Hawwii Islamic tube


Kanal geosi va tili: ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa: ko‘rsatilmagan


Kaayyoon guddaan amantii Islaamaa irratti wal jabeeysuuf
YouTube keenya kanaas SUBSCRIBE godha
YouTube keenya kanaas SUBSCRIBE godha
https://youtube.com/channel/UCb8tCl_FHuGMpKJsrZIY5Lw

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Kanal geosi va tili
ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa
ko‘rsatilmagan
Statistika
Postlar filtri




Ruhama Ruhama:
Xiinxali dubbisi eega dubbistees share
godhi jzk

Calculation Herreegaa Akkaan Hamaafi
Balaafamaa Tahe

Wallaahii Hedduu Na Sodaachisee Hanga
Booyutti Dhihaadhetti

Sirriidha Umriin Jiruu Ilma Namaa Harka
Rabbiiti Jirtii

*Mee Osoo Tilmaamnee Waggaa 60
jiraattee Haa jennuu

*Yoo Guyyatti saa'aa 8 Rafte Waggaa 60
Keessaa Ati Waggaa 20 Hirriibaan
Dabarsite.

*Yoo Guyyatti Hojii saa'aa 8 Kan Hojjattu
tahees waggoota 20 Hojiini Dabarsite

*Waggaa 15 joollummaa Keetiin kuchiiste

*Yoo Guyyatti al-lama nyyaataaf walakkaa
saa'aa( 0:30 daqiiqaa)Kan teettu Taate
Waggaa 3Guutuu Nyaataaf taa'uudhaan
Dabarsite

Ida'amaan waggoottan Hojii, +Hirriibaa,
+Yeroo nyaataafi +joollummaa keetin
Darbanii Waggaa 58Umrii keetirraa
Waggaa 2Qofatu Siif Hafe

Yaa Nama Waa Argitu ibaadaadhaan Hoo
Saa'aa meeqa Dabarsite Umrii Kee Guutuu
Irraa

Mee Maalumaa Jetta Rabbiin Gaafa inni Si
Herregee Umrii Kee Maal Keessatti Fixxee
Siin jedhe

Dubbii Dhugaa 100%100

Qur'aanni Khabajamaan Fuula 600 ykn
(604) Hin Caalu ..Akkasii mitii

Yoo Na Hin Dhugoomsin Dafii laalii
Koottuu

Argitee ree Fuula meeqa Akka tahe

Hayyee Koottu Haasawa Keenya Itti
Guutannaa kaa

Qur'aanni Fuula 600 Yoo Guyyaa 30
Hirree meeqa ta'a?

Baay'ee herreguun Uf Hin rakkisin Dubbiin
Salphaadha

Fuula 600÷30=20

Calculationii Baayyee Salphaadha
Tole Guyyatti fuula20 Tahuu saati

Nuti Guyyatti al-5 Salaataa jirra

Fuula 20÷5=4

Amma Qaceellotti Hubattee..

Ati Guyyatti Fuula Qur'aana 4 Yoo
Qabaate Salaata Waajibaa boodaan
Hoggas Ati Guyyatti Fuula 20 Qaraate
Kana Jechuun Ati baatii Keessatti Qur'aana
Guutuu Qaraate Rakkoo Tokko Malee
mee Na Wajjiin Turi

Dhaamsi Hin xumaramneetii Garuu Waan
jarjartu Fakkaattaa

Hanga xumuraatti Faana bu'i Waa Hedduu
mitii Kan Nuuf Hafe

Osoo Ati Risaalaa Tana Obboleeyyan
keetiifi addunyaa maraaf Akkasuma

Hiriyyoota Kee cufaaf ergitee

Hundumtuu Sababaa Keetiin Qur'aana
Qara'anii Khattamanii /xumuranii
Mindaan Ati Rabbiin biraa Argattu meeqaa
Ni Beeytaa??

Yaa Allaaaaaaaah lakkuma /adaduma
Tokkoon Isaanii Qur'aana Qara'ee
khattamuun Siifillee Ajriin Katabamaa
Bara kana Maaliif projektii Bu'a Qabeessa

Hin hojjanne...?

Maaliifi Akka Namni Hunduu Qur'aana
Sirritti Qara'ee Akka Khattamuu Hin
taasisnee

Si Ammallee Shakkii Hin dhiifnee ...!!!
Namni Kheyritti Nama Qajeelche Akkuma
Nama Dalageeti

Namni Garee Qabu Itti Haa Ergatuu Akka
Mindaan Dacha Dachaa ta'uuf
inshaa'allaah

Gosti nyaataa8 Akkaan Cimtuudha Humna
Ittisa Qaama Namaa jabeessuufi

Dhukkuboota Gargaaraa Barbadeessuuf

Rummaana
Roob
Qullubbii Adii
Shunkurtii
Shaayii Magariisa
Dhuunfaa/feexoo
??
??
:

WaaSadii Qaama Dhukkubsachiifti

1Haasawa Baayyee

2Hirriiba Baayyee

3nyaata baayyee

Waa afur Qaama Namaa Diigdi:

