гео и язык канала: не указан, не указан
Категория: не указана


(Yaa Muhammad!) karaa haqaatti dabuun fuula kee diiniif sirreessi Uumaa Rabbii ishee inni irratti nama uumes (qabadhaa)Uumaa Rabbii jijjiiruun hin jiru Santu (Amantii qajeelaadha) Garuu irra hedduun namootaa hin beekanu.[Ar-ruum]-(30 : 30)
@Rafiqul_Islaam

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
не указан, не указан
Категория
не указана
Статистика
Фильтр публикаций


𝑰𝒔𝒍𝒂𝒂𝒎𝒖𝒎𝒎𝒂𝒂𝒏 𝑻𝒖𝒏 𝑭𝒂𝒂𝒚𝒂𝒂

إِنَّ الدِّينَ عِندَ اللَّهِ الْإِسْلَامُ ۗ
Dhugumatti amantiin Rabbiin biratti [fudhatama qabu] Islaama qofa. [3:19]

Ar-Rum 30:30

فِطْرَتَ ٱللَّهِ ٱلَّتِى فَطَرَ ٱلنَّاسَ عَلَيْهَاۚ لَا تَبْدِيلَ لِخَلْقِ ٱللَّهِۚ ذَٰلِكَ ٱلدِّينُ ٱلْقَيِّمُ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَعْلَمُونَ

Uumaa Rabbii ishee inni irratti nama uumes (qabadhaa) Uumaa Rabbii jijjiiruun hin jiru Santu amantii qajeelaadha Garuu irra hedduun namootaa hin beekanu.

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ ـ رضى الله عنه ـ قَالَ قَالَ النَّبِيُّ صلى الله عليه وسلم “ كُلُّ مَوْلُودٍ يُولَدُ عَلى الْفِطْرَِِ , ‎فَأَبَوَاهُ يُهَوِّدَانِهِ وْ يُمَجِّسَانِهِ
‎ ‌‌‏
Abu Huraira (R.A.) akka odeessetti Nabiyyiin (صلى الله عليه وسلم) akkana jedhan: "Namni dhalatu hundi uumaa (Islaamummaa) irratti dhalata.  Garuu maatiin isaa Yihudii ykn  Kiristaana ykn Majuusaa (warreen abidda gabaru) isa godhu." Jedhani.
(Bokhaarii 23, Hadiisa 138)

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1068


ODUU GAMMACHIISAA

Barnoota Madaallii Amantaa

•درس مقارنة الأديان
•ሃይማኖታዊ ንጽጽር

Jechi Wal-madaalli Amantaa jedhu Afaan Arabiffaatiin  مُقَارَنَة أديان yoo jedhamu hundee jecha "qaarana" "قَارَنَ "  Jechuunis waliin madaale jedhuu irraan kan dhufe yoo ta'u Afaan ingiliffaatiin Ammoo "Comparative Religion" Wal-madaalli Amataa jedhamee beekama. damee kana jalatti Bu'uuraalee Amantaa Islaamaatii fi kiristaanaa  keessattuu waa'e tokkichummaa Rabbiiti fi waa'ee Kitaabilee Qulqulluu  wal-fakkeenya isaanitii fi garaa garummaa isaanii kan qu'annu ta'a.

Barnoonni kan kennamu
Appoolojistii Islaamaa  Ustaaz Jamaal Kaadir yoo ta'u namoonni galmaa'uu barbaaddan:-

Admin kanaa gadii dubbisaa!

@Urjiinfurguggatamte_2
@First_to_Islam
@Rafiqul_Islaam
@IbnuAdinaan




Share godha waliin gaha

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1067


بسم الله الرحمن الرحيم

السلام عليكم ورحمة الله وبركاته

#Kiristoos Eenyu?

