Barnoota soomanaa
Kutaa 7ffaa
🔵Tarkaanfi gara jijjiramaa🎞
👉Ramadaanni yuniversitii leenjii fi barnootaa jechuu nidandeenya.
Namni yuniversitii kana
seene leenjii fi barnoota malee yoo bahe, bu’aan inni argatu maaliree?
💡Jireenya keenya
keessatti of jijjiruuf tattaafi adda addaa goona.
Tattaafin keenya hundii bu’a-qabeessa ta’uu dhiisu danda’a. Waggaa keessatti ji’a tokko yeroo jireenya keenya itti foyyeessinuu fi jijjiruu argachuun carraa guddaa fi lamuu hin deebinedha.
Namni carraa kanatti
👌fayyadamuu Insha Allah ni milkaa’a. Namni carraa kanatti osoo hin fayyadamiin hafe
milkaa’innaa irraa duubatti hafa.
Carraa kanatti fayyadamuuf kaayyoo ykn wanta hojjachu qabnu kaayu dandeenya.
➡️Fakkeenyaf kaayyoon inni gurguddaan haala Kanaan tarreessu dandeenya:
🔸1. Qur’aana xinxalliin dubbisuu fi hubachuu
🔸2. Fedhii lubbuu too’achuu
🔸3. Amala badaa qabnu sirreessu fi kkf.
🔶Akkamitti kaayyoo kana galmaan geenye?
🔹1. Yeroo saganteessu- wanta ganamaa hanga galgalaa hojjannu yaadanno ykn
Google Calander irratti barreessu dandeenya.
🔸Kana yoo dadhabne, torbaan keessatti wanta hojjannu waraqaa irratti katabuu dandeenya.
2. Gargaarsa Rabbiin kadhachuu- “Yaa Rabbii na gargaari, na qajeelchi” jechuu.
👍Yeroo sirnaan fayyadamuu-⌚️
⏰Yeroon bu’uura milkaa’inna addunyaa aakiraati.
🎞Akka imaam Ibn Al-Qayyiim jedhanitti namoota bakka saditti qoonne ilaalu dandeenya.
✔️Tokko nama Rabbii tolee jedhu fi itti buluudha. Kaayyoo uumameef beekun yeroo isaatti sirnaan fayyadama.
🚫Wanta Aakiraa isaa jalaa balleessu yookiin addunyatti fayda isaa hin buusne irratti yeroo ofii hin gubuu.
🚫Namni lammaffaan immoo nama Rabbiin irraanfate
fi daangaa Isaa darbuudha. Namni kunii kaayyoo uumameef dagachuun addunyaa fi fedhii ofiitif gabra ta’a. Aakira quba hin qabu.
❌Namni sadaffaan immoo nama hojii malee
taa’udha.
👉Namni akkana nama waa hundarraa hoonga’eedha. Takkaa addunyaa ofiitif hin
carraaqu, takkaa aakiraaf hin dalagatu. Fedhii fi sheyxaanaf nama harka kenneedhe.
Yeroo ofii bakkuma argetti guba.
Namni yeroo isaa halkan caati, filmii fi wanta badaa irratti yoo dabarse, nama gosa
sadaffaa irraa ta’a. Kuni immoo kasaaraa guddaadha.
✅Faallaa kanaa namni Addunyaa fi Aakhiraaf waan gaarii dalagatee nama tokkoffaa irraa ta’a. Kuni immoo nama
milkaa’udha.
Miseensa chaanaal keenyaa akka taatanu kabajaafi jaalalaan isin gaafanna
Kanaafuu👇⤵️👇join godhaa
@b_islaamummaa@ibnutemiya6@keyralumma