1. Yaaddoo

2. Naasuu

3. Beela

4.Gurzaa/Qaaxiraa

Waa afur Bareedina fuulaa fi tolinna Isaa
dabalti

1. Rabbi Sodaachuu.

2. Waadaa Guutuu

3. Arjummaa

4. Naamusa Ufii eeggachuu

WaaAfur Sababaa Rizqiiti

1. HalkanSalaatuu

2. wayta Hiraabaa/obboroo Araara Rabbii
Khadhachiisaa heddummeeysuu

3. Sadaqaa Toohachuu Itti yaaduu

4. Rabbi Faarsuu Ganamaafi Galgala

Waa afur Sababaa Rizqiiti Dhoorgiti:

1. Subhii Booda Rafuu.

2. Salaata Xiqqeessuu.

3. Ceem'aa .

4Gantummaa./Ganuu

Yoo Dilii Hojjechuu Yaadde Aayata sadihii
Yaadadhu

1. si Namni Dilii Dalagu Rabbiin Isa Argaa
Hin Beekhuu"

2. Nama Fuuldura Rabbii Isaa
Dhaabbachuu Sodaatee Dilii Dalagu
Dhiisef Jannata lamatu jiraaf

3. NamaRabbii Isaa Sodaatee Dilii Irraa
Fagaateef Rabbiin Rakkoo Keessaa Isa
baasa Haala mijeessaaf

Dubbiin tun Yoo Si Gammachiistee
Osoo Torarraa Hin bahin tamsaasin
Namni Waan Takkattii Nama Qaceelche
Akkuma Nama Dalageetii

Ani Waan Si khabajuuf Siif Ergee
Atillee Nama jaalattutti Hin don'oominii
ergiifi
@hawwiiislamictube
@hawwiiislamictube

https://youtube.com/channel/UCb8tCl_FHuGMpKJsrZIY5Lw


SEENAA AJAA’IBAA
•••••••••••••••••••••

Gaaf tokko imaam Abuu haniifaan osoo ummataa wajji masjida deemu jiruu mucaa xiqqashaa booyaa wuduu'atti jirutti dhufan , hoggaa khana

Abuu haniifaan mucaadhaan maal taatee akkana boocha je'ee gaafate,

mucaaniis "yaa imaam na dhiisi mee akkanumattiin booyaa" jennaan

imaam Abuu haniifaan itti jajjabeeysee isa gaafannaan boodarra mucaan akkana je'een...

(ibidda ilmi namaatii fi dhagaan qabsiisu san sodaadhaa) aayata je'u san qara'eetiin dubbiin na boochifte" je'een.
hoggaa khana

Imaam abuu haniifaan "yaa mucaa ati ganaa daa'ima xiqqaadhaa aayanni khun sin laallatuu bar" je'ee mucaatti dubbate ,

mucaaniis "yaa imaam sa nutuu hoggaa ibidda qabsiifnu qoraan gurguddaa dura
xixiqqaadhaan eegallaa mitii" je'ee dubbii mataa nama dhukkubsitu tanaan sheekha afaan bahe , hoggaa khana

Sheekni ummata isaa wajji yaa'u jiruun "wallaahi mucaan kun sodaa Rabbiitiin nu dabree jira" je'e...

laalaa mee umrii daa'imummaa tanaan akkanatti waa hubachuu ....

Rabbi nu haa badhaasu tun silattuu badhaasa khaaliqaati...!!!




Eega dubbiste!..
Share godhi obbolessa kee biraan gahi
JOIN US ON TELEGRAM
Join

@hawwiiislamictube




JECHA BEEKTOTAA
=======♤♤♤=======
1, Kaayyoo fi galma kee bakkaan gahuuf yoo dandeesse fiiguu,dadhabdu tiradhu.dadhabdu foqoqi malee abdii hin kutin.
♧♧♧♧♧♧
2, Nama guddaa hamaa ta'urra,Nama xiqqaa gaarii ta'uu wayya.
♢♢♢♢♢♢
3, Gammachuun kee haalota naannoo kee jiraniin osoo hin taane, Yaada sammuu kee keessa jiruun murtaa'a.
☆☆☆☆☆☆
4, Waan hundumaa amanuuf hin arifatin.sababni,sobni dhugaa irra arifatee gurra si lixaati.
♤♤♤♤♤♤
5, Wanni na qofaa dhufu yoo jiraate hirriiba qofa.
♡♡♡♡♡♡
6, Gaafni kufte gaafa waaqarraa abdii kutatteedha.
♧♧♧♧♧♧
7, Kophummaa injifachuu kan dandeessu hiriyyaa baay'isuun osoo hin taane,Of tahuu yoo dandeesse qofa.
♢♢♢♢♢♢
8, Nama jaallattu of bira tursuuf jattee dadhabina kee dhoksuuf hin rakkatin,Mudaa kee osoo beekuu kan sin baqanneetu dhugaan si jaallata.
☆☆☆☆☆☆
9, Osoo tuulaan liqii sirra jirtuu furdachuun, Liqeessaa tuffachuudha.
♡♡♡♡♡♡
10, Wanni dubbattu hundi dhugaa tahuu qabdi.Garuu,wanni hundi ammoo dhugaa tahuu hin dandahu.
♤♤♤♤♤♤
🌹🌹Join♥️♥️
@hawwiiislamictube
@hawwiiislamictube


