Gamtaa Barattoota Oromoo


Гео и язык канала: не указан, не указан
Категория: не указана


channaalii kana irraati dhibbaa barattoota keenya irra gaheef.
Oromoo waan taatef reebamu.
Oromoo waan taatef ari'amuu.
Oromoo waan taatef hidhaamu.
Oromoo waan taatef ajjeefamuu.
Kana hundumaa waaliif qoonna

Связанные каналы

Гео и язык канала
не указан, не указан
Категория
не указана
Статистика
Фильтр публикаций


‍ Of-eeggannoo!!
#Reetiinaa_Ija_Keenyaa_Akka_Hin_Dhabne
Waxabajjii 14/2012 ALH'tti Gaaddiddaa'uun Aduu waan mul'atuuf of-eeggannoo gochuu qabna!

🌑Gaaddiddaa'uun Aduu bara 2012 kan mul'atu:-
- Waxabajjii 14/2012 ALH'ttidha,
- Gaaddiddaa'uu sanaan dukkanni sa'a 6'f ni argama,
- Guutummaa Itoophiyaatti ni mul'ata,
- Keessumaayyuu: Wallaggaa, Goojjam, Goondar, Dasee, Alaamaaxaa, Injibaaraatti parsantii 98 dukkana ta'ee ni mul'ata!
- Hojimaata Addunyaa karaa Dinagdee, Siyaasaa, humni olaanaa uumamaa argamuu danda'a jedhanii Saayintistoonni yaada isaanii dhiyeessaa jiru!
- Baha Itoophiyaa kaasee hanga Kaaba Itoophiyaatti Gaaddiddichi ni mul'ata!
- Aduun parsantii 98 ni gaaddiddoofti (Ji'atu gaaddiddeessa jechuudha)

🌑Bakka itti mul'atuu fi bakka itti dhaabbatu:
- Jalqaba Walakkaa Afrikaa Koongoo irraa ni jalqaba, Sudaan, Itoophiyaa, Yemen, Paakistaan, Taayiwaan, Hindii fi Chaayinaa kutee Galaana Paasifik irratti dhaabbata!
- Dabalataan gaaddidaa'uun Aduu kun walakkaadhaan waggaa 18 booda, guutummaatti (akka kan bara kanaatti) immoo waggaa 146 booda akka deebi'ee mul'atu Saayintistoonni qorannoodhaan bira ga'aniiru!

🌑Yeroo guutummaatti gaaddiddichi mul'atu:
- Halkan Waxabajjii 14/2012 ALH'tti sa'a 11:45 irratti ni jalqaba, ganama sa'a 03:40 irratti guutummaa guutuutti Ji'i dhufuudhaan Aduu irra ni oolti (kanaafuu, sa'a kanatti lafti parsantii 98 ni dukkanoofti), gaaddiddichi hanga guyyaa sa'a 06:45'tti ni tura! Sa'a kanatti Ji'i guutummaatti Aduu irraa ni deemti!

- Ijaan ilaaluun dhorkaadha, Retiinaa Ija namaa miidhuudhaan torban tokko booda jaamina Ijaaf nama saaxila!
- Kishaafa (Maxanxarii) Suuqii keessaa gurguramu fayyadamuun ilaaluun dhorkaadha!
- Gaaddiddaa'uu Aduuf jedhamee Kishaafni hojjetame jira garuu, biyya keessa hin jiru!
- Kishaafa Gaaddidaa'uu Aduuf fayyadu qabna warra jedhanirraa of-eeggadhaa!
- Of-eeggannoo guddaa taasisuu qabna! Dagattaniillee gaafa 14 sana (Sanbata Guddaa) hanga sa'a 06:45'tti gara Samiitti ol ilaaluu hin qabnu!


Uummanni keenya hedduun odeeffannoo kana waan hin qabneef share taasisuun hunda bira akka ga'u taasisuun dirqama lammummaa keenya haa baanu!!

🎖Dr Liyaa Taaddasaa🎖

@GamtaaBarattootaOromoo

@GamtaaBarattootaOromoo
@GamtaaBarattootaOromoo
#share share Godhaa hiriyoota kessaanif dabarsaa


2⃣9⃣➖0⃣9⃣➖2⃣0⃣1⃣2⃣

❇️ Faayila Teeleegiraamiin ❇️
Yeroo dhihoo keessati Diippaartimantiiwwan faayila barnootaa chaanaalii isaanii irraatti fe'uu(kuusuu) ni eegalu. Kanaafuu isinis chaanaalii Diippaartimantii keessaniitti makamuun (JOIN gochuun), hiriyyoonnii fi barattoonni daree keessanii JOIN akka godhan affeeraa.