✨Kutaa 9ffaa

12.kiristaanonni "Yesuus cubbuu dhiifama gochuu waan danda'uuf waaqayyo"jedhu.yohannis 20:23 irratti Yesuus barattoota isaatin "cubbuu isaanii kan isin dhiiftaniif, cubbuun isaanii isaaniif dhiifameera; cubbuu isaaniittii kan isin hin hiikne,cubbuu isaaniittiin hidhamaniiru' isaaniin jedhe."jedha.maarree keewwatichi kana irratti barattoonni cubbuu dhiifama gochuu akka danda'an ibsamee jira.kanaafuu barattootaaf aangoo kana kan kenneef yesuusiidha!"jechuu danda'u. Garuu isaan keewwata kana hin dubbifnee😔? "Yesuus isaanitti dhiyaatee akkana jedheen 'aangoon cuftinuu samii irrattis,lafa irrattis naa kennameera."jedha.(maatewoos 28:18) [Hiika walta'aa Haaraya] osoo aangoo qabaatee "Aangoon naa kennameera"osoo hin taane "aangoo qaba"jedhaa ture.kanaafuu Yesuusiif Aangoo kan kenne waaqayyo ta'uu hubanna.


13.1Qorontoos 8:6 irratti "Nuuf garuu waaqayyo tokkichatu jira;innis abbaa,Isa waan hundumaa uume, Isa nuyi maqaa isaatiif jirannus. Akkasumaa Gooftaa tokkichatu jira;innis Yesuus kiristos,Isa wanti hundumtuu ittiin uumame,Isa nuyi ittiin jirannu"jedha.keewwata kana irratti "Nuuf.... waaqayyo tokkichatu jira;innis abbaa..."yoo jedhu, waaqayyo tokkichi abbaa ta'uu I see,"Gooftaa tokkichatu jira;innis Yesuus kiristos,"jedha.maaliif ibsa gàrà garaatiin "waaqayyoofi Gooftaa"jedhuu ibsaman?🧐🧐

👉Yesuus yoo "Gooftaa" jedhamuu waaqayyummaa isaa agarsiisufii🤭?
👉 Waaqayyummaa Isa agarsiisuf yoo ta'ee dhimma maaliif Abbaa "waaqayyo tokkicha"jedheeniin "Gooftaa tokkicha"jedhee ibsa?
👉Yesuus waan "Gooftaa jedhameef waaqayyo jedhamuu ni danda'aa 🙈?

👉Yoo akkas ta'e macaafa Qulqulluu keessatti Museen fa'atu (seeran lakkoofsa 12:11, lakkoofsa 11:28), malaa'ikoonni (Zakaariyaas 6:4,Iyaasuu 5:13-14), Daawit (macaafa 1 motoota 1:11-13), Yo'aab (2 saamu'el 11:11), Eliyaas (1motoota 18:7) Fi saa'ol (1 saamu'el 24:8) "Gooftaa"jedhamanii warra yaamaman hunda "Gooftaa" waan jedhamaniif maaliif waaqayyo hin jenneen?🙄


Ittii fufaa ishaa Allah


بسم الله الرحمن الرحيم

السلام عليكم ورحمة الله وبركاته

#Kiristoos Eenyu?

💥Kutaa 8ffaa

11.wangeela Yohannis 17:3 (Hiika walta'aa Haaraya) irratti "jireenyi bara baraas Isa kana innis waaqa dhugaa tokkichaafi Yesuus kiristoos Isa ati ergite San beekudha"jechuundhan Yesuus kadhataa ture.yesuus Kadhannaa kan dhiheesse "Si waaqayyoo dhugaa tokkichaa"jedhee qaama yaameef akka ta'e hubachuu qabna.itti fufees; "yaa abbaa àmma ammoo ati ulfinnaa Ani otoo addunyaan hin uumamin dura Si biratti qabaadhe sanaan of biratti na ulfeessi"jedha.(Yohannis 17:5)as irratti Yesuus waaqayyoo tokkicha biratti kabajamuuf kadhataan osoo gaafatu inni mataan isaa akkamitti "waaqayyoo dhugaa tokkicha"ta'uu danda'aa?🤦🏼‍♀️🤦🏼‍♀️

Ittii fufaa ishaa Allah


የመጽሐፍ ምርቃት

በቲክ ቶክ ማኅበራዊ መገናኛ ብዙኃን ላይ "አልገደሉትም አልሰቀሉትም" የሚለው መጽሐፍን የምርቃት መርሐግብር የፊታችን ዐርብ በኢትዮጵያ የሰዓት አቆጣጠር ከምሽቱ 3 ሰዓት እንዲገኙ በታላቅ አክብሮት እና ትህትና ጋር እንጠይቅዎታለን።