☝️👉faayidaa ija gad qabachuu👈💅
1🤟 Ajaja rabbii jala butamu keessa jra
2gahiinsa xiyya xiyya sheeyxaanarraa tahe dhoorkuu keessa jira
3 qalbii nama bohaarsiti rabbi wajjin
4💚qalbii nama jabeeysiti Akkuma ija gad dhiisuun daiifsiistutti
5💝qalbii nama nuura uwwisti Akkuma ija qad dhiisuun nuuraa irraa ooftuttii
6💓 ilma nama faxinummaa dhugaa dhaalchifti
7 qalbii ilma namaa sabaatummaa/jeeynummaa dhaalchifti
8💥sheexaana duraa karaa cufa
9 tafakuraa jiraa
10 💔gabrichaaf ijaa fi qalbii jidduu qaawa/karaa jiraaf
11 gabrichaf miaa imaanaa kennitiif
12 gabrichaf gargaarti barumsa arkachurratti
13 gabricha baasti boolla ibiddaa keessa burraa
14 raahaa nafsee keessa jiraa
15 🤜mucucurraa sitiysiti
16 ganda nagaya gooti 17 💘ummata tiiysiti
18 gargaarsa sheeyxaana fi sheeyxaana Isa daraarti
19 niimaa ijaa sirra tiiysiti
20 mahrii huuraliinii
21🧡 rabbiin niqananiisa fuula rabbii laaluun
🌹🌹 Join ♥️♥️
🖍️🖍️

https://t.me/hawwiiislamictube
https://t.me/hawwiiislamictube

🖌️🖌️💟💟
🌹🌹Kaayyoon guddaan amantii Islaamaa irratti wal jabeeysuuf
YouTube keenya kanaas SUBSCRIBE godha
YouTube keenya kanaas SUBSCRIBE godha
https://youtube.com/channel/UCb8tCl_FHuGMpKJsrZIY5Lw♥️♥️
💓💓Waan dubbistaniif Galatoomaa 🖍️🖍️


Baatiin Sha'abaanaa Baatii Dalagaan ilma Namaa Gama Rabbii Ol fuudhamtu

Dalagaan ilma nama torbaanirraa guyya isniinaa fi Khamisaa gama rabbi olfuudhamti; amatarraa ammoo baati Sha’abaanaa olfuudhamti.

Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan: Baatin Sha’abaanaa baati dalagaan ilma nama gama Rabbii olfuudhamtu jedhan, Ammas anaa Soomana qabu dalagaan tiyya olfuudhamuu ni jaaladha jedhan.

Ergamaan Rabbii ﷺ tanaaf baatii sha’abaanaa heddu isaa soommanaan dabarsaa turan. Akkuma Haati mu’imintoota Aa’ishaan (R.A) jettetti “baati sha’abaanaa xiqqoo malee guutu isaa sommanu ture”

Guyyaan duraa kan Ji'a sha'abaana jum'aa boruu irraa jalqabama. In shaa Allaah, Ramadaanni seenuuf ji'a tokko qofatu nuuf hafe. Kanaafuu Baatiin sha’abaanaa Kunis baatii Ergamaan ﷺ akkaan itti xiyyeefatan waan taheef hundumti kenya ibaadarratti, Istighfaara, salaata sunnaa fi soomana irratti haa jabaannuu.

Rabbii warra waan dhagahetti fayyadamu nu haa godhu; ammas nama ofdagatu Rabbiin nu hin godhin.

Join
https://t.me/hawwiiislamictube
https://t.me/hawwiiislamictube
Kaayyoon guddaan amantii Islaamaa irratti wal jabeeysuuf
YouTube keenya kanaas SUBSCRIBE godha
YouTube keenya kanaas SUBSCRIBE godha
https://youtube.com/channel/UCb8tCl_FHuGMpKJsrZIY5Lw

Nuuralhudaa
Soora qalbii muslimaa


TOOHIDA KUTAA 2️⃣9️⃣FFAA
Kutaa 28ffaa dubbisuu Hubadhaa

✺ HAALA NAMA FAANA/GADDII LAALLATUU:
1ffaan: waan arge kana ilaalee waa dalagaa dhiisuudhaan gaddii laalachuu kanaaf awwaatuu: kuni irra guddaa faana laallachuu (xiyaraa) jedhama.
2ffaan: sirriitti waan kanatti osoo hin amanin garuu waa natuqinnaa waa na miidinnaa jedhee sodaata.
Kunis faana laallachuma jedhama garuu isa duraa irra laafa dha. Bifni lachuu abbichi sun tawhiidarraa hir’ina akka qabu mul’isuurra dabree abbichi waan
kanaan akka dararamu taasisa.