❇️ ፋይል በቴሌግራም ❇️
በቅርብ ሁሉም ዲፓርትመንቶች የትምህርት ፋይሎችን በየቴሌግራም ቻናሎቻቸው መጫን ይጀምራሉ። ስለዚህ እናንተም የየዲፓርትመንቶቻችሁን ቻናል በመቀላቀል(JOIN በማድረግ); ጓደኞቻችሁ እና የክፍል አጋሮቻችሁ እንዲቀላቀሉ (JOIN እንድያደርጉ) ጋብዟቸው።



🛑 Liinkii Diippaartimantiiwwanii🛑
🛑የዲፓርትመንቶች ሊንክ🛑

1⃣. @SBME_JiT
For School of Biomedical Engineering.
💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠
⏹ For Biomedical Engineering Students.
2nd year - GC.
💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠



2⃣. @SCE_JiT
For School of Chemical Engineering.
💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠
⏹ For Chemical Engineering Students.
2nd year - GC.
💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠



3⃣. @FCEE_JiT
For Faculty of Civil and Environmental Engineering.
💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠
⏹ For Civil students.
⏹ For Arch. students .
⏹ For HWRE students.
⏹ For WSEE students.
2nd year - GC.
💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠



4⃣. @FCI_JiT
For Faculty of Computing and Informatics.
💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠
⏹ For Composa students.
⏹ For IT students.
⏹ For IS students.
⏹ For Software students.
2nd year - GC.
💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠



5⃣. @JITFECE
For Faculty of Electrical and Computer Engineering.
💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠
⏹ For Electrical and Computer Engineering students.
2nd year - GC.
💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠



6⃣. @FMScE_JiT
For Faculty of Material Science and Engineering.
💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠
⏹ For MScE students.
2nd year - GC.
💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠



7⃣. @FME_JiT
For Faculty of Mechanical Engineering.
💠 💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠
⏹ Mechanical Engineering students.
2nd year - GC
💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠💠

❇️ @jit_Su ❇️
❇️ @jit_Su ❇️
❇️ @jit_Su ❇️

🔽🔽🔽🔽🔽🔽🔽🔽🔽🔽
Join Us 🔍🔍 🔍
@jit_Su
@jit_Su
@JUSU1
@JUSU1
🔼🔼🔼🔼🔼🔼🔼🔼🔼🔼

✉️✉️
@tell_jit
@tell_jit
@Amurk000

🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏
INVITE OTHERS
SHARE SHARE SHARE!!!
🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏

https://telegram.me/GamtaaBarattootaOromoo


Dear our Students, how are you? Hope all of you are safe and working to protect your family and the community you are live in from this pandemic. Please invite your friends who are at Faculty of Civil and Environmental Engineering to receive same materials and message from your instructors, program coordinators and Faculty. Mamuye Busier Yesuf. Dean Faculty of Civil and Environmental Engineering. @FCEE_JiT
@GamtaaBarattootaOromoo

@GamtaaBarattootaOromoo
Share share share for all students


2⃣4⃣➖0⃣9⃣➖2⃣0⃣1⃣2⃣

❇️ Barattoonni fi Barsiisonni
Barnoota ol-aanoo Bilisaan
Mana kitaaba Diijitaalaa
akka fayyadaman
murtaahe. ❇️

Ministeeri saayinsii fi barnoota ol-aanoo barumsii karaa 'oon-laayinii'tiin akka itti fufuu danda'u fi barattoonni bilsaan wantoota dubisan bilisaan toora 'intarneetiin' akka argachuu danda'an 'teelekoomii' Ityoophiyaa wajjiin haasa'a turuun isaa ni yaadatama.

Haaluma kanaan Hadhaa irraa eegalee manni hojii minsiteerichaa mana kitaabaa diijitaalaa bilisaan fayyadamuu dandeesan mijjeessee waan jiruuf barattoonni fi barsiisonnis fayyadamuu danda'u.

Tajajiila bilisaa kana 'liinkii' armaan gadii fayyadamuun argachuu dandeesu.
http://ndl.ethernet.edu.et


❇️ የከፍተኛ ትምህርትና ስልጠና
ተማሪዎችና መምህራን ያለክፍያ
በዲጂታል ላይበራሪ እንዲጠቀሙ
ተወሰነ ❇️

የኮቪድ 19 ወደ አገራችን መግባቱን ተከትሎ የከፍተኛ ትምህርትና ስልጠና (የዩኒቨርስቲዎችና ቴክኒክና ሙያ ትምህርትና ስልጠና) መቋረጡ እና ትምህርትን በቴክኖሎጂ አስደግፎ በኦንላይን የማስቀጠል ሥራ እየተሰራ እንደሆነ ይታወቃል፡፡

የሳይንስና ከፍተኛ ትምህርት ሚኒስቴር ትምህርትን በኦንላይን ሲያቀርብ የተማሪዎችን ኢኮኖሚያዊ አቅም በመገንዘብ በነፃ መጠቀም ለማስቻል ከኢትዮ ቴሌኮም ጋር እየሰራ መሆኑን መግለፃችን ይታወሳል፡፡

