Sharife:
#rabbiin (sw) guyyaa tokko malakul mawtiin akkana ja"en..
Yeroo lubbuu ilmaan Aadam fuutuu takkaa hin boonyee ja"en..!!
Yeroo takka kofleetin,yeroo takka boohee, yeroo takka ammoo qacollatti rifadhe ja"en..!!!
#rabbiin (sw) osuma beeku maaltu si kofalchiise ja"en .?
Malakul mawtiin ; gurbaa tokkoo ruuhii isaa fuudhufin qapahutti jira garuu isaa gurbaa kophee hodhu tokkoon akkana jachutti jiruun dhagahe..
"Kophee tana qacollatti naaf tolchi akka amata takka uffachuu naaf taatutti ja"en.."
Kofleetin osoo inni kophee san hin uffatin lubbuu isaa kessaa fuudhe ja"en..!!
#rabbiin (sw) maaltu si boochise ja"en..?
Yeroo ruuhii intala takka fuudhi naan jatteen boohe...intala yeroon ruuhii isii fuudhuf dhaqe
isii dachii barahaa ta bishaan bira hin jirre kessatti isii ilmoo dhalutti jirtuun bira dhaqe...ruuhii intala sanii kessaahin fuudhe haala mucaan isii xiqqaan boohun kophaa isaatti hafee aniis osoon boohutin lubbuu haadha isaa fuudhe ja"en..!!!
#rabbiin (sw) maaltu si rifachiise ja"en..??
Yeroo ati ruuhii gurbaa Aalima tokko fuudhi naan jatteen rifadhe..yeroon mana isaa dhaqu ifaa tokko kan mana isaa kessaa bahuun arke..cufumaan mana isaatti achi dhihaadhe ifaan san if duubatti na deebisa
Ifaa isarraa deemu saniitu na rifachise yeroon lubbuu isaa fuudhu ja"en..!!!
#rabbiin (sw) : gurbaa Aalimaa san ni beeytaa ja"en..??
Mucaa xiqqaa dachii barahaa kessatti haati dhiifte biraa duute sanii anaatu isaaf ifqabe
Nama takkatti hin lakkisinii ja"en..!!!?
*kanaaf yeroo cufaahu rabbitti abdadhu rabbiin (sw) sin haddiyyomsu..rabbii keetis sodaadhu guyyaan duutu yoom akka tahu hin beeytu..!!!
اللهم وتوفنا وأنت راض عنا...!!!
@alfannn