✺ Dawaa/qorsa nama waan kanaan miidhamee Namni shakkii akkanaa qabu akkana jechuutu irra jiraata.
‘Yaa Rabbi Waan gaarin kan namaa dhufu si malee hin jiru, waan badaa kan namarraa deebisus si malee hin jiru, malaa fi Humnis si malee hin jiru.’ (Abuu Daawudtu odeesse) Ammas akkana haa jedhu: ‘Yaa Allaah! Wanta gaarii ati heyyamte malee wanti gaariin hin jiru. Allaatti ati uumte malee ta biro hin jirtu (waan ati dhoorgite malee hooddachuun hin jiru). Si malee Gabbaramaan/ilaahni birollee hin jiru’ Ergasiis Kana booda wanni irra jiraatu:

❁ Rakkoo faana laallachuun qabu beekuu/hubachuu
✩Nafsee ofii too’achuu/irratti qabsaahuu
✩Murtee fi taatee Rabbiitti amanuu
☆ Rabbitti yaada toluu
☆ Salaata Istikaaraa/filannaa Fayyadamuu (Istikaaraa: jechuun Salaata raka’aa lamaa salaatanii
waan caalu akka waffaqamu Rabbiin kadhachuu)

❋ Daangaa faana laallachuu irraa dhoorgamnee:
Rasuulli ﷺakkana jedhan: ‘Faana laallachuu jechuun wanta itti si deemsisee fi irraa si deebisee dha’ Ahmadtu odeesse.

᯽Tafaa’ula toluu: Tafaa’ula toluu jechuun jecha gaarii dhagahanii itti gammaduu jechuu dha. Fakkeenyaf: namni tokko imala/karaa deemuu
barbaadee: Nama “yaa Saalim/yaa nagaa) jechuu yoo dhagahee itti gammade, kuni waan rakkoo qabus miti, hin dhoowwamus. Ragaan kanaa Rasuulli “ :ﷺTafaa’ula toluun natti tola” jedhan.

★Garaagarummaa faana laallachuu fi tafaa’ula toluu:
● Faana laallachuun Rabbitti ilaalcha baduu, haqa Rabbii waan birootti garagalchuu, Nafsee ofii (lubbuu ofii) waan uumama ta’e Kan hin fayyanne Kan hin miinetti rarraasuu dha.
Tafaa’ula toluun ammoo Rabbitti ilaalcha toluu, haajaa ofii irraa kan nama hin deebifne jechuu dha.

❁ TANJIIMA/ BEEKUMSA URJII LAALUU
✰ Hiikkaa:
Akka lugaa afaan Arabitti beekkumsa urjii barachuu jechuu dha.
Akka shar’aatti ammoo urjitti gargaarsifachuun waan adda addaa barbaaduu (ragaa ittiin godhachuu) jechuu dha.
Beekkumsi urjii bakka lamatti qoodama.
1. Beekkumsa Murtee
2. Beekkumsa Sababaa

❍Beekkumsa Murtee:
Qoodni kunis bakka gurguddaa 3tti qoodama.
1.Urjiileen tun waa uumti (waa argamsiisti Wanti badaan akka argamu taasifti) jedhanii amanuu:
Kuni Shirkii guddaatti lakkaa’ama.
2. Sababa Ilmii geybii ittiin beekuuf yaaluu: Kuni ammo Kufrii guddaa dha.
3. Urjii sababa keyrii fiduu ykn ammoo sharriin akka argamu taasisa jedhanii amanuu. Kuni ammo Haraama, shirkii xiqqaatti lakkaa’ama.

❁ Beekkumsa Urjii Sababaa:
Beekumsi urjii bifa kunis bakka lamatti qoodama.
1. Waa’ee Amantaa/diini irratti waan rarra’uu urjitti gargaarsifachuu: kuni waan barbaachisaa dha.
Fakkeenyaaf: urjitti gargaarsifachuun Qiblaa salaataa beekuf yaaluu
2. Waa’ee dunyaatif urjitti gargaarsifachuu: Kana iddoo 2tti qoodnee ilaalla.
1. Kallattii beekuf urjitti fayyadamuu: kuni ni hayyamama.
2. Yeroo/ waqtii (gannaa fi bona) addaan
baafachuuf urjitti fayyadamuu: kuni rakkoo akka hin qabnetti Ulaam’in Kan kaayan.

𖣔 Beekkumsa guddaa Uumama Urjiilee keessaa Urjiileen waa’ee sadiif uumamte
1. Bareeduma Samiitif
2. Sheyxaana ittiin darbachuu dhaaf
3. Mallattoolee wayitti nama qajeelchan (Kallattii ittiin beekudhaaf).
👉👨‍👨‍👧‍👧👨‍👨‍👧‍👧Join gochuuf ‼️🌹
🏹🏹🕔🕔♥️https://t.me/hawwiiislamictube
Kaayyoon guddaan amantii Islaamaa irratti wal jabeeysuuf
YouTube keenya kanaas SUBSCRIBE godha
YouTube keenya kanaas SUBSCRIBE godha
https://youtube.com/channel/UCb8tCl_FHuGMpKJsrZIY5Lw




Mootichaaf Abbaa Murtii!!