በዚሁ መሰረት ከዛሬ ጀምሮ የሚኒስቴር መስሪያ ቤቱ ያዘጋጀውን የዲጂታል ላይበራሪ ተማሪዎችና መምህራን ገብተው ሲጎበኙ ከከፍያ ነፃ ወይም ዜሮ ሬቲንግ እንዲሆን ተወስኗል፡፡

የሳይንስና ከፍተኛ ትምህርት ሚኒስቴር Ethio telecom ላደረገው ከፍተኛ ድጋፍ እያመሰገነ የከፍተኛ ትምህርትና ስልጠና ማህበረሰቡ በ http://ndl.ethernet.edu.et/ ገብታችሁ የነፃ አገልግሎቱን እንድታገኙ እየጋበዘ ተማሪዎችና መምህራን የኦንላይን መማር ማስተማር ሂደቱን በዚሁ አግባቡ እንድትቀጥሉ ያሳስባል፡፡

ቤተመፃህፍቱ ከ80 ሺህ በላይ ማጣቀሻ መፃፍህት፣ የመጀመሪያ ዓመት የዩኒቨርስቲ ተማሪዎች ሞጁሎች፣ በምስል የተደገፉ አጋዥ ማብራሪያዎች እንዲሁም የሁሉም የትምህርት አይነቶች ኮርስ ማቴሪያሎችን ይዟል፡፡

❇️ @jit_Su ❇️
❇️ @jit_Su ❇️
❇️ @jit_Su ❇️

🔽🔽🔽🔽🔽🔽🔽🔽🔽🔽
Join Us 🔍🔍 🔍
@jit_Su
@jit_Su
@JUSU1
@JUSU1
🔼🔼🔼🔼🔼🔼🔼🔼🔼🔼

✉️✉️
@tell_jit
@tell_jit
@Amurk000
@GamtaaBarattootaOromoo @GamtaaBarattootaOromoo
🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏
INVITE OTHERS

SHARE SHARE SHARE!!!
🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏


#DrSamuelKfle

የ2012 ዓ/ም 'ቅድመ ምረቃ የመጀመሪያ ዲግሪ' ተመራቂ ተማሪዎች ሳይማሩ #እንደማይመረቁ የሳይንስና ከፍተኛ ትምህርት ሚኒስቴር ገልጿል።

የሳይንስና ከፈተኛ ትምህርት ሚኒስትር ዴኤታ የሆኑት ዶ/ር ሳሙኤል ክፍሌ፥ በቅድመ-ምረቃ መርሃ ግብር በቴክክኖሎጂ ትምህርት ማስቀጠል ባለመቻሉ ተማሪዎች ሳይማሩ አይመረቁም ብለዋል።

የ2012 ቅድመ-ምረቃ የመጀመሪያ ዲግሪ ተማሪዎች ምረቃ በኮቪድ-19 የስርጭት መጠን #የሚወሰን እንደሆነ የገለፁት ሚኒስትር ዴኤታው ይህም 'የምረቃ ዓመታቸውን' ተገማች የማያደርገው እንደሆነ ገልፀዋል።

ምንጭ፦ ፋና ብሮድካስቲንግ
🔺🔺🔺🔺🔺🔺🔺🔺🔺🔺🔺🔺🔺
🔺🔺🔺🔺🔺🔺🔺🔺🔺🔺🔺🔺🔺

INVITE OTHERS
SHARE SHARE SHARE!!!
On groups as well as channels

የጅማ ዩኒቨርሲቲ ተማሪዎች ህብረት
Jimma University Students Union
https://telegram.me/GamtaaBarattootaOromoo


Hordoftoota Amantaa Musliimaa Maraatiif
Baga Ayyaana Iid-Al-Faxiriin Geessan!
**************
Ayyaana guddaa kana yeroo kabajnu of-eeggannoo barbaachisu gochuun
Dhibee Koronaa irraa Ofiifi Maatii keenya haa baraarru.
@GamtaaBarattootaOromoo

@GamtaaBarattootaOromoo
======================


Репост из: Gadaa Post
#Mana_Lubummaa_Oromiyaa

Manni Lubummaa Oromiyaa miidiyaa mataasaa Oromia Clergy Network (OCN) jedhamu dhaabbate. Walitti qabaa Mana Lubummaa Oromiyaa Qasiis Balaay Mokonniin akka himanitti, miidiyaan kun uummanni afaan ofiitin akka waaqeffatu, akka galateeffatu fi wangeela waaqayyoo afaan ofiin akka baratu taasisuuf kaayyeeffame baname. Qasiis Balaay miidiyaan kun maqaa OCN jedhuun heeyyama argachusaa fi tamsaasa isaa guyyaa 10 booda akka jalqabu eeraniiru.