ከዐቃቢ ኢሥላም ወሒድ

ሰዓቱ ሲደርስ ይህንን የቲክ ቶክ አካውንቱ ያስፈንጥሩ፦ https://www.tiktok.com/@wahidislamicapologist?_t=ZN-8sU60suRfIl&_r=1


Aal-e-Imran 3:5-6

إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَخْفَىٰ عَلَيْهِ شَىْءٌ فِى ٱلْأَرْضِ وَلَا فِى ٱلسَّمَآءِ

Dhugumatti, Rabbiin dachii keessattis ta’ee samii keessatti homtuu isa jalaa hin dhokatu.


هُوَ ٱلَّذِى يُصَوِّرُكُمْ فِى ٱلْأَرْحَامِ كَيْفَ يَشَآءُۚ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ٱلْعَزِيزُ ٱلْحَكِيمُ

Inni Isa gadaamessa keessatti akka fedhetti isin bocu Haqaan gabbaramaan isa malee hin jiru [Inni] injifataa, ogeessa.

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1058


Assalamualaikum warahmatullahi Wabarakaatuhu

Ilaa kana haa hubannu!!

بسم الله الرحمن الرحيم
°Jalqaba irratti maqaa rabbii mararfataafi rahmata godhaa ta'eenan eegala....
Namoota Islaamummaa kana kessa jiranu ta'anii osoo itti hin yaadin jecha jiruu isaanii balaa irra buusu jedhaa jiranuuf dhaamsa ni taati jedheen yaada.

•Yeroo hedduu namoonni baayyeen Yaada fedhii isaaniitiin waliif galu Amantii keessatti yommuu argan, Bakki kun naaf ta'eera Ennaa jedhan ni agarra. Kanarraa wanti hubachuu qabnu bakki naaf hin ta'in ni jira jechuu isaati. Garuu Amantii Islaamummaa keessatti Qoodanii itti amanuun gonkumaa hin danda'amu. Sababni isaas Amantiin kun qajeelfamni isaa kamiyyuun rabbii hundarra  guddaa, beekaa fi jabaa ta'een nuuf kenname waan ta'eefidha. Kana jechuun waan ta'uu qabuufi ta'uu hin qabne isatu Beeka waan ta'eef ati murteessuu keessatti gahee tokkollee hin qabdu. Hanga muraasa qofatti amantee kaan ni didda taanaan ati haalli keessa jirtu haala wallaalummaan lubbuu Ofii miidhanuudha.
Mee waan Qur'aanni jedhu kana waliin haa ilaallu.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇

وَمَا كَانَ لِمُؤْمِنٍ وَلَا مُؤْمِنَةٍ إِذَا قَضَى اللَّهُ وَرَسُولُهُ أَمْرًا أَن يَكُونَ لَهُمُ الْخِيَرَةُ مِنْ أَمْرِهِمْ ۗ وَمَن يَعْصِ اللَّهَ وَرَسُولَهُ فَقَدْ ضَلَّ ضَلَالًا مُّبِينًا

Mu’uminaafi mu’umintittiif yeroo Rabbiifi ergamaan Isaa dhimma tokko murteessan ajaja isaanii irraa filannoon biraa isaaniif jiraachuun hin taane.Namni Rabbiifi ergamaa Isaa dide, dhugumatti inni jallina ifa ta’e jallateera.
Quran 33:36

Kanarra gabaabbinumaan wanti hubannu filannoo kenninaaf taanaan nuti nama rabbiifi ergamaa isaa  S. A. W dide taanee argamna. Namni kana godhee argame immoo jallina ifa galaa kan jallina ta'uun isaa nama hin dhibne keessatti ta'a.
Maarree jechoota akkasii irraa of eeggannee, kaanis haa eegnuun dhaamsa kooti.
@islamumanqaromina