Bara durii keessa mootiin islaamaa kan haqaafi walqixxummaan biyyaa hoogganu tokkotu ture,

Guyyaa tokko osoo namoonni abbaa murtii biyya biraa irraa haqummaaa fi wal qixxummaa isaa, akkasumas namni kamiyyuu akka abbaa murtichaa sobuu hin dandeenye yeroo waliin dubatan dhagahe,


Mootichis dubbii kana dhugeeffachuuf gara abbaa murtichaa deemuuf karoorse, gaafa deemsaaf ka’us uffata mootummaa uf irraa baasee daldalaa fakkaatee farada isaa yaabbatee gara magaalaa abbaan murtichaa itti argamutti fuula deeffate,

Mootichi osoo deemuu karaa irratti nama dadhabaa waa kadhatu tokko argee waa kenneef, namichi dadhabaan kun erga waa harkaa fudhatee ka’ees irraa hafuu didee duuba deeme, mootichis maal rakkatte? Qarshii siif kenneera jedheen, namichis akkas jedhe ee dhugaadha qarshii naaf kenniteetta, garuu ammas tola tokko akka naaf ooltu barbaada jedheen,


Mootichi maal si gargaaru jedheen namichis akkas jedhe waan baay’ee na dhukkubaa jiruuf faradakee xiqqoo na yaabbachiisi jedheen, mootichis tole jedhee irraa bu’ee namicha dadhabaa kanaaf farad ufii irraa bu’ee kenneef,

Namichis yaabbatee karaa dheeraa deemus irraa bu’uu dide, mootichis dallanee gaafate maaf irraa hiin buutu sin ga’uu? Jedheen. Namichis lakki irraa hin bu’u fardichi kiyya jedheen.


Mootichis baay’ee dallane. Wal mormiinis gidduu jaraatti ni jabaate, ummannis itti yaa’ee maaltu akka uumame erga baree booda gara abbaa murtii akka deeman ajajan, achitti murtii akka argatanuuf, silumaa mootichis kan inni manaa ba’eef abbaa murtichaa bira deemuufi.
Amma mootichii fi namichi dadhabaan sunis dabaree eeggatanii gara abbaa murtiitti dhiyaatan.

Mootichis himannaa isaa akkana jechuun eegale, ani daldalaadha osoon karaa deemuu …. Jedhee waan isa mudate hundaa abbaa murtiitti himate.


Abbaan murtichaas gara himatamaatti as deebi’ee atoo maal jetta jedheen, namichi akkana jedhe dubbiin isaa hunduu kijiba, dubbiin dhugaa akkana jedhee waan ofii godhe hunda akka waan isa irratti tahetti faallaa godhee dubbate.

Abbaan murtichaas erga falmii bitaafi mirgaa dhagahee booda, farda asitti dhiisaatii amma deemaa bor ganama deebi’aa jedheen.

Bulanii yeroon beellamaa geenyaan dhiyaatan. Abbaan murtichaas akkana jechuun isaan gaafate, fardakee fardoota walfakkaatoo 20 keessaa adda ni baafattaa? Jedhe. Mootichis eeyye sirriitti jedheen. Akkasuma namichis anillee sirriitti adda baafadha jedhe.


Abbaan murtichaas lamaan isaanii fudhatee dallaa fardoon walfakkaataan 20 ni keessa jiru isaan geese, abbaan murtichaas mootichaan dhaqii fardakee fudhu jedheen, inni haqa keeti, namicha kanammoo 50 garafaa jedhee murtee dabarse,

Abbaan murtichaa akkanatti erga hojii isaa xumuree booda mootichi gara isaa deemee iccitii inni itti dhugaafii soba adda baafatu gaafate. Abbaan murtichaas akkana jedhe yoo dhugaa dubbanne keetii fi kan namichaa murtee kennuuf baay’ee ulfaataadha, yeroon gara dallaa fareenii san isin geessu lamaan keessanuu fardicha akka adda baafattan beeka, an garuu yeroo san isin osoo hin taane fardicha ilaalaa ture, yeroo ati gara isaa deemtu fagoo irraa si laalee morma isaa gadi siif qabe, garuu yeroo namichi itti deemu akka itti hin dhiyaanneen gurra raasaa ture, akkanatti akka haqa kee ta’uu adda baafadhe jedheen.


Mootichis abbaa murtichaa galateeffatee sababa dhufeefis itti hime, akka mootii ta’es itti himee, kenna wa’ii kenneef garuu abbaan murtichaa harkaa fudhachuu dide, waanan gaheekoo ykn dirqama narra jiru raawwdheef kennaa nan barbaachisu jedhe,

Xumurame!


By- Abdussalaam Idriis (Seyfal-Islam)

Dubbisuu Keessanniif Galatoomaa, .
YouTube keenya kanaas SUBSCRIBE godha
https://youtube.com/channel/UCb8tCl_FHuGMpKJsrZIY5Lw
Join
https://t.me/hawwiiislamictube


Waa'ee keeti 6 halaalarraa kaniin ani beeku:

1, Amma ati silkii screen touch akka fayyadamaa jirtu.

2,Guyyaarraa nyaata yoo xiqqaate yeroo lama akka nyaattu.

3, Amma gruupi Bashannanaaf (just for fun ) keessa akka jirtu.

4, Barreeffama kana dubbisaa akka jirtu.