@Gadaapost
@Gadaapost




Репост из: Lemma
Waan nyaatee bulu dhabee
Yoo jiraates agabuu
Oromoo kan ta'e hundi
Fokkisaa tokko hin qabu
Aadaafi seenaa dhugaadhaan
Guutameera gollisaa
Abbaan #Gadaafi #Irreechaa
Akkamittiin fokkisaa?
- -
Oromoon faaya!!

Walaloowwan haala gaariin barreeffaman argachuuf

t.me/Abdii_boruu
Seenun argachuu dandeessu.
Hundinuu adaraa maatii fi biyya keessaniif hirkoo ta'a.Waan qabaniin gargaara; Akkasumas,Gorsa ogeessa fayyaa sirritti Dhaggeeffachuun warra hin dhageenyef dabarsa.


Kaleessa Adaamaatti maaltu tahe seetan. Sirna awwaalaa Kabiir Huseen irratti argamuuf hedduun keenya deemne. Qondaalonni olaanoon heddu dursanii dhaqanii bakka qabatanii taa'an. Warri hafnes dhufnee teenye. Boodarra Lammaan dhufe. Namni ni dhufa jedhee eege hin jiru. Dhufuu isaas namni qalbifatee hubate muraasa ( hubadhaa hundi maaskii qaba addaan hin beekamu.)

Namoonni tartiibaan haasayuu eegalan. Namni gariin booyaa kuun gaddaan liqimfamee cal'isee dhaggeefata. Jidduudhaan abbaan waltajjii geggeessu namni itti aanee haasayu Lam... jedhee osoo hin fixin, stadiyoomiin harka dhayamuufi sagalee fooricuun guutamee dhaabachuu dide. Lammaan osoma ummanni harka dhahee maqaa isaa yaamuu haasaa eegale. Miirri ummataa kanuma addaa ture. Ergaan wanti ummanni godhee sun warra achi turre hundaaf ifa ture. Jaalallifi kabajni Lammaaf qaban gadda isaan irraanfachiise. Sanuma keessas ergaa cimaa dabarfatan, Kan sabaaf oole, kan saba kabajeefi qabsoof gumaache ummanni hin irraanfatu. Oromoon galata hin nyaatu. Dhaamsi ummanni achitti dabarfate tana caalti. Ummata ajaa'ibaati.Nu hundu achittuu hubanne. Uggurri miidiyaas kanarraa dhalate. Namni sabaaf haqaan hojjate miidiyaa irraa dhabamus onnee ummataa keessa akka jiru kaleessa ifatti agarre.

Warri har'a isinitti fakkaatee karaarraa gortan ummata kanarraa waa baradhaa. Hoggansi dogongoruu mala. Ummanni garuu haqarraa hin goru. Nama daandii sirrii irra jiru osoo ittuu hin himamin beeka.
@GamtaaBarattootaOromoo
@GamtaaBarattootaOromoo
@GamtaaBarattootaOromoo
Nagaan Bulaa


Ayyaana gaariii.
Happy holiday...🍀🌿🍀🌿🍀🌲🍀🌿🌿🍀🍀🌲🌿🌿🍀🍀🌿🍀 Jaallatamoo hiriyyota koo nagaan waaqayyoo bakka
jirtanitti isiniif haa baay'atu.
Nuuf ayyaanni faasikaa yaadannoo fannifamu kiristoos bara baran gaggeefamudha .
Fannifamu isaatiin
√jaallala inni nuuf qabutu Adunyaatti mul'ate .
√Araara isaatu nuuf ta'e.
Waa'ee fannifamu kiristoos dubbachuun warra karaa badiisaa irra jiranniif gowwummaadha,nuyi warra karaa waaqayyoo irra jirruuf garuu inni humna waaqayyooti 1Qor1:8
Baga guyyaa gatiin nuuf baafame ,Ayyaana Du'aa ka'uu Gooftaa keenya iyeesuus kiristoosin isin Ga'ee🏕🏵🌹🌷Isa53:4-7


Barattoota Boqonnaa Seemisteeraaf Deemtanii Maatii bira jirtan maraaf
*******************************
Rakkoo tatamsa’iina Vaayirasii Koronaa (COVID-19) akka idil-addunyaatti mudataa jiru ittisuudhaaf akka biyyaatti tarkaanfileen gara garaa fudhatamaa jiru. Tarkaanfilee fudhataman keessaas tokko sochii bakka tokkoo bakka biraatti taasifamu of-eeggannoof jecha hir’isuu yoo tahu, akka biyyaatti torban lamaatiif imala taasisuun of-eeggannoof jecha akka dhaabbatu/hir’ifamu himamaa tureera. Kanaafuu, barattoonni boqonnaa seemisteeraatiif gara maatiitti galtanii jirtan, hanga guyyaa dhufaatii keessanii isin beeksifnutti achuma akka turtan isin beeksifna. Bakka jirtan maratti madda odeeffannoolee amanamoo tahan qofa hordofuun ofeeggannoo barbaachisu akka taasiftan cimsinee isin hubachiifna.