Репост из: ᴅᴀᴀʀᴜ sᴀʟᴀᴀᴍ 🇵🇸
𝐀𝐬𝐬𝐚𝐥𝐚𝐚𝐦𝐮 𝐀𝐥𝐚𝐲𝐢𝐤𝐮𝐦 𝐖𝐨𝐫𝐚𝐡𝐦𝐚𝐭𝐮𝐥𝐥𝐚𝐚𝐡𝐢 𝐖𝐨𝐛𝐚𝐫𝐚𝐤𝐚𝐚𝐭𝐮𝐡𝐮𝐮

𝑯𝒂𝒓𝒂 𝑮𝒂𝒍𝒈𝒂𝒍𝒂 𝑺𝒂𝒍𝒂𝒂𝒕𝒂 𝑰𝒔𝒉𝒂𝒂'𝒊𝒊 𝑩𝒐𝒐𝒅𝒂 𝑺𝒂𝒂𝒕𝒊𝒊 3:00 𝑰𝒓𝒓𝒂𝒕𝒕𝒊 𝑺𝒂𝒈𝒂𝒏𝒕𝒂𝒂 𝑾𝒐𝒍-𝑫𝒐𝒓𝒈𝒐𝒎𝒎𝒊𝒊 𝑩𝒂𝒅𝒉𝒂𝒂𝒔𝒂 𝑸𝒂𝒃𝒖 𝑾𝒂𝒂𝒏 𝑸𝒂𝒃𝒏𝒖𝒖𝒇 𝑰𝒕𝒕𝒊 𝑸𝒐𝒑𝒉𝒂𝒂'𝒂𝒂 𝑩𝒂𝒅𝒉𝒂𝒂𝒇𝒂𝒎𝒂𝒂!!

𝑴𝒂𝒕𝒂 𝑫𝒖𝒓𝒆𝒆𝒏 𝑮𝒂𝒂𝒇𝒇𝒊𝒊𝒏 𝑰𝒓𝒓𝒂𝒂 𝑩𝒂𝒉𝒖 𝑺𝒆𝒆𝒏𝒂𝒂 𝑹𝒂𝒔𝒖𝒖𝒍𝒂𝒂 𝒔𝒂𝒍𝒍𝒂𝒍𝒍𝒂𝒂𝒉𝒖 𝒂𝒍𝒂𝒚𝒊𝒉𝒊 𝒘𝒐𝒔𝒔𝒂𝒍𝒍𝒂𝒎 𝑰𝒓𝒓𝒂𝒂𝒚𝒚𝒊𝒊.

𝑯𝒊𝒓𝒊𝒚𝒐𝒐𝒕𝒂 𝑲𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒏𝒊𝒊𝒇 𝑺𝒉𝒂𝒓𝒆 𝑻𝒂𝒂𝒔𝒊𝒔𝒂𝒂!!

𝒀𝒂𝒂𝒅𝒂 𝑲𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒏 𝑪𝒐𝒎𝒎𝒆𝒏𝒕 𝑱𝒂𝒍𝒂𝒕𝒕𝒊 𝑵𝒖𝒖𝒇 𝑩𝒂𝒓𝒓𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒂.

@DAARU_SALAAM


Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram
#Duulaa gegeeffamaa jiru tana #quba_qabduu?

https://t.me/Xaaliburidallah


Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram


Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram


Репост из: Dhugaa dhokate
Yesuus ilma eenyuuti?


Ilma Yooseefii ?
Ilma Dawitii ?
Ilma Addaamii ?
Ilma Waaqayyootii ?