5, Amma ati uffata ta'e tokko ofirraa akka Qabdu.

6, Ati nama barate(barachaa jiru)ta'uu kee.

Miti ijoolle.

https://t.me/oromuslimic
https://t.me/oromuslimic
https://t.me/oromuslimic


jedhan.Haatahuu malee namoonni bara kanaa haajaa namaa
fuudhanii osoo deemanii tan ofii qofa galmaan gahuu malee
akka itti faayidaa dhunfaa argatan tahuu malee haajaan
obbaleessaa waan hin yaachifneef milkiin isaanii eessa akka
jirtu walumaan ilaalla mee.
👉💓🌹https://t.me/oromuslimic
https://t.me/oromuslimic😼🤥😆


🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹
Seenaa Ajaa'ibaa irraa Barannu
💓💓💓💓💓💓💓💓💓💓💓💓
Gurbaatu waa sadii waggaa sadii rabbi kadhachaa turee.
waantoonni sadeen inni kadhachaa ture kun 1ffaan,ilmii yokiin
beekkumsa 2ffaan,Duniyaa yokiin qabeenya fi 3ffaan immoo
fuudha yokiin bultii jaarrachuu kadhachaa ture.Haatahuu malee
waa sadeen amata dadii kadhate sun dhabnaan rabbiin na
kadhadhaa isiniifiin kennaa jedhee beellama nuuf seenettiin
himadha jedhee deemuu jalqabe.Osuma imalarra jiruu karatti
gurbaa tokko kan manarraa bahee deemuu hin dandeenye kan
hidhaa gaduma bahee ulaarra taa,e galu tokko arge.Gurbaan
kun imaltichaan eessarraa eessatti deemta jedhee
gaafate.Imaltichiis waggaa sadiin waa sadii rabbi kadhadhee
hin argatinii saniifiin rabbitti himachuuf deema jedheen.Gurbich
i hidhaa sun aniis mee maalif gurbaan sun hidhaa ta,aa jedhii
naaf gaafadhu jedheen.Imaltichi haya jedhee waan sadeen
deemuun keessaa takka hambisee tan gurbichaa takkittiin
bakka buusee fuudhee imala itti fufe.Osuma deemaa jiruu
nama iitaawaa dalagachuus hin dandeenye tokkotti
dhufe.Namichi iitaawee taa,u kun gurbaa eessarraa eessatti
deemta jedhee gaafannaan imaltichi haajaa deemuuf itti
hime.Yaa imaltaawaa aniis kunoo akkanumattiin iitaawee ta,aa
jiraa dalagachuus hin dandahuu maalif gurbaa sun akkas
gootan jedhii naaf gaafadhu jedheen.Imaltichi haya jedhee
haajaa lamaan hafteef keessaa takka achitti lakkisee tan
gurbaa iitaawee fi tan hidhamtichaa fi takka tan isaa fuudhee
imaltuu itti fufe.Osuma imalarra jiruu gurbaa tokko kan baras
qaama hunda fixee ykn addeessee jirutti dhufe.Gurbaa essarra
eessatti deemta jedhee imalicha gaafannaan imaltichiis haajaa
isaa itti hime.Kanaaf deemta taatu aniis maalif barasiin
akkanatti fixxan jedhii rabbi naaf gaafadhu jedhee itti
himate.Imaltichi haya jedhee haajaa isaarraa takkittii hafteef
kaa,ee tan gurbaa baras fixee fi iitaawaa fi hidhamee taa,uu
san qofa fuudhee imala isaa itti fufe.Osuma deemaa jiruu
rabbiin malaayikoota ykn ergamtoota isaa bifa namaatiin
karatti duratti baasee maalif akka imalaa jiru imalticha
gaafate.Imaltichiis haajaa deemaa jiruuf hunda akkana jedhee
itti hime.Ani waggaa sadii waan sadii kadhachaa tureetii waa
sadeenuu hin argannee kanaafiin rabbittiin himadha jedhee
osoon deemaa jiruu namoota haajaa adda addaa qaban sadii
kan narra hamaa arginaan haajaa isaanii rabbitti nuuf geessi
jedhanii tiyya sadeenuu ofirraa lakkiseen haajuma isaanii
sadeen fuudhee rabbi gaafachuuf deemaaa jedhee itti
hime.Malaayikichiis akkana jedhee deebisuufii eegale.Gurbaan
manumatti hidhamee taa,u sun iddoo inni itti hidhamee taa,u
sun ziqayaatu awwaalamee jiraa yoo qotee firraa baase hidhaa
sanirraa ni hiikamaa jedheen.Gurbaan iitaawee taa,u suniis
ilmii ofirraa himuu didee yoo ilmii nama barsiise ni fayyaa
jedheen.Kan baras fixee taa,u sun intala durbaa dhiiratti
heerumsiisuu didee manaan ta,aa jiraa yoo intala sun ofirraa
heerumsiise ni fayya jedhee itti hime.Imaltichiis achumaa
deebi,ee gurbaa hidhaa sun bira dhufee ziqayaatu si jalatti
awwalamee jiraa yoo qottee firraa baaste ni fayyitaa
jefheen.Hidhamaan yaa gurbaa imaltawaa koottu waliin
qonnee baasnaa jedhee waliin qotanii ziqaya baafatanii
addaan fudhatanii hidhamaaniis hiikamee gurbaan
imaltaawaaniis qabeenya guddaa argate.Gurbaa iitaawaa bira
deemee yoo ilmii himuu diddee teessuun firraa himtee nama
barsiifte ni fayyitaa jedheen.Iitaawaaniis koottu gurbaa sumaan
barsiisaa jedhee gurbaa imaltaawaa barsiisee ofiifiis
fayye.Gurbaa baras fixe san biraas dhaqee intala heerumsiisuu
diddee manaan teessu sun yoo ofirraa heerumsiiste ni fayyitaa
jidhee koottu yoon fayye intala tiyya sumaan heerumsiisaa
jedheen itti heerumsiise.Akkanaan gurbaan haajaa ofii hunda
lakkisee miidhamaa yokiin rakkattoota qofaaf jedhee deeme
kun waan sadeen amata sadii kadhate sun hunda argatee