Barattoonni kaampaasii gara garaa keessa jirtan martinuu haaluma kallattii Minsteera Saayinsiifi Barnoota Ol’aanoo kennameen of-eeggannoo taasisaa kaampaasii keessan keessa akka turtan isin beeksifna

Yuunivarsiitii Jimmaa


#Koronaavaayrasii. #COVID19

Lakkoofsi namoota Chaayinaan alatti koronaavaayirasiin qabamanii kan Chaayinaa caale. Akka ragaan Yuunivarsiitii Joon Hoopkiins agarsiisutti lakkoofsi namoota Chaayinaan alatti koronaa vaayirasiin qabamanii 87,000 ol caaleera. Chaayinaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 80,860 dha. Walumaagalatti guutuu addunyaatti namoonni 170,000 ol ta'an vaayirasichaan qabamaniiru.

Hatauu male ibsaa galgala kana be.een dhibeen koronaa Afrikaans midhuu danda.a jedhame kara beektotaa garagara odeffan kennama jira balia oduu kana nuun egaa❤️👏
https://telegram.me/GamtaaBarattootaOromoo


Haleellaa Hidhattootaan Burkiinaafaasootti Qaqqabeen Namoonni 43 Ajjeefaman.

Burkiinaafaasootti haleellaa hidhattootan qaqqabeen namoonni 43 aajjeefamuun isaanii ibsame.

Hidhattoonni daangaa Burkiinaafaasoo fi Maalii kutaa kaaba biyyattiitti namoota heedduu yoo ajjeesan, 6 ammoo madeessuu isaanii mootummaan beeksiseera.

Hidhattoonni eenyummaan isaanii hin beekamne gandoota Dinguuyilaa fi Baargaa jedhamanitti haleellaa qaqqabsiisuun isaanii himameera.


neection badee waan jiruuf uummata keenya sagalee isaa ukkamsanii miidhaa hamaaf saaxilaa jiru. Rakkoo saba keenyaa hordofnee baruuf illee sarara quunnamtii guututti kutanii waraanni EPRDF lola bananii jiru. Kanaaf uummatni Oromoo bakkoota kaan keessa jirtan qaama keessan miidhamaa jiran cina akka dhaabbattanii sagalee taataniif gaafanna.

Gochi ajjeechaa, saaminsa lafaa fi sarbamiinsi mirga dhala namaa sababaan Oromiyaa keessatti babal'ateef mootummaan uummataa dhibuu fi uummatni aangoo dhabuu isaati. Kanaaf ammoo uummatni keenya akka aangomee sirnoota isa kineessuu irratti hojjetan of irraa akka buqqqasuuf, dhaaba keenya ABO jalatti uummata keenya Oromoo aangessuuf, mootummaa uummataa gadi dhaabuuf qabsoo goonu jabeessinee kan itti fufnee jirru ta'uu uummata bal'aa Oromoof ibsina.

Maayii irratti Mandhee sonsaa xuqanii Sonsa ofitti kaasanii, ilkee Sonsaa komachuun hintaatu. Qaamoleen saba keenya xuxxuqaa jiran, duula ajjeechaa fi duula saamichaa irratti raawwataa jiran xuxxuqaa jabaadhaan uummata keenya qabsootti jabeessaa kan jiran malee, uummata kaayyoo qabu haamilee cabsanii qabsoo irraa duubatti deebisuu kan hindandeenye ta'uu nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo gadi jabeessinee ibsina!

Injifannoon uummata Oromoof
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Amajji 6,2020
Finfinnee Oromiyaa
https://telegram.me/GamtaaBarattootaOromoo


Mandhee Sonsaa tuqanii ilkee Sonsaa komachuun hintaatu!

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Amajji 6,2020
Finfinnee Oromiyaa

Biyya Impaayera Xoophiyaa jalatti, sirnoonni dhufaa darbaa qiyyaafatanii uummata keenya Oromoo haleeluu, uummata keenya Oromoo lafa isaa irraa godaansisuu qabeenya uumamaa isaa saamuu, uummata keenya ajjeesuu saganteeffatanii hojjetaa turan hojjetaa jirus. Hanga har'aatti uummatni keenya impaayera Xoophiyaa keessatti guyyaa tokkoof nagaaf tasgabbii argatee hinbeeku. Uummata keenya Waraabeessa nama nyaatu fakkeessanii bakka maratti jibbisiisuu, bakka maratti nagaa isaa dhorkuun waan haaraa ta'uu baatu illee, adeemsa ammaa kanaan 'roorroon akka duraa ni dhaabbata narraa' jedhee yeroo sabni keenya abdataa jiru kanatti ammas rakkinni saba keenya irra karaa dalgaa gahu cimee adeemuun madda yaaddoo keenyaa ta'ee jira.