Macaafa Luqaas 3:23-38
🖕🖕🖕🖕🖕🖕🖕🖕

Keeyyata kana keessatti immoo; hidda dhaloota Yesuus hanga Addam jirutu lakkaa’ame. Yeroo lakkaa’anus, Yesuus ilma #Yoseef jedhanii jalqabani. Kun hangam dhugaadha? Yesuus abbaa qaba jechuudhaa? Nuti Muslimoonni ‘hafuuraan dhalate’ jenna. Macaafni kiristaanootaa garuu, ilma #Yooseef jedha. Kamtu Yesuusiin #kabajaan guddise? Itti aansuun kiristaanonni, “waaqa” jedhu. Waaqni akkuma ilma namaa #hidda dhalootaa qaba jechuudhaa? Waaqni nama irraa dhalate jedhamee yoo lallabame, namoonni inni irraa dhalates #Waaqa ta'u jechuudha. Waaqni, Waaqa irraa dhalate jechuu ta’a. kun gonkumaa dhugaa miti. Kanaaf Kiristaanummaan dhugaa miti. Namni nama irraa dhalate, namuma. Keyyatni kun Yesuusiin akka #nama tokkotti lakkaa’e. Sababni isaas; ilma namaa qofatu hidha dhalootaan lakkaa’ama. Dhuma macaafichaa lakk. 38 irratti immoo, “Addaam ilma Waaqayyoo” jedha. Yesuus, akkuma keenya #Addaam irraa erga dhalatee maaliin adda ta’ee, ‘Waaqa’ jedhame? Abbaa dhabuun Waaqa nama taasisaa? Kun dhaloonni bara macaafni kun barreeffamu turan; Yesuusiin Waaqa akka hin jenne fi akka #namaatti, akka #nabiyyiitti ilaalaa, irraa barataa kan turan ta’uu nu hubachiisa.



https://t.me/Qoranno_Amantii_Kiristanaa


Kiristoos Eenyu?

Namoonni Roobee Baalee fi naannawa ishee jiraattan Kitaaba «ክርስቶስ ማነው» Kiristoos Eenyu?" jedhu, Kan afaan amaariffaan Ust. Ahmedin Jebel-አሕመዲን ጀበል barreeffamee, obboleesa keenya Jamaal kadiiriin Afaan Oromootti hiikame, Lakk. +251918902968 kana irratti bilbiluun na biraa argachuu ni dandeessan.

Namoota hordoftoota amantaa biroo taataniif kitaabicha tola na biraa argachuu dandeessu. Dhugaa sakatta'aa, qoradhaa...dhuma irratti eyyama Rabbiitiin haqa irra ni geessuu isiniin jedha obboleessi keessan
Ifaa Dhugaa ...


بسم الله الرحمن الرحيم

السلام عليكم ورحمة الله وبركاته

🌈 Kiristoos Eenyu?

💥Kutaa 7ffaa




9.Hojii Ergamtoota 10:38 irratti "waaqayyo, Yesuus Nama Naazireet kana hafuura qulqulluudhaan dibee humnaan akka isa guute, inni naanna'ee hojii gaarii akka fayyise, waaqayyo isa wajjiin akka tures beekamaa dha" jedha. Macaafa Qulqulluu keessatti yesuus bakkuma kamittillee waaqayyoo dha jedhame kan hin waamamne ta'us, kiristaannonnii " Yesuus waaqayyo dha"jedhu. Keewwata " waaqayyo isaan wajjiin ture Akka tures beekamaa dha"jedhu keessatti baamaqaan " isa"jedhu Yesuusin ibsuuf keewwaticha keessatti waan ibsameef kiristaannonni ammoo " Yesuus waaqayyoo ilmaati"🤭waan jedhaniif jedha san(baamaqicha) "waaqayyoon bakka yoo buufne" waaqayyo waaqayyoon (isa) wajjiin akka tures beekamaadha jechuu ta'a. Yoo akkasii waaqayyoolii meeqatu jira? 😳

👉Kiristaannonni qaamolee sadih ta'aniin tokko waan jedhaniif, sadummaa isaanii dhiisanii tokko ta'uu?🧐

👉 Keewwata kana keessatti "waaqayyo, Yesuus nama Naazireet kana hafuura qulqulluudhaan dibee" kan jedhu yoo xiinxalline, waaqayyoo (Abbaa); Yesuus (isas kiristaannonni "waaqayyoo dha" jedhaniini) fi hafuura qulqulluu(akka jedhanitti innis sillaasee keessaa isa tokkoofi matammaan isaatuu waaqayyoo dha😅).kana jechuun ammoo sadeen sillaasee keessaa akkasumas matammaan isaanituu waaqayyo kanneen ta'an👇👇