Alhamdulillaah


NAMA JIJJIIRAMA FIDU!
▬▬▬▬▬▬▬
➲ Namni jijjiirama fidu nama mul'ata guddinaa qabuu fi kallattii milkaa'inaatti namoota waamu akkasumas duuka buutota isaa kunuunsee gaarummaadhaan akka ta'utti kan gaggeessu dha.

➲️ Nama mul'ata hin qabne jechuun nama kallattii adeemuuf ka'e cinaa dhaabatee karaan itti bitaacha'e, haala fi mala wallaalee dhaabatuudha.

MUL'ANNI MAALI?
⁃️ Ilaalcha gaarii qabaachuu dha.
⁃️ Xiyyeeffannoo qajeelaa qabaachuu dha.
⁃️ Murteessanii kutannoodhaan adeemuu dha.
⁃️ Bakka yookiin iddoo har'a jiran irra dhaabatanii lafa boru gahuu qaban arguu dha.

#Hubadhu!
❏ Namoonni tokko tokko waan hin barbaachifne mul'ata kooti jedhanii adeemsa isaanii itti fufu!
❏ Adeemsi inni sirrii fi guddinaaf ta'u, galma qajeelaa nama geessisu isa kami jedhanii itti yaaduun barbaachisaa dha.
❏ Kophaa kee hin fiigin!
Namoota dandeettii adda addaa qaban walitti fiduun mul'ata kee ijaari!
❏ Yeroo kee waan hin barbaachifnee fi humna si buusu irratti hin fixin!

➦ Gαℓαтσσмαα!!!
https://t.me/Sabboonaa_IJoolee_Gooroo
https://t.me/oromuslimic


Al-Rayyaan Multimedia dan repost
#Seenaa_haa_hojjannuu____!

Seenaa ilaalchisee ilmi Namaa gosa saditu jira:

➊ffaa: Namoota Seenaa Dubbisan/#History_Readers.

➋ffaa: Namoota Seenaa Barreessan/#History_Writers.

➌ffaa: Namoota Seenaa hojjatan/#History_Makers.

➬ Hunduu gaariidha. Yoo seenaa dubbiste gara seenaa barreessuu fi hubachuutti guddatta. Garuu seenaa hojjachuun waa hundaa caala.

🌺join🌺
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia


☪BAREEDINA ISLAAMUMMAA dan repost
TOOHIDA KUTAA 2️⃣9️⃣FFAA
Kutaa 28ffaa dubbisuu Hubadhaa

✺ HAALA NAMA FAANA/GADDII LAALLATUU:
1ffaan: waan arge kana ilaalee waa dalagaa dhiisuudhaan gaddii laalachuu kanaaf awwaatuu: kuni irra guddaa faana laallachuu (xiyaraa) jedhama.
2ffaan: sirriitti waan kanatti osoo hin amanin garuu waa natuqinnaa waa na miidinnaa jedhee sodaata.
Kunis faana laallachuma jedhama garuu isa duraa irra laafa dha. Bifni lachuu abbichi sun tawhiidarraa hir’ina akka qabu mul’isuurra dabree abbichi waan
kanaan akka dararamu taasisa.

✺ Dawaa/qorsa nama waan kanaan miidhamee Namni shakkii akkanaa qabu akkana jechuutu irra jiraata.
‘Yaa Rabbi Waan gaarin kan namaa dhufu si malee hin jiru, waan badaa kan namarraa deebisus si malee hin jiru, malaa fi Humnis si malee hin jiru.’ (Abuu Daawudtu odeesse) Ammas akkana haa jedhu: ‘Yaa Allaah! Wanta gaarii ati heyyamte malee wanti gaariin hin jiru. Allaatti ati uumte malee ta biro hin jirtu (waan ati dhoorgite malee hooddachuun hin jiru). Si malee Gabbaramaan/ilaahni birollee hin jiru’ Ergasiis Kana booda wanni irra jiraatu:

❁ Rakkoo faana laallachuun qabu beekuu/hubachuu
✩Nafsee ofii too’achuu/irratti qabsaahuu
✩Murtee fi taatee Rabbiitti amanuu
☆ Rabbitti yaada toluu
☆ Salaata Istikaaraa/filannaa Fayyadamuu (Istikaaraa: jechuun Salaata raka’aa lamaa salaatanii
waan caalu akka waffaqamu Rabbiin kadhachuu)

❋ Daangaa faana laallachuu irraa dhoorgamnee:
Rasuulli ﷺakkana jedhan: ‘Faana laallachuu jechuun wanta itti si deemsisee fi irraa si deebisee dha’ Ahmadtu odeesse.