Har'a uummatni keenya Oromoon biyyattii keessaa addatti fo'amee nagaan isaa manca'ee karaa dalgaan ajjeefamee wal awwaalaa, du'ee biyyootti makamaa jiraataa jirra. Barataan keenya manneen barnootaa olaanoo Naannoolee biroo keessa jiran keessatti ajjeefamee nagaan barachuu bahee reeffi isaa Saanduqa reeffaatti udumamee maatii isaaf galaa jira. Waan hedduu nu Qeerroo Bilisummaa Oromoo gaddisise keessaa ammoo, barattoonni keenya ajjeefaman kunneen maatii harka qalleeyyii, maatii jireenya iyyumaa keessaa bahuuf tattaafatee barsiisaa jiru keessaa yoo ta'u, haalli abdiin eegamaa turanii booda reeffi maatiif galee maatiin abdii tokkitti qabaataa ture, qa'aa/ulaa gammachuu tokkotti qabu duraa cufamee haamileen burkutaa'uu fi abdii maleeyyii yoggaa taasifaman arginee hedduu gaddine, isa kanatti xumura gochuufis kutannoof of kenniinsaan qabsoo eegalle itti fufnee jirra. Sabni keenya Oromoonis nu cina dhaabbate akka falmatu gaafanna!

Gama kaaniin Qote bulaa Oromoo fi maatiin Oromoo mararfannoo tokko malee waraana mootummaan rukutamanii ajjeefamaa jiru. Qe'een Oromoo bo'icha dhabee hinbeeku. Kanaaf ammoo sababaa bu'uuraa fi sababa wayitaawaa kan ta'e sirna Impaayera Xoophiyaa ammaa EPRDF ta'uu wal nu hingaafachiisu. Du'aaf ajjeechaan saba keenya irraa akka dhaabbatuuf caasaan keenya, caasaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo kutannoon qabsoo irra akkuma turtan ammas jabinaan saba keenya dura akka dhaabbannu dhaammanna. Uummatni keenyas rakkoo amma keessa jiru keessaa bahee, bilisummaa isaa gonfatee nagaaf tasgabbiin jiraachuuf qabsoo taasisaa ture cimsee nu Qeerroo Bilisummaa Oromoo waliin gaggeessuu akka qabu dhaammanna!

Lafti magaalaalee Oromiyaaf baadiyyaa Oromiyaa bakka maratti akka qircaatti gurguramanii maallaqni isaa sirna abbaa irree teessoo irratti tiksuuf hojjetaa jira. Lafa Oromoo saamamaa jirutti daangaa gochuuf, saamicha lafaa Oromiyaa dhaabsisuuf, lafa kan uummata Oromoo taasisuuf tokkummaan yeroon qabsoofnu amma ta'uu hubachiifna. Hanga ammaa 'lafti kan mootummaati!' jedhamuun uummatni keenya Oromoon abbummaa lafa isaa sarbamee guyyaa barbaade mootummaan uummata keenya irraa buqqaasee gurgurataa as gahe, ittis jira. Labsii jallataan lafti kan mootummaati jedhu hanga ammaa hojiirra ooluun abbaa lafummaa saba keenya irraa molquu bira darbee, daandii saamicha lafaa mootummaa EPRDF'f mijeessee jiraachuu hubanna. Isa kana daddaaffiin goolaba itti gochuuf qabsoo walitti fufiinsaa gochaa turre itti fufnee jiraachuu keenya kabajamaa uummata Oromoo nu abdatuuf nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo ammas qabsoo irra jiraachuu keenya ibsinaaf.

Torban kana duulli addaa Lixa Oromiyaa, Giddugala Oromiyaa fi Kibba Oromiyaa irratti waraana mootummaan qindaa'ee adeemaa jiraachuu hubachuudhaan, waraanni mootummaa sirna EPRDF teessoo irratti tiksuuf marartoo tokko malee uummata keenya ajjeesuu irratti bobba'ee waan jiruuf duula jallinaa, duula gara jabeenyaa uummata keenya Oromoo irratti xiyyeeffate kana dura dhaabbachuuf miira itti gaafatamummaa sabummaa keenyaan qabsoo gochaa turre cimsinee itti fufuu keenya hubachiisaa, sirni oftuulummaaf maal na dhibdeen saba keenya ajjeesu irree isa uummata keenya irraa akka gadi deeffatu nii gaafanna. Bakkoota olitti cuqne kana keessatti tajaajilli sabquunnamtii, Internet fi Con