Waaqayyoon 1ffaa
Waaqayyoon 2ffaa
Waaqayyoon 3ffaatin dibe jechuudha.😢😢



10.maarqos 13:32 irratti "Guyyicha sana yookiis yericha sana garuu abbaa koo duwwaatu beeka malee, ergamoonni waaqa irraa, ilmis, namni tokko illees kana hin beekan"akkuma jedhame waa'ee yeroo dhumaa (Guyyaa Qiyaamaa) Yesuusin dabalatee Abbaa malee kan beeku akka hin jirre ibsamee jira.😊

👉Akka kiristaannonni jedhanitti Yesuus Abbaa waliin wal qixa yoo ta'e, waa'ee yeroo dhumaa akkamitti beekuu dadhabe🙄?
👉 Waaqayyoon tokko beekee waaqayyoon kuun osoo hin beekin akkamitti hafe🤭?
👉Yesuus waan hunda kan hin beekne yoo ta'e, akkamitti waaqayyoodha isaan jechuudhaf ija jabaanna? 🙈

👉 Kiristaannonni tokko tokko "Ilmi nama waan ta'eef hin beekne" jedhan. Garuu nama qofaa? Yesuus gara lafaa osoo hin dhufin duras, akkasumas gara samiiwwanii erga baheen booda "Ilma" hin jedhamuu? Maarree keewwatichi "ilmis" jedha malee "foon uffatee yeroo lafa jiru" jedhaa?


Ittii fufaa insha allah 🥰🥰


Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram
#Ka_deemee fi ka deegetuu waa argaan Makmaaksa Oromoo ishee tana.

https://t.me/Xaaliburidallah


Репост из: Dhugaa haa Qorannu [Haa qabannu]
🔰 Namni Rabbii tokkicha mormee amantii biraa hordofe haa ajjeefamu. Macaafni waan kana maal jedha? 🔰

بسم الله الرحمن الرحيم

Islaamummaa keessatti murtaddii jechuun nama Islaamummaa dhiisee, amantii biraa qabateedha. Kana jechuun nama Rabbii tokkicha mormee waaqolii tolfamootti amane jechuudha. Murtaddiin haa ajjeefamu yemmuu jedhu waa malee miti. Seera Rabbiiti. Rabbiin abbaa ogummaati.

Mishinarroonni kiristaanaa yeroo baay’ee Islaamummaa tuquu yemmuu barbaadan, seera kana akka negative gochuun fudhatu. Kan ofii osoo hin hubatin, kan namaa laaqu jechuudha.

Kiristaanummaa keessatti illee murtaddiin haa ajjeefamuun ifaan ifatti barreeffamea jira. Namni Waaqayyoon hin barbaanne, namni Waaqayyoo morme haa ajjeefamu jedha.

Ragaan macaafa irraa kunooti.👇👇

📖 Seera Keessa Deebii 13:6-9
"የእናትህ ልጅ ወንድምህ ወይም ወንድ ልጅህ ወይም ሴት ልጅህ ወይም በብብትህ ያለች ሚስትህ ወይም እንደ ነፍስህ ያለ ወዳጅህ በስውር፦ ና፥ ሄደን ከምድር ዳር ጀምሮ እስከ ምድር ዳር ድረስ ወደ አንተ የቀረቡት ከአንተም የራቁት አንተን ከብበውህ ያሉ አሕዛብ ከሚያመልኩአቸው አማልክት፥ አንተም አባቶችህም የማታውቋቸውን ሌሎች አማልክት እናምልክ ብሎ ቢያስትህ፥ እሺ አትበለው፥ አትስማውም፤ ዓይንህም አይራራለት፥ እትማረውም፥ አትሸሽገውም፤ ነገር ግን ፈጽመህ ግደለው፤ እርሱን ለመግደል በፊት የአንተ እጅ፥ ከዚያም በኋላ የሕዝቡ ሁሉ እጅ በላዩ ትሁን።
"Obboleessi kee haadhoon kee, ilmi kee, intalli kee, haati manaa kee jaallalleen kee yookiis firri kee inni ati akka lubbuu keetti jaallattu, "Kottuu dhaqnee waaqayyolii kan biraatiif hojjennaa" jedhee dhoksaatti si wallaalchisee, warra abboonni kee, atis hin beeknetti si geessee, "Waaqayyolii saba warra sitti dhi'oo naannoo kee yookiis daarii lafaa gar tokko hamma gara kaaniitti sittii fagoo jiraniif hojjennaa" yoo jedhe, ati isaaf tole hin jedhin, hin dhaggeeffatiniif, garaan kee isaaf hin oo'in, isa hin mararsiifatin, hin dhoksinis! Isa #ajjeesuudhaaf ati duraan dursi harka ol fudhadhu! Kana booddee immoo sabni hundinuu harka ol itti haa fudhatu! Ati akkasitti isa #ajjeesi!"