᯽Tafaa’ula toluu: Tafaa’ula toluu jechuun jecha gaarii dhagahanii itti gammaduu jechuu dha. Fakkeenyaf: namni tokko imala/karaa deemuu
barbaadee: Nama “yaa Saalim/yaa nagaa) jechuu yoo dhagahee itti gammade, kuni waan rakkoo qabus miti, hin dhoowwamus. Ragaan kanaa Rasuulli “ :ﷺTafaa’ula toluun natti tola” jedhan.

★Garaagarummaa faana laallachuu fi tafaa’ula toluu:
● Faana laallachuun Rabbitti ilaalcha baduu, haqa Rabbii waan birootti garagalchuu, Nafsee ofii (lubbuu ofii) waan uumama ta’e Kan hin fayyanne Kan hin miinetti rarraasuu dha.
Tafaa’ula toluun ammoo Rabbitti ilaalcha toluu, haajaa ofii irraa kan nama hin deebifne jechuu dha.

❁ TANJIIMA/ BEEKUMSA URJII LAALUU
✰ Hiikkaa:
Akka lugaa afaan Arabitti beekkumsa urjii barachuu jechuu dha.
Akka shar’aatti ammoo urjitti gargaarsifachuun waan adda addaa barbaaduu (ragaa ittiin godhachuu) jechuu dha.
Beekkumsi urjii bakka lamatti qoodama.
1. Beekkumsa Murtee
2. Beekkumsa Sababaa

❍Beekkumsa Murtee:
Qoodni kunis bakka gurguddaa 3tti qoodama.
1.Urjiileen tun waa uumti (waa argamsiisti Wanti badaan akka argamu taasifti) jedhanii amanuu:
Kuni Shirkii guddaatti lakkaa’ama.
2. Sababa Ilmii geybii ittiin beekuuf yaaluu: Kuni ammo Kufrii guddaa dha.
3. Urjii sababa keyrii fiduu ykn ammoo sharriin akka argamu taasisa jedhanii amanuu. Kuni ammo Haraama, shirkii xiqqaatti lakkaa’ama.

❁ Beekkumsa Urjii Sababaa:
Beekumsi urjii bifa kunis bakka lamatti qoodama.
1. Waa’ee Amantaa/diini irratti waan rarra’uu urjitti gargaarsifachuu: kuni waan barbaachisaa dha.
Fakkeenyaaf: urjitti gargaarsifachuun Qiblaa salaataa beekuf yaaluu
2. Waa’ee dunyaatif urjitti gargaarsifachuu: Kana iddoo 2tti qoodnee ilaalla.
1. Kallattii beekuf urjitti fayyadamuu: kuni ni hayyamama.
2. Yeroo/ waqtii (gannaa fi bona) addaan
baafachuuf urjitti fayyadamuu: kuni rakkoo akka hin qabnetti Ulaam’in Kan kaayan.

𖣔 Beekkumsa guddaa Uumama Urjiilee keessaa Urjiileen waa’ee sadiif uumamte
1. Bareeduma Samiitif
2. Sheyxaana ittiin darbachuu dhaaf
3. Mallattoolee wayitti nama qajeelchan (Kallattii ittiin beekudhaaf).

Kutaa 30ffaan itti fufa insha'allaah


☆Waan ati irraa jaalatte cufa haa guuttattu, haalaan sihaa hawwattu, haalli isiin qabdu 100 irraa 100tti siif haa tahu, isii irraa wahuma jibbituuhuu hin qabaatin, wahuma cufaanuu guutuu taatee sitti haa mullattu; garuu sin jaalattu yoo tahe abadan abadan dirqitee hin fuudhin. Nama si jaalatuuf ati jaalattuu waliin yoo hin tahin jiruun ni ulfaata.

☆Arrabaaf ilkeenuu walumatti buuti. Akka tasaa gaafa walitti buutan cufa "Duraanuu jaaladhee miti na dirqiteen sitti heerumee, akka itti na fuute beeytaamii?, ani siiniin mala seetee?" odoo siin jattuuti odoo hin gahin dulloomta. Rakkoon akkanaa gaafa ilmoon dhalattellee jacha isaanii laalaati ilmaan isaan jiddutti jeeqamu. Siifiis ilmaan keefiis isuma siif dheebottu wayya🥰

♡Rabbi hiree sihaa tolchu. Nama si jaalatu ka atiis jaalattu Rabbiin siif haa hiru!
@Alfalahdawagrp
https://t.me/oromuslimic

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.

153

obunachilar
Kanal statistikasi