'Mootummaan Itoophiyaa interneetiifi bilbila Oromiyaarratti cufe atattamaan banuu qaba'
************************************
Dhaabbanni mirga namoomaaf falmu Humaan Raayits Waacha ibsa har'a baaseen, mootummaan Itoophiyaa interneetiifi komunikeeshinii bilbilaa naannoo Oromiyaa keessatti cufee atattamaan banuu qaba jechuun hakeekkachiise.
Akka ibsa dhaabbata kanaatti, bilbilliifi interneetiin cufamusaatiin kan ka'een naannicha keessatti rakkoon hamaan mudateera.
Bilbilliifi inteneetiin ji'a lamaaf cufate maatiifi firoonni quba akka wal hin qabaanne gochuu qofa osoo hin taane, tajaajilawwan jireenyaaf barbaachisan addaan kutaman.
Akkasumas yeroo mootummaan duula hidhattoota irratti gaggeessutti maaltu akka ta'e beekuudhaaf odeeffannoon akka hin jiraanne taasissera jedhe.
Erga Amajji 3, 2020 kaasee aanga'oonni mootummaan neetiwoorkii bilbila mobaayilaa, bilbila sararaafi tajaajila interneetii Lixa Oromiyaa godinaalee Qeellam Wallaggaa, Wallaggaa Lixaafi Horroo Guduruu Wallaggaatti akka addaan citu godheera.
Baha Wallagaa keessatti jiraattonni akka jedhanitti, tajaajilli interneetiifi miidiyaaleen hawaasummaa akkuma cufamaniitti jiru. Darbee darbee ammoo ergaan barreeffamaafi tajaajilli mobaayilaa magaalota tokko tokko keessatti ni jira. Kun ammoo tajaajila hawaasni argatu qabaatuuf danqaa ta'unsaa hinollee jedheera.
Bilbilaafi interneeta cufuun kunis kan raawwatamaa jiru naannoo to'annoo humna waraanaa jalatti komaand poostiin bulaa jirutti yoo ta'u, akka mootummaan jedhutti hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo irratti duula gaggeessuuf.

Miidiyaaleen walabamummaan sarabama mirgoota namoomaa humnoota waraana mootummaatiin raawwatamu kan akka ajjeechaafi hidhaa jumlaa gabaasaa turuu eereera.
"Tarkaanfiin mootummaan Itoophiyaa haguuggii komunikeeshinii adda kutuutiin Oromiyaa keessati graawwataa jiruus hawaasnicha haarsaa hinbarbaachisne kanfachiisaa waan jiruuf attattamaan kaasuu qaba,'' jedhan Huumaan Raayits Waachitti Daarektarri Gaanfa Afrikaa La'etiitiyaa Baader.
"Daangaan tajaajilawwan bilbilaafi interneetii irra kaa'ame kunis tajaajilawwan murteessu, haala taateewwan murteessoo ta'an itti gabaafamuufi qorannoo mirga namoomaa irratti dhiibbaa taasisuun isaatiin alattis, haala qabiinsa mirga namoomaa duraanu naannichatti ture caalaa kan hammeesseedha."
Bulchiinsa Ministira Muummee Abiy Ahimad jalatti, osoo mootummaadhaan sababni gahaafi amansiisaan hin dhiyaatiin yeroo tasgabbiin hawaasaafi siyaasaa dhibbutti komunikeeshinii adda kutuun gocha baratamaa ta'eera jedha Huumaan Raayits Waach.
Ibsa Huuman Raayits Waach kun itti dabaluudhaan, sababa komunikeeshiniin addaan citeef dhaabbileen tola-ooltummaa afur rakkoon akka isaan mudate ibsuudhaan, haalli jiru tajaajila fayyaa naannootti argamurratti dhiibbaa qaqqabsiisuu isaa hojjetoota fayyaa eeruun gabaasichi ibseera.
Seerri Mirgoota namoomaa Addunyaa ummanni bilisaan odeeffannoo barbaadu karaa intarneetii dabalatee midiyaaleee hundarra, akka argatan fi argataniifi kennaniif mirgasaanii ni eega jedheera.
Adda kutuun komumikeeshinii sababii nageenyaatii raawwatamu yoo jiraate ammoo kan seera bu'urreeffatee fi barbaachisaa akkasumas yoo tarkaanfii taasifamuun kan wal madaalee qofaa ta'u qabaatas jedheera.
Haa ta'u malee tibba Dr Abiy paarilaamaarratti haasaa taasisanittis ta'e motummaan federaalaa haala adda kutuu tajaajilawwan intarneetiifi bilbilaa 'sababii nageenyaatiif' jechuun Oromiyaa keessatti taasifameef ibsi kanname hinjiru jedheera.
Kanaan duras yeroo mormiin uumametti, yeroo qormaatni barattootaaf kennamutti akkasumas yaalii ajjeechaa Waxabajjii 15 tajaajilli inteneetii kan addaan cite yoo ta'u yeroo sanattis , "mootummaan waa'ee tajaajilli addaan cituus ta'e yoom akka deebi'ee banamu ibsa hin kennine," jechuun ibsa gabaasni kun.
Bakka duulli waraanaa itti gaggeeffamaa jiru Lixa Oromiyaatti waa'ee bilbilaafi inteneetiin addaan cituu ilaalchisuun oppereeshinii humni waraanaa mootummaa gaggeessaa jiru waliin walqabatee akka cufate Itti-aanaan Itaamaajor Shuumii kan ta'an Janaraal Birhaanuu Juulaa torban lama dura BBC'tti himanii turan.
https://telegram.me/GamtaaBara


Abidda of irraa dhaamsanii ka'anii nama irraa dhaamsu!

