gganuu qaba.
Hoggansi kun lola ofirra ittisuu kana sodaa fi shakkii tokko malee fudhatanii qindeessutti ka'uu qaba. Fincila xummuraa gaggeessuuf akka danda'amu sadarkaa amma jirru irratti abbummaa fudhachuu qabu. Tarkaanfii #AbiyAhmad Oromoota irratti fudhachaa jiruuf deebii madaalu keennuf hatattamaan sochoo'uf, qophaa'uu qabu. Hatattamaan tarkaanfiiwwaan ciccimoo ta'an fudhachuus qabu.
4. Motummaan Abiy (Motummaan Bilxiginnaa) diina Oromooti. Diina sabaaf sablammoota hundaati. Diina ummattotta itiyoophiyaati. Motummaan Abiy/Bilxiginnaa motummaa nafxanyootaati. Motummaan kun motummaa ummata ajjeesaa, hiraarsaa, dararaa jiruu dha. Motummaa kana mormuu qofa utuu hin taane, ofirraa ittisuun, ofirraa haleelun, mirga namummaati. Hoggantoota fi caasaa motummaa diina ta'ee kana irratti tarkaanfii fudhachuun akka barbaachisu namni hunduu, humnoonni hundi, hubachuu qabu. Motummaa kana ofirraa ittisuun mirga uumamaati. Godhamus qaba.
Warri qabsoo hidhannoo geggeessu tarkaanfii cicimaa fudhachuudhaan aggaammii nurratti xiyyeeffate kana uummatarraa ittisuu qabu. Kun dirqama isaaniitisi. Kanas sagalee isaani ol kaafatanii himachuu, deeggarsa uumataaa waammachuu, fi saba isaani of duuba hiriirsuu qabu. Kun dirqama seenaan isaan baachise waan ta'eef, ol ka'ani, sodaa tokko malee, dubbachuu qabu.
5. Qeerroo fi Qarreen Oromoo bakka jiranitti qabsoo isaanii haala qindaayeen, naamusa cimaa dhaan, tokkummaa dhan, waldhageettii addaatin itti fufuu qabu. Qabsoon isaanii yeroo kamiyyuu caalaa qabsoo warri dirree waraanaa jiru gaggeessu kanas deeggaruu fi utubuu qabu. Qabsoon garuu, qabsoo motummaa #AbiyAhmad wajjin godhamu ta'uusaa beekani, nama nagaa, namoota saba biroo isaan keessa jiraatan, akka hin tuqne of eggannoo fi obsa guddaa dhan sochoo'uu qabu.
6. Rogeeyyiin biyya keessa jiran hundi qabsoo Qeerroo fi Qarree Oromootif tumsuu, karoora isaani qindeessuu qabu.
7. Uummanni Oromoo biyya alaa jiru gargaarsa isaa gama adda addaatin itti fufuu qaba. Maallaqaan, lobby fi advocacy dhan, hiriira nagaa qopheessuu dhan, xalayoota motummoota biyya isaaniititti erguu dhan, konfaransii adda addaa geggeessuu dhaan hojii public relations (PR) barbaachisu hunda kallattii adda addaatin qabsoo dhumaatitti bobba'uu qaba. Haa ta'u malee, qabsoo uummataa kan biyya keessaa irratti hoggantoota ta:uuf yaaluu, ykn abbummaa fudhachuuf socho'uu, fi gocha kana fakkaatan irraa of qusachuu qabu. Abbaan qabsoo uummata bal'aa Oromoo dha. Hoggansi siyaasaa biyya jira. Hoggantonni sochii hawaasaa Qeerroon Oromoo gaggeessus abbaa qabaa, hoggansa ofiisat qaba. Kanaaf Oromoonni biyya alaa sochii biyya keessaa deeggaruu qaba malee qabsicha irratti hogganaa of godhuf tattaafachuu dhaabu qabu.
#Abiy_Ahmed_is_a_murderer #abiy_must_be_removed
#AbiyMustGo #Abiy_is_the_past!