📖 Seenaa baraa isa 2ffaa 15:12-14
"በፍጹም ልባቸውና በፍጹም ነፍሳቸው የአባቶቻቸውን አምላክ እግዚአብሔርን ይሹ ዘንድ ቃል ኪዳን አደረጉ፤ የእስራኤልንም አምላክ እግዚአብሔርን የማይፈልግ፥ ታናሽ ወይም ታላቅ፥ ወንድ ወይም ሴት ቢሆን፥ ይገደል ዘንድ ማሉ። ለእግዚአብሔርም በታላቅ ድምፅና በእልልታ፥ በእምቢልታና በቀንደ መለከት ማሉ።
"Isaan garaa isaanii hundumaan, yaada isaanii hundumaanis Waaqayyo gooftaa isa kan abboota isaanii barbaaddachuuf kakuu in galan. Isaan keessaa xinnaan yookiis guddaan, dhiirri yookiis dubartiin namni Waaqayyo gooftaa isa kan Israa'el hin waaqeffanne akka #ajjeefamu in godhan. Gaafas isaan fiingee akkasumas fiinoo afuufanii, sagalee isaaniis ol fuudhanii ililleedhaan Waaqayyoof kakuu in galan."

📖 Seera Keessa Deebii 17:3-5
"ትእዛዜንም በመተላለፍ ባዕዳን #አማልክትን #ያመለከ፣ ለእርሱም ማለትም ለፀሓይ ወይም ለጨረቃ ወይም ለሰማይ ከዋክብት #የሰገደ፣ አንተም ይህ መደረጉን #ብትሰማ፣ ነገሩን በጥንቃቄ መርምር፤ የተባለውም እውነት ከሆነና እንዲህ ያለው አስጸያፊ ነገር በእስራኤል ዘንድ #መፈጸሙ #ከተረጋገጠ፣ ይህን ክፉ ድርጊት የፈጸመውን ወንድ ወይም ሴት ወደ ከተማ ደጅ ወስደህ፣ ያን ሰው #እስኪሞት ድረስ በድንጋይ #ውገረው።
"abboommii koo didee waaqayyolii kan biraaf yoo #hojjete, yoo isaaniif #sagades aduudhaaf yookiis ji'aaf yookiis macca waaqa keessaa tokkoof iyyuu yoo #sagade, dubbiin kunis yoo sitti himame, ba'eessa godhii qori, wanti ciiggaasisaan kun Israa'el keessatti ta'uun isaa dhugaa yoo ta'e, dhiira yookiis dubartii nama wanta hamaa kana hojjete, gara karra mandarichaatti geessiitii dhagaadhaan rukutii #ajjeesi!"

📖 Seera Ba'uu 22:19-20
"ከእንስሳ ጋር የሚረክስ ፈጽሞ ይገደል። $ከእግዚአብሔር በቀር ለአንዳች አምላክ የሚሠዋ ፈጽሞ #ይጥፋ።”
"Namni horii wajjin ciisu mama malee haa ajjeefamu! Waaqayyo kophaadhaaf malee, waaqayyolii kan biraaf aarsaa kan dhi'eessu lafa irraa haa balleeffamu!"


Kanaafuu warreen maalummaa amantii Kiristaanaa osoo hin hubatin, callistanii Islaamummaa irratti waa dhoobuuf rakkattan callisaa afaan keessan qabadhaa taa'aa!


https://t.me/+VEf9ngIGA3DPgg3d




Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram
https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1035




Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram
https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1033

Показано 20 последних публикаций.