Warri
@dhoobirii jechuun maali naan jedhaa jirtan karaa keessootiin
@dhoombirii n moggaasa seena qabeessadha.
kunoo hin hifatinaa guutuu isaa dubbisaa.
👇👇👇👇👇
@dhoombirii♥️
Seenaa jeniraal waaqoo guutuu irraa kan fudhatameedha.
👉Qawwee Dhoombir afurtama, matirayyeesii Toomaas lama fi Boombii sadi'i fudhatanii, Waaqoon nama sadi'ii, qawwee afurtamii-lamaa fi boombii sadi'iin fe'atanii galuuf ,otoo jedhanii, Camarrii Guutuu woraana nama afurtama qabatee dib-jedheef. Gammachuu guddaan qawwee walii hiratanii, itti gaafatamtoota waraana kaanii wajjiin taa'anii mari'atan. Sochii isaaniifillee maqaa baafatan. "HIZBII" ofiin jedhan. Namuu gama biyya isaatti socho'e, waraanni Waaqoollee gara Oromiyaa-Baaletti qajeele.
Humni Waaqoo Guutuu Oromiyaa seene, maqaa isaa kama qawwee isaa baafate, "dhoombir" ofiin jedhe. Bara 1963 malkaa Annaatti seensa ji'a Caamsaa irratti waraana Amaara kan isaan gaadaa jiru, lakkoofsan dhibba ja'a ta'u, shaalaqaa Buzunaan durfamuun waliin walsiman. Lola ganama saa'aa 10:00 irraa jalqabee saafaya booda 2:30tti adeemsifameen, humna diinaa irraa namni afurtamii sadi'i yoo ajjeefamu dhibbaa ol kan ta'ummoo madaa'e. Yeroo duraatiif qawween Oromoo akka Amaara ajjeeftu hojiin mul'dhatee, deeraa fi ijoolleen daaw'atte. Guyyaa kana qawwee M1 ykn Furgoo saddeet, kan akaakuun isaa hinbeekamin kudha sadi'i booji'an. Shaalaqaa Buzunaan dursa waraana ofii baqatee Bidiretti gale. Gootota Diddaa-Gabrummaatiif bayan keessaa lola kana irratti gootonni lama wareeggaman.
Falmiin bifa kanaan jalqabee bal'dhinaan itti fufee kutaa Baalee walakkaa ol akkasumas Sidaamoo koonyaa muraasa gabrummaa Habashaa jalaa bilisoomsee waggaa saddeetif bulcha'aa ture. Haaloo baafannaan Hayila Sillaasee birmachuu meeshaa fi beektota faranjiitin gargaaramee gara-jabinaan hamma bara 1969 ummata Oromoo beeraa fi ijoollee dhibba sadii'ii fi kudha shan qilee keessatti fixuun diniina ummatatti kenne. Kunis "Waaqoon fidaa, yookan ammoo ummata harka boojuu jiru keessaa dhiira umurii kudha shanii olii jiran fixuu" jedhee maanguddoota waamuun itti hima. Dhiibba kana irraa kan ka'e "anaaf jecha lubbuun ummata kiyyaa hindhabaminii." jedhe Onkololeessa 1970 motummaatti harka kennatan. Haaluma kanaan, gootichi Waaqo qoratamanii mooticha waliinillee dubbatan. Badii biyyaa irratti raawwatameef balleessan gutumaa-guututti kan mootummaa ta'uun itti walii galamee, "ammaa booda biyya waliin bulchina" jedhan. Aanga'oo fi bulchaalee mirkaneessanii fii Jeneraal Waaqollee biyyatti deebi'an. Haga dhuma 1975 biyyuma keessa turanii 1976 humna Waraana Soowraa ykn Jaanaddee ijaaramee ol bobba'e Magaalaa Bidiree keessaa ba'uun isaaniitti makaman. 1976-1983, itti-gaafatama adda-addaa irratti humna Soowraa hoogganaa turan: ajajaa woraanaa ta'uun, itti gaafatamaa dantaa haajaa alaa ta'uun, itti aanumma'aan gaggeessa'aa turan.
Akeekni Jeneraal Waaqoo bilisummaa uummata Oromooti. Kunis kan mirkanaa'u tokkummaan uummata Oromoo yoo eegame jechuun Dhaaba Adda Tokkummaa Bilisummaa Ummata Oromoo (ATBUO) bara 1989 hundeessun dura bu'ummaan hooganaa turan. Bara 1991 Motummaan Dargii jige,"rakkinna Ummata Oromoo karaa nagayaatiin haafuramuu" jechuudhaan Mootummaa Ce'umsaatti dhaabbilee dabalaman keessaa jaarmayaan Waaqoo Guutuu isa tokkoo ture. Diinni qoosaa hinbeekuu, murtii nagayaa diignaan isaanis bara 1992 chaartera keessaa bahanii qabsootti deebi'an.👇👇👇seenaan isaanii bal'aadha. ammaaf maqama
@dhoombirii jedhuun wal isin barsiisuuf hagana isinii kaase.
Maatiiwwan chaanaalii keennaa uf dura itti yaannee seenaa gooticha kanaa guutuma isinii kan dhiyyeessinu ta'a. ammaaf horaa bulaa.
#join #share gochuun waliifis qoodaa
👇👇👇👇
@dhoombirii♥️
@dhoombirii♥️