Mootummaan Xoophiyaa Dr. Abiyyi Ahemadiin durfamu biyya keessattis alattis abidda ofitti qabsiisaa oola. Mootummaa gubee of barbadeessuu irratti xiyyeeffatudha.

Biyya keessatti uummata waliin nagaa hinqabu. Biyyoota ollaa waliinis naga maleessa mootummaa kan ta'e mootummaan Xoophiyaa, shira siyyaasaa yeroo garaa garaatti uumee lubbuu ilmaan iyyeessaan kumaaraa taphachuu barbaada. Isa kanaaf itti dammaquu barbaachisa.

Seenaa dhuma irraa qabee hanga har'a waan ijaan argaa jirruutti uummata keenya lola hinfeesifne keessa galchuudhaan akka uummati ajandaa halagaa qabatee socho'u taasisuu irratti dalagama. Isa kana amma sichi uummati ifachuu qaba. Ilmaan Oromoof lola Oromoo hinilaallanne keessaa baahuu barbaachisa. Lolli yeroo qaba, ammatti uummati lolli isaa mootummaa waliini. Mootummaan uummatatti osoo hinaraaramin lola biyyoota ollaa xuxxuquunis uummata ko'omsuuf (Busy) taasisuuf waan akeekkate fakkaata isa kanatti dammaquu wayyiti. Uummata ajjeesaa, uummata hidhaa uummataan na cina dhaabbadhu jechuun hintaatu.

Biyya isaa keessatti abidda waraana mootummaan itti qabatee jiru of irraa dhaamsuun dirqama Oromooti. Mootummaanis abidda ofitti qabsiise kan dhaamuu hindandeenye keessa seenee jira. Kana booda fala waan qabu hinfakkaatu. Gubatee barbadaa'uudhaan nagaan uummataa dhufa. Mootummaa shiftaa irreen qaba jedhee dhaadatu yeroo uummati dacheetti maku dhiyoodha. Isa kanaaf ammoo uummati keenya of qopheessee itti seeneera. Oromoon sabboonummaa isaa du'a jalaa baraaruuf qabsootti jira. Oromummaa isaa dhabama irraa baraaruuf qabsootti jira.

Uummati eenyummaan irraa molqame eenyummaa isaa deeffachuuf qabsaa'a. Uummati eenyummaan irraa molqame of kabachiisuuf qabsaa'a. Kanaafuu ajandaan Oromoo ammaa Oromiyaa diigama irraa baraaruudha. Qabsoo ofii tikfachuudha.

Oromoon abidda of irraa dhaamsuutti jira. Yeroo utuu abiddi isa gubuu qaama biraa irraa abidda dhaamsuuf socho'u hinqabu.
https://telegram.me/GamtaaBarattootaOromoo


Adaamaatti deggertoota KFO galma dhorkamanii mormii dhageessisan poolisiin bittimseera.

Adaamaatti deggertoota Paartii Kongirasii Federaalaa Oromoo galma walga'ii dhorkamanii mormii dhageessisaa turan poolisiin bittimfamuu namoonni ijaan argan BBC Afaan Oromootti himan.
Marii deggertoonni Kongirasii Federaalaa Oromoo ar'a magaalaa Adaamaatti gaggeeffachuuf turan akka hin gaggeeffamneef poolisiin galma dhorkuu isaarraa kan ka'e deggertoonni paartichaa mormii isaanii dhageesisuu gaazexessaan Reuters Kumarraa Gammachuu BBC'tti dubbateera.
Deggertoonni kunneen galma Tokkummaa duratti sagalee ol kaasuun "Shame on you Prosperity" jechaa turan.

Akka gaazexeessaan kun jedhutti, deggertoonni galma Mana Barumsaa Naafyaaditti walga'uuf turan kunneen naamusa guddaatiin socho'aa kan turan yoo ta'u, booda poolisiiin Oromiyaa konkolaataadhaan dhufee meeshaa sagalee guddistuun "bakka kana gadhiiftanii hin deemtan taanaan tarkaanfii isinirratti fudhanna" jechuun akeekkachiisuun uummata bittimsaniiru" jedheera.

Madda: BBC
https://telegram.me/GamtaaBarattootaOromoo

Показано 20 последних публикаций.

2 373

подписчиков
Статистика канала